♥️Romantic poems♥️
~kutaa 1ffaa.

#Simboo_jiruu

Lafatu qorra.....
Wal hammanna
Walkeessa seenna
Nam_tokko fakkaanna
Turtii mi'eeffanna
Addunyaa daganna
Jaalalaan maraanna
Daa'imallee taana
Dalga wal baanna
Narra aanta
Sirran aana
Mi'aa wal dhandhamna
Akkasiin wal_hubanna...
❤️
.
.
.
Itti fufa. @maddajaalal
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Addunyaa kana irraa namoonni bu'aa gurguddaa buusan gosa lamatu jira.

Isaanis :

➀. Namoota yaada (qalbii) tasgabba'aa ta'e qabanii fi
➁. Kanneen galata galchuu beekanidha.

> Namoonni yaada tasgabbaa'aa qaban waan yaadan qajeeltotti hubatu.
> Karoora isaanii ni beeku.
> Ogummaadhaan socho'u.

√ Namoonni waan isaaniif ta'e hundumaaf galateeffatan balbala milkaa'insaa isa itti aanutti darbuuf akeeku. Isaan warra gammadaniidha. Gammachuun isaanii kaka'uumsa hojiif bu'uura.
√ Wanti itti gammadaa hojjetan yoo dadhabanillee nama hin nuffisiisu.
√ Namni fedha yoo dhabe malee waan tokko fiixan baasuu hin dadhabu.


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Hubadhu

Deemuf dura kee ilaali

Dubbachuuf itti yaadi

Hojjachuuf karoorsi

Bilisoomuf qabsaa'i

Jaalachuuf dursii itti yaadi

Jaalannaan madaali

Jibbitus madaali

Milkaa'uuf moo obsi

Diinaf fira kankee adda baasii beeki

Yoo sitti tole 💚 yookaan 👎
Naaf xuqaa

Admiin channal qunnamuuf 🤝
@Abdetubot

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Abđeta Øbborra)
Baratoonni keenya baga gammadan🙏🙏

Hayye Baratoonni Warreen Gara University Deemuf qophii irra jirtan Hundii kessaan baga gammadan isinin jenna!!!!

Itti Ansudhaan warrii University deemuf deemtan Ijoolee oromoo tan Isinii wajjin University takkati deemtu Walin waan isin qunnamsiisu dandeenyuf Warri miseensa keenya taatan hundi Lakkofsa bilbilaa kessaani fi Iddo isin gahee walin gara booti teenya tanan nuuf erga Achii booda wal Isin qunnamsisna.
👇👇👇👇👇👇👇
Kanaan nuf ergaa
👇
@QEERROO_MEDIABOT




yaadni Keessan Nuu Ijaara Nu Cimsa yaada Keessan Karaa @QEERROO_MEDIABOT irrattii nuuf kennaa.

@QEERROO_MEDIABOT.
galatoomaa
Forwarded from OBORRAA POST (Firafiis Ibnu Mohammed)
Uffatanii bareedaani muldhachuun maal fayyada
Yoo siif hin qabnee sammuun kee fayyida.

Hiriyaa kee dina kee wojjiin yoo argite, isaan lachuu dina kee ta'u beeki!
Hiriyaan dina kee wojjiin oolu fakkeessee si woraana fagooti ufirraa eegi. @OBORRAA1 @OBORRAA1
Forwarded from OBORRAA POST (I ªM ABĐªŦÙ)
Namoonni chanela keessaniif member baayyifachuu barbaaddan
Channela banattani gudiisun yoo isin rakkise ta'e
Yero gabaabaa kesatti Gudifachu dandessu.
Promotion VIP

1000member ---- 150 birr
2000member ---- 300 birr
3000member ---- 450 birr
4000member ---- 550 birr
5000 member _ _ _650birr
Gati isinirra gad xiqqessun Guddifachu ni dandessu

Karaa @ABDETUOR quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti hojjechiifachuu dandeessu.
Forwarded from Deleted Account
Namni HARARGEE irraa gara ASSOOSAA UNIVERSITY deemuu keessaan na dubbiisaa.
0948585217 @Ukaasha
Forwarded from JAARRAA ABBAA GADAA (Abđeta Øbborra)
Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Abđeta Øbborra)
#Odeeffannoo_barattoota_kutaa_12ffaattif

Barattoota gara Yuunivarsiitii deemtan hundaf

Yuunivarsiitiiwwan hundii barattoota haara guyyaa 2 booda waamicha taasisaaf. Jechuunis gaafa guyyaa 30 booda. Hangaa ammatti waanti hin waamnef ministeera sayinsii fi barnoota olaanoo ebla 30 booda barattoota haara ramadaman waamu eegala waan jadheef dha.

Kanaaf barattoonni ammuma kaassattini qophii akka eegaltan jenna. Qophiifi guyyoonni laataman muraasa waan ta'anif akka hin rakkanneef amma kaastani akka jalqabdan ammaa akka jalqabdan.


#Share #Share 🙏


Odeeffannoo dabalataaf
⚡️⚡️ @OROMOTOO ⚡️⚡️
⚡️⚡️ @OROMOTOO⚡️⚡️
Baga gammadani baga gamnee!!!

Waaroota channel beeysiifachuu barbaddan hundaaf channel keessaa gatti maddalawwaadhaan kan issiinf hojjannu ta'a.

Kanaafuu warrooni #Creator tataan hundaaf waamichaa goonaa namni channel gattii maddalawwan beeysifachuu barbaddan hundii keessaan kara @ABDETUOR naan gahu danddeetu.

Akkasuma Namoon Channel Bittachu barbadaan hundaaf Channel Missensa

Memabrsa 5k
Memabrsa 1k

Waan qabnuuf akka dafttaanii Nuu qunamattaan Waamichaa goona.


Channel keessaan yeroo dhihoot hordoftoota bayyee issiinf argatta.

@ABDETUOR
@ABDETUOR
@ABDETUOR quunama.
Forwarded from OBORRAA POST (Firafiis Ibnu Mohammed)
EID MUBARAK UMMATA MUSLIMMAA HUNDAAN
@OBORRAA1
@OBORRAA2
Jaalalaa jechuun maal jechuudha ?

Jaalalli miira dhiira tokko durba jaallachiisu yookaan durba tokko dhiira jaallachiisuutti harkisuu osoo hin taane, jaalalli humna dhiira tokko durbaa isaaf addaan baatee qophoofteef ykn durba tokko dhiira isheef qophaa'e tokko qofa hawwatuudha.
💕
Jaalalli murtii nama jaalataniif waan hundumaa obsuuti,murtii wanta namni jaallatan sun hin barbaanne gochuu dhiisuuti ,murtii dadhabbinaa fi hir'ina nama jaallatanii Firfirsuu dhiisuuti.
💕
Jaalalli murtii nama jaallatan sanarraa ijaa fi gurra gara bitaatti yookaan mirgaatti jal'isuu dhiisuuti,murtii nama jaalatan yoom iyyuu ,eessatti iyyuu amanuuti ,murtii nama jaalatanitti yoom iyyuu jajjabaachuti.
💕
Jaalalli miira osoo hin taane murtiidha.Jaalalli murtee nama jaalataniif haala kam keessaattiyyuu murtee waanta gaarii yaaduufii gochuuti.Jaalalli afuura waliif galuun waan fudhatamuufi wal qunnaamtii qaamaa ,kan sammuu fi hafuuraa kennamuudha.
💕
Namni jaalalaa ofkeessaa qabu hin inaafu,hin aaru,yakka hin lakkaa'u,ol of hin qabu,of hin tuulu .Jaalalli hundumaa obsa,hundumaa amana,hundumaa abdata,hundumaattis nijajjabaata.Jaalalli dandeettiin kamuu kan itti hin hir'annee dha.
💕
Namni tokko hiika jaalalaa yommuu kennu:Fedhii onnee irraa madde,dheebuu wal biraatti argamuu,kajeellaa,ijaan ilaalanii garaa keessaatti jaalalaan raafamuu jedha.Jaalalli inni lammaffaa ija isaa yommuu dhabsiisu Jaalalli jaamaadha jedha.

Maddi :- Kitaaba Amala namaa fi iccitii jaalalaa irraa galatoomaa !

Via

Yoo xiqqaate ♥️ tuquu hin dagatinaa!
~@maddajaalal
Yaaddon kee na miidhe...

Torban lamaan dura
Si arguuf dharra'ee
Hamma siin wal arguuf
Qalbiin koo rarra'ee

Galata ilaahii
Kan waliin nu gahee
Anoo siin wal argee
Abbaa carraa tahee

Jaalala keetirraa
Yaaddon natti cimee
Anaa dhufu jedheen
Gammachuun si simee

Siin wal gahuu kootif
Ta'ee abbaa carraa
Si obsuu hin danda'uu
Hin fagaatin narraa

Hiriyoota kan kee
Hunda si caalchisee
Rabbiin si filatee
Kan ol si taasisee

Shahrurramadaani
Yaa shahra raahmataa
Kan keessa banamtuu
Balbalti jaannataa

Kan keessa cufamu
Balbalti azaabaa
Ayyaamamma'duudat
Guyyoota gabaabaa

Yaa shahrurramadaan
Taasa garaa laaftaa
Jaalalaan moo'attee
Hunda qalbii raaftaa

Hunduu siin walgarraan
Jaannata kajeelee
Kan kararraa dabees
Karaatti qajeelee

Kan duraan jallatee
Sheyxaanaf amanee
Meeqa si jaallatee
Ibliisin wal ganee

Kan qalbiin najasaa
Qalbii xahaarsitee
Kan waliin oodullee
Walitti araarsitee

Lafa guutuu ibse
Ifaan kee hanga'ee
Urgaan foolii keetii
Addunyaa wal ga'ee

Qalbii musliimotaa
Kan miiccee micciirtee
Guyyaa muraasatti
Nama hundaa jijjiirtee

Kanaaf na mararta
Kanaaf si jaaladhaa
Sirraa milkaahuudhaf
Rabbii kan koo kadhaa

Musliimota meeqa...

Siin wal arguuf jedhee
Osoo boossu qalbiin
Guyyaan isaa gahee
Kan fudhate rabbiin

Yaa shahrurramadaan
Maaf garaa jabaattaa
Suuta deemi malee
Maalif akkas kaattaa

Si bira osoo jiruu
Si yaadara anii
Har'a meeqa jennaan
Naan jedhan kudhanii

Amanuu dadhabee
Qalbiin kan koo nahee
Osoo lama jedhuu
Eessaa kudhan gahee

Yaaddon kee na miidhe
Anatti jabaatee
Na dhiiftee kophatti
Atoo deemuf kaatee

Hundaaf garaa laafta
Hundaaf kennaa hirtaa
Nu dhiiftee deemuudhaf
Akkas fiigaa jirtaa...???

Osoo tokko hin jedhin
Kunoo kudhan geessee
Anoo jaalalli kee
Qalbii na madeessee
Na dhiiftee deemuudhaf
Akkamiin dandeessee

Gabroottan rabbiitif
Ati bar badhaasaa
Dhaamsa koo dhagahi
Mee sittan hasaasaa

Atoo keessummaadha
Keessoo koo siif himaa
Rabbiin na haa tolchuu
Anallee kaatimaa

Gaaf guyyaa qiyaamaa
Mee ragaa naaf ba'ii
Jaannata akka seenuf
Sababa naaf ta'ii

Lakkaa'amee hin dhumu
Anoo badiin kiyyaa
Irkoo biraa hin qabuu
Rahmaan sumatti iyyaa
Ammas fuulduratti
Danuu qaba niyyaa

Niyyaa koos naaf guuti
Badii koos naaf dhiisii
Jaannatal firdoowdin
Mee na gammachiisii

Rakkoo baay'ee qaba
Keesson koo madaadhaa
Keessa koos argitaa
Sumatuu ragaadhaa

Rahmaan na milkeessi
Yaada koos naaf guutii
Osoo naaf hin darbin
Na hin fudhatin duutii

Yaa arahmarrahimiin
Hundaa sitti himadhee
Shahrurramadaanin
Gammachuun simadhee

Atoo na taasisi
Nama irraa milkaa'uu
Jaannata bareedaa
Lagni jala yaa'uu

Ati na badhaasi
Yaa mootii aalamaa
Atoo na milkeessi
Milkaa'un haajamaa

Osoo hin milkaa'in
Yoo baane gargarii
Isa bara dhufuu
Maaltu beeka tarii

Yaa jamaa musliimaa
Waa isiniif himaa
Yeroo hafte tanaan
Ibaadatti cimaa

Kan qoosan dabarsan
Warra abaaramuu
Rahmaan nu taasisi
Warra baraaramuu

Waanta fuuldura kee
Kan beeku rabbumaa
Siif ta'uu danda'aa
Ramadaana dhumaa

Ibaadatti cimaa
Du'aayii jabeessaa
Warra baraaramu
Kurnan boodaa keessaa

Rabbiin nu haa godhuun
Dhamsa koo dhumaatii
Halkan milkiin isaa
Kan baatii kumaatii

Nu haa Badhaasu kaa
Mootin dachiif samii
Badhaasni gabrootaf
Kana caalu kamii..?

Gabaasuudhaf ture
Dura kan koo yaannii
Tasa osoo hin beekin
Naan lixe galaannii

Bishaan daakee hin toluu
Rabbuma koo kadhee
Bahaarirraa maankan
Bichuu habbuuqadhee

Yaadaan osoo fiiguu
Akka abidda saafaa
Daakee qaxxamuruuf
Humni kan koo laafaa

Damma osoo mi'aawu
Yoo dhume dhiisanii
Du'aayii naaf kadhaa
Xumureera anii......
@maddajaalal
@maddajaalal
🔯duran duresa warrotan amantii muslima maraf baga ayyana Eid fixiritin baga nagayan isin gehe ayyana kan jalala, kan gamachu,kan tokkuma,isinif ha tohuu
HINAAFFAA. 😔

Hinaaffaa diina jaalalaa
Hamaaf amala rakkisaa
Hin tolu hin mullatu
Namaaf hin galu akkisaa

Summii jaalala dhugaati
Deemsa kaayyoo gufachiisaa
Bultii namaa gidduu seenee
Onnee namaa mufachiisaa

Hin mil'atu halluun qabu
Caasaa sammuu keessa fiigaa
Akka bubbee galaanarraa
Bultii namaa seenee diigaa

Waan hin jirre jira jedhaa
Komii kaasa ragaa malee
Hidhaa Jaalala laaffisa
Jaalalleewwan gidduu galee

Maaluma ta'e inni
Maaf hin badu nama keessaa
Hinaaffumti dhibee ta'ee
Maaf onnee nama madeessaa

Wal amanuun buluu wayya
Shakkii tokkoof jibba malee
Hinaaffaa balleessuu wayya
Akkan horre rakkoo dhalee

Hinaaffaan jiruu diiga
Vaayirasii jireenyaa ta'ee
Abdii nama kutachiisa
Sammuu namaa gubbaa ba'ee
Kanaaf booda diigamuurra
Amanamuun hunda dursa
Jaalala jaalalaan qixxee
Bultii namaa obsaan tursaa

Utuu hinaaffaan hin jirree
Jaalalaafi bultii namaa jidduu
Haasaa hedduun hin danda'u
Bultii namaa seenee hidduu

Kanaaf dhiisuu wayya
Hinaaffaa diina bultii
Jireenyi jaalalaa silaa
Hinaaffaa malee toltii
.
.♥️ @maddajaalal
#Dhaamsa

♥️ 1. Jaalalli yoo ati dhugaan kunuunsite yoomiyyuu hin xoolagu.
♥️ 2. Dubartiin takka akka jaalalleen ishee ishee dhiisee nama biraa hin jaalanne gochuuf, jaalala shakkii of keessaa hin qabne kennuufii qofaani.
♥️ 3. Jaalalti bareeduma osoo hin taane miira wal harkisa nama lamaa jidduu kan maddudha.
♥️ 4. Nama jaalattu tokko akka sin shakkine yoo feete ati dursii shakkii irraa fagaadhu.
♥️ 5. Namoonni hedduun kan jecha 'sidura nama hin jaaladhe' jedhu kana fayyadaman warra jaalalti hin
Galinifii
@maddajaalal
Watch "Abdumalik mohamed" on YouTube
https://youtube.com/channel/UCnef8hyzqFjeFl62KhoF-yQ
●Koottu gara kiyya
●Pantii kee ofirraa baasi
●ana gubbatti ol bahi
●sirritti narra gadi taa'i
●hamma Gammachuu kee xumurtutti.
.
.
.
Kanaafu jaalachu qabda mana fincaani🚽

Yoon waan biraa yaaddee jiraatte Rabbiin siif haa araaramu!😁😂😁
T.me/maddajaalal
#Oduu_Simbirtuu

Sa'uudi Arabiyyatti baatiin waan mul'atteef Ramadaanni har'a galgala jalqaba.

Baga ittiin nu gahe.Ahlan yaa Ramadaan

Ramadan 1(Wiitaxa/Isniina/Sanyoo)
~Taraawiin har'a jalqaba.

@maddajaalal
2024/05/10 04:13:43
Back to Top
HTML Embed Code: