❤13👍3
Suuraan lama Qur'aana keessatti " ويل" jettee eegalti
1 { وَیۡلࣱ لِّلۡمُطَفِّفِینَ }
[Surah Al-Muṭaffifīn: 1]
2{ وَیۡلࣱ لِّكُلِّ هُمَزَةࣲ لُّمَزَةٍ }
[Surah Al-Humazah: 1]
1 qabeenya namaa keessatti
2 maqa balleessii namaa kessatti
Lachuutu irraa baqadhu ...khalaas
@mubarek54
1 { وَیۡلࣱ لِّلۡمُطَفِّفِینَ }
[Surah Al-Muṭaffifīn: 1]
2{ وَیۡلࣱ لِّكُلِّ هُمَزَةࣲ لُّمَزَةٍ }
[Surah Al-Humazah: 1]
1 qabeenya namaa keessatti
2 maqa balleessii namaa kessatti
Lachuutu irraa baqadhu ...khalaas
@mubarek54
❤10👍1
Yaa Rabbi !
Soomana , Salaata , Qaraatii Qur'aanaa , tarawiiha, tahajjudaa fi dalaguma kheyrii cufaahu anaafi nun jedhi

❤11👍1
Allaahu Akbar !!
Wallaahi hedduu nama Ajaa'iba. Namni suuraa isii armaan gaditti agartan tun, Umrii isiirraa amata 13 tti ija (qaroo/agartuu) isii dhabde. Gaafa heerumtee bultii ijaarrattu, ijaan hin agartu. Jaamaa dha. Haaluma kanaan ilmaan horte. Gaafa Umriin isii amata 70 geeysu, Hajjii godhuu barbaadde. Maallaqa ittiin hajjituus arkatte. Garuu Ka'abaa ijaan agaruuf hawwii qabdi. Kanaaf ija isii wal'aanuu barbaadde. Doktoroonni hundi akka hin dandayamne itti himan. Haala kanaan Hajjii godhuuf, Ilma isii wajjiin manaa bahan. Karaadhatti, Ka'abaa bira geenyee jachuun ammaa ammatti ilma isii gaafatti. Haala kanaan Ka'abaa bira gayan. Yeroo kana ilmi isii akka Ka'abaa bira gayanii jiran itti hime. "Yaa Rabbi! Osoon Ka'abaa tana ijaan hin agarin asii galuu hin qabu" jattee Rabbitti kakatte. Wallaahi ijji isii hogguusuma deebiteef. Ka'abaa agartee, "way Ka'abaan numa bareeddi" jatte. Ilmi isii as gara galee yeroo laalu ijji isii deebitee jirti. Maasha Allah!
Rabbiin waan hin dandeenye hin qabu!

❤22👍5
Vitamin "ص" ni beytaa
» salaata , soomana , sadaqaa , sabrii , saahiba gaarii
hunda nuhaaa waffaqu...
» salaata , soomana , sadaqaa , sabrii , saahiba gaarii
hunda nuhaaa waffaqu...
@mubarek54
❤25🥰1
Ibn baaz Rahimahullah akkana jedhe
@mubarek54
»
yoo dagatte maqaan Rabbiitiin alatti khakhate "لاإله إلا الله " jedhudha kuni kaffartaa isiiti.
@mubarek54
❤12👍2
" Akkuma urjiin warra ardiitiif gadi ifaa bultu: manni namni salaata halkanii (leylii) keessatti salaatus warra samiitiif ifaa bula "
Al-Hasan Al-Basrii
رحمه الله تعالى !
|| @mubarek54
Al-Hasan Al-Basrii
رحمه الله تعالى !
|| @mubarek54
❤9
Irra bareeddu waan Rasuulli ﷺja'ee 🥰❤️
»»»»»
● "gara jannataa laaleetiin irra hedduun isaanii hiyyeeyyiidha"
.
.
@mubarek54
»»»»»
● "gara jannataa laaleetiin irra hedduun isaanii hiyyeeyyiidha"
.
.
اللهم صلى وسلم وبارك على نبينا محمد
@mubarek54
❤17
Dhaamsa Maryam Abuu Duqqaan ilma isii Tokkichaa “Gheeysiif” osoo shahiidee hin tahin dura barreeysiteef..
Ati qabbanaa fi Ruuhii haadha teetiiti.
Wanniin an sirraa barbaadu akkaan sirraa gammaduuf dua’ii naaf kadhadhu ,narrattiis hin boohin.
Akka mataa kiyya ol na qabdu akka Aaqila taatee nama milkaawu taatuun sirraa fadha.
Akka abbaa qabeenyaa taatuun sirraa fadha yaa habiibii kiyya.
Yaa haadha tiyya akka ati gammadduuf waa hunda siif jachaan hojjachuu ture akka nan irraanfanneen sirraa fadha.
Akka atiis gammaddee jiraattu haala keetiis if eeyduun sirraa fadha.
Guddadhuu ,fuudhi eega fuute booda intala tee Maryam ja’ii maqaa kiyyaan moggaasi.
Ati jaalalloo kiyya ,ati Ruuhii tiyya ati irkoo tiyya ati ilma kiyya ka mataa ol na qabuuf taa’uudha.
Yaa “Gheeysi” amaanaa Salaata kee ammaas Salaata kee ammaas Salaata kee jabeeysi.
Haadha tee Maryam.
Gaaizxeeysoota Shanan Arra Gaz*aa keessatti Israa*eel ajjeefte keessa Maryam Abu Duqqaan isii Tokko.
Ilaa yoom dhiigni nama Islaamaa bishaan irra akkanatti rakisha ?!
Namni du’uu jiru kun hundi akkuma keenyatti kaayoo , hiree ,ollaa ,nama jaalatu ,nama isa jaalatu qaba.
Ammoo qadara Rabbiiti.
Rabbiin warra ajjeefame shahiidee ,warra jiruuf ammoo injifannoo haa kannuuf.

❤9😢1
❤11
Khatimaa baddu
Sheyxaanni wanti halkan akka ati dilii daleydee raftu fedhuuf akka ati achumaan haftuuf.
Khatmii nuhaa tolchu

🥰10❤4
Yeroo namni nuti jaalannu dhukkubsate “mokkara” janna.
Yeroo namni nuti hin jaalanne dhukkubsate “qixaaxa (adaba )” janna.
Yeroo nama nuti jaalannu musiibaan Takka itti buute “isaatu nama gaariidha “ janna.
Yeroo namni nuti hin jaalanne musiibaan Takka itti buute “Isaatu nama miidha “ janna.!
Qadara Rabbii fadhinnaa lubbuu teetii irratti addaan qoqqoodu irraa if eegi..nu hundi eeybii qabna osoo “satriin” Rabbii biraa taate nurratti jiraachuu baattee qaanfii irraa manaa gadin baanu turre.!!

Irra bareedaa hiika Ayata Tafsiira kaniin dubbise irraa..
Jacha imaam Al Qusheeyriiti..yeroo Nabi Suleeymaan “Hud hud “ oggaa dhabe ja’e :
“لَأُعَذِّبَنَّهُ عَذَابًا شَدِيدًا”
{Adabaa jabaan isa adaba }
Qusheeyriin akkana ja’a “Adabni jabaan isaa fii nama inni jaalatu addaan baasuudha.”
Namni nama jaalatu wajjiin adda bahuun akka nama uraa liilmee keessaan hafuura baafatuuti taha.
Yaa Saahiba kiyya irra bareedaan jacha Arabni ja’uu
“Nama jaalattun adda bahuun ,keessummaa (wallaalamaa) tahuudha.”
Rasuullinu ﷺ gama samii bahuun eega khadiija dhabe booda.
Rabbiin nama nama jaalatu dhabe dachiin itti rakkatti jachuu beekeeti isa sabbarsiisuuf gama samii isa ol fuudhe.!
Rasuulli ﷺ jaartii 11 qaba ammoo hanga Aakhira umrii isaatti “Nama Tokkolle ka bakka khadiijaa naaf caalu Rabbiin bakka naaf hin buufne jachuu ture.”
Nama biraa keessatti nama biraa hin barbaadin ,namni Tokkolleen bakka nama Tokko hin guutu.”
Share || @mubarek54

❤6👍1
Dr Muhammad Al - Arifiin akkana jedhu
Dubartiin takka guyyaa tokko natti bilbiltee "Yaa sheik! Ana sihiriin natti dalagamee jira. Namichi sihirii natti dalage immoo kakateetiin si hin fuudhu naan jedhe" jettee natti himatte.
Anis qorichi ni jiraati garuu obsuu dandeessaa? Jedheen. "Eeyyan nan obsa" naan jette.
"Maqaa Rabbiitti kakadhaa yoo qoricha seeraan fudhatte ni heerumta" jedheen. "Maal inni qorichi?" Jettee na gaafatte. Guyyaa hundaa irra deddeebi'aa
"Hasbiyallah Wani’imal Wakiil! " jedhi jedheen.
Wollaahi dubartiin tun ji'a tokko booda deebitee naaf bilbilte. "Yaa sheik! Gammachuu isinitti haa himuu na dhagahaa. Kaadhimaa bultii kootii argadheen jira.
Ciidhin kootis dhihoo kana godhama." Jechuun natti himte. "Akkamitti? " jedhee gaafadheen.
Zikrii "Hasbiyallaahu Wani’imal Wakiil!" Jettu irra deddeebi'ee jechuudhaaf hifadhee hin beeku naan jette. Subhaanallah!
Ergaan kun nama cinqaa keessa jiru hundaaf, nama dhiphateef, nama dhukkubsateef, nama miidhameef, nama haqa dhabee dararameef, nama deeyniin isa cinqiteef, akkasumas nama ilma argachuu dhabeef, nama gaddi isa xuqxe hundaaf kan taatuu dha.
Mee jedhaa👉Hasbiyallaahu Wani’imal Wakiil!"

❤7
"Jaarsaaf Gad hin jedhin, Ajaja isaatis fudhachaa hin oolin sirratti baxraanaa!" jettee hiriyaa (Geelee) isii gorsite.
Hiriyaan isii "Lakkii an bultii tiyya diiguu hin barbaadu" jettee jalaa didde.
Waan ajaa'ibaa tan "jaarsaaf hin ajajaminaa" jettee nama gorsaa turte sun, ji'a 1 qofa jaarsaa wajjiin jiraattee san booda hiikamte!
tan gorsa isii jalaa dhagahuu didde sun ammoo, jaarsa isiitii wajjiin ilmaanii fi qabeenyas horanii jaalalaan jiraachaa jiran!
Dhaamsa: waa'ee bultii keessatti Nama Beekkumsa ykn muuxannoo gahaa qabu malee kara deemtuu/Kara deemaa hundarraa gorsa hin fudhatin!