Kutaa 1️⃣9️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA


....Biliseenis faanaa baate. Olaananis ofirra garagalee" ihii Biloo mana fincaanii dhaquufmoo"
jedheen. "lakki Oliikoo waanan keessa kootitti itti dhiphachaa ture tokkon har'a baasee sitti
himaafan, Olii haalli amma itti jirru kun sitti tolaa jiraa,ana garuu na maraachufi, hanga yoomitti
ukkaamamnee yaadan wal gaanna, ani silaatii humnan qabu ati maalif callifta" jetten harka ishee
lamaan gateetti isaatirra naqxee.

"Maalan gochuun danda'a" jedheen. Biliseen harka gateettirra
naqxee turte qoma Olaanarra asii fi achi daddabarsaa ija xixiqqeessitee,akka qaana'uutis ta'aa
"Olii wanti fedhe yaa dhalatu,rakkoon fedhe yoo dhufe rakkoon amma rakkachaa jiruu kana hin
caalu,fudhadhuu naan badi" jetteenii hawwiishee dhumaa itti himte.

Olaanan akka rifachuu ta'e,gariinis gammade intala jaalatturraa gaafii NAN BADI jedhu gatii dhaga'eef. "Biloo
jiruun akka ammarra teenyee yaafnu kana mitii bari, ibiiddi halaalarraa yoo ilaalan ni barerda
hawwataadha,garuu gaafa keessa seentu gubaan isaa bareedina isaa isa dura hawwaa turte sana si
irraanfachiisa, mee ilaali Biloo tiyya anis atis homaa bu'uura tokkoyyuu hin qabnu booda gaabbii
keessaa bahuu hin dandeenyetti galuurra,ammuma yaa dhiifnu" jedheen.

"Olii waan nu jiraachisuuf hin rakkatin akkuman obboleessa fi harmeekoo jiraachisaa ture si waliinis jiraachun
nan dhibu,jaalalli jiraannan ammoo raafun cooma caala mitii, waaqni jaalalaas nun gatu"
jetteenii itti seeqaa sossobaa jirti.

"Biloo waan ta'u miti kun harmeekoo akkanaan na jaalattu kana
lapheeshee cabsuu hin barbaadu,ana mitii anaaf jettee siyyuu hanga si jaalataa jirtu ni agarta
mitii atis ammoo akkana si amantee maalif mufachiisuuf deemta hunduu ni qaqqaba tarii
eebbisanii waliif nu kennu ta'aa bar Biloo,amma gali boru haasofnaa" jedhee takkaa addashee
dhungatee biraa sokke. Biliseen akka saalfachuus taatee afuura dheeraa baafattee gara manaatti
ol deebite.

Bariin isaa dilbata,Olaanan subii ka'eetii balbala rurrukutuutti ka'eera. "harmee
harmee...........Bilisee.........jechaa balbala dhaanaa jira. Biliseen kaatee gaafa saanqaa saaqxu
Olaanan daaqonii fakkaatee balee(naxela)dhaan of maree karrarra dhaabbata.

"maalimmoo cuuphaa seetemoo har'a" jetten Biliseen. "qoosaan boodaatti siif haa dabruutii amma mana
amantaa nii deemtamoo hin deemtu" jedheen. Isheenis tole jetteenii walfaanaa maa amantaatti
kutan. Sa'aatiin barraaqa keessaa reefu sa'aatii 12 ta'uuf deema. Olaanaa fi Biliseen
walhammataniitii dallaa mana amantichaa jala nama tokko fakkaatanii taa'aa jiru.

"Har'a ammoo
maalif iddoo akkasii filatte Olii" jettee gaafatte. Iddoon boqonnaa sammuu itti
argadhuudha,iddoon itti abdii jireenyaa argadhuudha,walumaagalatti iddoon
jaaladhuudha,kanaafan naman jaaladhu siyi asitti si affeere. Inni kan biraas ammoo jaalala
kootitti akka amantaa guutuu horattuufan" jedheenii harka ishee lamaan qabee olkaasee
kadhannaa jalqaban…

Itti fufa.

🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 !!
👇👇👇👇👇👇
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessaan 👇👇👇
@miss_man1

Yaadaaf gaaffii keessaniif
@Abakiyuma
Kutaa  2⃣0⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

   ONNEE DHUGAA

......jedheenii harka ishee lamaan olkaasee kadhannaa jalqaban. Erga lameen isaaniyyuu waan 
garaa isaanii kadhataniin booda xiqqo ofirra taa'anii ofduuba deebi'anii gara manaa qajeelan. 
Yeroo karra banatanii oddoo olseenanis kan karra jalaa qaban aaddee Faayen "har'ammoo eessaa 
dhuftan baranoo fafakkaattanii"jedhaniin.

Yoo kana lacheen isaaniyyuu akka nahuu ta'anii ija ija 
keessa daqiiqaa muraasaaf erga wal ilaalaniin booda,Olaanan of duuba garagalee haadha isaa 
aaddee Faayee ilaale, aaddee Faayeen Olaanaa ofitti waamanii,"erga Biliseen dhuftee nama 
guutuu taate,kan dur akka handhaaqqoo galgalaan siree reebdu amma qixuma keenyaa teessee 
miseensa maatii guutuu taateerta,garuu iccitiin kana duuba jiru maalidha?" jetteen.

Olaananis 
"harmee iccitiin jaalachuu dadhabeera mitii jaalala isheetu addaa maalan godha, egaa nattin 
qabamin harmeekoo nan kabaju naan hin jedhin 'Bilisee nan jaaladheen' jaalalli ishee humna ol 
natti ta'een akkan haadha siyillee hin qaaneffanne na taasise" jedheenii osoo lolaa fii dheekkama 
harmee isaa aaddee Faayeerraa eegaa jiruu,"rakkoon qabu,umurii kee malee ykn nama si hin 
madaallee hin jaalanne garuu hojii tokkorratti hojii biraa dabaluun sitti hin ulfaatuu,humna ni 
qabdaa lamaanuu galman ni geessaa? Moo amma waan isheen bareedduf qofa jaalattee? Amma 
waan mana kee jirtuuf qofa jaalattee? Yoo deemtee fagaattehoo yoo bareedinni ishee har'aa kun 
dabrehoo yoo sababa keetin iddoo hin taanetti kuftehoo waan deebitee kaaftu sitti fakkaataa" 
jettee gaafii bara jireenya isaa guutuu galaa jaalalaa isaaf ta'u dhaamtef. Innis homaan hin 
dubbanne daqiiqawwaniif cal jedhee keessa isaattimmoo ofonnaa jira.

Callisaan booda 
deebisee"harmee sirrii jette hujii laman qabee jira inni tokko sadarkaa jireenya koo murteessa 
malee jireenyakoo hin murteessu,inni tokko garuu(Bilisee dhabuu fi argachuun) dhimma jireenya 
dhabuu fi jiraachuti,akkan amma jiruun waanan ishee miidhu natti fakkaataa hin jiru boriifis 
ammoo waaqni jaalalaa akkan isheen miine na yaa gargaaru" jedheen. Biliseen erga mana 
olseentee booda Qanoo wajjin buna dadanfisanii mana hoo'isanii eegaa jiru. Biliseen maatii ishee 
jalqabaa irraanfatteerti addee Faayeen akka haadhatti, caalatti ammoo Olaanaan waan yaadduu 
hundaa dhorkee ishee akka isa qofa yaadduu dirqamsiiseera. Rakkoo maatii ishee keessa ture 
hundaa gammaachuu Olaanatiin irraanfatteerti. 

Waqxiin isaa arfaasaa ji'a waxabajjii walakkeessa keessadha Olaanaan qoruumsa biyyoolessaa 
kutaa 12ffaa qoramee gara manaa deebi'aa jira. Roobni waan xiqqoo tittiifuuf aaddee Faayeen 
siree isaanii lixaniiru,Qanoon cilee(kasalii) karkarfachaa jirti,Biliseenis akkuma siree Olaanaa 
sirreessaa jirtuun waan qorra ta'eef achumatti sillim jettee hafte. Olaanaa yennaa olseenu qe'een 
qorre(dudubbiin hin dhagahamu) kutaa isaatin dura kutaa muummee(saaloniitti) goree erga asiif 
achi ilaalee Bilisee dhabeen booda kutaa isaatti sokke,gaafa kutaa isaatti galu Biliseen huursitee 
rafaa jirti.

Takkaa boquu ishee hammaaree dhungatee shurrubaa ishee quba isaatin sassaaqee 
daddaabbasaa jira. Biliseenis itti baanantee harka isaa dabasaa isheerraa fuutee ganaa keessa 
dhufhungatte. Innis harkasaa morma jala dabarsee afaanin gara adda ishee keessa dhungate.
 
Biliseenis addan dhungadha jettee gaafa oljettu dogongortee hidhii ishee hidhii isheetti  xaxxe,Olaananis ofitti qabe itti mudde, isheenis ofitti qabuu cimsite lafaan gahatte..........

Itti fufa.

🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦!
 
👇👇👇👇👇👇
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Yaadaaf gaaffii keessaniif

@abakiyuma
Baay'ee nama gaddisiisa! Waaqni lubbuu isaanii jannataan haa qananiisu.
Kutaa 2️⃣1️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA



DUBBISA GAARII!

...isheenis ofitti qabuu cimsitee lafaan gahatte,alaanis ni bubbisa, rooba karfaffuu makattee
roobaa jira. Biliseen erga Olaanaa lafaan gahattee booda laphee isaatirra fuulashee gartokkee
buuftee, harka isheetin morma isaa sukkuumutti kaate.

Olaananis mormashee lapheesarra ture
fuudhee mormarra kawwate, fuulli isaanii fulleetti walitti bahee jira, lameen isaaniyyuu homaa
dubbachaa hin jiran garuu lapheen isaan laamaanii walitti baqxeerti, miira isaanitirraa hawwii
isaanii waliif dubbisaa jiru, Olaanadhaa gara hidhii isheetti jedhee takkaa haleeluf jedhu,
Biliseenis qabattee gad-lakkisuu didde,quba ishee alangaa fakkaatu sanaan morma isaa gara
duubaa hooksaa jirti.

Amma egaa Olaanaan humna dhabe guutumatti too'atamee jira. Waan
yaadee hin beekne raawwachuuf deema. Suuta jedhee harka isaa morma isheetirra ture gadi
loosuu jalqabee guntuta ishee biraan gahate, gaafa guntuta ishee burtukaana sana ganaa isaatin
cobbaxuu isheedhaa utaalee hidhii isaa kiss gochaa jirtu ciniintu hubatu rifatee battaluma
harkarraa kaasee ka'uuf jedhu "maal sittiin tolle Oliikoo maalif akkana sodaatta balaa dhufu
hunda nan danda'a akka badheetti nan gannees nan beeka ani ammoo waan kana si waliin
raawwachuun koo na boonsa malee takkaayyuu hin leeyya'u kanaan booda wanti fedheyyuu yaa
galu, tarii ati qooda koo ta'uu dhiisuu dandeessa garuu sin jaaladha yoomuu koottu na hammadhu
waan garaa keetii rawwadhu" jettee ofitti qabdee dhungoodhaan erga haleelten booda, baay'ee rakkiftus
Olaanan cancala cabsee milkaaweera.

Lachanuu erga raawwatanii (jaalala hojjataniin) booda baay'ee of dadhaban,walboraafataniis
sillim jedhan.
Olaanan qoruumsa seensa yuuniversitii isaatif qabxii dabriinsaa bareedaa galmeessuun gara
yuuniversitii galuuf ramaddii eeggachaa jira.
Roobni girrisa roobu fi qilleensi birraa siddisa walii fi gadi raasu gannaan karaa lakkisi, birraan
gali jechaat jira. Waqxii uumamni hundi itti haroomu waqxii baruumsatis.

Olaanaan harmee isaatin mari'atee Bilisee baruumsa kutte gara addunyaa baruumsatti deebisuuf
ulaagaa hundaa guutefii jira. Biliseen gaafa Olaanan mana baruumsaa fudhatee galmeessu hin
amanne, dur kan akka jaalallee qofatti ilaaltu amma garuu waamarakoo addunyaakoo jetteeniirti.
Ramaddiin baheera, Olaananis gara yuuniversitii Mattuutti qajeele Bilisee haadha isaatitti
imaanaa kenneetin.

Biliseen baruumsa ishee eegalteerti. Qarshii galgala galgala hoteela keessa
hojjattuunis (erga lammaffaa qacaramtee booda) haadha ishee fi oobboleessa ishee gargaaraa
baruumsa ishee itti fufaa jirti maatii warraa Olaanaa dayeeffattee. Olaanan akka borumtii gara yuuniversitiitti imaluuf maatiin ollaa walitti waamee qophii addaatu
ture. Gaafas abbaan Olaanaa obbo Baalchaa Dinagdee fi obbolewwan lamaan Olaanaa Qananii fi
Milkiin kan iddoo kampaanii abbaa isaanii faana jiraatan dhufanii maatitti makamaniiru.

Warri kaan ni sirbu,kawwan kan akkaa Baacaa faan ammoo of-wallaalanii akka amala isaanii
rafanii abjuuyyuu jalqabaniiruu
Haati,abbaan,obboleewwan fi aantewwan hundi Olaanaa baay'ee gammadanii miira addaatin
guutamanii sirbaa jiru.

Olaanaan garuu Biliseedhan walhammatanii imimmaan jaalalaa walitti
roobsaa jiru kutaa Olaanaa keessa galanii. Abbaan Olaanaa obbo Baalchaa Diinagdee namootaa
sirbaa jiran keessa erga ilaalee dhabee, "jaranaa nutillee sirba tolchinee abbaan dhimmaa eessaa"
jedhee barbaachatti ka'e, gara kutaa Olaanattis qajeele.........Itti fufa.

🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 !!!


👇👇👇👇👇👇
@humnajaalalaa

Barreessaan👇👇👇

@miss_man1

Yaadaaf
@abakiyuma
KUTAA 2️⃣2️⃣ffaa

ASOOSAMA GABAABAA

ONNEE DHUGAA

.....gara kutaa Olaanatti qajeele.
Yoona harmeen Olaanaa aaddee Faayen duukaa baatee "eessa deema jetteeti ykn mana fincaanii
deema ta'aa" jettee abbaa Olaanaa oldeebifte gara sirbaatti. Olaanaa fi Biliseen garuu siree
Olaanarraatti akkuma qaama tokkootti walitti baqaniiru. Erga jaalala hojjataniin booda,Olaanan
Bilisee laphesarratti olbaafatee harkasaa lamaanin mormashee hammate.

Biliseen erga haara
galfatteen booda hammannaa Olaanaa keessaa baatee, fuulasaa harkashee alangaa sanaan
shushukkuumaa "Oliikoo kan ammanuma na faana turtuuf maalif waanan dur hin beekne na
jalqabsiifte,of duraa si dhabee kan bariite akkamiin naaf dhiiti, atihoo ni dandeessaa itoo na hin
argin ooltee buluu?" jettee yaaddoo inni itti jiru ittuu itti cimsite.

"Bilookoo jiruu addunyaatu
kana qabaa maal goonu,silaa akka hawwii kiyyaatii guyyaa tokkollee ijakee otoon ija kootin hin
ilaalin gaafan oolu nattin tolu, homaa miti hunduu dabree gaafa akka garaa keenyaa halkaniif
guyyaa akka daawwitiitti wal daawwachaa oolus nii dhufa ta'a isaaf rabbiin kadhachuudha,
guyyaa san anis atis obsa godhannee abdiin eeguu qabna amanamummaadhan, haala kamuu
keessa taatee nan hirraanfatin waan addaan bahuu keenyaaf sababa ta'uuf karaa hin saaqin hololli
fedhees sitti odeeffamu marii lameen keenyaa malee kophaa kee murtee tokkooyyuu hin
fudhatin,dhugaa malee jaalala dhugaa waliif qabnu dhabnaatii,ni beekta kanan si filadhee si
faana jiraachuuf murteessee dorgommii keessaa si galcheen miti,ati anaaf dorgomtuu hin qabdu,
eenyumtuu haalli kamuu narraa sin jijjiiru, gargar baatii keenyas yoo kara kee dhuftee fi yoon
lubbuu hin jirre qofa ta'a onnee guutun na amani, fknaf quba kee shanaan keessaa isa tokko
fudhadhu,yoo ati kuttee gatte male ofiin sin barbaadu jedhee sirraan godaanu anas akkasiin na
ilaali" jedhee alii alii galaana yaadaa ishee nyaachisaa,altokko tokko ammoo onneenshee akka
guutumatti isa amantu taasisaa fuula ishee imimmaan dhiqsiise.

"waaqni yoo na jaalate si nan
dhabsiisin hamtuu kee na dhageessisuun dura ana hamtuuf yaa laatu tokkichakoo" jettiin fuula
isaa lapheesheerratti hammattee rifeensa mataasaa qubashee keessa loosaa boquu ishee irratti
dabsitee, Olaananis yoona isa harmeen saa gaafa inni ijoollummaa boo'ee akkasiin sossobdu
yaadate.

Olaanaan barnoota semester 1ffaa fixeetii boqonnaaf gara maatitti deebi'eera. Silaa akka yaadetti
Bilisee ji'oota shanii oliif yaaddoon waxalamaafii ture sanatti marmee dhungoon habbooquu ture
garuu gaafa mana gahu Biliseen hin jirtu. Abbaan Olaanaa obbo Baalchaa Diinagdee erga walitti
dhufeenya Olaanaa fi Bilisee hojjattuu mana isaanii Qanoorraa bareen booda baay'ee Olaanatti
gaddeetin gad-aantummaa guddaan itti dhagahameetin Bilisee manaa hari'ateera,sababa sanaan
aaddee Faayedhaanis walitti mufachuun isaanii hin oolle. Ta'us garuu Biliseen gara warra ishee
kutteerti jireenya ishee ganamaa sanatti deebiteerti wanti waggoota 5f dabarsite hundi abjuu
halkan tokkoo itti fakkaachaa jira.

"ilman iddoo meeqatti eegu ati dubartii mana bunaatin naa hawwitee" jedheen obbo Baalchan
aaddee Faayedhaan. "itoo homaa hin beekin hin murteessin, mucaan kee kiyyas,miudhamuu isaa
kufaatiisaa hin jaalladhu, hin sobuutii mucayyoon natti tolte,mucaa kiyyas onnee buute itoon
murtee ati jettu kana fudhadhe silaa har'a olaanaa yuuniversitiitti mitii,tsabalitti deddeebifna ta'a,
Biliseenis ammoo akka ati yaaddu kanatti nama salphattuu miti,sababa isheen mana kana
dhufteefis heerumaan mitii rorroo dargaggeessaa jalaa bahuuf dawoo nu taasifatte.
Nan beeka intala safuu beektu onnee ishee keessa kan jiru olaanaa qofadha tarii ati
intala abbaa qabeenyaa kan Olaanaa kennaa guddaa argamsiisu hawwuufii dandeessa kennaan
kamuu garuu jaalala hin caalu, mucaa koo murtiin isaas filannoon isaas sirriidha jaaladheefira
kanaafan callise, waan inni miidhames homaa hin agarre,Biliseen Olaanaa fi anaan walitti fidde
kan dura akka nama kireeffateetti kutaasaa qofa qophaasaa taa'u sababa Biliseen garuu akka
miseensa maatii isa goote hawaasummaa isa barsiifte" jettee yada obbo Baalchaa hinbaasisite.

Olaananis Bilisee hawwe otuu hin argin bubbuleera boqonnaa torbeen lama kennameef keessaa
deebi'uuf guyyaa shantuu isa hafa. Bilisee barbaachuuf kara itti deemu dhabeera,obsee deebi'uuf
du'a itti ta'ee homaa fala dhabe, rakkoosaa dhiphuu inni keessa jiru harmee isaa malee hoomtuu
hin hubanneef, "Oliikoo maal Bilisee yaaddee" jetteen. "harmee maal na gaafatta dirii jabaa
gidduu keenya jiru ni beekta mitii salphaatti cituu dide onneetti na funyiftee onneekoo kukkutaa
jirti,harmeekoo an mucaan kee yoon maraadhu arguu hin barbaadu mitii, teessoo ishee natti
himii,osoon ishee hin argin deebinaan fayyaan koo isinittin deebi'u" jedheen.

Aadde Faayenis
durumaa kana sodaachaa turte waan ta'eef teessoo Bilisee Olaanatti himte "Oliikoo yoo tole siif
jette gattee akkan hin dhufne abbaan kees ergan waayee keessan lamaanii hanga tokko itti
himeetii yaannisaa jijjiramuu hin oollee." jetteen.
Olaanan lammaffaa harmeesaa aaddee Faayeetti imaanaa itti keeneetii Bilisee biratti gatee
deeme.

Gaafa inni barnootasaa waggaa tokkoffaa yuuniversitii Mattuurraa xumuree galu,
maatinsaa fi hiriyoonnisaa qophii qabatanii mana hoo'isanii isa eegaa jiru. Akka inni dallaa
seenen Biliseen gammachuu imimmaan makateen fiigdee morma jala seentee kaawwan
daawwachuu malee nagaa gaafachuuyyuu carraa hin arganne hanga Biliseen gad lakkiftutti.....

Itti fufa..

🇬 🇦 🇱 🇦 🇹 🇴 🇴 🇲 🇦 🇦 🇦 !!!

👇👇👇👇👇👇
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessaan
@miss_man1

Yaadaaf
@abakiyuma
Kutaa Xumuraa

ASOOSAMA GABAABAA

   ONNEE DHUGAA

         KUTAA 2⃣3⃣ffaa


    DUBBISA GAARII

...Biliseen gadlakkiftutti. 
Wanti Olaanan hin eegne Biliseen garaatti ilmoo isaa baattee jirti. Baay'ee gammaddee 
takkaammoo itti gaafatamummaa fudhachuun isa yaaddesseera. Ta'us "Bilisee wajjin boolla 
du'aayyuu seenun waan na gaabbisiisu miti" jedheet of onna. Biliseen akka keessa isaatti yaadni 
isaa waldhahaa jiru fuula isaatirraa hubachaa jirtii hanga fedhes Olaanaa yaa amantuu malee 
"wanti akkanaa ni uumama jedhee yaade hin beeku ta'a kanaaf murtee isaa baruu na rakkisa" 
jetteet isheenis yaaddoo keessa galte.

Manni hoo'ee akkuma gaafa gaggeessaa isaa kaawwan 
sirbaa kaawwan ammoo bakkuma jiranitti qoosaa jiru. Biliseen kophaashee teessee yaada 
Olaanaa baruuf dhiphuu hamaa keessa jirti. Olaananis bakka taa'uu oljedhee xiqqoo shubbisee 
gara teessoo Biliseetti qajeelee Bilisee bira taa'e, morma isaatin gudeeda isheetirratti jigee 
miilasaa teessoorra olbaasee ijashee keessa ol ilaalaa jira.

Isheenis akkuma barte dabbasaa isaa 
susukkuumti " Oliikoo waa'eenkoo yaaddoo sitti ta'ee mitii maal godhu osoon deemee rakkoo  koo kana kophaa kootin bahadha jedhee kana caalaa dhiphatta jedheenii" jetteen. "hundaafuu 
waaqni jira hin yaadin" jedheeni ammas yaadashee iddo lamatti qoodamee jiru hin goolabneef. 
"Olaanaa waan ta'e kanatti dhiphachaa jirta taanan akkuman jalqabaa waan dhufu hundayyuu itti 
gaafatamummaa nan fudhadha jedhee itti si galche,ati homaan yaadin hundumaa kophaa koo nan 
bahadha" jetteen. "maal jechaa jirta waan fedhetu natti hafa waan kophaa si gatu sittii fakkaataa, 
an siifan yaadda'e malee anaan baay'ee natti tole, abba ilmaat na gochuuf deemta, akkam 
harmeen sirriitti si kunuunsaa turtee, ammammoo anuu siif dhufeera homaan yaadda'in, kanaan 
booda kophaa mana dhuunfaa keenyaa waliin jiraanna" jedheenii oljedhee addashee keessa 
dhungate.

"jaalalli salphumatti kan kee na taasisee mitiiree, maatii keetitti jaarsa ergaanis hin 
jiruu, dambii aadaa keenyaa naaf hin guuttuu" jetteen akka qoosaa taasiftee waan ijoo fi waan 
hawwitu itti dhaammatte. "maatinkee yoo naaf si kennuu didanhoo yoo dhaddacha na 
dhaabanhoo" jedheeni innis itti qoose. 

Fulbaanni geesse Olaanan garuu withdrawal guutus malee waan barachuuf gara Yuuniversitii 
Mattuu deemu miti. Biliseenis ilma godhattee Olaanaa abbaa ilmaa goote. Cidha isaanitiif 
Biliseen gara maatii isheetti deebiteerti. 
Guyyaa 05/04/2010 tti heyyama argataniitii haadha manaa fi abbaa warraa ta'uuf gahaniiru.

XUMURAMEERA!

Namoonni jalqabaa xumuraatti najajjabeessaa fi yaada naaf kennaa turtan galatoomaa!

   Isinin jaalladha!

Barreessaan @miss_man1
Yaada qabdaniif @abakiyuma

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Anaa fi Qaanaa

Kutaa 1faa

Guys, mee yaadannoowwan an TV Qaanaa waliin qabu muraasa jabaa isiinin jedha. Guyyaa gara guyyaatti waa'een TV kanaa bifa garaagaraan waan na quunnamuuf jedheeni. Akka kootti TV'n Qaanaa ogeessota fayyaa baay'ee gabaa dhabsiisee jira. Akkan dhaga'etti yoo ta'e maloota ittiin ulfa ofirraa ittisan keessaa tokko TV Qaanaa laaluudha jedhamee barsiifamaa jira waan jedhu dhaga'een ture.

Hiriyaan koo ogeessa fayyaa 'Health officer' ta'e tokko akka natti himetti, yeroo muraasaa as namoonni hordoffii ulfaaf gara buufata fayyaa deeman akka hir'atan dha. Saayintistootni biyya Awurooppaa tokko tokko, shaneen ijaaramanii akka ibsanitti yoo ta'e (warra biyya keenyaa yoon jedhe silaa ana hin amantan waan ta'eef) dhiiroonnis ta'an shamarraan fiilmii walitti fufiinsaa TV Qaanaa irratti sa'a 12 - 5 tti tamsaafaman waan ilaalaniif, yeroo itti wal bira ga'an hin qaban jedhanii lafa kaa'aa jiru. Sababnisaas lamaanuu hojiirraa galanii isa dur walirratti lafa dha'an amma TV irratti lafa dha'u waan ta'eefi. Yeroo sa'aatiin shan ta'uu ammoo waan dadhabaniif wal bira ga'uun yaa hafuutii sireen irra ga'unuu du'a caalaa itti ulfaata waan ta'eefi dha. Kanaaf illee anumtuu ragaa dha. Abbaan manaafi haati manaa ollaa koo galan tokko osoo TV Qaanaan hin dhufin dura seera waaqayyo gaa'eelaaf kaa'ee sirriitti hojiirra oolchu turan.

Abbaan manaaf haati manaa wal hin didin'' isa jedhu sana jechuu dha. Anaan garuu baay'ee na jeequ. Kan na jeequ ammoo sagalee siree isaaniiti...... Tsiwu, tsiwu, qaq, qaq, qaqaqaqaqqq..... jedhee asii anaan hirriba na dammaqsa. Gaaf gaaf keessa kootti namichi kun sagalee siree isaa maaliif narra hin hir'isu! jedheen akka aaruu ta'a.
Garuu maalan fiduu danda'as? Yaa firakoo osoo dhageessaniitii waan sirichatti ampliifaayeeriin ( sagalee guddistuun) itti ruuqamee, anaaf ammoo biluutuuziidhaan naaf qoodanii sagalee isaa waanan 'live stream' hordofu wayii fakkaata ( tapha siree iraa raadiyoon daawwachuu, ooooyyaayyaaa.....). Yeroo jalqabaa waan abbaan manaa siree isaa irratti Ispoortii hijjetu natti fakkaatee ture. Booda irra gaafan namicha ilaaluu garuu kan ispoortii hojjetu mitii fira ispoortii hojjetu illaa waan qabu natti fakkaachuu dide...........
itti fufa.

Barreessaan - Orooliyaanaa Daani'eel

@humnajaalalaa
Kutaa 2ffaa

ANAA FI QAANAA



Qallina isaa irraa kan ka'e adurree feestala dhadhaa nyaatte fakkaata. Mar'umaan shuntuuraa godhee ( mammaaksa qalloo keessa migira jedhan isatu naaf mirkaneesse) isa isaan achii wal gammachiisuuf an asii hirriba dhaba.

Kana baqachuuf jecha, sagalee namootaa dhaggeeffachuu irra isa kana wayya jedheen earphone isa guddaa bitadhee raadiyoo afaan kiyyaan darbu sagalee uummataa 😂 kan ta'e dhaggeeffachaa rafuudhaaf murteesse.

Innis bara sana ''qonnaan bultootni xaafii sararaan facaasanii sararaan beela'an; komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa, malaammaltummaan himatame; dargagoonnii IMX'n ijaaraman burruusa ittiin dhagaa falaxan bitachuuf irra deebi'anii ijaaraman'' oduu jedhu qofa waan dabarsuuf jeequmsa warra ollaa caalaa raadiyoon kun na jeequtti ka'e. Raadiyoo kaadiree fi oduu kaadiree...... Amma illee xinnoo fooyya'an fakkaata 😂

Isa dhiiseen jara kana gorsuuf murteesse. '' Maal ta'a osoo siree keessan narraa buttanii?'' yaada jedhu yoon itti hime rakkoo maalii qaba? Yaadni kun ammoo faka raadiyoon kun lafa kaa'uu waliin wal hin caalu. Osoo lafti hin jiraatin qotaa jechuun tokkuma. Jarri kunis mana kutaa tokko keessatti akkam godhanii fi garamitti siree isaanii narraa butatu.... garuu akkuma biyyi keenya nagaa ishee kabachiisu irra dabartee kan biyyoota ollaas kabachiisaa jirtu osoo warri ollaa kootiis anaaf yaadani yaada jedhun qaba ture....hahahahaha '' Mallasaan nuun nu ukkaamsee isa nagaa warra ollaan kabachiisa'' jedhu sana dhugaa seetee?'' jettanii natti kolfaa jirtu..... raajii durii 😂😂

Kanaan osoo jiruu TV Qaanaa naaf dhufekaa jarana. Uff.... amma kan na jeequ yoo jiraate caalliinsa isaan gidduu buufate sana qofaa dha. Dhugaa jarri kun maal ta'an mootummaatu shororkeessummaadhaan isin himadha jedhemoo gaaffii jedhutu natti uumame. Garuu amma yeroon yaadu waan Qaanaaf jecha dursanii dirqama abbaa manummaaf haadha manummaa isaanii ba'an natti fakkaata. (karoora hiixata karoorfachuu akkasii😂) amma homtuu hin jiru. Kanaafuu qorannoon kun dhugaa ta'uu hin ooluu amantaa jedhuun qaba (kaabinee istaayilii😂)

itti fufa....
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Kutaa 3ffaa

ANAA FI QAANAA 📡📺

Miidhaa isaa inni biraan garuu ana irra osoo hintaanee Abbaa koo irraa kan ka'ee dha. Obboleettiin koo isheen dhumaa kutaa sadii baratti; mana keenya diimokraasiin kan seene karaa isheeti. Abbaan kiyya sababa isheef waan hundaa godha; kunoo erga Qaanaa TV'n dhufee waan biraa ilaaluun hin jiru. Osoo dur ta'ee, waan Abbaan koo hin ilaalle ilaaluun hin danda'amu. Obboleettiin koo Amaariffa hin damdeessu garuu waan isaan hojjetan ilaaltee gochaadhaan galaaf. Gaaf gaaf keessaa funaantee Abbaakoo gaafachuuf ''Daadii'' yoo jettu innis ''oo''......ታታታታታብሳ ማቁራጥ'' jechuun maal jechuu dha'' jetteetu ( hiika 'abdii kutachuu')  isa amaariffaan jedhamu dheeresitee abbaa koo gaafatti. Aabbaan yeroo deebisu '' long walk to freedom jechuu dha '' jedhee deebisaaf. 😂 Lammanuu waan garaa isaanii malee waan sirrii ta'e hin dubbatan.

Gara dhimma keenyaattii deebina. Obboleettiin kiyya nama dubbisuu malee kitaaba dubbisuu hin jaallattu. Garuu qormaata dhibba keessa dhibba deebifti. Aabbaanis kana ilaalee ''Qormaatii keessan kun qormaata Qaanaa TV keessaa bahamoo? '' jedhee ishee gaafata. ''Lakkii waa'een TV hin jiru. Saayinsii naannoofaa, hawaasaafaadha kan nuti bafannu. Qormaatimmoo kitaabuma irraa baha'' jettee deebisteef...... Abbaankoos '' isa dhiisii eenyummaa barsiisaan kee garuu hin qaanoofneen dhibba keessaa dhibba siif kennu kun maaloo?''🙆 jedhee gaafata. Isheenis ijasheetiin TV ilaalaa, ''barsiisaa garaagaraatu nu barsiisa. Garuu kan qabxii kennu warra nu barsiisuu miti. Hunda isaa kan qabxii kennu barsiistuu Mircaadha''. Mircaa jechuun dubartii ishee ganda keenyaa kanaa?'' Jedhee aabbaan dabalee ishee gaafata. ''eeyyeen, warra korojoon isaaniillee dhimmisu'' jetti isheenis. Aabbaankoos uuruusaa micciiraa ''hiiiimmmm..... akkas hin jettuuree, ishee taanaan dhuguma dhibba irra siif keessi. Aaddee mircaan kun Boordii filannoo keessaa sagalee sororsaa turtee mitii ammasheen?'' Jedhee ofiimaasaammoo ''eeyyee, eeyyee akkasi. Boordii filannootii sagalee sororsitee kan mootummaad dhibba kennitee siin ammoo siin dhowwattu. Muuxannoo achii fudhatte sirriitti hojiirra oolchaa jirti jechuu dha. Tarsiimoo muuxannoo gaggaarii babal'isuu jechuun akkas aboo'' ittiin jedhee dubnicha itti dhiise.

Itti fufa.....

Barreessaan Oroliyaanaa
Yaada qabdaniif @abakiyuma
Kophee babbareedaa gatii madaalamaa ta'een nu biraa argachuu dandeessu. chaanela keenya join godhaa maatii keenya ta'aa. https://www.tg-me.com/Ayas_online
ANAAFI QAANAA
Kutaa 4ffaa

Ergan fuudhee booda ammoo guyyaa tokko galgala waan armaan gadii kanatu na quunname. Haati manaakoo halkan keessaa sa'a shanitti galtee jennaan......''Baredduukoo maalif yeroodhaan daftee dhuftee xinnoo ishee hin dhiisifattu turtee?'' jennaan ''akkamitti akkas naan jetta ati?'' jettee, hanga tokko shaneeen nutti yaa'anitti iyyite.....(maal amma kun dubbiidhaa?)....uuuuuuuuuuuu...... mirga dubartummaa koo sarbe. '' Naaf haa qoratamu'' naan jette. Seera ittin bulmaata tokko shanee keenyaan namni mirgisaa sarbame ni reebama;ni hidhama. Haadha manaaf ijjoollee isaa irraa buqqifama. kanuma.
Kan reebu ammoo poolisii akka isinitti hin fakkaanne. Miseensota tokko shaneeti. Jalqaba dura taa'aatu borcii isaatiin tumata; itti aanaan itti fufa; barreessaan galmee isaatiin nama kabala. Yeroo abbaan mirgaa reebamu miseensonni harka walitti rukutu. Yoo lubbuun nama keessatti hafte kan mana yaalaatti geessuus tokko shaneedhuma kana. Halkan sanaan ana tirsanii buufata fayyaa tokko na geessan. Akka miidhama koof buufata fayyaa mitii biyya alaa na geessuuttu irra ture ( an aartistii waarra amaaraa waanan hintaaneef kunuu natti guddata). Yeroon achi ga'u lubbuun natti deebite. Ogeessota fayyaa keessaa ammoo ba'uf jetti.TV Qaanaa irraa Zaara fi Chaandiraa fiilmii jedhamu ilaalaa jiru. ''wallaansii hattatamaa kennamuufii qaba" jedhe hiriyaan koo sila na reebaa oole Narsoota shamarraniif dhiraa TV cabsanii seenuf kolfa baasaa jiraniin. (hiriyaan kiyya kun na jaallata garuu ajajaa qaama ol aanaa waan taheefidha kan inni na reebeef). Ajajaa qaama ol aanaa ammoo kabajun dirqama buddeenii fi lubbuu ofiif jecha."amma fiilmichi dhumutti, achi seensisaa ni dhufnaa!" jedhan. " Jarri kun osoo hin dhufin an dhumuu kootii" jedheen yaadda'e. Daqiiqaa 45 booda dafanii dhufan 😂
Dhiigaan qaamni kiyya ; qaama koo keessa bakki ana hin dhukkubne sagalee kiyya qofa. Innuu na hoollachuu jalqabeeraaf malee. Narsittiin dhuftee narra naanna'uutti kaate. " Yoona egaa durbummaa akka Zaaraa hin bareedne irratti wal loltee ofumaa dhiiga of dhangalaasifta mitii?" naan jette....
itti fufa.

@humnajaalalaa
ANAA FI QAANAA
Kutaa 5ffaa


An nan aada; qaamni na butute jira firakoo "maaloo dafi na furiin " ittiin jedhe. Isheenis "maal aadda Chaandiraanuu cidha Zaaraa irratti akka sana reebamee homaa hin taanee. Kana waan guddaa gootee akka deessuu hin ciniinfatin" naam jette. Oso ishe kanas ka'ee kabalee natti tola ture. Ana nama du'uuf dewmu fiilmii Hindii naaf seenisiti.

Anis aareen hiriyaa kootiin "Maalidha hospitaala jettanii, Bollywood na fiddanimoo akkamii waansaa" jedh. Narsoti kan biraa girrisanii yeroo dhufan " dhiifama obbolesso ati al tokko gad ba'i" ittiin jette hiriyaa kiyyaan. Dhiira tokkoof durba sadii ta'anii na marsan. Ani ammaa sagalee harkifamaan " maaloo du'uufan jedha natti dafaani" jedhen"cal jedhi humna kee ilaaltee nama hin loltuu? ati Kuuziidhaa (taatoo Fiilmii kan biraati) kan aka argite nama hundumaa duukaa wal loltu?" naan jedhe narsichi inni dhiiraa. "yoo akka isaatti nama ofirraa qolachuu hin dandeessu ta'e afaan kee qabachuu dha" jedhee itti dabaluun natti dute. Anis fala biraa hinqabu waanan taheef "tole"n jedhe. Haasaan isaanii kun garu ' anti pain' ta'uu hin hafu jedheen yaade. Inni dhiiraa sun itti dabalun " mee akka dheengaddaa Chaandraan itti ciise sanatti ciibsaa" jedhe. Shamarran lamaan asiif achi ana qabanii na ciibsan.

Ishee ittiin nama dhaggeefatan sana laphee koorra kaa'uf uffata narraa soqole " Ispoortii nii hojjettaa" naan jedhe. " eeyyen" jedhen. "sister chest isaa kan chaandiraa hin fakkaatuu?" jedhe " yes of course, harki isaa garuu kam Omaariin fakkaata; qal'aadha" ittin jette.

Waan isaan haasa'an fiilmii ta'uu isaa nan shakke. Maqaa dhukkubadha se'een yaadda'ee sababnisaa ogeessi fayyaa tokko akkamiin dhukkubsataa dhiisee waa'ee fiilmii dhiphataree?

Waantisaan maqaa wawwaaman kun.maqaa dhukkuba ta'uu hin ooltu jedheen waanan shakkeef "akkas nama godhaa innii?" jedheen gaafadhe. "Maaltu?" naan jedhe. "Chaandiraa fi Omaan dhukkubbiin jedhamu" yoon jedhuun , inno dhiiraa "oo ati baayee miidhamtee jirta jechu dha. TV Qaana wallaalaan isaa sirriitti dhibamtee jirta. Isa dhiigni kee dhangal'aa jiru caala dhukkubin kee hamaan isaa kana" jedhee kolfa dheeraa kolfe.
itti fufa....

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
ANAA FI QAANAA 📡📺
Kutaa 6ffaa

" Mataa waanan rukutameef beekan ture" 😇 ittiin jedhe anis. "Amma waan baay'ee miidhamteef hospitaala dhuunfaa deemuu qabda" naan jedhan. Taatoti fiilmii hangi sun isaan natti lallabaa 🎷 oolan kanumaafi jedheen sagalee guddaadhaan iyyuu kajeele. Yoon iyyee ammoo tokko shaneen natti duudanii lubbuu na keessaa baasuu jedheen sodaadhe. Isaan bakka ani jirutti na dhiisanii fiilmii isaaniitti kikissaa deebi'an. An foon koo dhiiga dhaabsisuu deemeen onnee of dhiigse. Isa baqaqe suphisiisuuf mana yaalaa deemeen caalaatti akka suphee burkutaa'e 😅

Akka na fiddanitti kottaa ana fudhadhaa jedheen warra na madeessee yaalaaf bakka yaalli hinjirre na geesse waammadhe. Isaanii yaa tolu dhufanii na fudhatan.

Maal jechuu barbaadeenii beektuu, ijjoolleen barumsa dhiiftee, Tv Qaanaa jettee qaranna'aa jirti. Kanaafuu jeequmsa karaa warra ollaa nama irra ga'u of irraa maqsuuf, baay'ina uummataa hir'isuuf gaarii ta'us, dhaloota quucarsuuf, Afaan Oromoo haguugee aartii keenya ukkaamsuuf, ogeessota fayyaa hoji dagachiisuun teesisuu irratti ammoo dhiibbaa waan qabuuf Tvn Qaanaa galata dhabee, galata haa argatu. Hhhhhhhh silaa bara kana dhibba keessaa dhibba galateeffachaa, dhibba keessaa dhibba galateeffachuu dhiisuu hin dandeenyu.

Harar (2016)


Xumurameera.

@humnajaalalaa
Asoosama gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 1ffaa


Yeroon isaa ganna ture finfinnee bal'oo keessa osoo oliif gadi deemtuu roobni cimaan tokko dhufe. Dinqituun dhiyeenya walloodhaa dhufte finfinnee keessa baay'ees hin beektu; dibaabellee of harkaan qabdu asif achi ilaalte bakka deemtu dhabde naatee waaqa asii ol ilaalte. dukkanaa'eeras waan ta'eef osoo achii ijashee deebisaa jirtuu tasa nama argite. namni kun dargaggeessa hojii eleektirikaa hojjetu ture. Yeroo kanas mukarratti ol ba'ee dalagaasaa osoo dalagaa jiruuti kan roobni akka tasaa roobee jennaa achi irraa bu'aa jira. dinqituunis haga inni achi irraa bu'utti ijashee irraan kaafanne ture. akkuma bu'een itti dhiyaattee akka qufa'uu taatee eenyu obboleessoo iddoon itti rooba kana caamfannu jiraa?

Yoo jettu Ibsaan baayyee na'e hin agarreen ture duubarraan turte itti gara galee yogguu ishee ilaalu intala geessuu magaala shurrubbaan ishee gabaabaa luuccaa rooban tortoree irra gad ciise argee akkuma na'etti na hordofi jedheenii dursee fiigaa adeeme, dinqituunis peestaala harkatti baattee jirtu qabattee isa duuba fiiguu jalqabde.

osuma fiiganii mana bunaa tokko seenan " noori Ibsa oluma" jetteen haati mana bunaa sun. Taa'i taa'i jedhee olseenee koottu jedheen dinqituudhaan, isheenis sodaachaa ol seentee erga teesseen booda kirkiruu jalqabde. huccuun ishee haphii waan tureef baayyee tortoreera. kana kan hubate ibsaan nyaaran hadha mana bunichaatti haasa'e. sana booda fuutenii gara kutaa ittaanutti dabartee, shinshinii bareedaa tokko itti uffistee rifeensashee sirreessiteefii, dibata dibdeefii "koottu achi dabarraa" jetteen gaafa gad ba'an ibsaan ijasaa irraa buqqisuun dandeenye. harkasaa boquurra godhatee daqiiqaaleedhaaf ilaalen isheenis naatee ilaalaa turte. kana gidduutti taa'ikaa bunan siif buusa jetteen haati mana bunichaa Aadde Raggaatun to..to..tole jettee teesse bunni lameenifuu bu'ee dhuganii sinii ishee harkaa fuudhee deebisee maqaan koo ibsaa jedhama kan kee hoo jedhee yeroo gaafatu hati mana bunaa naatee ol jettee isaan ilaalte.....

Itti fufa..
Barreessituun Seenaa Asaffaa
.
Asoosama gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 2ffaa


Haati mana bunichaa naatee ol jettee isaan ilaaltee; nama hin beekne natti fidee dhufemoo jettee keessa isheetti yaaduu jalqabde. Yeroo kana ija lamaan isaanii keessa ilaalaa Dinqituun jedhama dalagaa barbaachan wallootii ka'ee as dhufe jettee deebisteef. Ibsaanis hojii akkamii barbaadda jedhee gaafate. Dinqituunis kanuma argamen hojjadha jetteen. Innis tole har'aaf asuma bulta suuta jettee barbaadda boqadhu tolee jedheen. Kara haadha mana bunaa kanatti garagalee obboleettiikoo iddoo isheedhaaf ta'u hin dhabduu mitii? jedhee gaafate. Isheenis jira ibsaakoo nama ati natti fiddeef akkamittan iddoo dhaba jetteen. Tolekaa haasa'aa ani borun dhufa jedhee ba'ee adeeme. Haati mana bunichaas obboleettii Ibsaa yoo dadhabde ol darbii ciisi jetteen. Dinqituunis lakki asuman taa'a jennaan tole erga dhuftee turtee? jettee gaafannaan, lakkii har'an dhufe jettee deebisteef. Hojiin kamiyyuu erga siif ta'a ta'ee maalif nabiratti hin eegalturee? Waan kanbiraa miti buna daffisuudha, yeroo tokko tokko ammoo nyaata hojjechuu malee hojiin hagas mara hin baay'atu. Kun siif ta'a? kanarratti maal jetta? jetteen. Dinqituunis baay'ee gammaddee; ani gaafumam manaa ba'u Uumaan akka na gargaaru amaneen dhufe. Dhugaa dubbachuuf siin kan naaf kenne Uumaadha jetteen. Tole ammaaf nuga'a cufnee haa deemnu jettee balbala cufte...

Aadde Raggaatuun erga manatti ol seenanii afata/firaashii kenniteefii; huccuu halkanii waliin kunoo asuma afadhuu ciisi, yeroo irriibni si qabu animmoo kara manaan deema maatin koo na eegu jetteen. Dinqituun immoo kophuman as bulaaree? jetteen, achumaan maali nii sodaattaa? jettee deebisteef. Dinqituun Lakkii lakkii gonkumaa jetteen. Raggaatuun Tole bor ganama bariidhanin dhufee sikaasa kanaaf dafii rafii boqadhu jettee baatee deemte.

Dinqituun kun abjuudhamoo dhuguma? jettee waan argite amanuus dadhabde. Gidduutti gadi-qabdee ofitti hasaasuu eegalte. "osoon waa tokko hin rakkatin, finfinnee keessa jooree osoon hin jawwaarinan carraa kana argadhe. Yaa Uumaakoo galanni siif haa tahu " jettee galateeffattee balbala ishee sirriitti cufattee, afata ishees aftee ciiste. Osoo hin turin irriibnishee fudhatee adeeme.

Baayyes osoon turin balballi rurrukutamuusaa dhageessee utaaltee kaate...

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 3ffaa


Baayyes osoon turin balballi rurrukutamuusaa dhageessee utaaltee kaate. E.. ee.. eenyu? Jette naasudhaan. Ana raggaatudha jennaan, uff animmoo nama biraan se'e hammanumatti bari'ee edaa jette. Eeyyeen animmoo bariidhanin dhufe waan hundumaa bakka qaqqabsiifna jedhee jetteen.

Tole taa'ikaa xiqqoo anis afata kanan kakaasa jettee dalagaasheetti kaate. Sana booda hojii addaan qoqqoodanii hojjechuu jalqaban. Gidduudhuma kanatti ibsaan muddamaa dhufee ol seenee akkam bultan? Jedheen. Noori nagaadha mitii jetteen dinqituun. Lafaa ol kaatee taa'i malee akka aadaa keenyatti durbi lafaan kaatu jedheenii, obboleettii addarra dhungatee isheemmoo harka fuudhee gad taa'e. Tole har'ammoo maaltu bariidhaan fiigsisee sifideree jetteen raggaatun kokolfaa.

An ganamaan yeroo kaan hin dhufuu? jedheen. Hhh nii dhufta nii dhufta jettee itti qooste. Achi garagalee dinqee akkamiree akkamitti bulte sitti tolee? Jedheen. Isheenis eeyyen Galata rabbii homtuu nattin badne waaqayyo isiniif haa kennu jetteen.

Hhh maal siif goone jetteetu jedheen. Gidduudhuma kanatti aadde raggaatun mee dinqee gola san qullubbii kaa'eera murimee jetteen.

Isheen achi dabarraan Ibsaatti hasaastee waamte. Oo jedheen.
Intala kana ni jaalattee?
Obboleenimmoo jedheen
Hin sobin nattimi eda raftee hin bulle miti? jetteen.

Innis dhugaa dubbachuuf intala akkuman argeen lapheen itti na na'e. yeros miira addaatu natti dhaga'amee ture jedheen. Miira akkamii jetteen. innis jalqaba baay'een nahe rukuttaan laphee kootii nii dabale nan gammade walumaa galatti baayyee natti tolteetti jedheen. Isheenis naaf galeera kuni kunimmaa najalaan baddu jetteen. mee haa ta'u an amma hojii takka fixeen dhufa sirriitti naaf kunuunsikaa jedheen. tole dafii koottu uphaa jettee dhungattee gaggeessitee golatti dinqee bira deemtee ishee faana teesse.

Fixuu ga'eera dhiisaa na gagaarufimoo jetteen. Lakki mee bakkuma ati hojjettu kanatti xiqqoo haasofna jedheeni jetteen.
Yerosuma dinqeetti haasa'uuf maqaashee mararfachaa waamte. Ookoo jetteen. isheenis akkamitti biyya kee gad dhiiftee dhufuu dandeesse? jetteen. Dinqeenis Eeyyen seenaan isaa baay'eedha maal isinitti fakkaate aadde Jettee yammuu haasa'uu jalqabdu imimmaan ijashee guguddaa adii kana keessaa akkuma roobatti yaa'uu jalqaban. Lakki lakki dhiisi hin boo'in jettee ijaasheerraa imimmaan haxoofte.

Itti fufa...
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 4ffaa


Raggaatuun Lakkii hin boo'in jettee ija isheerraa imimmaan haxoofte. Dinqituun 'maal seetan ani barnoota koo kutaa kudhanittin addaan kute. kutaa Kudhan qoramee qabxiin naaf dhufeera garuu itti aansee barachuu hin dandeenye. sababni isaa abbaan koo durbi barattee eessa iyyuu hin geessu yaada jedhu qaba jeetteen.

Yeroo kana Raggaatuun gadditee; yoomi kan kudhan qoramte? jetteen. isheenis bara darbe bara 1979 jetteen. sana booda hoo jettee gaafachuudhaan isa itti aanu dhagahuuf baay'ee muddamte.

sana booda wanta ani hin eegnetu na mudate. ani baradhee bakka guddaa ga'uu, jireenya koo jijjiiruu malee tasallee baadiyyaattin hafa jedhee yaadee hin beeku. Abbaan koo garuu naman ani gonkumaa argee hin beeknetti na heerumsiisuf akka jiru dhiyoon dhaga'e.

Suuta jedhanii osoo Aayyoo koo waliin hasaasanii dhagaheen halkan badee manaa ba'e. As gaafan dhufus akka carraa ta'een isin argadhe jetteen. Raggaatunis naatee obsi absi jettee ofitti qabdee imimmaan ishee irraa haxoofte. Itti fuftees "waadan sii gala ati iddoo guddaa nii geessa, anis si waliinan jira gonkumaa kophaa sin dhiisu waan siif gaarii ta'e hundumaa nan raawwadha" jettee jajjabeessite.

Dinqituunis baay'ee gammaddee seequudhaan, mataa isheetiin dugda Raggaatuutti hirkattee ' isin garuu eessumaa naaf ergamtanii? dhugaa anumaaf waaqa irraa waan gad naa buutan natti fakkate, garuu kan nama dhibu gaafan samii ol ilaalun ibsaa arge jetteen.

Raggaatunis seeqxee ibsaan obboleessa koo isa xiqqaa kanan baay'ee jaalladhudha. Inni nama gaaridha! Hojii isaattis qoosaa hin beeku. Nama jijjiiramaati. Dhugaa gaafa inni si fidee dhufu hiriyaa jaalalaa bafaate se'een baayyen gammade jetteen.

Dinqituunis Rifattee ol jettee ija ishee keessa ilaalte.......

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 5ffaa


Dinqituunis naatee ol jettee Raggaatuu ilaaluudhaan, 'ibsaan haadha warraa hin qabuu? jettee gaafatte. Eeyyen qaxaleenkoo kun haadha warraa hin qabu. Maal sitti fakkaate dinqeekoo namni bara kanaa jireenyaaf hin ta'u; ammuma gammaduu, sirbuu fi utaaluu malee yaada bilchaatadhaan jireenyasaa kabajatee maatii horachuu hin barbaadu jetteen.

Isheenis ani akkasitti yaadee hin beeku, egaa namni jireenya isaa caalchisee waanuma hin taane yaada jedhee hin beeku jetteen. Raggaatunis mee dinqeekoo gaaffii tokko si gaafadhuu? jennaan, tole jetteen. Raggaatuunis ii..ii..iii dinqee nama si barsiisu, kan yaada kee waliin deemu, nama si hubatu osoo argattee itti heerumtee baruumsa kee itti fuftaa? jennaan gadi jettee daqiiqaa muraasaaf callistee yaaduu eegalte.

Raggaatuun tarii nan mufachiisee laata jettee rifachuudhaan, Dinqee... dinqee.. yeroo jettuun, Dinqeenis hafuura dheeraa baafattee 'Ookoo' jettee ijashee keessa mil'atte. Maalif calliste natti himikaa jennaan, ammas erga uff- jettee qilleensa gara alaatti baafattee booda "ani akkasitti yaade hin beeku, namni akkasitti amanamus waan jiru natti hin fakkaatu " jetteen.

Raggaatunis lakki jiraachuu ni danda'a hin dhabamu. namni hundi tokko miti. siif ammoo namni sirriin si barbaachisa. nama yeroo hundaa siwaliin ta'u, kan yaadaa fi waa hundaanuu si gargaaru jetteen. Dinqeenis yeroo kana baay'ee gadditee, 'dhiisi maaloo an waan akkasii haasa'uuyyuu hin barbaadu, maaloo' jettee osoo haasoftuu gidduutti Ibsaan dhufee 'Dinqitu nagaa miti? maal taate? maalif boossa? 'jedhee ofitti qabee gaafate.....

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Yaada qabdaniif
@abakiyuma
Forwarded from Walaloon Jaalala via @Kaachuuyebot
Dambalii Jaalalaa

Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
2024/05/03 00:14:56
Back to Top
HTML Embed Code: