Telegram Web Link
Wanti galma gahuu si dhoorgu humna , hiyyuummaa , dandeetti fi kkf fa'a miti HAMILEE .. qabaatuu dhabu qofaatu si daangeysa

@mubarek54
20
Cinqaan yeroo muraasa , ati jabaadhu... obsiis

@mubarek54
20👍2
Barumsa diinii fi akkaadaamiitiin busy tahi yeroo itti dilii dalaydu hin qabdu waan taheef 🥰

@mubarek54
22👍2
Diinni kee guddaan of toyachuu dadhabuu keeti

@mubarek54
20👍2
Rabbiin wayita si jaalate waan ati barbaaddu sirra tursiisuun si mokkora 'Alhamdulillah' ja'i

@mubarek54
19
Gurbaan kun James wood jedhama lammi Amerikaa oggaa tahu lolli “ghazzaa” keessatti akka hin dhaabbanne akka isaan lafaa duguugaman guyyuu waakkachaa ture.
Arraan tana ibidda “Los Angeles” keessatti ka’een manni isaa kan doolara amerika miliyeena kudhanii ol tahu jalaa gubate.
Media “CNN” irratti booyu ture.
Rabbiin qaba qaba malee nama hin lakkisu.
Ameerkaa duniyaan guutuun isii dura dhaabbachuu didde lola ghazzaa keessatti isra’ili wajjiin gaggeeysaa jirtu Rabbiin dandeeytii isaa isaan agarsiise.
Akkasumaa wajjiin Rabbiin nama nagayaa hunda haa tiiysu.
#Omer suleiman.
👍116
𝐒𝐚𝐡𝐚𝐚𝐛𝐭𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐲𝐞𝐲𝐲𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐟𝐭𝐞 :

Maqaan isaa Ahbaan ibnu Awsi Al-aslamii ja’ama.
Sahaabtichaa guddaa seenaan ajaa’ibaa isarraa argamtee sababa seenaa sanitti islaamawe.

Sahaabtichi kun osoo hin amanin dura gaara keessa re’ee isaa tiiyfata ,guyyaa Tokko osoo inni re’ee isaa tiiyfachu jiru yeyyiin Takka dhuftee re’ee isaa jalaa butuuf kaate.
Caheeti re’ee irraa buuse.
Yeroon tana yeeyyiin kun afaan arabaa ka adda bahaa taheen “Rabbi hin sodaattu ,rizqii Rabbiin naaf kanne na dhoorgitaa jattee isaa zigaalte.”
Sahaabtichi kun ajaa’ibeeti “Maali wanni akkana nama ajaa’ibsiisa ,yeyyiin dubbattu eeysaa dhufte ja’e?”
Yeyyiin “Waan tanarra si ajaa’ibsiisu ergamaa Rabbiitu dachii gaara lamaan jiddutti gama qajeellotti nama yaamu jira ati ammoo re’ee tee keessa teesseeti tapatta jatteen.”
Sahaabtichi kun re’ee isaa itti dhiiseeti ergamaa Rabbii ﷺ barbaade bira dhaqe oduu tana itti himee eegana islaamawe.
Maqaan isaa Ahbaan ibnu Awsiiti ,Abaa Uqbaa ja’ameeti beekkama.
Inni Tokko warra “Bey’atu ar-redwaan” Ergamaa Rabbii ahaddii godheeti.
Jireenya isaa gama booda “Kuufa” qubateeti achumatti zamana Umar ibnu khaxxaab keessa du’e.


@mubarek54
@mubarek54
🥰143👍2
Alhamdulillah Guyya 467 booda
🇮🇱🤝🇵🇸
Kha shahiideef jannata
Kha jiruuf umrii barakhaa
Kha mada'aaef fayyaa
kha hidhameed furmaata Rabbi haa fidu 🥰

@mubarek54
18
Gaddi ni deema...Gammachuunis ni dhufti, Guyyaa tokko Onneenis waan feetu ni arkatti!.❤️


INSHAA ALLAAH ❤️‍🩹


@mubarek54
24👍2
Hameenya namaa yoo agartu Rabbiin maaliif ''Jahannamiin '' akka uume ni hubatta! 😓

@mubarek54
😭17
Oduu gammachiistuu
Sheekhni Islaamaa jaalatamaan Sheikh Badri Al-mishaariin eega toora waggaa lamaa mana hidhaa Sa'uudii keessatti dabarse arra hiikamuun gabaafameera. Allaahu Akbar!

Akkuman Facebook seeneen oduu gammachiistuu tana dhagahe. Sheekhni Daa'ii beekkamaadha. Hundi keessan akka beeytan abdiin qaba. Ulama'oota Sa'uudii keessatti hidhaa jiran hunda walfaana Rabbi nuuf haa baasu!
24👍4
Makkatti dhalate » Mukarrama je'amte
Madinati godaanee» munawwaraa je'amte
Qalbi keesa qubate » muxahhara je'amte

صلوات ربي وسلامه عليه
MUHAMMED
23👍1
Jalqaba Amata haarayaa !

1.Jalqaba amata kanaa irratti hariiroo tee Rabbii keeti wajjiin tolfadhu.
Yoo dilii Takka ta irratti turte qabaatte ,nu cuftinu nama dilaawu, arraan tana guyyaa seenaa Towbaa teeti itti eegaltu siif haa tahu.
Yoo salaata irraa fagaatte Takkaa yeroo irraa booda aansite guyyaa arraa irraa yeroo irrattiin salaata ja’ii lubbuu teetif beellama seene ja’ii.

2.Jalqaba amata kanaa irratti hariiroo tee namaa wajjiinis tolfadhu.
Obboleessa isa murte ,saahiba isaan oodde ,fira firraa fageeysite ,ollaa isaan mormite hunda isaaniti wajjiin waraqaa haaraya Rabbiin jaalatu wajjiin jalqabi.
Duniyaan gabaabduudha waan irratti waliin oodne irratti wal xiqqeeysinu haqa hin godhattu.
Maal eeyna maalif hariiroo teenya waliin hin tolfanne qalbii isaan cabsine eega qabrii keessa kaayaman booda gubbaa dhaabbanne nama sabrii nuun ja’u qeebaluudha eeynaa ?
Faayidaan oggaa namni du’ee booyuu maali gaafa lubbuun jiranuu isaaniin oodu eega turre.?!
Haadha Abbaa keetiif ilmoo gaari tahi ,jaartii teetiif jaarsa gaari tahi,ilmaan keetiif Abbaa gaarii tahi..

3.Jalqaba amata kanaa qur’aana irra qooda Takka kan yeroo hunda qaraatu osoo bineensi si nyaatellee hin lakkisu jattee kan irratti kakattu goradhu.
Zikrirraahis hanga Takka ta dalagaan hanga feetellee si shaakaltu hin lakkifne goradhu.

4.Jalqaba amata kanaa waan faayidaa siif qabu Takka karoora goradhu.
Kitaaba dubbiftu ,Sagantaa bu’aa siif qabdu tan laaltee dhaggeeyfattu ,Ulamaa jala gad teeysee irraa barattu ,dalagaa ittiin if jijjirtu…uummachuuf yaali.

6.Jalqaba amata kanaa dalagaa dhooysa Takka tan siifi Rabbii kee malee hin beeyne goradhu.
Sadaqaa xiqqoo Takka tan osoo nama takkatti hin himne kannattu.
Raka’a lama salaata duhaa irraa kan amata guutu hin lakkifne…

7.Jalqaba amata kanaa diin kun siin tahu yookan si malettis tahu ol tahuuf jiraataa yaadadhu.
Yoo ati masjiida lakkifte ,nama biraatu isa jiraachisa.
Yoo ati qur’aana lakkifte, nama biraatu isa qara’a.
Namni kheeyrii dalagaatu gama Rabbii itti fufan hulaa jannataa malee irratti hin dhaabbatan.
Suma qofaatu kasaara yoo keessa hin jiraanne.

8.Jalqaba amata kanaa warri amata dabre du’ee hundi duuti fagoodha ja’aniiti yaadu turanii yaadadhu.
Akkuma yeroo salaata salaannu salaata dhaammanna salaataa ja’amnee ajajamnetti ,amatni kunis amata kee kan irraa boodaa tahu malaa kheeyrii dalagadhu.
Rabbiin sii dalagaa gaarii dalagatu akka umrii si dheereysuun Rabbi karadha.

@mubarek54
👍14
Heddu khofla hin heddummeysin , khofla heddumeysuun qalbii ajjefti

@mubarek54
20
Khatm Qur'aanaa ❤️
15
Baga ji'a Ramadaanaatiin isin gahe
8👍1
𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐚𝐟𝐫𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐧𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐢𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐠𝐨𝐫𝐟𝐚𝐦𝐢..!


Ibraahim At-teeymiinis akkana ja’a “Lubbuu tiyya akka nama ibidda keessa jiruu kan oowwa isaa dhandhamu ,shanshalata ibiddaatin hidhamu,bishaan danfaa ibidda keessa dhuguun ifitti fakkeeyse.
Eegana yaa lubbuu tiyya maal feetaan ja’een ?
Duniyaa irratti deebi’eetin dalagaan Azaaba kana jalaa ittiin bahu dalagadha naan jatte.
Ammaas lubbuu tiyya akka nama jannata keessa jiruu
Kan hariira isirraa uffatu ,bishaan jannataati fi foqiilee jannataa keessa taa’uun ifitti fakkeeyse.
Yaa lubbuu tiyya maal hawwitaan ja’een ?
Duniyaa irratti deebi’eetin dalagaa gaarii sadarkaa naaf idaatu dalagadha naan jatte.
Ati duniyaa irra jirta osoo guyyaa Tokko akkana sheenoyte if duuba deebi’uu hin dandeenye ka’ii dalagadhuun ifiin ja’e.!

@mubarek54
22👍2
Onneen waan jaalattu khadhatti rabbiin garuu, waan isii barbaachisu khannaaf!.🤝

@mubarek54
16👍1
"Nama Zuhrii dhaan Duratti Raka'aa 4 Salaate ammas Boodaanis 4 Salaate, ibiddi Jahannam isarratti Haraamii." Je'an Nabiin keenya ﷺ

@mubarek54
21👍1
𝑯𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂 𝒕𝒆𝒆𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒉𝒊𝒏 𝒋𝒂’𝒊𝒏..

Haadha teetin TV laalu jira na hagooyde na duraa hiiqi hin ja’in.
Haadha teetin Uf hin ja’in.
Haadha teetin jacha qalbii nama madeeysu hin ja’in.
Haadha teetin nyaata soogiddaatu irraa hir’ate hin ja’in.
Haadha teetiin bishaan naaf fidi hin ja’in.
Haadha teetiin ati hin baranne (wallaaltu) hin ja’in.
Haadha teetiin..haadha saahiba kiyyaati fi adaadaa tiyyaatu nyaata sirra godhuu beeka hin ja’in.
Haadha teetiin silaahiin ilmoo tee tahu baadhee maal qaba hin ja’in.
Haadha teetiin faxarri eeysa jira ?bunni eysa jira? Hiraatni eysa jira hin ja’iniin.
Haadha teetiin nyaata as naaf fidi hin ja’iniin.
Waantoota asii olii kana haadha teetiin hin ja’iin.!!
Isiin ifiif beelooyteeti Alhamdulillaah ati nyaannan an quufe sin jatti.
Isiin ifiif laalatteeti ani fayyaan qaba sin jatti akka ati hin dararamneef.
Jaalalti dhugaa duniyaa keessatti jaalala haati ilmoo jaalattuudha.
Umrii fi guddina haadha teetii kabaji ,laffaatii haadha teetii kabaji.
Haadha tee hammadhu ,adda isii irra dhungadhu ,
Isii wajjiiniis haasawi.
Moobayil haadha teetirraa akka si shaakaltu hin godhin.
Yoo cinqillee qabaatte fuula isii duratti kofali ,isiitu garaa isii keessatti si baadhate duniyaa tana irra akka dhuftuuf sababa siif tahe.
Ta siif jacha cinqattee..cinqattee..cinqatte isiidha.
Ani akka sahaabonni ergamaa Rabbii kabajanittiin haadha tiyya kabaja.
Ani haadha tiyya niin guddisa.
Ani haadha tiyya irrattiin sodaadha.
Hamtuu haadha tiyya xuuyxu irraa Rabbittiin maganfadha.
Haadha duute hundaaf Rabbiin rahmata bal’aa haa godhuuf.


@mubarek54
19👍3
2025/10/22 09:18:46
Back to Top
HTML Embed Code: