Telegram Web Link
Kitaaba Top five regrets of dying people jedhu kan afaan keenyatti gaabbilee gurguddoo shanan namoota du'aa jiranii jedhu kan Bronnie Ware katabde keessatti gaabbiin guddaan namoonni afaan du'aarra ga'an himatan,

𝑮𝒂𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊 1𝒇𝒇𝒂𝒂 : Utuun ija jabina qabaadhee jireenya mataa kootii jiraadhee,
jireenya namoonni jiraachuu koo barbaadan osoon jiraachuu dhiisee...! kan jedhudha.
Obbole, jireenyi kun jireenya keeti! Har'a yoo ofiif jiraachuun siif hin galle gaaftokko si gaabbisiisa!
Wanti ati abjuudhaan agartu baayyeen addunyaa sammuu keetii isa dhokataa (subconscious mind) keessaa madda.
Namni abjuu halkaniin argu sirnaan yoo hordofe waan jireenya isaa keessatti ta'aa jiruu fi ta'uuf jiruuf akeektuu sirrii argata!

Halkan Gaarii! 🛌
Wabi-sabi jechuun gaalee afaan warra Jaappaan yeroo ta'u haalota baayyee ulfaatoo keessatti miidhagina arguun gara caalutti darbuutti hiikama! 🔥
Tips for business

Tajaajilli ati maamiltoota keetiif dhiyeessitu kan dorgomtoota keetii yoo hin caalle, maamiltoonni kee mootota.
Tajaajilli ati laattu yeroo kan dorgomtoota keetii caalu, situ mootiidha!
Seeqi; uumaa keetti gammadi, obbole.
Har'as dammaqxeetta!
Dirqama milkaa'uu qabda; namoonni si jaallatan baayyeen milkaa'ina kee eegaa jiru! 🚶‍♂️
Maraakii jechuun jecha afaan Girikii yoo ta'u hiikaan isaa hojii hojjechaa jirtutti dandeettii, kalaqaa fi humna kee guutummaa dhangalaaastee hojjechuutti hiikama.
Ofii kee karoora keetti dhangalaasuun yeroo hojjettu, kaayyoon ati wal'aansoo ittiin qabdu utuu milkaa'uu dhiiseellee gaabbii hin qabdu! 🌱
Forwarded from Marraaga Istooyisizimii
Dhaamsa Marcus Aurelius guyyaa har'aaf 🙌

💥1. Yaadadhu! Utuu namni hin beekin nama gaarii ta'uu nii dandeessa! 🤗

💥2. Yaadadhu! Callistee ilaaluu keetiin yakka hojjechuu nii dandeessa! 😏

💥3. Yaadadhu! Yeroo mara mirga yaada dhabuu qabda! 💪🏾

💥4. Yaadadhu! Akka warqeen yookaan daayimandiin jajuu namootaan hin daballe yookaan tuffii namootaan hin xiqqaanne 😎

💥5. Yaadadhu! Akka duutu; warri si beekanis akka du'an! Beekamtiin kees booda akka sin fayyadne 🤷‍♂️

Meditation: Marcus Aurelius 📚

Oolmaa gaarii!
Mannneen hidhaa Biraaziil keessatti baayyina kitaabaa hidhamtoonni dubbisanii irratti hundaa'uun yeroon adabbii isaanii irraa hir'ataaf.
Namni kitaaba tokko yoo dubbise guyyootii 4 murtoo isaa irraa nii hir'ifata!

Ani kanan jedhu, nuti warri qaamaan birmaduu taane kun aadaa dubbisuu osoo qabaannee, yaadotaa fi ilaalchota nu hidhan baayyee jalaa waan baanu sitti hin fakkaatuu?
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Jireenya keessatti kaayyoo keetiif "wanti fedhe haa dhufu' jettee kutannoodhaan waan dhufu mara simachuuf qophii qabaachuu qabda!
Wanti gaariin yeroo ati hin eegnetti si mudatee yoo beeke, ammas irra deebi'ee si mudachuu danda'uu isaa beekuun qofti keessa kee gammachiisa!
Yeroo dureessi addunyaa kanaa Elen Maask, " Ani abdii kutachuudhaaf sammuun koo yaaduu dhiisuu qaba" jedhe jabina cichoominaa dhalli namaa qabaachuu danda'un hubadhe!
Iccitii gola sammuu keenyaa
(Subconscious mind)


Karoora guyyaa borii hojjechuu barbaaddu barreessitee buluun akka qaamni sammuu keetii inni dhokataan (subconscious mind) karoora kee guyyaa boriitiif qophaa'ee bulu taasisa.
Hayyoonni hedduun yeroo ciisan gaaffilee isaan dhiphisan barreessanii yookaan sammuu isaanii gaafatanii rafu sana booda sammuun isaanii deebii isaa barbaadee bula!

Nagaan bulaa; hirriba gaarii!🛌
Qajeelfama jireenya sadan

💥1. Waan barbaaddu faana yoo hin buune, waan feetu sana hin argattu.

💥2. Yoo hin gaafanne, deebiin isaa yeroo kara LAKKII dha

💥3. Yoo fuulduraatti hin tarkaanfanne,  lafuma jirtu sanatti hafta

@moufi @moufi @moufi
Yaa waaq, maalif akka har'a dammaquun koo barbaachise yoon dagadhe, na yaadachiisi; yoon hin beeknemmoo na barsiisi! 🙏
Hanga fuulduratti adeemtu qofa bakka amma jirturraa fagaatta!

Baayyee fagaachuu yaaddaa?
Baayyee tarkaanfadhu!
🚶‍♂️
Qajeelfama daqiiqaa shanii
(5 minutes rule)

Rakkina wantoota hojjechuu qabdu yeroo itti aanuutti daddabarsuu (procrastination) yoo qabaatte, qajeelfama daqiiqaa shanii kana fayyadami. Qajeelfamichi, wanti ati gochuu barbaaddu sun dhimma hanga daqiiqaa shanii qofa fudhatu yoo ta'e yerooma itti yaadde sanatti raawwadhu.
Fknf

💥Namatti bilbiltee waan himtu yookaan dubbattu qabda? battaluma bilbili!
.
.
.
@moufi
Guyyaa har'aa waan gochuun sitti ulfaatu tokko raawwadhu!

Akkasitti guyyaadhaa guyyaatti sodaa kee sodaachisaa jiraachuu nii dandeessa! 🔥
2025/07/08 10:33:48
Back to Top
HTML Embed Code: