Telegram Web Link
#Kaayyookeef_gadi_jedhi!
~~~~
Kaayyoof gadi jechuun irra caalaa oljechuufi! Gad jedhanii kaayyoo ofiif jiraachuu caalaa jireenyi hiika qabeessi waan jiru hinse'u. Kaayyoof dhiiguunis qannoo madda hinqabnerra niwayya. Biqiltuu bor guddatee si tajaajilu tajaajiluun sirra jiraata. Mukni guddaan har'a gaaddisa sii ta'u, qilleensa qulqulluu siif gumaachu, dawoos ta'ee si fayyadu kaleessa akkana hinturre. Eeyyeen! Biqiltuu xiqqoo ture. Yoo bishaan dhabe kan gogu, ifa aduu gahaa kan barbaaduufi nyaata guddinasaaf barbaachisu kan eeggatu ture. Kanneen kana itti hir'isaa gaaddisa gaarii eeggachuun abjuudha. Garuu yoo kaleessa kunuunsiteetta ta'e, kunuunsa siif kenna; aduu sirraa dhorkuun gaaddisa aara galfii siif ta'a, qilleensa qulqulluu siif hiixata.

Yeroo biqiltuukee kunuunfachuuf olii gadi kaattu kana dadhabuu malta, beelaafi dheebuunis si rukutuu danda'a. Ijjikee dadhabbiikee har'aarraa gara aara galfii biqiltuunkee siif kennuuf jiruurra haata'u. Biqiltuukee bishaan obaasuuf gadi jechuun ogummaadha. Eeyyeen kaayyoof gadi jechuun ogummaadha. Kaayyookeef yeroo kennitee ofiif yeroo dhabuun homaa sitti hinfakkaatiin. Namoota kaayyoosaaniif muddaman kaayyoon aara galfachiifti. Waan tokko galmaan gahuuf akka namoonni biraan ta'an hintaane taata, falattees hinjiraachaa hinjirtu ta'a. Sitti hindhagaahamiin, biqiltuukee kunuunfachaa jirta.

Jireenyikee siif, biqiltuu harkakee keessaati. Hammuma ati har'a kunuunsite bor si kunuunsa. Gufuun har'a ati irra darbite gudeelcha ta'ee si eega; maal na dhibeenkee har'aa dhibamuukee yeroo itti aanuuf sababa guddaa ta'a. Kanaafuu, kaayyookeetti salgii dhiibuun sirra hinjiraatu. Kaayyookeef gadi jedhii boruu jireenyakee faayadhu. Jireenyikee suma harka jira; kunuunsi. Kaayyookeef jiraadhu!
~~~~

#Share share share
@oromoinspire
@oromoinspire
Barnoonni herregaa akkatti gammachuu ida'anii , gadda immoo hir'isan nu hin barsiisu , garuu wanti hundumtuu akka furmaata qabu nu barsiisa !!

👉join & share
@oromoinspire
@oromoinspire
Hiriyoota keessaniif #share & #channel kanatti affeeraa galatoomaa !

Yaadaa fi ergaa yoo qabaattan 👉@Hikaw nu quunnamaa. Galatoomaa !!
Akkaataa jireenya kee qajeelaa gochuu dandeessu.
————————————————
★ Yeroo kee sirnaan fayyadami

★ Sooshaal miidiyaa irrattis tahe iddoo hundatti namoota Negetive tahan irraa fagaadhu.

★ Yeroo mara gaafa hirriba dammaqtu 'nan danda'a' jedhii of amansiisi.

★ Jireenya keessa gufuun fi rakkoon akka baayyatu sammuu keetitti himi.

★ Wantootni faallaan yoo si mudatan malee milkaa'inni guddaan akka hin jirre beeki.

★ Jireenya kee keessatti taatee darbe hunda irraa baradhu malee itti hin gaabbin.

★ Rakkina si mudatu dandeettii kee faana akka madaalutti hojjedhu. Kanas gargaarsa namaa utuu hin gaafannetti.

★ Namoota jaallachuun hiriyoomfachuu aadaa godhadhu.
.
.
.
Kana hunda kan gootu ofitti amanamummaa gahaa waliin tahuu qaba.


#Join🔻
@oromoinspire
@oromoinspire
®"Jireenya koo keessatti kanan dubbachuu dadhabe yeroo tokko qofa. Innis namichi tokko gaafa 'Ati eenyudha?' jedhee na gaafate ture"

#Share
@oromoinspire
@oromoinspire
© Of Ta'i.
Gaafa akka eenyuu Ta'uu barbaadda siin jedhan.. Of ta'uun barbaada jedhiin. Addunyaa kana irratti kan uumamte of taatee namootaf fakkeenya akka taatufi malee Akka farda luugamamee namootan harkifamuu hin qabu!!

@oromoinspire @oromoinspire
Dhaloota Mul'ataa.pdf
8.7 MB
Kitaaba xiinsammuu dargaggootni dubbisuu qaban
Nama si miidhe tokkoof dhiifama gochuu Osoo hin taane , deebisanii amanuutu namatti cima!!
karaan QEEQA jalaa itti baatu tokko qofaatu jira innis.. HOMAA HIN HOJJETIN, HOMAA HIN DUBBATIN, WAHUMA TAKKA KEESSAAHUU HIN JIRAATIN.

kanaan ala garuu qeeqa hin sodaatin.

@oromoinspire 👉join
@oromoinspire 👉share
Rakkinni tokko yemmuu si mudatu fuulduratti ilaaltee hin sodaatin , akka joobiraa ol ka'iitii asii gadi ilaaliitii tuffadhu. Sabàbni isaas yemmuu gadi ilaaltu inni amma arbaa gahuyyuu tisiisa sitti fakkaataatii!!!!!

Share & join
@oromoinspire
@oromoinspire
Gammaduu dhaaf hunda qabaachuun sin barbaachisu isuma qabduun bashannani !!

@oromoinspire
@oromoinspire
Gorsa Koo Yeroo Hundumaa:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Lafa kana irratti namni tasa yookiin akkasumaan uumame hin jiru.
➋. Namni kophaa ofii jiraachuu danda’u hin jiru.
➌. Jecha ofiif kennitu ilaalladhu!
➍. Ilaalcha ati ittiin of miite caalatti kan si miidhu hin jiru.
➎. Jireenya keetiif eeggannoo cimaa godhi!
➏. Wantootatti of hin madaalin!
➐. Jecha namaaf utuu hin ta’in hojii keetiif iddoo kenni!
➑. Yeroo qabdu utuu hin dabarsin itti dhimma ba’i!
➒. Milkaa’inni fagoo miti, dhiyoo dha.
➓. Wanta dandeessu hojjechuuf of hin qabin!
ati Gatii tu sittii ba'e.


👉 Waan hojjechuu dandeessu hojjechuuf gatii si baasisu sodaattee fiixaan ba’uumsa irraa duubatti hin deebi’in! Wanti gatii guddaa qabu tola hin argamu.
Galatoomaa!
Turtii Gaarii!

@oromoinspire
@oromoinspire
Namoonni tokko tokko dadhabina warra kaanii haasa'uudhaan , cimaa of fakkeessu.

@oromoinspire
@oromoinspire
👉share & join
Taphni guddaan ilaalchaani

Leenci gaafa Arba argu uffee laaqana koon argadhe jedha , Arbi immoo yemmuu Leenca argu wayyoo bineensa na nyaatutu dhufe jedha. Leenci Mootii bosonaa kan jedhame bineensi ariitii, guddinaa fi humnaan isa caalu dhibnaan miti ilaalcha isaatu Mootii bosonaa isa godhe!!!!!
Atis yemmuu rakkinni tokko si mudatu akka leencaa tuffachuu qabda!!!

@oromoinspire
@oromoinspire
Jireenyi akka siif salphatu hin fedhin , ofii kee akka cimtu malee !!! Argitee namni waan guddaa barbaadu aarsaa guddaa kaffala, Sammuu kee injifannoo gurguddaaf malee isa salphaaf hin qopheessin!!!!
#invite
@oromoinspire
@oromoinspire
Amma isa Siif kaffalamu caalaa hojjechaa jirta taanaan , bor isa hojjettu caalaa Siif kaffalama!!

#hiriyoota keessan asitti affeeraa @oromoinspire
Addunyaa kanarraa guyyoonni lama Siif adda dha
@1Guyyaa itti gara addunyaa kanaa dhuftee,
@2Guyyaa itti maalif akka dhufte barte
Argitee fira koo namoonni iddoo guddaa gahan waan isaaniif kennaan addaa kennamee Siif immoo dhiise sitti fakkaachuu danda'a garuu kan isaan iddoo guddaa gahan maaliif akka dhalatan waan beekaniifi dha !!! Kanaafuu atis maaliif akka dhalatte bari !!!!!
@oromoinspire
@oromoinspire
👉Share 👉Join
2025/05/22 13:20:58
Back to Top
HTML Embed Code: