Telegram Web Link
#Balaa_Abiddaa_Xiyyaara_Daaraa_Botoroo_godhe.

Yeroo ammaa kana xiyyaarri qabeenyummaan isaa kan Daandii Qilleensa Jaappaan ta’e, xiyyaarri A350, lakkoobsi balalii isaa #JL516 jedhamu akka damaraa Masqalaatti magaalaa guddoo #Jaappaan, #Tookyoo keessatti didichee gubachuu irratti argama.

Xiyyaarri kun imaltoota 369 fi hojjetoota balalii 17 akka of keessaa qabus miidiyaaleen gabaasaniiru. Xiyyaarri kun balalii nagaa godhee erga dhufee buufata xiyyaaraa #Tookyoo ga’ee booda Xiyyaara biroo #Jaappaan waliin walitti bu’uun akka abiddi kun uumames dubbatamaa jira.

Miidiyaaleen tokko tokko rakkoo balaliisaati jedhanii yoo gabaasanis, qorannoon sirriin toorasaa eeggate ituu hin godhamin badii abaluuti jechuun garuu akka seera #Eeviyeeshiniitti waan sirrii miti jedheen fudhadha ani akka dhuunfaakootiitti.

Ta’us hojjetoonni balalii Daandii Qilleensa Tookyoo, hojjetoota ittisa balaa abiddaa fi kan biroo waliin ta’uun imaltoota 369 yeroo daqiiqaa 2 hin guunne keessatti xiyyaaricha keessaa baasuu danda’uun isaanii garuu Addunyaa ituu #AJAB hin jechisiisin hin dabarre.

Tarii aara abiddaan ukkaamamuu, labooba abiddaan miidhaan muraasi qaqqabuu fi naasuun wal-qabatee namoonni qubaan lakka’aman yoo miidhama salphaa miidhaman irraan kan hafe LUBBUUN nama tokkooyyuu balaa kanaan hanga ammaatti hin dabarre. Galata Waaqayyoo!!! Kunis oduu AAGAA oduu gaddaa keessaa argame dha.

Egaa yoo Waaqayyo nama eege malee, alaalaa dhufanii qe’ee ofii ga’eera gaafa jedhanis kun jira. Yoo Waaqayyo nyaadhu namaan jedhe maleessaa, jara keenyaa, maaddiima nu jala jiruu fi afaan keenya gidduuyyuu bara dheeraatu jira; kanuma gidduutti wanta baay’eetus uumamuu danda’a!

Egaa taateen xiyyaarota kana walitti buuse caalaatti akka ogeessotaan qoratamee ifoomeen isin biraan ga’uufan yaala. Nutis, #Daandiin_Qilleensa_Itiyoophiyaas balaa hamaa #Baha_Fagootti uumame kana akkanni nun mudanneef mala ittisaa nuun fayyadmnus waliin qabsiisee yemmusuma kanan isinitti himu ta’a jechuu dha.

Waaqayyo nagaan baasee, nagaan isin haa galchu!

Telila Deressa Gutema -The Billionnaire
👍2
Gonkumaa Video kana dhaggeeffatee kan abdii kutu jira natti hin fakkaatu.
መቼም ይህን ቪዲዮ ሰምቶ ተስፋ የምቆጥ ሰው ይኖራል ብዬ አላምንም።

https://vm.tiktok.com/ZM6xKAgKR/
👍4
Gaaffii namoota hedduu hedduu kan ta'e "Eenyummaa keenya isa dhugaa eessaa argachuu dandeenya? Kan jedhuuf deebiin kuno!
Hb: Video kun baay'ee akka sin gargaaru 100% itti amana!
https://vm.tiktok.com/ZM64EC7uP/
Kana beektuu laata?
Gosoonni Bineensaa lafa kanarra jiraatan miliyoona 7.7 ol akka ta'aniif, baay'inni isaanii immoo biliyoona biliyoona 20 akka ta'an.
Akkam nama dinqa hojiin Waaqayyoo!
Waaqayyo akkasitti seenaa sirbituu tokkoo jijjiiree hojjetaa isaa godhata. Eenyu inni seenaasaa jijjiirame kun link https://vm.tiktok.com/ZM6WtnRS7/ kana cuqaasaa dhaggeeffadhaa.
Forwarded from Geremew Jaleta
1
2 Corinthians 5 (KJV) - 2 ቆሮንቶስ
17: Therefore if any man be in Christ, he is a new creature: old things are passed away; behold, all things are become new.
👍2
God is never late. He’s never early. He’s always right on time.
3
God is not interested in renovating your past. He is more interested in releasing your future.
Nama furmaata siif hinlaannetti 1000 haasa'uu irra nama furmaata siif kennu 1 haasa'uutu jireenyake jijjiira.
👍72
2025/10/28 04:05:28
Back to Top
HTML Embed Code: