ለጥብሓ ሥጋከ ንሴሰዮ ወለነቅዐ ደምከ ንረውዮ ኢየሱስ ክርስቶስ በግዕ ዘቀራንዮ ለላህከ ገጽከ ንትሜነይ ከመ ንርእዮ                                                 ውስተ ስያሓ ሱራፊ ለስእለትየ ደዮ  ወበሕማመ ሞትከ አምላካዊ ለቁስልነ አጥዕዮ                  
(መርገፍ ዘተዓምረ ኢየሱስ)     
                                  
Yaa Hoolicha Qaraaniyoo Iyyesuus Kiristoos, Foon kee aarsaa ta'e irraa nyaannee burqaa Dhiiga kee irraa dheebuu baana.                                   Bareedina kee arguuf ni hawwina.                                             Kadhannaa keenyaa Xoofoo Suraafiitti nuuf dabali.                                                                            Yaa Waaqayyo, Dhukkubbii kee du'aaf si geessiseen madaa keenya fayyisi.                          (Margafii Ajaa'iba Iyyesuus )  
                                                               Baga Ayyaana Fannifamuu  Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nagaan isin ga'e.      
Faasikaan keenya Kiristoos nuuf qalameera.
(1QOr 5:7)
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!
"Gugeenis nannoo gara galgalaa afaan isheetii baala ejeraa siif haa qabattee Nohitti deebite"
Se. Uma. 8:11
Gugeen qulqulluu Nohi biraa ergamte Bidiruu ykn Yamala keessaa baatee gara lafa isa bishaan badisaatiin guutame daawwattee, bishaan ilma namaa balleessuuf dhufee sun eeyyama Waaqayyo ta'ee dhaabachuu roobaa fi goguu lolichaa himuuf mallattoof akka ta'utti baala jiidhaa qabattee gara Nohitti deebiteetti. Nohis yeroo kana bokkaan badisaa dhaabachuu fi laaqiin sun qooruu isaa bareetu maatii fi beelladoota akkasumas uumamoota qabatee gara doonichaatti seene hundumaa qabatee jireenya nagaa lafarraa eegale.
Kakuu haaraatti fakkeenya gugee kan taate haatii fi giiftiin keenya q/Maariyaamiin addunyaa bookkaa cubbuu fi bittaa diiyaabiloosiin dhiphachaa jiru kana kan bilisoomsu Ilma Ishee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiinis oduu gammachisaa fi fayyina hunda keenyaa qabattee argamteetti. Giiftii Maariyaamiin Gugeen, haalli lalisaan sun goginsa addunyaa kanaa kan gara lalisaatti jijjire Uumaa keenyaa Iyyasuus Kiristoosiinis fakkeeffama.
Mnni kiristinnaa keenyaas guyyaa harra kana bu'uura taasifachuun bittaan diiyaabiloos hafeera ykn barbadaa'eera, gidiraa fi dhiphinaan jiraachuun hafeera jetteettu du'aa ka'uu Gooftaa dursuun mallattoo oduu gammachisaa allaadduu ykn qexxamaa qabattee gara amantoota ishee deemuun oduu gammachuu dhalachuu, du'aa ka'uu Gooftaa himti.
Baga ittiin Isin ga'e.
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen.
Kabajamtoonni Maatii Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya dubroo Maariyaamii hundi baga ayyaana guddicha guyyaa dhaloota haadha keenya giiftii Maariyaamii Caamsaa Tokkoon isin ga'e. Arjummaan Waaqayyoo araarsummaan dubroo Maariyaamii hunda keenyaa wajjin haata'u. Waggaa dhufuunis nagaa fi jaalalaan ittiin nu haa ga'u. Ameen
Seenaa Dhaloota Haadha keenya Qulqulleetti dubree MAARIYAAMII
#Kutaa 1ffaa
Maqaa Abbaa kan ilma kan Afuura Qulqulluu waaqayyo tokko Ameen.
ልደታ ማርያም
"Libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu." W/wedu Calu 4:8-9

#Baga Guyyaa Dhaloota Haadha Keenya #Qulqulleettii #Dubroo #Maariyaam Waggaa 2028'ffaa dhaaf Nagaan Geessan.
#Hidda Sanyii Dhaloota Q/D/Maariyaam
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
==>#Pheexiriiqaa fi Teektaa kan jedhaman gaa'ela qulqulluun kan wal fuudhan Abbaa Warraa fi haadha warraatu turan. jarri kun ijoollee waan hin qabneef Teektaan pheexiriiqaadhaan ana waaqayyo dhala na dhowwateera. nama nu dhaalullee hin qabnu. kanaaf gara dubartii biraa deemii mucaa godhadhu ittiin jette gorsite. Pheexiriiqaan garuu an kana gochuu mitiiakkan laphee koottillee hin yaadne waaqni israa'eel na beeka jechuun gonkumaa kana akka hin raawwanne hubachiise.

#marii kana boodas Teektaan Pheexiriiqaadhaan akkas jette. waan waaqayyo godhu kan beeku hin jiru. kaleessa galgala abjuu kootiin jabbiin goromsi adiin gadameessa koo keessaa baate. jabbiin adiiin kunis jjabbii adii kan biraa hanga dhalooota torbaatti utuu deeessuun arge. jabbiin isheen adiin torbaffaanis #addeessa osoo deessuu fi addeessi sunis #aduu utuu deessuun arge jechuun abjuu ishee pheexiriiqaattti himte.

#Abjuu kanas ajaa'ibsiifachuun waaqayyoon galateeffachaa gara nama abjuu hiikuutti deeman..........kutaan lammaffaa itti fufa

#kutaa 2ffaan itti fufa
SEENAA DHALOOTA HAADHA KEENYA QULQULLEETTII DUBREE MAARIYAAMII
Kutaa 2ffaa

#Itti_fufee_jiraa

.......namni abjuu hiiku sunis waaqayyo ija dhiifamaa fi arjummaa isaatiin isin mil'ateera. jabboota goromsa adaadii 7 dhalatu arguun keessan ijoollee dubaraa torba ni godhattu. jabbiin isheen 7 ffaan #addeessa da'uun ishee nama irra kan caaltu ergamooota waaqayyoorra kan ulfaattu mucaa gaarii godhattu. kkan #aduu garuu beekuu hin dandeenye jedhee abjuu jaraa hiikeef. ji'uma kana keessas Teektaan ni ulfoofte. mucaa durbaas deesse. maqaa ishee Heemeen jettee moggaafte. itti fufuunis ijoolleen dubaraa armaan gadii duraa duubaan dhalataniiru.

#Heemeen ==> Derdeen deeesse
#Derdeen ===> Toonaan deesse
#Toonaan ===> Sikaar deesse
#Sikaar =====>Seetinaa deesse
#Seetinaa ===> Heermeellaa deesse
#Heermeellaa=> Haannaa deesse
#Haannaan ==> Caamsaa Guyyaa tokkoo haadha keenya qulqulleettii maariyaamiin deesse. Egaa hiddi dhaloota haadha Keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Abbootii fi haadholii qulqullaa'oo irraa walqunnamtii gaa'elaa qulqulluun kan argame waan ta'eef faarfatichi Daawit "#Bu'uurri ishee tulloota qulqullaa'oodha" kan jedhameef kanaafi.
Faar 86(87) : 1

#Seenaa dhalooota Q/D/Maariyaam.
============================
#Akkuma Beekamu Haati Keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Caamsaa Guyyaa 1Bara 16( Dh .K D)tti Gaara Libaanos Jedhamu Irratti Abbaa Ishee Iyyaaqeem fi Haadha Ishee Haannaa Irraa Dhalatte.

Waa'ee dhalachuu Ishee Kanas Solomoon Dhalachuu Ishee Dura Waaggaa 1000tti Libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu Jechuun Dubbateera. W/we/Calu 4:8-9.

#Maarree Har'as Haati Waaqayyoo Ilma Ishee Fudhattee Gara Jireenya Keenyaatti Akka Nuuf Dhuftuuf Akka Solomoon libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu Haa Jennu.

#Sababni Isheen Gaara Libaanos Irratti Dhalatteefis..........kutaa sadaffaa dubbisaa
Seenaa dhaloota haadha keenya qulqulleetti dubree Maariyaamii kutaa 3ffaa fi isa dhumaa
#kutaa_3ffaa
#Sababni Isheen Gaara Libaanos Irratti Dhalatteefis :-
#Guyyaa Gaafa Tokkoo Qulqulleettiin Haannaa Fi Qulqulluu Iyyaaqem Aarsaa Mabaa (መባ) Fudhatanii Gara Mana Waaqayyoo Deeman Haannaan Dhabduu Waan Turteef Dubartii Dhabduu Harkaa Aarsaa Hin Fuunu Jechuun Lubootni Mana Qulqullummaa Sanaa Didan.
#Haannaanis Baay'ee Gadditee Osoo Muka Tokko Jala Iyyaaqeem Waliin Taa'anuu Gugeen Ilmoo Ishee Wajjin Osoo Taphattuu Agartee Haannaan Maaloo Yaa Waaqa Koo Maaliif Hanga Gugee Kanaallee Na Hanqiste? Isheen Kunoo Ilmoo Qabdi Ilmoo Ishee Wajjinis Taphatti Jette Baay'ee Boosse.
#Muka Sana Jalattis Hirribni Jara Fudhatee Abjuu Abjo'atan. Abjuu Kanaanis Uleen Iyyaaqeem Daraaree Firii Baasuu Haannaan Agarte. Iyyaaqeem Immoo Gugeen Adiin Tokko Samii Torba Addaan Kuttee Karaa Gurra Haannaa Seentee Si'a Gadameessa ishee Keessa Boqottu Arge. Erga Dammaqaniis waan Ta'e Hundumaa Walitti Himani. Guyyichis Waxabajjii 30 Ture.
#Waan Ta'es Warreen Abjuu Hiikanitti Yeroo Himan "Mucaa Gaarii Akka Argatan Itti Himan." Hundumaa Yeroon Haa Hiiku Jedhanii Si'a Mana Jaraa Galan Qulqulluun Gebri'eel Akka Haannaan Mucaa Godhattu Sagalee Misiraachoo Itti Himee Hagayya Guyyaa Torbaas Haannaan Fedhaa Fi Eeyyama Waaqayyootiin Haadha Keenya Qulqulleetii Dubroo Maariyaamiin Ulfoofte.
#Osoo Gadameessa Haannaa Keessa Jirtuus Adaadaa Haannaa Beersaabee Ija Ishee Jaame Fayisteetti. Eessuma Haannaas Saaminaas Du'aa Kaasteetti.
#Ayihuudonnis Kana Arganii Osoo Hin Dhalatin Erga Raajii Kana Hojjettee Gaafa DhalatteMoo Maal Ha Gootu Jechuun Sanyiin Ishee Daawit Fi Solomoon Waggaa Afurtama Afurtama Nu Bitani Jechuun Hannaa Dhakaan Dhoofnnee Ajjeesna Jedhanii Maryatani.
#Yeroo Kana Qulqulluun Geri'eeliin Iyyaaqeemiidhaan Haannaa Fuudhii Gara Gaara Libaanos Deemi Jedheen. Akkuma Achi Ga'aniinis Haannaan Haadha Waaqayyoo , Haadha Ifaa deesse.
"Otoo Waaqayyo Gooftaan sanyii nuuf hambisuu baatee akka Sadoom taana turre; Gamooraas ni fakkaanna tiure" Isa. 1:9
“Madaan cubbuu kootii kadhannaa kee malee akka hin fayyine Gooftaan Waaqayyoo ni beekatii; cubbuun koo cubbuu adunyaatii ol akka ta’e hubate; qulqullummaan kee immoo qulqullummaa qulqullootaatii ol akka ta’ee fi akka caalu ni beeke. Kanaafis jaalala kee onnee kootti dabale. Madaan cimaan qoricha baay’ee cimaa ta’een ala akka hin fayyine ni beekaati.

Ogummaan Waaqayyoo hangam fagoodhaa? Tolummaa fi dhiifama isaa hoo eenyutu dubbata? Kan cubbuudhaan madaa’aniif qoricha qopheesseefi. Isa dibatanii akka fayyaniif dha.

Yaa Dubroo! Sagaagalummaa koo nan haasa’a; Qulqullummaa kan kee fi tolummaa Ilma kee nan dubbadha. Yaa Dubroo; balleessaa koo akkasumas araarsummaa kee fi obsa Ilma keetii nan dubbadha. Yaa Dubroo; dhibaa’ina koo gorsa kee fi dhiifama Ilma keetii nan dubbadha”


Argaanoon kan Jimaataa Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa
"Amanu'eel humna waaqummaatiin diyaabiloosiin mo'uu hin barbaadne, duuti kan isaaf ta'u Fooniin malee"
Q. Gorgooriyoos isa Inzinaazuu
"መፍቀሬ ሰብእ አቀረበነ ኀቤሁ ዘዚአነ ሞተ ነሥአ ወእንቲአሁ ሕይወተ ወሀበነ ዘሎቱ ክብር ወስብሐት።
ቅዱስ ኤፍሬም

"Nama kan jaallatu inni garasaatti nu simate. Galanniifi ulfinni kan isaaf ta'u du'a keenya fudhatee jireenyasaa nuuf kenne."
Qulqulluu Efreem
    👉Rakkina Keessatti👈

Yaa obboleessa koo ati rakkina keessa yoo jiraatte Qurxummii Yoonaasiin liqimsee ture yaadadhu. Sodaarraa bilisa taata. Rakkinichi qurxummii waaqayyo kennaa isaa siif baay'isuuf qopheesse ta'uusaa yeroon ati beektu ni dhufa. Qurxummiiwwan addunyaa kanaa baay'ee waan ta'aniif yeroo liqimfamtu akka siiti hin hammaanneef of eeggachuu qabda. Abbaa qajeelaa isa jalqabaa kan ta'e Abbaa Phaawuliin, "Rakkina/qurumsa irraa fagaachuu kan barbaadu waaqayyo irraa fagaata" jechuun waa dubbate sana dagachuu hin qabdu. Dhuguma qorumsi mana barumsaa Kadhannaati. "Yeroo rakkina kootti gara waaqa koottan iyye, innis  na dhagahe. Garaa Si'ool keessa ta'een iyye jecha koos dhagahe! Yon 2:3


#AbbaaShinoodaa III
♻️Waaqayyoon Yaadadhu♻️

"Dhimma kamiyyuu keessatti Waaqayyoon yaadachuu fi yeroo rakkinaatti maqaa isaa waamuu baradhu.

👉Hubannoo mataa keetti abdattee rakkinoota furuuf hin yaaliin.

👉Hiriyyoota kee irraa, michuuwwan kee irraa, walumaagalatti nama irraa furmaata hin eegiin.

👉Waan barbaade illee ta'e Waaqayyo malee hojjechuun akka hin danda'amne kan siif mirkaneessu keessa keetti yaaada gaarii qabaadhu.

👉Furmaanni rakkinoota kee gara waaqayyootti kadhachuu qofa keessa kan jirudha!

👉Gudunfaan waaqayyo hin hiikne hin jiru.

👉Rakkinichi kan itti fufu yoo sitti fakkaate illee ykn qorumsa keessa yoo jiraatte illee jabina barbaachisu inni siif kenna!


#EbbifamooAbbaaShinoodaa III
💻Du’aa ka’uumsa Iyyesuus Kiristoosii amanuu fi amanuu dhiisuun duuka bu’oota keessatti{gidduutti}yeroo sadii mul’ateera. 📗

📗1,Inni jalqabaa :- du’aa fi dhiphuu Kiristoos yaaduudhaan kan boo’aa turte Magdalaawwiit Maariyaam du’a kan balleesse si’oolii kan barbadeesse kan du’aa ka’e Iyyesuus Kiristoos du’aa ka’uu isaa osoo hin ta’in qulqulluu foon isaa shittoo urga’aa dibuudhaaf ganama barraaqaan gara awwalichaatti deemte. Guyyaan kun dilbata ykn sanbata guddaa ganama ture. Dabalataanis dubartootni baay’een gara awwaalichaa dhaqanii turan . Gara awwaalichaatti haa deemanu malee yeroo sanatti du’uu isaa malee ka’umsa isaa hin yaadne ture . Mat 281-3, marq 161-3, luq 24 1-12.

📗 Du’aa ka’uun waan danda’amuu ta’ee itti hin mul’anne kiristoos qofa osoo hin taane abdiin isaanii hundi du’a kiristoos waliin awwaalame . Dubartootni kun akka seera Ayuudotaatti guyyaa 3ffaatti shittoo dibuudhaaf gara awwalichaatti yommuu deeman yaaddoo guddaa kan isaanitti ta’e dhagaa yoosefiin qopha’e kan awwaalichi ittiin cufametu yaaddoo itti ta’e kanaaf dubartootni du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos eegaa turan jechuun hin danda’amu. Maalif yoo jenne du’aa waan ka’u waan itti hin fakkaanneef dhagaa awwaalichi ittiin cufame waan irraa ka’u waan itti hin fakkannefidha. Garuu gara awwaalichaa yommuu gahan dhagaan awwaalicha irraa banamee argan. Isa kana kan raawwatee dhagaa awwaalichaa naaf banaa, hiituu ykn erbaa narraa hiikaa osoo hin jedhiin kabajaa fi ulfinaan, ilillee fi faarfannaa eergamootaatiin erga ka’ee booda ergamaan waaqayyoo samii irraa gadii bu’ee dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa gargalchee waan irra taa’ef sochiin lafaa guddaanis ni ta’e. Mat 282-5.

📗Gara keessaattis seensii awwaalichaa duwwaa ta’uu isaa erga mirkaneeffatanii dubartootni fi Magdalaawwiit Maariyaam Iyyesuus Kiristoos du’aa ka’ee jira jedhanii hin murteessine . Laphee isaaniitti kabajamaa foon isaa namootan fudhatamee jira jedhanii yaadan . Ergamootni Waaqayyoo du’aa ka’uun Iyyesuus Kiristoos iccitii itti hin taane. Du’uun isaa garuu icciitii itti ta’e, namatti immoo du’uu isaa osoo hin taane ka’umsi isaa icciiti itti ta’e, kana booda ergamaan Waaqayyoo du’aa ka’umsa Kiristoos dubartootatti hime . Mat 285 kanaaf immoo yeroo jalqabaaf du’aa ka’umsa Kiristoos kan lallabe ergamaa Waaqayyoodha. Ragaa bahuudhaafis; “Iddoo itti awwaallame koottaa ilaalaa “Marq 166-8 koottaa ilaalaa jechuun isaa yommuu mirkaneessudha. Asi hin jiru yeroo jedhus dubartootni akka Iyyesuus Kiristoos du’a moo’atee ka’e himuudhaaf muddaman ykn ariifatan.

📗Waaqayyoo Abbaan Ilma Isaa Afuuraan Iyyesuus Kiristoos akka deessu dubaroo Maariyaamitti oduu gammachuu ergamaan dhageesise. Iyyesuus Kiristoos du’aa ka’uu isaa cubbuudhaan kan kufteef dhifamaa fi araara nageenya hunda isaan kan argatte Magdalaawwiit Maariyaam oduu gammachuu du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos ergamaan ishee dhageesise.

💻 2. Du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos amanuu fi amanuu dhiisuun kan mul’ate yeroo 2ffaa loltuuwwan awwaala gooftaa eegaa turan irrattiidha. Dubartootni duuka bu’ootatti himuudhaaf erga deemanii booda eegdonni awwaalicha eegaa turan manguddoowwan angafa lubootaatti kan ta’e hunda isaanitti himan.Isaanis erga hubatanii booda walgahanii mari’achuu dhaan dhugaa jiru ykn waan ta’e hunda eegduwwan awwaalichaaf qabeenya ga’u isaanif kennani, isaanis erga fudhatanii booda waan ta’e hunda dhoksuudhaaf murteessan Mat28 1115. Manguddoowwan hangafa lubootaa kan ta’an kiristoos du’aa hin kaane qulqulluu foon isaa duuka bu’oonni halkan dhufanii hatan jechuudhaan magaala keessatti fi naannoo sana hundattu odeessisiisan. Haa ta’u malee isaan du’aa ka’uu gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos amananii jiru. Kan nama ajaa’ibsiisuu duuka bu’ootni hatanii maal godhu? 📗


💻 Hangafootni lubootaa du’aa ka’umsi isaa soba akka ta’e ragaa dhaan mirkaneessuuf qulqulluu fi kabajamaa foon isaa duuka bu’oota harkaa fiduu qabu . Isaan garuu kana gochuu hin dandeenye dubbiin soba waan ta’eef .
Eegdonni erga rafanii duuka bu’ootni akka hatan akkamitti beekan? Erga rafanii immoo akka hin fudhanne ni dhoorku turee? Gaaffiiwwaan kunniin duukaa bu’ootni akka waan kana hin raawwanne ibsa. Maalif yoo jenne; barsiisaan isaanii, fayyisaan isaanii, tikseen isanii, gooftaan isaanii fi uumaa isaanii kan ta’e waldaawwan Ayuudotaa saddeettan irratti murteessanii fannisanii ajjeesanii waan awwaalaniif nutis akkuma kana nu taasisu jedhanii sodaatanii mana cufamaa keessatti taa’aa turan. Duuka bu’ootni akka hin fudhatne ragaan biraa immoo “awwaalichatti ol lixee kafanicha ka’ame arge erbaa mataa Iyyesuus irra ture garuu kafanicha wajjiin hin kaa’amne dachaafamee kophaatti iddoo tokko taa’e ture malee Yoh 207-9 .


📗Dubbiin waldaa Ayuudotaa raawwachaa turan kun uummata isaanii irratti soba guddaa dursanii du’aa ka’umsa Iyyesuus Kiristoos erga amananii booda uummataaf garuu akka soba ta’e himan. Jalqaba Yihuudaa irraa qarshii 30’n akka bitatanii fannisan amma immoo akka sobaniif ykn akka callisaniif eegdota awwaalichaaf qabeenya kennaniif dhugaan kun hundi akka dhokatuuf baay’ee dadhabaniis Iyyesuus Kiristoos kabajaa fi humna guddaadhaan du’a mo’atee kaa’era. 📗

💻3. DU’AA KA’UMSA IYYESUUS KIRISTOOS AMANUU FI AMANUU DHIISUN KAN MUL’ATE INNI SADAFFAAN:-

📗Namootni lamaan Iyerusaalamii gara Emaahus yeroo deman luqaasii fi Qalayoophiyyaa irratti mul’ate jira. Waa’ee Kiristoos Iyyesuus gadda keessa taa’anii waa’ee isaa haasawaa ni deemu turan garuu osoo isaan hin beekiin kan isaan hin beekne tokko sadaffaa ta’ee isaanitti dabalamee isaan waliin gara Emaahus deemus isaan hin beekne. Sababiin isaa ija fooniin osoo hin taane ija laphee isaanii waan qabeef.


📗 Emaahus Iyerusaalem irraa deemsa sa’atii lamaa ykn kiloomeetira kudha tokko kan ta’u ture kan isaan inni eenyu akka ta’e hin beekne Iyyesuus Kiristoos dubbiin isiin haasoftan kun waa’ee eenyudhaa jedhee akka nama homaa hin beekneetti isaan gaafatee isaanis dubbiin isaa waan isaan aja’ibsiiseef gaaffii kanneen dhiyeessaniif.

📗🌺 Ati biyya kanaaf keessumaadhaa? moo nama irraa adda baatee kophaa jiraattaa? Inumaa iyyuu waan ta’e hin dhageenyee? Nuti biyya Iyarusaalemi fi naannaawwa Ayihuud keessaati abdii godhannee kan turre waa’ee Iyyesuus Kiristoos dubbannaa garuu farisootni Ayuudotni balleessaa isaa malee du’a irratti murteessanii, fannoo irratti fannisanii ajjeesan. Amma immoo waan ajaa’ibaa dhagahaa jirra dubartootni du’aa ka’ee jira jedhu, ergamaan Waaqayyoos nutti mul’ate jedhanii dubbatu, isa kana nuti hin amanne garuu dubbiin dubartootaa kun garmalee nu ajaa’ibsiisaa jira jechuudhaan akka hin amanne ibsaniif.

📗🍇 Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos waan isaan dubbatan hunda erga dhagahee booda kitaaba kakuu duraanii keessatti argaman keessaa kutaa seeraa tokko tokkoon isaan barsiisuu dhaan karaa isaanii gara mandara Emaahusitti deemuu dhaan itti fufan, barumsa kanaan icciitii guddaadhaan lapheen isaanii harkaa fudhatamaa ture. Osoo barachaa deemanuu gara mandara Emaahus yoo gahan aduunis lixxee guyyaanis galgalaa’ee ture yeroo kana fayyisaan addunyaa Iyyesuus Kiristoos akka mana isaanii seenee buluuf kadhatan kadhannaan ykn gaaffiin isaanii kun waan sadiif; 📖

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
a. baruumsi inni isaan barsiisu akka addaan hin cinneef.📜
b. keessummaa waan ta’eef 📗
c. halkan waan galgala’eef karaan inni deemu fagoo waan isaanitti fakkaateef sababii kanneen sadiif akka isaan waliin bulu barbaadanii gara mana isaanitti akka seenu kadhatan. Mana isaaniittis erga seenee booda seera keessummaatiin keessumeessu jalqaban. Sana booda maaddii ykn nyaata dhiyyeessan eebbisee biddeena cabsee fuudhee yeroo harkatti isaaniif kennu isaanis budeena kana yeroo ciniinan ijji laphee isaanii ni banameef, inni garuu fuuldura isaaniiti ni miliqe ykn ni dhabame. Isaanis kan ta’e hundumaa ni qalbeeffatan. Ofii du’aa ka’ee akka nama waa’ee isaa hin beekne ofii isaaf nu gaaffachaa ture.
Du’uu isaas akka itti himnu maalif barbaade? Iyyerusaalemii ka’ee hanga asiitti kan nu wajjiin deemaa dhufe edaa isaa? Ofii isaa Magdalaawwit Maariyaam fi ergamootni Waaqayyoo kan jedhan dhugaadha inni ka’ee jira jechuudhaan kan dura hin ammanne amma garuu amanani (luq 24:-15-24) egaa namootni kun lamaan dursanii Iyyerusaalem irraa gara Emaawus yommuu deeman dubbiin isaanii jalqaba jecha waaqayyoo taphaachuu dhaan karaa jalqaban. Nuti dhalootni amma jirru lama taanee yommuu karaa deemnu, lama taanee yeroo hojii hojjennu, lama taanee yeroo nyaata nyaannu, lama taanee yeroo taphannu dubbiin keenya, haasa’aan keenyaa, taphni keenya maalidha? Nama hamachuu, nama jibbuu, rakkoo nama irraan ga’uuf, waa’ee Waaqayyo taphachuu, iddoo gara garaatti taphni keenya maalidhaa? Iddoo kam keessa iyyuu taanee kan taphachuu qabnu jecha Waaqayyo qofa ta’uu qaba. kanaafidha raajichi Museen akkas jedhee kan dubbateef “ Dubbii ani har’a sitti abboomu kun garaa kee keessa haa taa’u isa keessa deddeebi’ii ijjoollee kee barsiisi yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo deemtu, yeroo ciistu, yeroo kaatus waa’ee isaa dubbadhu ati akka mallattootti harka kee irratti isa hidhadhu, ija kee durattis kan rarra’u haa ta’u balbala mana keetii fi karra kee irrattis isa barreessi seera Kes 6:6-9 . 📗


💻 Iyyasuus kiristoos du’aa ka’uu isaa ragaan maalidha?
📗Guyyaa du’aa ka’e Iyyesuus Kiristoos duuka bu’ootaaf mul’ateera
📗Magdalaawwit Maariyamiif mul’ateera Yoh 20:-11.
📗Luqaasii fi Qiliyoophiyaadhaaf yk namoota
lamaan Iyyerusaalem irraa gara mandara Emaahus deemaniif mul’ateera Luq 24: 13📜

Daani'eel caalaa 🦅💫
Tulluu Qarmelos Jalaa 📖
10-9-2015B.A.Finfinnee🌳
Baga kabaja ayyaana waggaa abbaa yeedalloofi hayyu mana kiristiyaanaa keenya kan ta'e Qulullicha Yaareediin nageyaan isin ga'e!

Qulqullichi Yaareed
Abbaan isaa =Abyuud (Yisihaaq)
Haati isaa=Kiristiinaa (Taawkiliyaa)
Jedhamu.

Kan dhalate bara araa 505 aksuumitti dha.

Umuriin isaa waggaa 7 yeroo guutu abbaan isaa waan irraa du'eef hati isaa barnoota mana kiristiyaanaa akka baratuuf Barsiisaa Abbaa Geedewoon jedhamanitti dhaqxee laatte.

Qulqullichi Yaareedis yeroodhaaf barnootni isaafii galuu didee waan isa rakkiseef barsiisaan isaa abbaan Geedewoon itti dheekkamu turan.

Kanaafuu dheekkamsa kana sodaachuun baqatee bosona keessatti muka tokko jala taa'ee otoo jiruu raammoo tokko arga.

Raammoon kun fiixee muka kanatti ol ba'uudhaaf otoo jettuu erga qaata gaara geesseetii deebitee akkaa kufte dhamaatii baay'een booda milkooftee fiixa mukichaatti ol baate.

Iyo.33፥14 irratti “Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata.” akkuma jedhame Qulqullichi Yaareedis Waaqayyo raammoo kanaan akka isa barsiise hubatee dhiisama gaafachuun gara barsiisaa isaa gara abbaa geedewoonitti deebi'e.

Sanii booda imimmaan uf irra dhangalaasee garaa qulqulluu dhaan gara Waaqayyootti gaafa kadhatu Waaqayyo kadhannaa isaa dhaga'ee barnooticha isaafii ibsee yeroo gabaabaa keessatti kitaaboota kakuu moofaafi kakuu haaraa baratee xumure.

✍️"ወእምዝ ሶበ ሰአለ ኀበ እግዚአብሔር በብካይ ብዙኅ ተርኅወ ልቡናሁ ወተምህረ በሐጺር ዕለት መጻሕፍተ ብሉይ ወሐዲስ" akka jedhamee barreessametti.

Kabajamtoota maatii Waaqayyoo!

Hardhas namootni hawwiin keessan isiif hin raawwatamiin hafee guyyaan isinitti dukkanaa'ee dhiphina guddaa keessa jirtaniif kun barnoota guddaa dha.

Abdii hin kutatiinaa!

Soorata Waaqayyo qocaa dhaaf kaa'e allaattiin jalaa hin fudhattu.

Buddeenni Waaqayyo isiniif kaa'es arrii hin baasu.

Kanaafuu beellama keessan dhiisaatii beellama isa kan Waaqayyoo abdiidhaan eeggadhaa malee abdii kuttanii bakka keessan hin gadhiisiinaa!

Qulqullichi Yaareed cimina raammoo sana irraa barateen bakka isaa duriitti deebi'ee abdii haaraa dhaan barnoota isaa waan itti fufeef gaafa yeroon Waaqayyoo ga'u kan isitta dukkanaa'ee ture hundumtuu isaafii ifee kitaaba kakuu haaraaf kakuu moofaa yeroo muraasa keessatti baratee fixuun diqqunnaa dhaan muudame.

Bara sana keessa kitaaba dubbisuu dhaan malee yeedalloo dhaan faaruuf maahileetiin hin jiru ture.

Waaqayyo yeedalloo kana isaafii ibsuu waan barbaadeef akkuma Qulqullichi Phaawuloos gara samii sadaffaatti ol fudhatame sana 2Qor.12፥2 Yaareediiniis asii ol samiitti isa fudhatee yeedalloo ergamoota samii irraa isa dhageessise.

Kanaa booda gara lafaatti deebi'ee
✍️"ሃሌ ሉያ ለአብ ሃሌ ሉያ ለወልድ ሃሌ ሉያ ለመንፈስ ቅዱስ ቀዳሚሃ ለጽዮን ሰማየ ሣረረ ወበዳግም አርአዮ ለሙሴ ዘከመ ይገብር ግብራ ለደብተራ” jedhee yeedalloodhaan galateeffachuu jalqabe.

Yeroo faarfatutti Atse G/Masqal zangii qara qabuun otoo hin beekiin miila isaa gaafa waraanu utuma dhiigaa jiruu homaa tokko quba otoo hinqabaatiin calliseetuma faarfata ture.

Nuti garuu isuma kaleessa waraanamneyyuu irraanfachuu dadhabnee haaloodhaan taanee mana qulqullummaa keessa dhaabanna.

Waaqayyo qalbiifi hubannaa gaarii nuuf haa laatu!

Kitaabooleen yeedalloo kan Qulqulluu Yaareed shani dha.
Isaanis;
1= Diggu'a
2= Tsoome diggu'a
3= Mi'iraaf
4= Zimmaaree
5= Mewaasi'it jedhamu.

Yedalloowwan isaas gosa sadii dha.
Isaanis;
1=Gi'iiz
2=Izl
3=Araaraay jedhamu.

Gara mana qulqullummaatti ol seenee yeroo Baha ifaa (አንቀጸ ብርሃን) yeedalloodhaan jedhu dhumdhuma tokko lafa gadheesee ol ka'a ture.

Egaa kennaa kana hundumaan kan inni badhaasame erga rammoo sana irraa jabana baratee iddoo isaatti deebi'ee boodadha.

Abshaslli ilbiisa akkasii kana irraa brumsa guddaa baratee abdiidhaan guutamee ulfina guddaa irra ga'a.

Nuti garuu qulqullootuma irraallee barannee namuma maa'ii baasu ta'uu dadhabne.

Ati raammoo jettee itti nama arrabsita.

Ogeessi garuu kunoo akkasitti raammoo irraa waa baratee biyyaaf bu'aa guddaa buusa.

Qulqullichi Yaareed halkaniif guyyaa otoo duuti isa hin argatiin hanga hardhaatti arraba isaa irraa galatatu guutee dhangala'a

Kankeewoo arrabni guyyaa guutuu maal dubbachaa ool laata???
Waaqumti qalbii gaarii nuuf haa laatu malee silaa kan keenyi arrabni gaarii dubbachuu dideera.

Yaareed garuu arraba isaa keessaa galata qofaatu madda.

Waa'ee isaa guyyaa biraa itti deebina malee akkana akka salphaatti dubbatamee kan dhumu miti.

Guyyaan hardhaa kun garuu jala bultii ayyaana yaadannoo isaa akka te'e ibsuun barbaada.

Eebba isaa Waaqayyo hunduma keenya irra oolchee haa bulchu!

Ayyaana gaarii!
2️⃣

.....╭✥✥✥✥✥✥✥✥✥╮
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
. Abbaa Niqoodimoos
...........10/09/2016 B.A
.......Tulluu jireenyaa irraa
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
.....╰✥✥✥✥✥✥✥✥✥╯
2024/05/19 03:23:05
Back to Top
HTML Embed Code: