Telegram Web Link
Muslimni ayyaana lama malee hin qabu. Isaanis Iida Fixriifi Iidal Ad-haa jedhamu. Ayyaana hordoftoota amantii biroo kabjuus ta'ee eebbisuun hin eeyyamamu. Ayyaana Kiristaanaa kan akka Masqalaa, kan Waaqeffataa kan akka Irreechaafi kkf ayyaaneffachuufi eebbisuun Muslimaaf gonkuma hin eeyyamamu. Jijjiirraa baraa isa kamuu ayyaaneffachuunis Islaama keessa hin jiru. Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa kan ani waggaa sadii dura barreesse fuula 126 - 128 dubbisaamee. Liinkii armaan gadii irraa buufadhaa.
https://www.tg-me.com/glababor/435
إسمه : شاذ وليس : مثليّ
إسمه : ديّوث وليس : متفتح
إسمه : زنا وليس : علاقة عاطفية
إسمه : ربا وليس : فائدة
إسمه : خمر وليس : مشروبات كحولية
إسمه : تبرّج وليس : حرية لباس
إسمها : سرقة وليست : شطارة
إسمها : رشوة وليست : هدية

سمّوا المنكرات بأسمائها وعلموها أبنائكم
كي لا يسهل الوقوع في جُرمها وعظم ذنبها ، وتهون في عيونهم
لمجرد أن إسمها الحقيقي قد غيّروه .

منقول
Namoota torban kanneen guyyaa Qiyaamaa yeroo Cinqaa Mahshar san gaaddisa Rabbii jala dhaabbatan
***********
Hadiisa Abuu Hureyraan odeesse keessatti Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: "Namoota torba Rabbiin guyyaa gaaddisa isaa malee gaaddisni biraa hin jirre gaaddisa Isaa jalatti isaan gaaddiseessa: Hogganaa haqaan (adliin) hojjatu, dargaggeessa ibaadaa Rabbii keessatti guddate, namicha qalbiin isaa masjiidota keessatti rarraatuu, namoota lama kanneen Rabbiif jecha wal jaalatanii isarratti walitti dhufanii isumarratti adda ba'an, namicha dubartiin sadarkaafi bareedina qabdu (sagaagalaaf) isa waamtee ani Rabbii kiyyan sodaadha jedhe, namicha sadaqaa hanga waan mirgi isaa kennite bitaan isaa hin beeknetti dhoksee kenneefi namicha kophaa isaa Rabbiin yaadatee ijji isaa imimmaan dhangalaateedha." Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.
ﻋﻦ ﺃﺑﻲ ﻫﺮﻳﺮﺓ ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ ﻋﻦ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ﻗﺎﻝ : " ﺳﺒﻌﺔ ﻳﻈﻠﻬﻢ ﺍﻟﻠﻪ ﻓﻲ ﻇﻠﻪ ﻳﻮﻡ ﻻ ﻇﻞ ﺇﻻ ﻇﻠﻪ ، ﺇﻣﺎﻡ ﻋﺎﺩﻝ ﻭﺷﺎﺏ ﻧﺸﺄ ﻓﻲ ﻋﺒﺎﺩﺓ ﺍﻟﻠﻪ ، ﻭﺭﺟﻞ ﻗﻠﺒﻪ ﻣﻌﻠﻖ ﺑﺎﻟﻤﺴﺎﺟﺪ ، ﻭﺭﺟﻼﻥ ﺗﺤﺎﺑﺎ ﻓﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﺟﺘﻤﻌﺎ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺗﻔﺮﻗﺎ ﻋﻠﻴﻪ ، ﻭﺭﺟﻞ ﺩﻋﺘﻪ ﺍﻣﺮﺃﺓ ﺫﺍﺕ ﻣﻨﺼﺐ ﻭﺟﻤﺎﻝ ﻓﻘﺎﻝ ﺇﻧﻲ ﺃﺧﺎﻑ ﺍﻟﻠﻪ . ﻭﺭﺟﻞ ﺗﺼﺪﻕ ﺑﺼﺪﻗﺔ ﻓﺄﺧﻔﺎﻫﺎ ﺣﺘﻰ ﻻ ﺗﻌﻠﻢ ﺷﻤﺎﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻨﻔﻖ ﻳﻤﻴﻨﻪ ، ﻭﺭﺟﻞ ﺫﻛﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﺧﺎﻟﻴﺎً ﻓﻔﺎﺿﺖ ﻋﻴﻨﺎﻩ " ﻣﺘﻔﻖ ﻋﻠﻴﻪ
Namni saddeettaffaan kan gaaddisa Rabbii jala dhaabamaan dhufe kan nama muddamaa fureedha.

Yaa Rabbi jara kana irraa nus godhi.
Sareen yoo nama ciniinte gadi jedhan hin ciniinan. Sun isiin qixxaachuudha.
Hikmaa bareedduu
منقول
Sirna Mirkaneessa Halaal Cimaa; Fayyaa fi Dinagdee fooyya’aaf
===================================

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa - Kutaan Mirkaneessa Halaalaa qaama sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabuu fi waggoottan 25 darbaniif tajaajila sakatta’iinsaa fi mirkaneessaa Halaal Itoophiyaa keessatti ergtoota foon al-ergii hundaaf kennaa tureera. Dhiheenya gara Ugaandaa deemuun mana qalmaa tokkoof hayyama kennee jira.

Kana irratti hundaa'uun hubannoo bu'uuraa waloo qooda fudhattoota hundaaf uumuuf Sadaasa 24/2015 (December 3, 2022) Hoteela Sharaatan keessatti mata duree "Sirna Mirkaneessa Halaal Cimaa Fayyaa fi Misooma Diinagdee Fooyya'aaf" jedhuun ni gaggeeffama.

Simpooziyeemii kana kan qopheesse Majlisa Oromiyaa Koree Halaal Biyyaalessaa (Ministeera Qonnaa, Inistitiyuutii Oomisha Foonii fi Aannani Itoophiyaa fi Waldaa Qalmaa Al-ergii) waliin ta’uun kan qophaa’edha. Imbaasiiwwan adda addaa, namoota bebbeekamoo fi keessummoonni affeeraman ni argamu. Inshaa'Allah

Kana ilaalchisee Majlisni Oromiyaa gaafa 12/03/2015 sa'aatii 8:00 irratti Hoteela Sharaatan keessatti ibsa gaazexeessitootaaf ni kenna. Kanaaf miidiyaaleen hundi dhimma biyyaalessaa kana irratti argamuun haguuggii miidiyaa akka taasistan waamicha isiniif goona.
ﺇﻳّﺎﻙَ ﻭﺍﻟﻔﺼﺎﺣﺔ ﻣﻊ ﺍﻟﻌﻮﺍﻡ
ﻳُﺬﻛﺮ ﺃﻥ ﺷﻴﺨًﺎ ﺩُﻋِﻲ ﻟﻤﺤﺎﺿﺮﺓٍ ﻓﻲ ﺇﺣﺪﻯٰ ﺍﻟﻘُﺮﻯٰ،
ﻓﺬﻛﺮَ ﺣﺪﻳﺚ ‏( ﺣﺘّﻰٰ ﻟﻮ ﺩﺧﻠُﻮﺍ ﺟُﺤﺮ ﺿﺐٍّ ... ‏)
ﺛُﻢّ ﻗﺎﻝَ : ﺃﺧﺮﺟﮧُ ﺍﻟﻄَّﺒﺮﺍﻧﻲ؛
ﻓﺴﺄﻟﻪُ ﺃﺣﺪُ ﺍﻟﺠﻠﻮﺱ : ﻭﻫَﻞْ ﺍﻟﻄَّﺒﺮﺍﻧﻲ ﺍﻟّﺬﻱ ﺃﺧﺮﺝَ ﺍﻟﻀّﺐَّ
ﻣﻦ ﺍﻟﺠُﺤﺮِ ﻳﺎ ﺷﻴﺨﻨﺎ؟ !
ﻗﺎﻝَ ﺍﻟﺸَّﻴﺦُ : ﺍﻟﻄَّﺒﺮﺍﻧﻲ ﺍﻟّﺬﻱ ﺃﺧﺮﺝَ ﺍﻟﺤﺪﻳﺚَ .
2
ﻗﺎﻝ : ﻣﻦ ﺟُﺤﺮِ ﺍﻟﻀّﺐِّ؟ !
ﺃﺟﺎﺑﻪُ ﺍﻟﺸّﯿﺦُ : ﻟَﺎ ﻳﺎ ﺃﺧﻲ ! ﺃﺧﺮﺟﻪُ " ﻳﻌﻨﻲ" ﺭﻭﻯٰ ﺍﻟﺤﺪﯾﺚَ .
ﻗﺎﻝ ﺍﻟﺴَّﺎﺋﻞُ : ﻭﻣﺎﺫﺍ ﺣﺼﻞَ ﻟﻠﻀّﺐِّ؟ !
ﺃﺟﺎﺑﮧُ ﺍﻟﺸّﯿﺦ : ﺍﻟﻀّﺐُّ ﻛﺎﻥَ ﺍﺳﺘﻌﺎﺭﺓ ﻓﻲ ﺍﻟﺤﺪﻳﺚِ .
ﻗﺎﻝ ﺍﻟﺴّﺎﺋﻞُ : ﻳﻌﻨﻲ ﺍﻟﻀّﺐ ﻟﻴﺲَ ﻟﻠﻄَّﺒﺮﺍﻧﻲ،
ﻓﻤﻦ ﺃﻳﻦَ ﺍﺳﺘﻌﺎﺭﻩُ؟ !
ﻗﺎﻝ ﺍﻟﺸّﻴﺦُ :
3
ﺃﻧﺎ ﺍﻟﻀّﺐّ ﻟﻮ ﺣﺎﺿﺮﺕُ ﻋﻨﺪَﻛﻢ ﻣﺮّﺓً ﺃﺧﺮﻯٰ .
‏[ ﻣﻦ ﻛﺘﺎﺏ ﺩُﺭَّﺓ ﺍﻟﻐﻮّﺍﺹ / ﺹ 290
Faayidaa bishaan loomii garaa duwwaa dhuguun qabu
1. Ija keessan fayya qabeessa taasisa
2. Qufaa namarraa hir'isa
3. Qorqorroo fi infuleenzaa ni ittisa
4. Sadarkaa dhiphina sammuu ni hir'isa
5. Ulfaatina qaamaa hir'isuu ni jajjabeessa
6. Hafuura gaarii siif kenna
7. Si gammachiisa
8. Sammuuf gaarii dha
9. Tiruudhaaf gaarii dha
10. Qaama kee dhukkuba irraa ni eega
11. Dubartoota ulfaaf baayyee gaarii dha
12. Vitamin fi albuuda hedduu kan qabu
13. Qaama keessa summii balleessa
14. Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa
15. Qaama kee guutuu deebisee bishaan keessa galcha
16. Kaalorii xiqqaa qaba
17. Kalee keessaniif gaarii dha
18. Hamma sukkaara dhiigaa tasgabbeessuuf gargaara
19. Sirna ittisa qaamaa keessan ni guddisa
20. Meeshaalee hin barbaachifne dhiqachuu
21. Dhukkubbii ilkaan ni salphisa
22. Ho'a qaamaa ni hir'isa
23. Dhukkuba asmiitiif gaarii dha
24. Madaan dafee akka fayyu gargaara
25. Dadhabbii onnee ittisuu
26. Garaa kaasaa ittisuu
27. Dhukkuba garaa kaasaa fi imala ittisuu
@Dr. Muhammed Kedir
Hammeenyi kana caalu ni jiraa laata? Lubbuu ummata kanaatiif eenyutu itti gaafatama?
Harki dhiiga bare duwwaa hin taa'u yaa Rabbi ummata hacuucamaa kanaaf birmadhu. Yaa Rabbiin kaabatti nageenya fidde Dhihattis nageenya nuuf buusi.
Dhiiga lammii dhihaa kana yaa Rabbi duwwaa hin dhiisin.
Ibn Aljawziin Rahimahullaah akkana jedhe: "hamiin hojii namoota gaggaarii baay'ee balleessite. Mindaa hojii namoota baay'ee barbadeessite. Dallansuu Rabbii aalamaa hedduu fidde."
Attazkirat Fil Wa'az
2025/07/05 19:49:00
Back to Top
HTML Embed Code: