Telegram Web Link
Wantota sooma keessa eeyyamaman
******
1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa.

Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan ka’e bishaan ofirra dhanglaasu turan”. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan.
Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu.

2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu.
وفي الصحيحين عن عائشة رضي الله عنها، أن النبي صلى الله عليه وسلم " كان يصبح جنبا، وهو صائم، ثم يغتسل ".

Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture.

3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu.
وعن أنس: " أنه كان يكتحل وهو صائم ".
Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture.

4/ Nama of eeggachuu danda’uuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama:
فقد ثبت عن عائشة رضي الله عنها قالت: " كان النبي صلى الله عليه وسلم يقبل وهو صائم، ويباشر وهو صائم
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) “osoo soomanii kan dhungatan turan”. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu ta’e dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne ta’e rakkoo hin qabu.

5/ Koobbannaa:
فقد احتجم النبي صلى الله عليه وسلم وهو صائم رواه البخاري
Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni ba’u qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu ta’e dhisuutu filatamaa dha.

6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu:
Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan ga’uun barbaachisaa miti.
فعن لقيط ابن صبرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " فإذا استنشقت فأبلغ، إلا أن تكون صائما ".رواه أصحاب السنن. وقال الترمذي: حسن صحيح.

Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Yeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan ga’i”. warra sunanaa arfantu gabaasan.
Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru. Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha.

7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu.

8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan.

قال ابن عباس: لا بأس أن يذوق الطعام الخل، والشئ يريد شراءه.
Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, shittoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkf’’n sooma hin cabsan.

9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama.
روى البخاري، ومسلم، عن عائشة رضي الله عنها: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن بلالا يؤذن بليل، فكلوا، واشربوا، حتى يؤذن ابن أم مكتوم ".
Aa’ishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti.

10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.
Addunyaan kun guyyaa sadii qabdi:
1/ Kaleessa: jiraannee dabarsinee hin deebi'u.
2/ Har'a: ni jiraataarra hin waaru.
3/ Bori: Eessa akka taanu hin beeknu.

Kanaafuu nama dubbisi; dhiifama godhi. Ummata kana Rabbumaaf dhiisi. Anis, atis, jarris addunyaa irraa ni godaanna. Yaa Rabbi khaatimaa keenya tolchi.
Namni of babbareechuun dhorgaa hin qabu. Rabbiin bareedaadha; waan bareedaa jaalatas. Garuu:
1. Qisaasaan maleetti,
2. Boonaan maleetti,
3. Yeroo gubuun maleetti,
4. Faaya haraama fayyadamuun maleetti,
5. Dhiiraafi dubartiin wal fakkaachuun maleetti,
6. Dhaaddannaafi dorgommiin maleetti ta'uu qaba.

لا مانع أن تعتني بمظهرك، فالله جميل يحب الجمال، ولكن:
١. بدون إسراف.
٢. بدون كِبر.
٣. بدون إضاعة وقت.
٤. بدون استعمال محرمات التجميل.
٥. بدون تشبه الجنسين بعضهما بالآخر.
٦. بدون تباه وتنافس.

منقول
Laa ilaaha Illallaah!
Waan miidiyaa irra deemaa bule arguun baay'ee nama suukanneessa. Dubbachuufis afaan nama qaba; callisuunis rakkoo hamaadha.

Ani ammaaf dhaamsa sadiin qaba:
1. Sagalee mormii gocha gadhee kanaa miidiyaa hunda irratti haa dhageessifnu.
2. Haasaa balfa warri gadi galoon dubbatte sana immoo miidiyaa irra hin naannessinaa.
3. Dhimmichi Ergamaa Rabbii (saw) irraa deebisuu waan ta'eef ajandaa waloo Muslima maraati. Kanaaduu falmii jidduu Muslimootaatti as hin deebisinaa. Ajandaa "warra sabboontota keenyatu akkas godhan" jedhu gadi hin kaasinaa. Kun qoodamuufi humma dhabuu fida malee bu'aa tokkollee Islaamaaf hin buusu waan ta'eef.

Dhimmicha hoggantoota olaanoo wajjiin waan gochuu qabnu kallatii dandeenye hundaan ni mari'anna Inshaa Allaah.

Abaarsi Rabbii gadhee salphattuu kanarra haa jiraatu.
Zakaa fixriis hin dagatinaa. Safarri Saa'ii Madiinaa dhufee kan armaan gadiiti:
ዘካት አልፊጥርን አንርሳ:

1. Daakuuu 2.5 KG
2. Xaafii 2.85 KG
3. Ruuza 2.75 KG
4. Qamadii 2.5 KG
5. Garbuu 2 KG
6. Bishingaa 2.63 KG
7. Boqqolloo 2.5 KG
Kanatu hiyyeessaaf kennama.
Zakaa Fixrii Bal'inaan

&&&&&&&&&&&&&

Zakaa fixrii Jechuun kan namni yeroo ramadaana soomee fixe ykn gara xumuruutti dhiyaate midhaan gosa nyaatamu irraa ta’e saa’ii tokko hiyyeessaa kennuu dha. Hangi saa’ii tokko gara kiilo giraamaatti yoo deebifame 2.5 KG ta’a.

Hukmii zakaa Fixrii
!!!!!!!!!!!!!!!!!
Zakaa fixrii kana ergamaan Rabbii (SAW) dirqama godhaniiru. Isheen jaarsa, Ijoollee, Dhiira, dubartii, garbichaa fi birmaduu Muslima irraa ta’e cufa irratti dirqama.
عن عبد الله بن عمر رضي الله عنهما: «فرض رسول الله صلى الله عليه وسلم زكاة الفطر من رمضان صاعا من تمر أو صاعاً من شعيرٍ على العبدِ والحرِّ والذكر والأنثى والصغير والكبير من المسلمين»
Abdallaah bin Umar ( RA) akkana jedhe: “ Ergamaan Rabbii (SAW) zakaa fixrii saa’ii tokko tamrii irraa ykn saa’ii tokko garbuu irraa kan ta’e garbicha, birmaduu, dhiira, dubarti, ijoollee fi jaarsa muslima irraa ta’etti dirqama godhani”. Bukhaarifi Muslimtu Gabaasan.

Ulfa garaa keessa jiru irraa yoo abbaan fedhee baase malee baasuun dirqamaa miti. Ijoollee osoo ramadaanni sa’aatiin isaa keessaa hin bahin (osoo biiftuun guyyaa gaafa soomni dhumuu hin seenin) dhalatte irraa baasuun dirqama.

Zakaa kana ofirraa fi nama qallabuun dirqama namatti ta’u irraa baasuutu dirqama. Yoo isaan danda’anii ofii baafatanis ni danda’ama. Garuu namichi yoo kan hin dadeenye ta’e jalqaba ofirra baasa. Yoo wanti inni qabu irraa hafe maatii isaa warra qallabu irraayis baasuun dirqama.

Bu’aa ishee
*****
. Namticha soomu dilii, qoosaa fi haasaa hintaane irraa qulleessa.
. Hiyyeessatti tola ooluu fi nyaachisuu dha.
. Jaalala Jidduu hiyyeessaa fi dureessaatti uumti.
. Galata Rabbiin sooma isa ficcisiise deebisuutu keessa jira.
. Hiyyeessonnis akka guyyaa iidaa dureessa wajjin gamadanu godha.
وعن ابن عباسٍ رضي الله عنهما قال: «فرضَ رسولُ الله صَلَّى اللَّهُ عليه وسلم زكاة الفطرِ طُهْرة للصائمِ من اللغوِ والرفثِ وطعمةً للمساكين، فمن أدَّاها قبل الصلاةِ فهي زكاةٌ مقبولة، ومن أداها بعد الصلاة فهي صدقة من الصدقات>> رواه أبوداود وابن ماجه
Abdallaah bin Abbaas irraa akka odeeffametti akkana jedha: “Ergamaan Rabbii (SAW) zakaa fixrii nama soomu taphaa fi haasaa hintaane irraa qulqulleessuf nyaata Hiyyeessaatiif jecha dirqama godhan. Namni salaata (iidaa) dura kenne isheen zakaa fudhatama qabduu dha. Namni salaata booda kenne immoo isheen kennaa sadaqaa irraa taateedha malee zakaa fixirii miti”. Abuu daawudii fi Ibnu maajaatu gabaasan.

Gosa inni irraa ba’u
****
Gosti isaa nyaatuma ilma namaa cufa kan naannoo sanatti baay’inaan nyaatamu irraa ni ta’a. fknf qamadii, Xaafii, garbuu, tamrii, ruuzii, zabiibaa fi kkf dha.
، فعن ابن عُمَرَ رضي الله عنهما قال: «فرضَ رسول الله صلى الله عليه وسلم زكاة الفطر من رمضان صاعا من تمر أو صاعاً من شعيرٍ» وكانَ الشَّعيرُ يومَذَاك مِنْ طعامِهم رواه البخاري ومسلم
Hadiisa Bukhaarii fi Muslim keessatti Umar bin Al Khaxxaab akkana jedhe :“Ergamaan Rabbii (SAW) zakaa fixri saa’ii tokko tamriirraa ykn saa’ii garbuurraa ta’e dirqama godhan. Guyyaa gaafasii nyaanni isaanii garbuu ture”.
قال أبو سعيدٍ الخدريُّ رضي الله عنه: «كنا نُخْرِج يومَ الفطرِ في عهدِ النبيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ صاعاً من طعامٍ وكان طعامُنَا الشعيرَ والزبيبَ والأقِطَ والتمر» رواه البخاري
Abuu sa’iidal khudriin akka jedhetti: “Gadaa ergamaa Rabbii (SAW) guyyaa fixrii gosa nyaataa irraa saa’ii tokko kan zakaa baafnu turre. Midhaan keenya gaafas garbuu, zabiiba, aannan gogaa fi tamrii ture” Bukhaariitu gabaase.

Iddoo midhaanii maallaqa kaffaluun immoo shari’aa keessa hin jiru. Namni wanta shari’aa keessa hin jirre hojjate isarratti deebifama.

Hanga Kennamuu qabu :
Hangi kennamuu qabu Saa’ii tokko. Akkuma ibsamee dabretti saa’iin tokko naannoo kiilogiraama lamaa fi walakkaati. Midhaan gosa kamirraayyuu saa’ii tokko kennuudha. Ulamoota biratti qamadii kessatti qofa waldhabbiin jira. Bara mu’aawiya keessa walakkaa saa’ii yeroo godhanu sahaabaan kan akka Abuu Sa’idal Khudrii didanii saa’ii guutuu male hin kenninu jedhanii mormani. Maalumaafuu saa’ii tokko ta’uutu filatamaa dha.
Yeroo inni itti kennamu
*******
Kan inni dirqama ta’u yeroo biiftuun guyyaa sooma dhumaa seenee dha. Fknf Namni tokko eega biiftuun seenee yoo du’e irraa kaffalamuu qaba. Sabiyyiin yoo biiftuun seenuu dura dhalate irraa baasuun dirqama ta’a. Garuu biiftuun seennaan yoo dhalate dirqama hin ta’u.
Akkasumas osoo biiftuun hin seenin yoo namni du’e irraa kaffaluun dirqamaa miti. Yeroon inni kennamu filatamaan guyyaa iidii salaata dura .
عن أبي سعيد الخدري رضي الله عنه قال: «كنَّا نُخْرِج في عهدِ النبي صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يومَ الفطرِ صاعاً من طعامٍ»
Sababni isaas hadiisa Abii Sa’iid keessatti “bara Ergamaa Rabbii ( SAW) guyyaa Iid Al-fixrii gosa midhaanii irraa saa’ii tokko kan baafnnu turre” jedha.
وعن ابن عمر رضي الله عنهما «أن النبي صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أمَرَ بزكاةِ الفطر أن تؤدَّى قبل خروج الناس إلى الصلاةِ»
Hadiisa Ibnu Umar keessattii immoo “ Ergamaan Rabbii(SAW) zakaan fixrii osoo namni gara salaataatti hin bahin kennamuu ajajani ” Muslimtu gabaase.

Garuu Iidii dura Guyyaa tokko ykn lama dursee kennuun ni danda’ama.
،عن نافع قال: كانَ ابنُ عمرَ يعْطِي عن الصغير والكبير حتى إن كانَ يعطِي عن بنِيَّ، وكان يُعْطِيها الَّذِين يَقْبلونَها، وكانُوا يُعْطَوْن قبْلَ الفطرِ بيومٍ أو يومين
Bukhaarii keessatti Naafi’i irraa akka odeeffametti “Ibnu Umar sabiyyii fi jaarsa hinumaa ilmaan kiyya irraallee kan zakaa fixrii kennu ture. Warri fudhatanus isheedhuma irraa kennu ture. Fixriin dura guyyaa tokko ykn lama dursanii kennu ture”.

Salaata Booda kennuun hin ta’u. Yoo rakkoon male tursiise irraa hin qeebalamu. Garuu rakkina mul’ataa qabaannaan irraa qeebalama.

Eenyuuf kennama?
######
Zakaan fixrii kan kennamu hiyyeessa biyya keessaatiifi. Namni zakaa fixrii fudhatu hiyyeessotaa fi nama idaan irra jiru kan kaffaluu hin dandeenyee dha. Warri kun hanga dhimma isaaniitiin isaaniif kennama. Zakaa tokko miskiina hedduuf qooduun ni ta’a. Akkasumas zakaa nama hedduus miskiina tokkoof kennuun ni ta’a. Hanga qadrii dhimma isaatiin hiyyeessaaf wal caalchisanii kennuun ni danda’ama. Namni hiyyeessi isa fudhate irraa deebisee kennuu ni danda’a.

Walumaa galatti kan nurraa barbaachisu zakaa fixrii maatii cufa sabiyyiis ta’ee nama guddaa irraa kennuudha. Yeroon isaas salaata iidiitiin dura ta’uu qaba.
Rabbiin ajaja isaatiin buluu nuhaa qunnamu. Yaa Rabbi lubbuu keenya, jechaa fi gocha keenya nuu qulqulleessi. Aqiidaa keenya, kufrii fi shirkii irraa nu qulqulleessi. Ati arjaa mararfataa dha. Nageeeenyii fi Rahmtni Rabbii nabi Muhammadiin, maatii isaanii, sahaabotaa fi cufa mu’uminaa irra haa jiraatu.
إنا لله وإنا إليه راجعون
إن لله ما أعطى وله ما أخذ وكل شيئ عنده بأجل مسمى.
Innaa Lillaahi Wa'innaa Ilayhi Raaji'uun!
ኢናሊላሂ ወኢና ኢለይሂ ራጂዑን
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Abbaa Da'wa magaalaa Jimmaa, hoganaa Kore imaamoota magaalaa Jimmaa, Imaama masjida Rahmaa, meseensa majlisa Oromiya fi godina Jimmaa, Jaarsa biyyaa fi kan ujoolumaan karaa da'awa irraatti nuguddisan Abbaa keenya haji Shaafi Yaassin gara aakhira deemani. Rabbin rahmata isaatin janatul firdawsin habadhaasuni. Maati fi umata muslima magaala Jimmaatif sabri hakeennuufi.

🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
በጅማ ከተማ የዳዕዋ አባት፣የኢማሞች ኮሚቴ ሰብሳቢ፣የኦሮሚያ መጅሊስ አባል፣ በድን መንገድ አባታችንና አስተማሪያችን የነበሩት፣የጅማ ራህማ መስጂድ ኢማምና የጅማ ዞን መጅሊስ አመራርና የሀገር ሽማግሌ የነበሩት ሐጂ ሻፊ ያሲን ወደ ማይ ቀረው አኪራ ተሻግረዋል።አላህ በምህረቱ ጀነተል ፊርደውስን ይወፍቃቸው።ለቤተሰባቸውና ለጅማ ከተማ ሙስሊሞች አላህ መጽናናቱን ይለግሳቸው።

إنا لله وإنا إليه راجعون.
Namoota gadhee Ergamaa Rabbii (saw) xiqqeessuuf yaalan irratti adeemsa seeraa deemanii tarkaanfii fudhachuun dirqama. Namoonni sadarkaafi kabaja Ergamaa Rabbii (saw) hin beekne durii kaasanii afaan isaanii waanuma fedhe dubbata.

Silaa dubbachuun dura seenaa isaanii, amala isaan qaban, kabaja isaan ilma namaafi Rabbiin biratti qaban qorachuu qabu ture.

Nabiyyii (saw) ummanni biliyoonni isaaf of wareegu osoma waa'ee isaa homaa hin qoratin waanuma sammuu namaatti dhufe qofa dubbachuufi barreessuun wallaaluma daangaa darbe ta'uu wajjin tuffii ummatichaaf qaban agarsiisan. Dhugaadha qabatamni nuti itti jirrus nama tuffachiisa. Kan rakkoo keenyaa yeroo biraa haa dubbannu. "Ammaaf kabaja Nabiyyichaatiif (saw) maal gochuu qabna?" kan jedhu bal'ifnee haa ilaallu.

Ani akka kiyyatti dhimmicha ilaalchisee Majlisni osoo
. garee hayyoota seeraa uumee,
. akkasumas waliin gadi taa'ee maryatee kallattii qabsiisee gaariidha. Qabatamaan gadi taa'anii mari'atanii hojiirra oolchuutu isaan irraa eegama.

Akka du'aataatti immoo:
. Akka tarkaanfiin seeraa fudhatamu carraa argateen gaafachuu,
. Majlisnis akka cimee itti deemu dhiibbaa uumuu,
. Waltajjiiwwan kabajaafi seenaan Ergamaa Rabbii (saw) ummataaf itti ibsaman uumuu,
. Da'awaa kanaas babal'isuun gaarii natti fakkaata.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
በባህርዳር ከተማ ለፋኖ ገንዘብ እንዲያዋጡ የተነገራቸው የእስልምና እምነት ተከታይ የሆኑት የከተማው ነዋሪ አቶ ሙሄ የተጠየቁትን በሰአቱ ባለመስጠታቸው በትናንትናው እለት ከሁለት ልጆቻቸው እና ከጎረቤታቸው ጋር ከመስጂድ ሰግደው ሲወጡ አራቱም በጥይት ተደብድበው የተገደሉ ሲሆን የቀብር ስነስርአታቸው ዛሬ ተፈጽሟል።
'Nannoo Amaaratti ji'a 8 keessatti Musliimonni 80 ajjeefaman'- Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa
----
Naannoo Amaara bakkeewwan garaa garaatti ji'oota 8 darban keessatti Musliimonni 80 ta'an ajjeeffamananii kaan ammoo miidhaa garaa garaaf saaxilamuu Manni-maree Olaanan Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa beeksise.
Manni-marichaa ibsa guyyaa har'a baaseen naannichatti hordoftoota amantii Islaamaa irratti ajjeechaa dabalatee, gochi saamichaafi dhiibbaan gara garaa akka irratti raawwatamu ibse.
Manni-maree Dhimmoota Islaamaa Naannicha ibsa isaa kanaan, "Ji'oota saddeettan darban keessatti walitti bu'iinsa mootummaafi hidhattoota jidduutti mudateen uummata keenya gatii hamaa kaffalchiisaa jira," jechuun addatti hordoftoota amantaa Islaamarratti haleellan garaa garaa raawwatamaa jiraachuu beeksise.
"Addatti hammeenya, buqqaatii, saamicha, uggurriifi ajjeechaan Musliimomta irratti raawwatu yerodhaa gara yerootti hammaataa jira.
"Hiikni biraa akka itti hin kennamneef jennee garaa bal'inaan obsinus dhimmichi guyyaa guyyaan nama nagaa ukkaamsanii butuufi gara baleessuun ajjeessuun uummata naannichaa, haala addaatiin hawaasa Musliimaa rakkina keessa buusera," jedha ibsi mana marichaa.
Manni-marichaa guyyaa Alhadaa Ebla 7, 2024, magaala guddoo Naannoo Amaaraa Bahiir Daar keessatti miseensonni maatii tokko 4 fi nami ollaa tokko walumaa galatti namoonni shan osoo gara manaa galaa jiranii ajjeefmuu ibsuun, bakkeewwan garaa garaatti ji'oota saddeettan darban keessatti ajjeewwan heddu raawwatamuu ibse.
Guyyaadhuma wal-fakkaataa Ebla 7, 2024 magaala Mooxaa keessatti dargaggeessi tokko erga ukkaamfamee butamee booda, kanneen ukkaamsan maatiisaa sodaachisuun qarshii 300,000 erga fudhatanii booda dargaggeessicha ajjeesusu manni marii dhimmoota islamummaa naannoo Amaaraa beeksiseera.
...
©Haarun Miidiyaa
ዜጎችን በሃይማኖታቸው ሳቢያ ልዩነት በመፍጠር የጥቃት ዒላማ ማድረግ፣ የሀገርን ሰላም እናየሕዝብን አብሮነት በእጅጉ የሚጎዳ፣ አስከፊ ማኅበራዊ ጠባሳ የሚያስከትል፣ ኃላፊነት የጎደለውና በፍፁም ተቀባይነት የሌለው ተግባር ነው::
(የኢትዮጲያ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት በአማራ ክልል ሙስሊሞችን ዒላማ ያደረገ ጥቃትን አስመልክቶ የሰጠ መግለጫ)

Lammiilee biyya tokkoo amantiin adda baasanii ajjeesuun waam nageenya biyyaafi waliin jireenya ummataa baay'ee miidhu, Madaa hawaasummaa guddaa kan fiduufi gocha itti gaafatamummaan isa hanqate fudhatama hin qabneedha (Ibsa Manni Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa haleellaa naannoo Amaaraa kan Muslimootatti xiyyeeffate irratti ibsa baase.)

ሚያዝያ 1/2016 ዓ.ል፣አዲስ አበባ)

በአማራ ክልል እየተፈፀሙ የሚገኙ ሙስሊሞችን ዒላማ ያደረጉ ጥቃቶችን በማስመልከት ከኢትዮጵያ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት መግለጫ ሰጥቷል የመግለጫውም ሙሉ ይዘት እንደሚከተለው ቀርቧል።

በአማራ ብሔራዊ ክልላዊ መንግስት በታጣቂዎች እየተፈፀሙ የሚገኙትን፣ በተለይ ሙስሊሞችን ዒላማ ያደረጉ ጥቃቶች፤ የኢትዮጵያ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት፣ ከአማራ ክልል እስልምና ጉዳዮች ከፍተኛ ምክር ቤት ጋር በሚያደርገው የመረጃ ልውውጥ በቅርበት ሲከታተላቸው ቆይቷል። ጠቅላይ ምክር ቤታችን፣ ሁኔታዎች ከዛሬ ነገ ይሻሻላሉ በሚል ነገሩን በትዕግሥት ለመያዝ ቢሞክርም፣ ሁኔታዎቹ ከመሻሻል ይልቅ እየተባባሱ በመሄድ ላይ መኾናቸውን ለማወቅ ችለናል።

መጋቢት 29/2016 ምሽት የአማራ ክልላዊ መንግሥት መቀመጫ በሆነችው ባህር ዳር ከተማ፣ ከቀበሌ 14 መስጂድ የመግሪብ ሰላታቸውን ሰግደው እየወጡ በነበሩ አራት የአንድ ቤተሰብ አባላት (አንድ አባትና ሦስት ልጆቻቸው) እንዲሁም ጎረቤታቸው የኾነ ሌላ አንድ ግለሰብ፣ በታጣቂዎች በአሰቃቂ ሁኔታ መገደላቸውን በከባድ ሐዘን ነው የሰማነው:: በተመሳሳይም በሞጣ ከተማ በአንድ ምዕመን ላይ ግድያ መፈፀሙንና በጎንደር ከተማ ተመሳሳይ ድርጊት መፈፀሙን፤ መስጅድን በጥይት መምታት ቦምብ መወርወር በተደጋጋሚ ጊዜ እየተፈፀመ በመሆኑ የአማራ ክልል እስልምና ጉዳዮች ከፍተኛ ምክር ቤት መጋቢት 30/2016 ባወጣው መግለጫ አሳውቆናል።

የግፍ ግድያው የተፈጸመባቸው የእነዚህ ምዕመናን ሥርዐተ-ቀብር በትናንትናው ዕለት ተፈጽሟል። አላህይዘንላቸው፤ ቤተሰቦቻቸውን መጽናናትን ይስጣቸው፡፡

በአማራ ክልል ሞጣ ከተማ ታጣቂዎች አንድን ወጣት ካገቱ በኋላ፣ ቤተሰቦቹን በማስፈራራት 300 ሺህ ተቀብለው ሲያበቁ ታጋቹን በጭካኔ መግደላቸውንም ከክልሉ እስልምና ጉዳዮች ከፍተኛ ምክር ቤት የተገኘው መረጃ ይጠቁማል:: በሁለቱ ከተሞች ከተፈጸሙት የግፍ ግድያዎች በተጨማሪ መጋቢት 26/2016 እንዲሁም ቅዳሜ መጋቢት 28/2016 በብቸና ከተማ ባል እና ሚስት በጥይትና በስለት እጅግ ዘግናኝ በሆነ መንገድ ግድያ የተፈፀመባቸው እና በጎንደር ከተሞች ስላማዊ ምዕመናን መገደላቸውንም ምክር ቤታችን በሐዘን ሰምቷል፡፡ ከእነዚህ በተጨማሪ በአማራ ክልል የተለያዩ አካባቢዎች ባለፉት ስምንት ወራት፣ በተለይ ሙስሊሞችን ዒላማ በማድረግ ግድያዎች፤ እገታዎች፤ ዘረፋዎች እና የማፈናቀል ተግባራት ሲፈፀሙ መቆየታቸውን ተረድተናል፡፡

በአጠቃላይ መጠነ ሰፊ በሆነ ሁኔታ ምዕመናን የተገደሉ፣ የታገቱ እና በሺዎች የሚቆጠሩ የተፈናቀሉ ሲሆን፤ ከፍተኛ ዝርፊያዎች ተፈጽመዋል።

የተለያዩ ሃይማኖትና እምነት ተከታዮች ለአያሌ ዘመናት አብረው በሰላም በኖሩባት ሀገራችን፣ ዜጎችን በሃይማኖታቸው ሳቢያ ልዩነት በመፍጠር የጥቃት ዒላማ ማድረግ፣ የሀገርን ሰላም እናየሕዝብን አብሮነት በእጅጉ የሚጎዳ፣ አስከፊ ማኅበራዊ ጠባሳ የሚያስከትል፣ ኃላፊነት የጎደለውና በፍፁም ተቀባይነት የሌለው ተግባር ነው::

ሰዎች የተለያየ ጥያቄ ሊኖራቸው ይችላል:: ነገር ግን ሰላማዊ ዜጎችን በግፍ በመግደልና በማሸበር ሊያሳኩ የሚችሉት ምንም ዓይነት ግብ ይኖራል ብለን አናምንም:: ሰላማዊ ዜጎችን በሃይማኖት ለይቶ የማጥቃት እርምጃ፣ በማንም ይፈፀም በማን የሽብር ተግባር እንጂ፣ የትኛውንም ሃይማኖት ወይም ብሔር የሚወክል ተግባር ነው ብለንም አናምንም። በመኾነ-ም፣ በአማራ ክልል በተደጋጋሚ እየተፈፀሙ ያሉትን ሙስሊሞችን ዒላማ ያደረጉ የግድያ፣ የእገታ እና የዘረፋ ጥቃቶች በጽኑ እናወግዛቸዋለን፡፡ ይህ የጥፋት ክብሪት ዉሎ አድሮ ሁላችንንም ሊያነደን የሚችል በመኾኑ፣ ሁሉም የሃይማኖት ተቋማት ዛሬውኑ በጥብቅ ሊያወግዙት ይገባል ብለንም እናምናለን።

የአማራ ክልል መንግስት እየተፈፀመ ያለው አንድ ኃይማኖት ነጥሎ የመግደል፤ የማገት፤ የማፈናቀል እንዲሁም ከተወለዱበት ንብረት ካፈሩበት አካባቢ ማፈናቀል የዜጐችን ደህንነት የመጠበቅ ኃላፊነት ያለበት በመሆኑ በቂ ጥበቃና ከለላ እንዲያደረግላቸው ወንጀለኞችንም ተከታትሎ ለህግ እንዲያቀርብና ውጤቱንም ለህዝበ ሙስሊሙ በይፋ እንዲያሳውቅ እንጠይቃለን፡፡

የፌዴራል መንግስትም የጀመረውን የህግ ማስከበር ተግባር አጠናክሮ በመቀጠል በአማራ ክልል ሁሉም ዞኖችና ወረዳዎች እንዲሁም ቀበሌዎች ጽንፈኛ አካሉን በማጽዳት ከተማውን የማረጋጋት ኃላፊት አለበት፡፡ በተለይም ደግሞ በአማራ ክልል በኦሮሞ ልዩ ዞን ከሚሲ ከተማ እና ዙሪያው በሚኖሩ የማህበረሰብ ክፍሎች ላይ እየደረሰ ያለ ጥቃት በእምነታቸው የሚደረግባቸው ተግባር በማስቆም ሊታገዳቸው ይገባል፡፡

ጠቅላይ ምክር ቤቱ ከዚህ ቀደም ደጋግሞ እንዳሳሰበው ልዩነቶች ከጠመንጃ ይልቅ በሰላማዊ ውይይትና በድርድር ነው ሊፈቱ የሚገባቸው:: ባለፉት ጥቂት ዓመታት በሀገራችን ከተከስቱ ግጭቶች መማር ካልቻልን፣ ማለቂያ ወደሌለው የጥፋት አዙሪት ነው የምንገባው። በዚህ ደግሞ፣ የትኛውም የሀገራችን ሕዝብ አይጠቀምም:: ለማንኛውም ሌላ ዓላማ፣ ሰላማዊ ዜጎችን የጥቃት ዒላማ ማድረግ እጅግ የከፋ የሽብር ተግባር ከመኾን ውጪ ሌላ ትርጉም የለውም:: በመሆኑም ይህን እኩይ ተግባር ለማስቆም መንግሥት፣ የክልሉ ሕዝብ፣ የሌላ እምነት ተከታይ ወገኖችና የሃይማኖት አባቶች የበኩላቸውን ኃላፊነት እንዲወጡ ጠቅላይ ምክር ቤታችን አጥብቆ ለማሳሰብ ይወዳል፡፡

ይህ በእንዲህ እንዳለ የታላቁ ነብዩ (ሰ.ዐ.ወ) ላይ ክብራቸውን የማይመጥን ስብዕናቸውን በማይገልጽ ሁኔታ በተለያዩ ግለሰቦች የተፈፀሙትን ተግባራት አስመልክቶ በተሰጠው መግለጫ መሠረት የጠ/ም/ቤቱ ከፍተኛ አመራር ጉዳዩን ወደ ህግ በማቅረብ የክስ ሂደቱ የተጀመረና በመንግስት አፋጣኝ ምላሽ መስጠት የጀመረ ስለሆነ በቅርብ ጊዜ ከህግ አግባብ ጥፋተኞች ለህማ እንዲቀርቡ የተጀመረውን ጥረት ተጠናክሮ መቀጠሉ ለማሳወቅ እንወዳለን በማለት መግለጫውን አጠናቋል፡፡

መጋቢት 15፣ 2016 ዓ.ል
(ረመዷን 14፣ 1445 ዓ.ሒ)
**
ቴሌግራም | www.tg-me.com/eiasc1
ትዊተር | https://x.com/eiasc1
Iid Mubaarak!
Taqabbalallaahu Minnaa Waminkum.
عيد مبارك تقبل الله منا ومنكم!
ዒድ ሙባረክ ተቀበለላሁ ሚና ወሚንኩም!
2025/07/04 09:43:16
Back to Top
HTML Embed Code: