Telegram Web Link
Kitaaboota Dr. Myles Munroe
jireenya keessatti filannoo 2 qabda.
1. waan dabarsite yaadaa of ceepha'aa jiraachuu.
2. waan barbaadduf qabsaawuu.

sirritti itti yaadii filadhu.

@oromoinspire
@oromoinspire
GORSA
▬▬▬▬▬▬
➢ ️Namoonni hubaatoon nagaaf jedhanii dhiifama gochuu hin sodaatan.
➢ Namoonni dadhaboonni garuu hiika nagaa waan hin beekneef dhiifama gochuus hin beekan.

➢ ️Namni waan siin jedhutti hin dhiphatin!
➢ Waan hamaa akka hin gooneef garuu of eeggadhu!

➢ ️Anummaa kee hubachiisuuf baay'ee hin yaaliin!
➢ Namni akka si hubate osoo hin taane ati akka siif gale, akka si gammachiisutti jiraadhu.

➢ ️Eenyummaan kee kan madaalamu tilmaama namoonni siif kennaniin miti.
➢ Eenyummaan kee si keessa qofadha.

➢ Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne.
➢ Qofaa ta'uu malta.
➢ Namni si bira dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a.
➢ Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a.
➢ Yeroo dheeraa ati karaa irra turte si gaddisiisuu danda'a.
➢ Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphaachuu dandeessa.
➢ Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa.
➢ Ittuma fufii yaali!
➢ Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali!
➢ Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin!

➢ Jireenyi Gara-bal'ina si gaafatti.
➢ Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu.

➢ Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru.
➢ Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki.

➢ Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira.
➢ Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira.

➢ Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.

️Abrahaam Linken Maal Jedhe:-
⁃ Kaayyoo keetti cichi!
⁃ Har'a hin milkoofne jechuun bor hin milkooftu jechuu miti!
⁃ Har'a yoo hin taane bor ni ta'a!
⁃ Har'a yoo hin mijanne bor ni mijata!
⁃ Har'a yoo kufte bor ni mo'atta!
⁃ Har'a waan barbaaddu argachuu yoo baatte bor ni argatta.
⁃ Bor guyyaa birooti.
⁃ Waan inni qabatee siif dhufu hin beektu.

➦ Eeyyee eeyyee dhugaa hin beektu bor guyyaa birooti.


➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
➥ Waan yaaduu qabdu qofa yaaduu yoo dandeesse waan irraanfachuu barbaaddu ni irraanfatta.

➥ Akkasuma yaadolee gadhee hedduu jireenya kee balleessan jalaa miliquu dandeessa!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Never give up!!
@oromoinspire
Dubbiilee Dadammaqiinsaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Jijjiirama fiduudhaaf nama jalqabaa ta'i!
➲ Rakkina dhufu simachuudhaafis nama jalqabaa ta'i! Rakkina hin baqatin!
➲ Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a.
➲ Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi!
➲ Itti amani!
➲ Gonkumaa abdii hin kutin!

ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA!

➬ Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha.
➬ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha.
➬ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa.
➬ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

➦ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf.
➦ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Gorsa!!!
▬▬▬▬▬
➊. Iddoo Hundumaatti gaarummaa hojjedhu! Yoos maqaan kee bakka gaaritti waamama.
➋. Eenyummaan kee inni qajeelaan bakka oolteen utuu hin taane, hojii bakkichatti hojjetteen madaalama.
➌. Amma dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu hundumtuu gochuu danda'a waan ta'eef.
➍. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattudha.
➎. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely)


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromoinspire
@oromoinspire
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Oromoo English Dictionary.apk
5.7 MB
Hiikaa Jechootaa Afaan Oromoo gara Afaan Ingilishii kan hiiku yoo barbaaddan moosajii kana buufadhaa bilbila keessan irratti fe'aa!
2025/05/22 18:14:52
Back to Top
HTML Embed Code: