Telegram Web Link
Carraa eebba haafizoota Aanaa Geeraatiin wal qabsiifnee seenaa Geeraa irraa wal hayaadachiifnu

Mootummaan Geeraa mootummoota Shanan Gibee Keessaa isa tokko.
*******
Mootoleen dabareedhaan Geeraa bulchaa turan kanneen armaan gadiiti:
Gunjii (....-1835)
Tulluu Gunjii [1835-1838]
A/Boosoo Tulluu [1838 keessa qofa]
A/Raagoo Tulluu [1838-1848]
A/Magaal A/Raagoo [1848-1866]
A/Raagoo A/Magaal [1866-1875]
Gennee Dagooyyee (Guumayittii)[1875-1887]
A/Magaal Lammaffaa bara 1892 booda ture.

Manguddoonni ani dubbise hunduu bu’uura mootummaa Geeraa kan kaa’e nama Gunjii jedhamu akka ta’e natti himan. Gunjiin mootii Geeraa jalqabaa ture. Akka Muhammad Hasan ibsetti inni hogganaa cimaa, kan ummata isaa to’ateefi diinarraa tikseedha. Garuu dafee bara 1835tti du’ee ilmi isaa Tulluu Gunjii jedhamu bakka isaa bu’e. Akka odeeffannoo afaaniitti Tulluun nama cimaa, siyaasa danda’u, lolaan beekamuufi bulchiinsa danda’u ture. Tulluun ummata Geeraatiin walii galtee gaarii qaba ture. Akkasumas naannoo Gibee keessatti beekamaadha. Ummata isaatiin walii galuun ollaatti akka baballatu isa deeggaree ture. Akka jedhamutti Kafaa, Gommaafi Guumaatti duulee ture. Keessumaa hariiroon inni mootii Guumaa Oonchoo Jiilchaatiin qabu hamaa ture. Wal dhabbiin isaanii cimuu irraa kan ka’e Oonchoon nama biraa taayitaa irra kaa’uu fedha ture.

Akka Obbo Fariid jedhanitti Tulluun mootii Guumayiin wal dhabbii cimaa qaba ture. Mootiin Guumaa mana isaatti qabee akka ajjeese dubbatan. Erga Tulluun ajjeefamee ilma isaa Abbaa Boosootu mootii ta’e. Garuu Abbaan Boosoo ummata Geeraatiin walii galtee hin qabu ture. Yeroo gabaabaa qofa turee naannoo bara 1838 obboleessi isaa Abbaan Raagoo bakka bu’ee inni gara Jimmaatti ari’ame.

Abbaan Raagoo guddaan naannoo bara 1848 du’anii ilmi isaanii Abbaa Magaal guddaan bakka bu’an.

★ Abbaan Magaal seenaa mootummaa Geeraa keessatti jijjiirama guddaa fidan. Namni Geeraa keessa bosona dhaabsise Abbaa Magaal ture. Isaaniin dura Geeraa bosona hin qabu ture. Akkasumas mootiin amantii Islaamaa amantii mootii Geeraa godhe Abbaa Magaal tokkoffaa ture. Daldala irrattis baay’ee hojjataa turan. Daldala karaa dheeraa irratti shittoo, ixaana, ilka arbaafi kkf akka daldalamu godhaa turan. Daldala karaa dheeraa Boongaa ka’ee giddu gala bahaa ga’u irratti hirmaachisaa turan.

Abbaan Magaal Islaamummaa irratti baay’ee cimaa turan. Abbaa Bogiboo Limmuutiin wal gargaaranii amanticha babal'isaa turan. Akka manguddoon naan jedhanitti Abbaan Magaal mootii Guumaa Abbaa Duulaa xinnaanis walii galanii Islaama babal’isuuf qabsaa’aa turan. Mootittiin Geeraa [haati manaa Abbaa Magaal gosti Dagooyyee] Qur’aana dhibbaatama bittee namootaaf qooduudhaan beekamti ture. Gennee Guumayittiin kun ofii isiitiifis Qur’aana qaraateetti.
Erga Abbaan Magaal du’anii ilma isaanii A/Raagoo xinnaatu bakka bu’e. Isaanis waanuma Abbaan hojjataa turan itti fufsiisan. Itti fufanii bosona sirriitti kunuunsan. Islaamummaas ni jabeessan. Abbaa Duulaa Guumaa wajjin ta’anii Islaamummaa babal’isuuf baay’ee qabsaa’an. Daldallis jabaatee itti fufe.

Abbaan Raagoo xinnaan osoo haala kanaan bulchanii du’an. Yeroo isaan du’an ilmi isaanii daa’ima waan ta’aniif haadha Abbaa Raagootu aangoo fudhatan jedhama. Haati Abbaa Raagoo kun ilma Abbaa Raagoo daa’ima ture guddisaa aangoo baadhatan. Haati Abbaa Raagoo Gennee Dagooyyittii ykn Gennee Guumayittii jedhamu. Isaan kanatu Qur’aana bitanii ummataaf qoodaa turan.

Osoo Genneen bulchaa jiranii bara 1887 waraanni Minilik kallatti Gommaa irraan seenee Geeraa weerare. Waraana Minilik kan hogganee dhufe Bashaa Abbooyyee ture. Bakka Andaraacha jedhamutti waraanni guddaan jidduu Geeraafi waraana Minilikitti geggeeffame. Yeroo jalqabaaf ummanni Geeraa waraana Minilik injifatee deebise. Marsaa lammaffaa irratti injifataman. Lolicha keessatti kallattii lamaan irraayyuu namni baay’een ajjeefameera. Waraanni Minilik erga biyyattii qabatee Gennee qabee hidhe. Genneen osoo mana hidhaa jiranii akka du’an himama. Naf*xanyoonni ilma A/Raagoo daa’ima ture fuudhanii Naqamteen geessan.
Erga waggaa shan achi turanii bara 1892 Geeraatti deebifamanii Abbaa Magaal xinnaa jedhamanii mootii godhamanii bulchan. Abbaan Magaal lammaffaa kun osoo baay’ee hin bulchin umrii isaanii waggaa soddomatti du’an. Sana booda ilma isaanii A/Bogiboo A/Magaaltu bakka bu’an. Isaanis xaaliyaaniin baatee ji’a lama ykn sadii keessa du’an. Sana booda obboleessa isaanii A/Boor A/Magaaltu aangoo qabate.

Yeroo Xaaliyaaniin seentu lolli cimaan Arbanyaafi ummata Geeraa jidduutti geggeeffameera. Seenaan isaa kan armaan gadiiti:
Bara 1936 yeroo Xaaliyaaniin biyya kana seentu fincilli adda addaa naannoo irraa Abbaa Joobir Guumaatti ka’ee ture. Yeroo kana Abbaan Joobir gara Naqamtee deemanii xaaliyanii fuudhanii wajjin Jimmaan dhufan. Raas Immiruun kan Iluu Abbaa Boor bulchaa ture baqatee loltoota isaa fudhatee gara Finfinnee deemaa ture. Raas Immiruun ogga Abbaan Joobir Xaaliyaanii wajjin Jimmaan dhufuu dhaga’u isa sila Toobbaan darbee kallattii Aggaarootiin deemaaru ol deebi’ee Bashaashaa mana Giraazmaach A/Saambii bule. Abbaan Joobir immoo isa hordofuu dhufanii Aggaaroo bulan. Boromtonuu Immiruun Geeraa dhaqqabee bule. Abbaan Joobir immoo Bashaashaa mana Dajjaazmaach A/Saambii dhaqqabanii bulan. Yeroo sanatti lolli guddaan waraana Immiruu irratti baname. Geeraaniifi Abbaan Joobir Guumaa waliin ta’anii loltoota Immiruu rukutan. Innis bara 1936 ture. Loltoonni Immiruu baay’een ajjeefamanii warri hafan gabroota godhamanii gurguraman. Immiruunis lolicha irratti ajjeefame. A/Dikoo Maleykaa kan jedhamu goota yeroo sana weerartoota Naf*xanyaa baay’ee galaafateedha. Qubni harkaa sadan isa irraas murumee ture.

Masaraan mootolee Geeraa kan hundaatuu bakka “Caallaa Guddaa” jedhamu ture. Bakkichi yeroo ammaa aanaa Geeraa ganda Ganjii Caallaa jedhamu keessatti argama. Akka manguddoonni natti himanitti yeroo ammaa bosonni irra garagalee argama.

Damma, Buna, Bosona Geeraafi Xabala isaa ilaalaa, dammaafi buna isaa immoo suuraa naaf ergaa.
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

Beeksisa Galmee Dippiloomaa Tafsiira Qur'aanaa
****
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/815
Ibn Abbaas Akkaadiimiin online irratti sagantaa barumsa Dippiloomaa Tafsiiraa semisteera tokkoof barsiisee xumureera.

Ammas Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa online Afaan Oromootiin marsaa Lammaffaaf barsiisuuf galmee eegalee jira.
Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Shawwaal 23 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadiiti:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu.

Wantoota galmeef barbaachisan
****
1. Email mataa keessanii banachuu
2. Foormii guutuu
3. Kafaltii dhaabbatichaaf barbaachisu kafaluu.

Liinkii Unka Galmee (IAA) marsaa 2ffaa
https://forms.gle/UoEhFHPBxnNy8CsF8

Odeeffannoo dabalataatiif
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/815 seenaa.

Ykn lak. +251913819109, 0952418212 dubbisaa.
Yeroo jireenya namaa kijibaan barbadeessite hidaan isaa dachaadhaan siif kafalamaa eeggadhu jedhan.
السلام عليكم ورحمة الله
Darsii Usuul Attafsiir kan Ibn Useymiin Kibxata ganama jalqabna Inshaa Allaah.
Ganama sa'aa 12:00 qophaa'aa.
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/819
Barnoota Dippiloomaa Tafsiira Qur'aanaa galmooftaniittuu? Guyyaa 5 qofatu hafe.
****
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/815
Ibn Abbaas Akkaadiimiin online irratti sagantaa barumsa Dippiloomaa Tafsiiraa semisteera tokkoof barsiisee xumureera.

Ammas Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa online Afaan Oromootiin marsaa Lammaffaaf barsiisuuf galmee eegalee jira.
Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Shawwaal 23 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadiiti:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu.

Wantoota galmeef barbaachisan
****
1. Email mataa keessanii banachuu
2. Foormii guutuu
3. Kafaltii dhaabbatichaaf barbaachisu kafaluu.

Liinkii Unka Galmee (IAA) marsaa 2ffaa
https://forms.gle/UoEhFHPBxnNy8CsF8

Odeeffannoo dabalataatiif
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/815 seenaa.

Ykn lak. +251913819109, 0952418212 dubbisaa.
As wr wb
*:**
Guyyaa borii/Dilbata irraa kaafnee hanga darsii dippiloomaa tafsiiraa isa idilee jalqabnutti Tafsiira Suurat Alkahf kan qaraanee xumurru ta'a Inshaa Allaah.
Warri hin galmaa'in Liinkii armaan gadii seenaatii odeeffannoo guutuu argadhaa galmaa'aa.
https://www.tg-me.com/markazibnabbas/894
قال ليس للنحو جئتكم ** لا ولا فيه أرغـبُ
خَـلِّ زيــداً لــشـــأنــه ** أَيـنما شـاء يذهـب
أنــا مــالــي ولعمرو ** أبدَ الدهر يُضرَبُ
Guyyaa Jumu'aa keessa jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?
قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،
Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)
( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )
Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.
اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،
بِسْمِ ٱللَّٰهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
اَلسَّلَامُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ
_Kabajamtootaa fi Jaallatamtootaa Obboleettiwwan muslimaa Maraaf bakka jirtanitti nageenyi Rabbii isin waliin haata'u_
*ODUU GAMMACHIISAA*
_Akkuma beekamu markazni Aaisha shamarran qofaan kan qophxaawu bara 2023 irraa kaasee karaa zoomn barnoota dubartootaa qofa haga ammaatti barsiisaa jiraachuun isaa ni beekama Karaa qilensarraa barsiisu qofa irratti hin dhaabanne lafarrattis gad dhaabatee magaalaa jimmaa keessatti ijaaramuuf qophii xumuree jira itti gaafatamummaa markazichaas kan ofitti fudhatee gad dhaabaa jiru Shekh// Alii Jimmaatiin eegalee jira inshaa allaahu yeroo dhiyootti kan gad dhaabatu taha_


_Gareen kun kan adda isa taasisu akkuma armaan olitti kaasne Shamarran qofa (ikhtilaaxan)maleetti Ahkaama dubartootaa akkasuma qooda dubartiin islaamummaa keessatti qabdu akkasuma kitaabota waa'ee dubartii qofaan qophxaawu Barsiisee haadha gaarii fii madrasaa diiniif gumaachuudha alhamdulillaa haga ammaatti barsiisaa jira_

_Yeroo dheeraaf garee markaza Aa'ishaa keessatti Barnootni kitaabota dubartiin qophxaawuus tahee Barnootni biroon ustaazota keenyaan baratamaa ture amma ammoo barnoota waa'ee dubartii kan barsiisu shamarran garee kana keessatti baratanii bahanin taha_

_barnootni ammaaf eegalus kitaaba hadiisa waa'ee dubartii qofaati innis Ustaaza keenya Ummu Feysalin @⁨أم فيصل الجمِّية⁩ tartiibaan kan baratamu taha_
_Kanaaf Inshaa allaah gaafa sanbata duraa sa'atii 11:00 halkan irraa akka 🇸🇦tti yoo ta'u barnoota kitaaba الأربعين النسائية(Arbaaun Alnisaaiyyaah))kan eegalamu taha Maarregaa obboleetti tiyya qaalii koottu waa'ee kankee obboleetti keetirraa qaanfiif sodaan maleetti koottu baradhuu of qopheessi ati Madrasaadha ati daaiyaadha ati haadha jagnaa oomishuu koottu of qopheessi siin jenna_

مركز عائشة للعلوم الخاصة بالنساء

HUBACHIISA
GAREEN KUN SHAMARRAN QOFA ILAALLATA
Linki armaan gadii tuquun seena
https://chat.whatsapp.com/BlINocg4JYMDSiGT6RH7yD
وبالله التوفيق

♥️♥️♥️🥀🥀🥀💐💐♥️♥️
Forwarded from Gali Ababor
Beeksisa Barnoota Gannaa
****
"Cetifcate Sharii'
aa" sagantaa gannaa:
https://www.tg-me.com/markazibnabbas

Ibn Abbaas Akkaadaamiin boqonnaa gannaa sababa godhachuudhaan barumsa "sartifikeettii sharii'aa" barattootaaf qopheessee jira.

Gosoota barumsaa kennaman:
. Aqiidaa,
. Fiqhii (Manhaj Assaalik)
. Tafsiira suuraalee filatamoo
. Usuul Alfiqhii (Al-Usuul Min Ilmil Usuul) kan Ibn Useymiin
. Hadiisa Umdatul Ahkaam Fiqhii Ibaadaa ta'a Inshaa Allaah.

Ulaagaalee barbaachisan:
. Qur'aana ilaalchaan sirriitti xumuruu,
. Afaan Oromoo dubbisuu fi barreessuu danda'uu,
. Sagantaa barumsaa irratti argamuu danda'uu,
. Qorumsa yeroon qoramuu

Akkaataa barumsaa
. Barumsichi online baratama.
. Sa'aatiin isaas ganama salaata Subhii boodaafi galgala sa'aa 3:00-4:30 ta'a.
. Telegraamii irratti live baratama Inshaa Allaah.

Wantoota galmeef barbaachisan
****
1. Email mataa keessanii banachuu
2. Foormii guutuu
3. Kafaltii barumsichaaf barbaachisu kaffaluudha.

Odeeffannoo dabalataatiif:
Bilbila:
+251952418212
+251985426569
+251927867842

Garee telegraamii kana seenaa:
https://www.tg-me.com/markazibnabbas
2025/06/30 06:48:26
Back to Top
HTML Embed Code: