Telegram Web Link
Innii maalif akka deemu beeku, sababa dhaabbatuuf hin qabu.

Nagaan bula maati jaalala.πŸ’™
@moufi
@moufi
πŸ”₯7πŸ‘1
Gaafan galmakoo yaadadhu dhukkubakoo isa asiin dagadha. Kanaafan humnakoo fi beekumsakoo utuu hin qusatin hojjedha.

Nagaan oola maatikoo. πŸ’™
@moufi
@moufi
πŸ‘1πŸ‘1
Nama ta'u barbaaddu ta'uudhaf beekamti namni sii keennu hin eegin, amma iyyuu nama ta'uu barbaaddu sana ta'uu dandeessa.

Ati nama dinqiidha
@moufi
@moufi
@moufi
πŸ”₯7πŸ‘6πŸ‘1
Eenyu iyyuu siin si daangessuu hin danda'uu, garuu ati daanga ofiikeeti keesse darbitee deemu hin dandeessu. Kanaaf waan guddaa yaadi, waan guddaa karoorsi, waan guddaa yaali, waan guddaa hojjedhu.


Ati nama dinqiidha ibbo. πŸ’™πŸ’™
@moufi
@moufi
@moifi
πŸ‘7❀6
Baga miidhamte silaa abjuukeef kan ati hin miidhamne eenyutu abjuu fi jireenya keef dhufee sii miidhama? Nan miidhame jettee odeessa hin oolin challenge dabarsiteef, akkamitti akka moo'atte YouTube irratti search godhanii si dhageeffatu. Ati yaalu fi gatii sirraa barbaadamu baasukee itti fufii.


Ati dinqiidhaπŸ’™πŸ’™
@moufi
@moufi
@moufi
❀7πŸ‘4
Milka'insi akkaa balaa tasa bakka atti jirtutti hin dhufu, kaate yaalu, gaafachu fi beekukee gaafata kanaaf utuu kaane deemsa eegalle gaari ta'a.


Iddoo nagaa oola.πŸ’™
Ati dinqiidhaπŸ’™
@moufi
@moufi
@moufi
πŸ‘7
"Ganama maalif kaata?" jennaan "Cireekoo nyaachuf" jedhe hiriyyaankoo tokko utuu haasofnuu isin maalif hirribaa kaatu? Waan kun philosophy warra Japan ikigai jedhuu wajjin tokkodha. Soora Tube channel keessan kana qabatee dhufaa jira subscribe godhaa.
First comment kardi mobile 50 qaba.

https://www.youtube.com/@sooratube6030
❀5πŸ‘3
Baayye fiigu osoo hin taane, kallattii ati irraa deemtutu si milkeessa.

Torbee bareeda qabaadha.
@moufi
@moufi
@moufi
❀16πŸ₯°2
Utuun rafaa oole baayye natti tola turee, garuu waanta na hin rafisnetu jiraa malee.

Iddoo nagaa oolaπŸ’™.
@moufi
@moufi
@moufi
πŸ”₯8❀4πŸ‘3
Waanti cimaafi barbaachisaan karoorakee haasa toora galchattee namaa ibsuu miti, waanti barbaachisaan barii suubi utuu qorri isaa si hadoochu kaate kayyoo fi abjuukeef hojjechuudha. Hojiikee irratti hin qoosin jabaadhu hojjedhu.

Iddoo nagaa oola maati jaallatamo πŸ’™

@moufi
@moufi
@moufi
❀10πŸ‘3πŸ₯°2
Karoorri hojiitti hin jijiiramne, karoora miti hawwiidha male.

Hojiitti seeni waantota si danqan danquun iyyuu hojiidha.πŸ’™

@moufi
@moufi
@moufi
πŸ”₯4❀3πŸ‘3
Waggaa shan booda na fayyada jettee hin yaaddu taanaan daqiiqaa shaniyyuu itti hin balleessin!
πŸ‘9❀2
Sammuun kee addunyaa ati yaada keetiin uummattu (imagination) fi addunyaa qabatamaa (reality) gargar baasuun baayyee akka isatti ulfaatu qorannoowwan dhiyeenya dalagamaa jiran nii mul'isu. Ati ofii kee akka nama jabaa jireenya isaatiin wal'aansoo qabee injifatuutti yoo bareechitee yaadde, sammuun kees akkasumatti si beeka.  Dubbiin kun amanuuf baayyee ulfaataa waan ta'eef namoonni baayyeen fayyadamoo ta'uu hin dandeenye. Amma yeroo ergaa kana dubbistus, ajaa'ibsiifattee dhiisuu yookaan itti fayyadamuun mirga keeti.
Suuraan kee kan sammuu kee keessa jiru isa ati ofii bocitedha.
Gama biraan maqaa ittiin sammuun kee si waamu situ isatti himata jechuudha. Jabaa, dadhabaa, nama mul'ataa, nama hiika hin qabne, beekaa, wallaalaa... waan barbaadde jedhii yaadi, garuu sammuun kee akkuma ati itti himattetti si waama.
Namni injifannoo sammuu isaa irratti argannaan injifannoon alaan mul'atu akka salphaa ta'e beekamaadha!
πŸ‘9❀1
Qilleensa somba kee keessaa qabdaa?



Maarree ati milkaa'uuf ammayyuu abdii qabda! πŸ’ͺ🏾
πŸ‘9
Iccitiiwwan sadan sammuun keenya qabu kana qalbeeffadhu!

1. Sammuun keenya osoo qaamni keenya hin dadhabin dursee abdii kuta.
Kanaafuu, yeroo miira nuffiitiin guutamtu akka sammuun kee si gowwoomsaa jiru beeki!
Dandeettii qaama keetiitti fayyadami, dadhabi, dafqi, bututi. Sana booda galgala gaafa ciistu rafuuhin qabdu, du'uu qabda.  Wantoota ulfaatoo hojjechuu sammuu kee shaakalchiisi

2. Sammuun kee wantoota lama wal faana yaaduu hin danda'u!
Yeroo miira aarii, gaddaa fi abdii kutannaan guutamtu, wantoota qalbii kee bohaarsan raawwadhu, hiriyoota kee waliin yeroo dabarsi, dubbisi...
Hubadhu: Waan si gaddisiisu yaadaa gammaduu hin dandeessu!

3. Sammuun kee jabina ati qabdu caalaa dadhabina kee baayyee yaadata. Dogoggora kee hunda yaadattee of hin adabin; akkuma sanaan irraa baradhuu dagadhu.  Mudannoo kaleessaa, kaleessumaaf dhiisi. Kaleessi du'eera, har'aafimmoo nii barbaachista

Galatoomaa!πŸ™
#like #share #join
@mouf
πŸ‘8❀2πŸ”₯1
Obbole, guyyaa har'aa yoo xiqqaate waan gochuun sitti ulfaatuu tokkoo fi waan gaarii gochuun isaa si sodaachisu tokko raawwadhu!

Kottu akkasitti guyyaadhaa guyyaatti sodaa keenya sodaachisuutti guddachuu nii dandeenyaaπŸ‘ˆ
πŸ”₯6❀4
Yeroo kaayyoo keetiif murattee kaatu, namoota baayyeen deggarsa siif hin laatan. Haata'u malee yaa obbole, ofii kee biraas deggarsa hin dhabin. Warri har'a, " Ana malee akka inni milkaa'un ilaala" jedhan bor, " Deemeen milkaa'ina isaa ilaala" jedhanii gammachuu kee ilaaluu dhufu.

Jabaadhu, guyyaan ati karoorsite sun dhiyoodha!
❀8πŸ‘2
Dhoksaa barteewwan gaggaarii gabbifachuurratti James Clear yaada baayyee dinqisiisaa kitaaba isaa Atomic habits jedhu keessatti katabe kana yaa obbole koo qalbeeffadhu.
Yaadicha 'The plateau of latent potential' jechuun moggaase.
Namni hundi bartee bareedaa shaakalee qaama jireenya isaatii godhatu qaba; haata'u malee, kan milkaa'u baayyee muraasa. Kan nama gaddisiisu baayyeen keenya osoo hawwinuu hafna. Sababnisaa chart armaan gadii irratti arguu dandeessa.
Nuti bartee haaraa akkuma jalqabneen akka sarara isa halluu gurraachaan ol sararamee sana jijjiirama battala argaa adeemuu barbaanna.  Barteewwan keenya garuu akka isa halluu keellootiin achii ol dabee adeemuu sanadha; akkas jechuun ariifatee hin mul'atu, dhumarratti garuu isa nuti yaadnu sana baayyisee caalaa adeema. Har'a ispoortii eegaltee bor namootattis ofittis jijjiirama agarsiiftu hin qabdu; ji'a 2 yookaan 3 booda garuu namatu ofiisaatiin jijjiirama kee argee achii as si hubachiisa.


Guddina suuta eegalu kanaaf obsa dhabanii warri adeemsa isaanii dhaaban "valley of disappointment' yookaan hallayyaa mufannaa kana keessatti hafu. Jijjiirama battalaa ofirraa dhabanii kaayyoo isaaniitti mufatanii deebi'u.
Ergaa kanarraa fayyadamuun wantootan har'a itti gammadu baayyee bartee taasufadheera. 

Bartee gaarii barbaaddu faana dha'uun amma; sitti hin barfanne!
Obsaa fi kutannoo kee bobeessitee itti fufnaan, gaarri si fuulduraa hin baqne hin jiru!
πŸ‘6πŸ”₯3
2025/07/14 17:54:13
Back to Top
HTML Embed Code: