Telegram Web Link
Haleellaa waraanni mootummaa Shawaa Kaabatti har'a meeshaa gurguddaan taasiseen miidhaan dhaqqabe.

Dhugaa: (Caamsaa 26, 2025)

Qe'een waraanaan gaaga'ama hammaataa keessummeessaa jirtu Shawaa Kaabaa guyyaa har'aas balaa hammaataa keessa akka oolte maddeen Dhugaa Miidiyaa DM himan. Akka gabaasni arganne ibsetti haleellaa meeshaa gurguddaa Moorteraa fi Zu23 fayyadamuun loltuun mootummaa gaggeesseen daa'imman Loon tiksan dabalatee beeyladoonni hedduun dhumaniiru.

Waraanni mootummaa meeshaa jajjabaa Moorteraa,Zu23 Salaalee magaalaa irraa gara ganda Waaree Gabroo gooxii Waalluu jedhamutti taasiseen balaan kun qaqqabuu himame.

Balaa kanaan daa'ima loon tiksuu ijoollee ganna saddeetii(8) Maqaan isaa Fayyisaa Tolaa Shaafii jedhamu irra miidhaa guddaan qaqqabee jira jedhame.

Akkasuma horiin meeshaa kanaan hagaa ammaatti dhuman: Loowwan 20 fi Re'oota 15 akka ta'aan mirkanaa'eera. Meeshaa waraanaa gurguddaa hawwaasa irratti mootummaan dhukaasuun balaa gurguddaan irra deddeebiin dhaqqaba. Mootummaan Ameerikaa tibbana karaa Ambaasaaddara ishee Finfinnee jiru Ervin Maasingaa, uummata Dirooniin haleeluu akka dhaabu gaafachuun nii yaadatama.

Ta'us ammallee uummatni haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaan miidhamuu itti fufuu gabaasichatu ibsa.

Odeeffannoo ho'aa fi saffisaa kan loogii hin qabne argachuu barbaadduu? Ammuma #Dhugaa_Miidiyaa_DM #like fi #Follow taasisaa. Barreeffamoota yaa'aa yaadaa, xiinxala siyaasaa idil addunyaa, atakaaroo mootota addunyaa gidduu bifa isin hin nuffisiifneen isinii dhiyeessina.

Dhugaa Miidiyaa DM : Yaa'aa Yaadaa
Maanguddoon gaanfa Afrikaatti abbaa irrummaan maqaa dhahamu Oromummaa balaaleffachuun isaa ABO dheekkamsiise

Dhugaa: (Caamsaa 26,2025) Eertiraa humnaan waggaa 34 bulchaa kan jiru mata jabeessi namaa obbo Isaayyaas Afawarq tibbana haasaa taasiseen Oromummaa fi Saboota Kuush hadheeffachuun isaa ijoo miidiyaa ta'eera.

Haasaa taasise kanaan dabalataan mootummaa Itoophiyaa cimsee kan qeeqe Isaayyaas, bulchiinsa Itoophiyaa ammaa kan Oromummaati jechuun ibsuu yaale.

Haasaan kun Eertiraan Sanbata duraa darbe guyyaa walabummaa waggaa 34 wayiita kabajaa turtetti dhagaa'ame. Qabxiilee ijoo haasawa Pirezidaantii Isaayyaas Afwerkii kabaja guyyaa walabummaa 34ffaa irratti taasiseen, Pirezidaantichi dhimmoota idil-addunyaa, ardiilee fi naannoo hedduu kaasaniiru.

Haasaa isaanii keessatti "humnoonni alaa karaa ergamtoota badhaadhina (Itoophiyaa) Eertiraa irratti waraana bananiiru jechuun mootummaa Itoophiyaa cimsanii qeeqaniiru. Guyyaa Walabummaa Eertiraa 34ffaa dhaadannoo "Tumsi Keenya, Meeshaa Keenya" jedhuun kabajame irratti Istaadiyeemii Asmaraatti kan dubbatan Pireezidaanti Isaayyaas akka jedhanitti, tooftaa wal irraa hin cinne mootummaan isaanii naannicha keessatti walitti dhufeenya cimaa kabaja, wal-deeggarsa, fi badhaadhina irratti hundaa'e cimsuu akka ta'e ibsaniiru. Ollaa waliin hariiroo gaarii qabaachuuf fedha akka qabuttis kaase. Ta'us Itoophiyaa ammoo nii balaaleffate. Nagaa booreessuu fi waraana banuu jechuun himate gabaasni Dhugaa Miidiyaan argate akka mirkaneeffatetti.

Isaayyaas barbaachisummaan ji'oo-istiraateejii naannichaa yeroo hunda ''giddu-galummaa fi dhiibbaan dabalaa dhufe'' hedduudhaaf akka saaxilamu taasiseera kan jedhan, haasawa isaanii keessatti muddama Sudaan fi Itiyoophiyaa keessatti mudate akka fakkeenyaatti kaasan

Addi Bilisummaa Oromoo ABO'n ibsa har'a baaseen, haasaa peresedaantichaa dhaggeeffachuu ibsuun "Geostrategic” ajandaa addaa taasisuun Sudaanii fi Itiyoophiyaa akka fakkeenyaatti fudhataniiiru; Alagoonni naannawa Tarsiimawaa (geostrategic) kanatti dhimma bahuun akka waraanni hammate dubbatu." Jechuun ibse.

Itti fufuun ABO'n ibsa isaan "Xinxala taasisan keessatti, ilaalchi “Oromummaa” Eritrea fi Itiyoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaaf yaaddoo akka tahetti dhiheessuun, ilaalchi ummata Oromoo bal’aa fi eenyummaa Oromoo Oromummaaf qaban dabaa tahuu irra darbee, dogoggora seenaa dhalootaan wal nama gaafachiisu jennee amanna." Jechuun haasaa Peresedaantiichaa balaaleffate.

"Duulli maqaa “Oromumaan” hooganoota Eritrea dabalatee leelistoota sirna dulloomaa Minilikiin Oromoo irratti taasisaa ture haaraa tahuu baatus, jibbiinsa (Phobia) Oromummaa kanneen qaban olola daangaa hin qabne Media fi Social Media irratti daangaa tokko malee oofamaa ture sadarkaa hoggana biyya Eritrean ifatti ol guddifamee dubbatamuun Oromoo fi Oromiyaaf balaa inni dhaqqabsiisuuf deemuuf gaafatamaan Mootummaa Eritrea tahuu hubachiifna. Sadarkaa mootummaatti kana labsuunis wallaalummaa ykn daguu irraa jennee hin amannu. Tumsa ittiin ijaarratanii galii Siyaasaa, waraanaa fi Imaammata lafa kaawwataniif tahuutti hubanna." Kan jedhus ibsa ABO'n kenne keessaati.

Itti fufuun "Presedaant Isiyyaas gaafa danataa hooganoota Itiyoophiyaa irraa argatan wal eebbisanii akka Mootummaa Eritreatti hayyoota Amhaaraan wal gargaaranii “Abiyyii Nabiyyii” jechaa qubeelaa qubatti waliif kaayaa, gaafa dantaa siyaasaa wal biraa dhaban “Oromummaa” cubbamaa taasisuun Biltsiginnaa qawween ummata Oromoo fi ummattoota Itiyoophiyaa korkodee bulchaa jiru, dhimma Oromoo fi Oromummaa garagalee mil’atee hin beekneef kennuun dogoggora seenaati, Cubbuu guddaa ammas Oromoo irratti yaaduu dha." Kan jedhe ABO'n yaada bulchiinsa kanaa qeeqeera.

Peresedaantichi haasaa isaa keessatti Chaayinaa yoo faarsu humnoota lixaa Ameerikaa fi NATO ammoo dubbiin ciiga'eera. Haasa isaa keessattis Chaayinaan gama teeknooloojii fi oomisha industirii addunyaa irratti hojii hojjetaa jirtuun leellise. Ameerikaaf NATO ammoo biyyoota balleessu jechuun ibse. Akkasumas Oromummaa ammoo akka madda yaaddoo nageenyaatti ibse

Odeeffannoo saffisaan argachuuf
2025/06/27 16:22:50
Back to Top
HTML Embed Code: