Telegram Web Link
Waaqayyo gaara fuula kee duraa akka kaasuuf hin kadhatin; humna ittiin gaaricha yaabdu akka siif laatuuf kadhadhu! โ›ฐ

Obbole, gammachuun rakkina keetiif furmaata argachuu keessaa dhufa malee rakkina dhabuu keessaa hin dhufu. Dhalli namaa yoo rakkate guddata! ๐ŸŒฑ
๐Ÿ‘10๐Ÿ”ฅ5
Wantoota gurguddoo sadan, dhalli namaa jireenya gammachuu fi boqonnaa qabu akka jiraatuuf isa barbaachisan

1. Birmadummaa (Autonomy) ๐Ÿคธโ€โ™‚๏ธ

Mirga hiree jireenya ofii ofiin murteeffachuu yoo ta'u, dhiibbaa filannoo jireenyaa qaama alaan dirqisiifamanii murteeffachuurraa bilisa ta'uu haammata. 

2. Hariiroo (Relationship)
๐Ÿ‘ฌ

Dhala namaaf hariiroo gaarii namoota naannoo isaatii fi uumaa isaa waliin qabaachuun gammachuu jireenya isaarratti dhiibbaa guddaa uuma. Hariiroo gaarii maatii, hiriyootaa fi jaalallee (dhiirsa, niitii) ofii waliin qabaachuun mallattoo  milkaa'inaa isa tokko

3. Ga'umsa (Competence) ๐Ÿ’ช๐Ÿพ

Madda gammachuu fi boqonnaa kan biraan, dachee kanarratti nama ga'umsa qabuu fi dorgomaa ta'uu ofii mirkaneeffachuudha. Kennaa fi dandeettii keessa ofii jiruun hojjechuun safartuu ga'umsa kanaati. Namoonni karaa ittiin ga'umsaa fi kennaa isaaniitiin dacheerratti tajaajila laachuuf rakkatan jireenya gaddaa fi hadhaa'ummaaf saaxilamu.

Wantoota kana sadan haala kamiin fooyyeffachuun jireenya gammachuu fi boqonnaa qabu akkamitti akka jiraannu yeroo yerootti chaanelii keenyarraan nii argattu!

@moufi
@moufi
@moufi
๐Ÿ‘20๐Ÿ”ฅ2๐Ÿ‘2
๐™๐™ค๐™ค๐™ง๐™ข๐™ช๐™ก๐™–๐™– ๐™จ๐™–๐™ก๐™ฅ๐™๐™–๐™–!

Waan nama gammachiisu yaadaa gadduun, waan nama gaddisiisu yaadaa gammaduun hin danda'amu!

Miira keetiif yaada ati yaaddutu sababa. Miira gaarii filachuuf yaada gaarii filachuun dirqama ๐ŸŒฑ
โค15๐Ÿ‘5
Jechi durii, "Wantoota gochaadhaan baranna" jedhu sun haqa ๐ŸŒฑ
๐Ÿ‘2
Salphaadha! Waan hawwite mara hin nyaatin. Sochii qaamaa hojjedhu. Dubbannaa bareedaa fi qajeelaa dubbachuu shaakali. Hin sodaatin. Yeroo kee interneetiirratti gubuu dhiisii kitaabilee dubbisi. Yeroo mara waan haaraa baradhu. Hirriba ga'aa rafi. Jijjiirama hin sodaatin. Nyaata kee yeroo fi haala qaama kee ijaaruun nyaadhu.

Chaanelii keenya #share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa!
#share
#share

@moufi
@moufi
@moufi
๐Ÿ‘11๐Ÿ”ฅ2
๐Ÿ…“๐Ÿ…—๐Ÿ…๐Ÿ…๐Ÿ…œ๐Ÿ…ข๐Ÿ… ๐Ÿ…—๐Ÿ…๐Ÿ…ก'๐Ÿ…๐Ÿ…
Forwarded from Marraaga Istooyisizimii
Nutu dadhaboo fi laafoo ta'e malee namoonni dachee kana geeddaran nurra caalanii miti ๐Ÿ’ช๐Ÿพ๐ŸŒฑ
๐Ÿ‘20โค2
Erga fiilmii ilaaluun kee hin oollee..

Fiilmiin seenaa dhugaa namicha dureessaa fi motivational speaker beekamaa kan Kiris Gaardiner jedhamu irratti qophaa'e kun namoota baayyee onnachiisuun sababa milkaa'inaa namoota hedduuf ta'eera; har'as qalbii kumaatamootaa booji'aa jira. Hiyyummaan inni keessa ture baayyee rakkisaa waan tureef haati warraa isaa qofaatti isaa fi ilma isaanii isatti dhiistee yeroo adeemtu, Kiris mana kiraa isaa kaffalachuu dadhabuun waggaa tokkoof mana malee ilma isaa waliin jiraateera.

Egaa, nama wal'aansoo jireenyaa onnee guutuudhaan qabeef aduun lixxee hin haftu mitiiree?

Seenaa isaa isa hafe isinumti fiilmii sana ilaaluun barachuu dandeessu!
โค17๐Ÿ‘4
Faayidaan dhiphachuu tokkollee hanga yoonaatti kan beekame hin jiru.

Yaadi malee hin yaadda'in. ๐˜ฟ๐™๐™ž๐™ฅ๐™๐™–๐™˜๐™๐™ช๐™ช๐™™๐™๐™–๐™–๐™ฃ ๐™œ๐™ช๐™ฎ๐™ฎ๐™–๐™–๐™– ๐™ฉ๐™ค๐™ ๐™ ๐™ค ๐™Ÿ๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ฉ๐™ฉ๐™ž ๐™™๐™–๐™—๐™–๐™ก๐™–๐™˜๐™๐™ช๐™ช ๐™๐™ž๐™ฃ ๐™™๐™–๐™ฃ๐™™๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ isa jedhame yaadadhu. 

๐ƒ๐ก๐ข๐ฉ๐ก๐ข๐ง๐ง๐ข ๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š ๐ ๐š๐›๐š๐š๐›๐ฌ๐š, ๐๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐›๐š ๐จ๐Ÿ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ช๐š๐š๐ฆ๐š ๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š๐š ๐๐š๐๐ก๐š๐›๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐š, ๐๐ก๐ข๐›๐ž๐ž๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐š๐ค๐ค๐š ๐ ๐š๐ซ๐š๐š๐œ๐ก๐š๐š๐Ÿ ๐ง๐ฎ ๐ฌ๐š๐š๐ฑ๐ข๐ฅ๐š ๐š๐ค๐ค๐š๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐š๐ฌ ๐ก๐š๐ซ๐ข๐ข๐ซ๐จ๐จ ๐ ๐š๐š๐ซ๐ข๐ข ๐จ๐Ÿ๐ข๐ข๐Ÿ๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ฐ๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง ๐ช๐š๐›n๐ฎ ๐ฅ๐š๐š๐Ÿ๐Ÿ๐ข๐ฌ๐š. 

โ’ฝโ“˜โ“   โ’นโ“—โ“˜โ“Ÿโ“—โ“โ“ฃโ“˜โ“  ๐Ÿ”ฅ
โค11๐Ÿ‘4
โค15๐Ÿ‘Ž3๐Ÿ‘2๐Ÿฅฐ2
Haqa!

Ati kun hamma namoonni si yaadanii fi hamma ofii kee yaaddurra baayyee caalta! ๐Ÿ”ฅ
๐Ÿ‘13โค5
Tooftaalee ittiin dubbannaa kee bifa miidhagaadhaan dubbachuu dandeessu! ๐Ÿ’ก

๐Ÿ’ฅ 1. Yeroo dubbattu jechoota afaan biroo hin fayyadamin. Jechoota afaan biroo fayyadamuun safartuu beekumsaa yeroonni itti mul'isaa ture darbeera.

๐Ÿ’ฅ 2. Dubbannaa kee keessatti sagaleewwan rarra'oo akka; aa, oo, ii fkkf fayyadamuu dhiisi. Jechoota kee walitti sirnaan fiduun yoo si rakkise tuqaa 4ffaa irra kan jiru fayyadami.
Akka kaabineetti hin haasa'in!

๐Ÿ’ฅ3. Dubbannaa kee suuta dubbadhu. Ariifachuun mallattoo dadhabinaati. Ati gaazexeessaas miti; kanaafuu suuta dubbadhu. Yaada kee hunda yeroo tokkotti dubbistee xumuruuf hin ariifatin. Maal du'atti deemaa jirtaa? Yeroo biraan jira ta'a! Boriif waa qusadhu!

๐Ÿ’ฅ 4. Dubbannaa kee keessatti gidduudhaan boqonnaa gabaabaa fudhu. Sekondiiwwan muraasaaf callisi. Akkas gochuun kee akka namoonni yaada kee hafe xiyyeeffatanii eegan gochuun miidhagina dubbannaa kee dabala.
Deebi'ees jechoota kee walitti hidhuuf si fayyada akkasumas jechoota dagatte yaadachuufis si gargaara.

๐Ÿ’ฅ 5. Namni si dhaggeeffachaa jiru dubbannaa kee dhaga'uuf qophii miti taanaan hin dubbatin. Maalif akkasumatti seelii qaama kee qisaasessita? Dubbannaa baayyisuun xumura teelomeerii dhala namaa ariifachiisuun umurii namaa akka gabaabsu hin beektuu?

๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!๐Ÿ‘

@moufi
@moufi
๐Ÿ‘41โค14๐Ÿ‘2๐Ÿค”2
Falaasama jireenya kee ittiin geggeeffattu qorii ilaali!
Jireenyi kee har'aa-borii ilaalchaa fi falaasama kee irraa akka maddu hubadhu
๐Ÿ’ก

Fkn. ๐™‰๐™–๐™ข๐™ฃ๐™ž ๐™Ÿ๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™ž ๐™˜๐™–๐™ง๐™ง๐™–๐™–๐™™๐™๐™– jedhu, jireenya isaa keessatti dhiibbaa uumuuf dandeettii qabu mara hin fayyadamu. ๐™‰๐™–๐™ข๐™ฃ๐™ž ๐™Ÿ๐™ž๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™ž ๐™˜๐™–๐™ง๐™ง๐™–๐™–๐™ฆ๐™ฆ๐™ž๐™ž๐™™๐™๐™– jedhummoo, tattaafachuu dhiisee callisee taa'uu hin danda'u!

Walumaa galatti, Jireenyi kee ilaalchaa fi falaasama keetii ๐ŸŒฑ
โค14๐Ÿ‘8๐Ÿ‘3
Jecha, "๐‘ฏ๐’‚๐’๐’ˆ๐’‚ ๐’“๐’‚๐’‚๐’˜๐’˜๐’‚๐’•๐’‚๐’Ž๐’–๐’•๐’•๐’Š ๐’š๐’†๐’“๐’๐’ ๐’‰๐’–๐’๐’…๐’‚ ๐’˜๐’‚๐’‚๐’ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’…๐’‚๐’๐’…๐’‚'๐’‚๐’Ž๐’๐’† ๐’‡๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’•๐’‚' jedhu kan dubbate eenyuu turee?
Anonymous Quiz
38%
Maartiin Luuter Kiing
33%
Neelson Maandeellaa
21%
Abirahaam Liinkan
8%
Maayelsi Muuniiroo
๐Ÿ‘8๐Ÿค”1
โš ๏ธ Har'a balbala sammuu keetii dura dhaabbadhu;

Yaadni gadi bu'aanii fi haamilee keetiif hin taane yeroo dhufu ol hin galchin!๐Ÿšซ
โค11๐Ÿ‘10
๐™บ๐šŠ๐š›๐šŠ๐šŠ๐š•๐šŽ๐šŽ ๐š’๐š๐š๐š’๐š’๐š— ๐š˜๐š-๐š”๐šž๐š—๐šž๐šž๐š—๐š๐šŠ๐š๐š๐šž.

๐Ÿท. Waan keessi kee itti hin gammadne hin raawwatin.

2. Dhugaa si keessa jiru dubbadhu.

3 . ๐™‡๐™–๐™ ๐™ ๐™ž jechuu hin sodaatin.

4. ๐™€๐™š๐™ฎ๐™ฎ๐™š๐™š jechuus hin sodaatin.

5. Jechoota haamilee kee tuqan ofirratti hin dubbatin.

6. Wantoota si bohaarsanirra wantoota si barsiisan caalchifadhu.

7. Hirriba ga'aa fudhadhu.

8. Karooraan geggeeffami.

9. Hiriyoota abjuu keetiif hin taanerraa adda ba'i.

10. Waaqa keetti dhiyaadhu.
โค25๐Ÿ‘13
Ammayyuu lubbuun jirtaa?


๐Ÿ‘‰ Ammayyuu abdii qabda!
๐Ÿ‘23โค3
๐๐š๐ซ๐ฌ๐ก๐ข๐ข ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฒ๐š๐š๐๐จ๐ญ๐š ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐จ๐จ ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐ง ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š

1. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’ ๐’‚๐’•๐’Š ๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’”๐’•๐’– ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’‚๐’•๐’Š ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’“๐’“๐’‚ ๐’„๐’‚๐’‚๐’๐’–๐’– ๐’‰๐’Š๐’ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’–!
Waanuma si marare mara hin bitin; karooraan geggeeffami!

2. ๐’€๐’๐’ ๐’™๐’Š๐’’๐’’๐’‚๐’‚๐’•๐’† ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’“๐’“๐’‚๐’‚ 10% ๐’๐’ ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’˜๐’˜๐’‚๐’…๐’‰๐’– (๐’’๐’–๐’”๐’‚๐’…๐’‰๐’–)
Mul'ata hojii gara fuulduraatiif si fayyada.  Wanti qusannaadhaan walirra bu'aa adeemu yeroo dheeraa booda guddachuu hin oolu.

3. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’†๐’† ๐’๐’Š๐’’๐’†๐’†๐’”๐’”๐’–๐’–๐’‡ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‚๐’“๐’Š๐’Š๐’‡๐’‚๐’•๐’Š๐’
Yeroo liqeessitu qarshii yoo siif deebi'uu dhiise si irratti dhiibbaa hin uumne liqeessi. Yeroo liqeessitu hundas akka kennaa namaaf laatteetti lakkaa'i.

4. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’ ๐’˜๐’‚๐’๐’•๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’š๐’š๐’†๐’† ๐’…๐’‰๐’‚๐’๐’‚ ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’„๐’‰๐’Š๐’”๐’‚๐’ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐’•๐’๐’Œ๐’Œ๐’ ๐’•๐’‚'๐’–๐’– ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ ๐’‰๐’Š ๐’…๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’•๐’Š๐’.
" Qarshiin gammachuu hin bitu" jechuun qarshiin hin barbaachisu jechuu miti. Qarshiin wantoota dhala namaaf baayyee barbaachisoo keessaa isa tokko ta'uu hin dagatin.
Qarshiif bakka guddaa qabaachuu keetiifis of hin ceepha'in; haata'u malee, waan hundammoo qarshiidhaan hin madaalin!

5. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š ๐’๐’Š๐’’๐’†๐’†๐’‡๐’‡๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’– ๐’Œ๐’†๐’†๐’•๐’Š๐’Š๐’ ๐’…๐’–๐’“๐’‚ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚ ๐’…๐’†๐’…๐’…๐’†๐’†๐’ƒ๐’Š๐’Š๐’ ๐’š๐’‚๐’‚๐’…๐’Š
Yeroo jettetti deebisuu danda'uu kee yoo shakkite rakkadhu malee hin liqeeffatin.
Liqiin hiriyummaa baayyee akka balleessu hin dagatin kanaafuu namoota dhabuu hin barbaannerraa liqeeffachuurraa of eegi!
" Qarshii liqeessuu jechuun hiriyaa ofii dhabuudha" Fyodor Dostoyevsky

@moufi
@moufi
@moufi
๐Ÿ‘23โค2๐Ÿ‘2
๐‰๐ž๐œ๐ก๐š ๐›๐ž๐ž๐ค๐š๐ฆ๐š๐š, " Yoo barrisuu dadhabde fiigi; yoo fiiguu dadhabde adeemi; you adeemuu dadhabde daa'imi, garuu yoo akkam ta'eyyuu gara fuulduraatti socho'uu qabda!" ๐ฃ๐ž๐๐ก๐ฎ ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ฎ๐ฎ ๐๐ฎ๐›๐›๐š๐ญ๐ž๐ž?
Anonymous Quiz
38%
๐Œ๐š๐ก๐š๐ญ๐š๐š๐ฆ๐š๐š ๐†๐š๐š๐ง๐๐ข๐ข
26%
๐€๐ฅ๐›๐ž๐ซ๐ญ ๐ˆ๐ง๐ฌ๐ญ๐š๐š๐ฒ๐ข๐ง
31%
๐Œ๐š๐š๐ซ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐‹๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ž๐ซ ๐Š๐ข๐ข๐ง๐ 
5%
๐„๐ฅ๐ž๐ง ๐Œ๐š๐š๐ฌ๐ค
๐Ÿ‘6โค2๐Ÿ‘2
๐Ÿ‡พ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฉ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฉ ๐Ÿ‡ญ ๐Ÿ‡บ !

Fอ†ฬบeอ†ฬบdอ†ฬบhอ†ฬบiอ†ฬบiอ†ฬบ ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐š๐š๐ง๐ง๐š๐š๐ง Gอ†ฬบuอ†ฬบfอ†ฬบuอ†ฬบuอ†ฬบ ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ!
โค18๐Ÿ‘2
2025/07/13 22:31:07
Back to Top
HTML Embed Code: