Gaaffilee afran jireenya kee geeddaruu danda'an
• Utuun hin sodaanne ta'ee maalan godha?
•Rakkina kana keessatti eenyuu na gargaaruu danda'aa?
• Faallaan wanti ani yaadaa jiruu yoo caalmaatti dhugaa ta'ehoo?
• Waan hojjechuuf nama gammachiisu yoo ta'e bifa akkamii qabaataa?
@moufi

👍12
Kaleessarra caaltee argamuu yoo barbaadde kaleessarra caalchiste hojjechuu qabda!
" Doofummaan waanuma wal fakkaataa hojjechaa, garuu firii adda ta'e eeggachuudha"
Albert Einstein
Tarkaanfii tokko isa kaleessaatti dabali, yaalii kan biraa tokko itti ida'i, yaada haaraa itti maki, isa kaleessaa caalaa itti dadhabi....

👍15❤3🥰2
Yeroo hojii mataa keetii eegaluuf karoorfattu gaaffilee armaan gadii if gaafadhu!
💥 1. Hojii kana sirnaan akka ana irraa eegamutti beekaa?
Tarii hojjettoota hojicha beekan qacaruun rakkina kana furuu yaalta ta'a; haata'u malee, yoo hojicha sirnaan hin beekne hojjettoota kee sana sirnaan to'achuu hin dandeessu.
Kanaafuu hojii sirnaan beektu filadhu.
💥 2. Hojii kana nan jaalladhaa moo qarshii qofaafan hojjechuu barbaadaa jira?
Jaalala hojichaa hin qabdu taanaan yoo biizinesiin kee qarshii maddisiisuu irratti booda hafe carraan abdii kutattee booda deebi'uu keetii guddaadha.
💥 3. Namootan gabaa keessatti faana dorgomu beekumsaan nan caalaa?
Namoota oomisha yookaan dhiyeessii keetiin faana dorgomtu biratti beekumsa kee madaaluun gaariidha. Haala maamiltoota qabachuu fi jaallatamummaa dhiyeessii keetii caalchisuu yaaduu qabda.
💥 4. Waan haaraan qabadhee gabaa itti ba'aa jiraa?
Maamila baayyinaan kan argattu waan haaraa yookaan fooyya'aa yoo qabattee dhiyaattedha.
Bakka namoonni muuxannoo yeroo dheeraa qaban jiranitti waanuma duraan ture qabattee yoo dhiyaatte carraan milkaa'uu biizinesii keetii baayyee xiqqaadha!

👍17❤1
Situ ofikee irraa abdii kute malee Rabbi guddaan iyyuu abdii sirraa hin kunnee.
@moufi
@moufi
👍25❤12🔥1
Beekumsi waan hin beekne barachuu yoo ta'u, ogummaanimmoo waan baratan sana hojiitti hiikuudha. Fakkeenyaaf, Yeroo dogoggora keetii fi namoota biroo irraa baratte sana irra deebitee dogoggoruu dhiistu, ati daandii ogummaa hordofaa jirta.
Ogeessa ta'anii hin dhalatan, dhalatanii ogeessa ta'u jechuufan jedhe.

👍20❤3
Abshaala waan taateef hanqinaa fi gufuu mul'ata keetii sirriitti hubatta; haata'u, malee abshaalummaan kun namoota baayyee mul'ata isaaniif jiraachuu irraa booda deebisa. Sababnisaa namoonni akkasii carraa milkaa'ina isaanii shallaguutti amanuun socho'u.
Mul'ati kee, garuu yeroo baayyee gowwaa ta'uu kee barbaada!
Akka inni carraa milkaa'uu dhiphaa qabu utuu beektuu milkeessuuf tattaafadhu.
Gufuuwwan sana akka nama hin beekneetti hojiitti seeni.
Walumaa galatti, sammuu keetti fayyadamuun akka nama sammuu isaatti hin fayyadamneetti mul'ata keetiif garba ta'i!

❤12👍5
Kan nama gaddisiisu hoolan Bara isaa guutu Bineensa bosonaan nyaatamu sodaata garuu dhuma irratti tiksee isaan nyaatama, atis diina kee caalmi namoota sitti dhi'oo jiran irraa of eegadhu.🙏
Iddoo nagaa oola.
@moufi
Iddoo nagaa oola.
@moufi
🥰15👍8
Bor har'arra nii caala jettee amantaa yoo qabaatte kun tarkaanfii milkaa'inaa jalqabaati.
Fuuldurri kee har'arra akka caalu hin amantu taanaan milkaa'uu hin dandeessu!
Amani!
Abdadhu!

❤20👍4
Hanga yoonaa faayidaan abdii kutachuu tokkoyyuu kan beekame hin jiru
🌱👍19
Utuu sammuu kee isa amma kunuunsitu caalaa kunuunfattee lafa har'a jiraattu yaaddee beektaa? ✈
👍18❤3
Karoorri ati qabdu guddaas haata'u xiqqaa, ati qofti garaa guutuudhaan akka gootaatti itti geeraraa adeemi!
Qalbiin kee miira gootni yeroo diina isaa argu qabaatu sana haa qabaatu! Iji gamnaa nii diimata jedhu mitiiree?
Hanga gufuu kaayyoo keetii mara humna caaltee galaafattutti boqonnaa ofiif hin laatin!
Ati goota; gootni dhugaanimmoo abdii hin kutu. Qofaa isaa kutata diinaatti gootummaadhaan fiiga malee 💪🏾
https://www.tg-me.com/MOUFI
Telegram
Jechoota Onnachiiftu
𝐀𝐧𝐢 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢!💙
𝐀𝐭𝐢𝐬 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 💙
𝐍𝐮𝐭𝐢 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 💙
𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐧𝐚💙
𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐧𝐧𝐚💙
𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐧𝐚💙
Inbox @gutexy or @fayeraT
Chaanelii namoota mul'ataa! 🔥
𝐀𝐭𝐢𝐬 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 💙
𝐍𝐮𝐭𝐢 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 💙
𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐧𝐚💙
𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐧𝐧𝐚💙
𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐢 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐧𝐚💙
Inbox @gutexy or @fayeraT
Chaanelii namoota mul'ataa! 🔥
❤10
Gabaajee 'WOWSE' jedhu kan afaan ingiliffaa (With Or Without Someone Else) yookaan afaan keenyatti (Namaa wajjin yookaan nama malee) jettu kana namoonni milkaa'oon mana isaanii keessaa iddoo arganitti rarraafachuun kan of yaadachiisan danuudha.
Mul'ata kee irratti namoota si gargaaran qabaachuun gaariidha; yoo namni si deggeru dhibe, garuu ati qofaa kee akka milkeessuu qabdu yaaduu qabda!
Yaadadhu! Namaa wajjin yookaanis nama malee ati mul'ata kee jabaattee yoo hojjette nii milkeessita!

👍3
Baga bara haaraa 2017 nagaan geessan!💥💥💥💥💥💥
Barichi bara nagaa, jaalalaa, fayyaa, milkaa'inaa fi tokkummaa nuuf haata'u!🌻🌻🌻🌻🌻

🔥10❤1
Sababni rakasa!
Maalif akka waan gochuu barbaaddu gochuu hin dandeenye daqiiqaa 5 gidduutti naaf barreessi osoon jedhee 100 naaf barreessuu nii dandeessa!
Waanuma ta'eefuu, sababoota si daangessan babarreessii achumaan baballeessiifan jedhe 💪🏾🌱

👍13
Waggootii digdama booda kan ati yaadattee gaabbitu, wanta raawwatte caalaa wanta raawwachuu dhiistedha!
Yaadadhu! Gochaa irraa of qusachuunis gaabbii qaba.
Mark Twain (Pirezdaantii Ameerikaa duraanii)
Yaadadhu! Gochaa irraa of qusachuunis gaabbii qaba.
👍19❤5
Kitaabilee dubbisi, 📚
Namoota muuxannoo adeemsa ati adeemuu barbaadduu 👬 adeeman faana yeroo dabarsi,
Amaloota milkaa'ina keetti gufuu ta'an injifadhu, 🤺
Karoora kee madaalaa adeemi 📑

❤13🔥7
🔥17👍7❤2