Telegram Web Link
Duutis nutis walii fira
Du'uu dura jireenyis jira
Sodaa du'aa hin qabnu
Bakka rabbi nuu fedhe takka hin hanqannu
Akkasumaan dadhabdan
Humna nu balleessitannin takka hin qabdan
Laftis namnis keenna heddu
Dhagahi sii hima waan jabdu
Kalees nu ajjeestan
Hardhas yoomu nu dhiistan
Akka keessaniimi hardhas jirra
Duutis nutis walii fira
Haylasillaasee
Waan isaa irra maal beeytu Hayla ( humna ) sillaasee ( waaqa sadeen Abba, ilma , hafuura qulqullu ) jechuu ufii maaggafate seena isaa baldhinaan walitti deebina
Ati beekaa dha ?
Eeyyen beekaadha waan beektu sanitti beekaadha hin shakkin
Walitti bu'iinsa bishaaniif dhagaa giddutti uumamu keessatti yeroo cufayyu kan moo'u bishaani sababni isaa bishaan sabri ( persistence ) waan qabuufi sabrii qabaadhu
Waliin galuu dura walii galaa

Kadhimatoota bona kana keessa walfuutan hundaaf yeroo heddu ijoollen dubbi faxatani warraan booda warran gahu kunniinis 67 % hin ta'an boodarra takka deesse jennaan Wal gad dhiisu sababni osoo walii hin galin waliin galan waan ta'eefi
LOLAAN DHIIGA FAKKAATU GANDA INDOONESHIYAA GUUTE

Lolaan dhiiga fakkatu sanbata tare magaala indooneshiya keessa lola'aa ture

Naannon kun halluu Fi shaamaa aadaa huchuuf oolu oomishuun beekama

Miidiyaa hawaasumma gubbatti namootni kumaatamaan lakka'aman lolaa hallu diima dhiiga fakkatu qoodaniiru qondaalla nannichatti sodaa balaarra jiru suurichi dhugaa ta'uu mirkaneesse jira

" Lolaan diimaan kuni sababa hallu diimaa waarshaan itti fayyadamuun kan uumameedha " jedhe diimaas arga yuda reuters tti hime

" Yeroo booda rooba waliin yoo Wal maku Ni bada "

Kana dura laggen pekalongan sababa waarshaan kanaan bishaan hallu magariisatti geeddarmee ganda biraa keessa akka lola'e reuters gabaasee jira

Indooneeshiyaa yeroo heddu lolaan kan rukutamtu yoo ta'uu jalqaba Wagga kanaatti magaalaa giddutti Jakarta keessatti lola'een yoo xiqqate namni 43 lubbu isaani dhabanii jiru

Anga'oonni naannicha erga lolaan hamaan bara 2013tti biyyatti rukutee as rooba hirdhisuuf jecha mala ' cloud seeding' jedhamu kan xiyyaronni keemikaal hurritti naqan fayyadamuu eegalanii jira

Maddi BBC
Yaa ummata kenna waa nu dhiban
Guyyaan Har'aa Tahe!

Guyyaa ashaaraan ulamootaa fi daa'iiwwanii oromiyarratti cuqaafamte,guyyaa abdiin abjuu ture bara dheeraa booda keessa dhugoome,guyyaa onneen dheebuun dhama'aa turte dhama habbuuqqatte,guyyaa fireen majlisa orjinaalaa lafa qabatamaa irra buute,guyyaa majlisa foorjiidii huccuun irratti gubatte...

Ammajjii 30 /5/2013 guyyaa biqiltuun dhaloonni jala qubatu keessa gadi dhaabamte,guyyaa caayaa liigii hundeeffama ulamootaafii daa'iwwanii keessa bu'uure!

Fuula fb ©Qilleensi Nasrii bubbise irraa fudhatame
Guyyaa har'aa Hiriirri mormii Oromiyaa godinoota gara garaa keessatti adeemsifamaa jira.

Shaashamannee
Qarsaa
Yaabeello
Asaboot
Gimbii
Naqamtee
Ademsifame jira

©Farhan Abdussalam
Turtii Guyyoota Muraasaan booda walitti deebinee jirra ...!!!
Yoomu sin dagannu hace koo

@miateyen
#yellow challenges
Oduu Ammee


Obbolleysii keenya takka kan Engineerin Eebbiifame hojii Arkate ja'an🤣🤣😀😀


@miateyen
Jawe ko si jaalanna ani akka Maata koo fi akka warra mati #RIIDITTI OFFICIAL


@miateyen
Namni oromoo taatee Barreefama kana dubbistee bira darbites Seenan si gaafata. Hanga dandeessun Oromoo mara biraan gahuuf yaali.

Yaa Abbooti amantaa,
Yaa Abbooti Gadaa,
Yaa Haadholii Siiqqee,
Yaa Jaarsolii Biyyaa,
Yaa Abbaa Gosaa,
Yaa Abbaa Qe'ee,
Yaa Activistii Oromoo,
Yaa Artistii Oromoo,
Yaa Dhaabilee siyaasaa ABO fi KFO,
Yaa Waldaalee Maqaa Oromoon gurmooftan,
Yaa Ummata Oromoo,
........ Ammatti Waan tokko qofa nuuf godhaa. Akka gootanis gootanii Hayyoota keenya rabbiin kadhaati Akkuma lagannaa nyaata dhiisanii gara nyaata deebi'an godhaa maaloo... Qur'aana, Macaafa Qulqulluu, Siinqee, Bokkuu, Marga qabadhaa dhaqaati akka as deebi'an godhaa maaloo... osoo oromoon akkatti isin kadhatuu kana hin raawwattan taanan itti gaafatama seenaas, seeraas jalaa hin baatan. Isin achumatti bira dhaabbadhaa... Nuti Qeerroon Mana sanii numa baafanna. Yeroon isaa boru ykn iftaan ykn ganama ykn galgala osoo hin taane amma. Amma sa'aa kanatti. Kan nyaatarra jirtu nyaata ol ka'i. Kan rafaa jirtu dammaqi. Kan deema jirtu deemsa kee gara hayyoota garagalchi.... YAA OROMOO.

Yaa WAAQ aaga nu dhageessisi.

#share_waliif_godhuun_sagalee_hidhamtoota_haa_taanu.
#Freealloromopoliticalprisoner

Namni oromoo taatee Barreefama kana dubbistee bira darbites Seenan si gaafata. Hanga dandeessun Oromoo mara biraan gahuuf yaali.

#share Kaneni
Wallaga lixa gimbitti
Poolisoota Oromiyaatiif:
Hiriira nagayaatu geggeeffamaa jira. Akka hiriira PP dhaaf bahame sanitti kanas kabajaa. Ijoollee adamsuu dhiisaa. Yeroon kun hin turtu dhihootti darbiti. Mootummaan ni kufa; saba keessantu isinitti hafa.
Barata ganama har'a
#yaabalotti harka diinatin Waregame
Oromo protests
2025/07/13 20:45:04
Back to Top
HTML Embed Code: