Telegram Web Link
Yaada namootaa hubachuuf
Mee namoonni Magaalaa Finfinnee ooltanii Shaggaritti galtan leenjifamuu feetuu?
Afaan Oromoo Qubeessuu
-Seerluga afaanii shanan
-Gumee qopheessuun yaada qindeeffachuun barruu baldhaa qopheessuu
-Amala hawwattummaa barruu

Akkaataa itti ogbarruu barreessan
-Akkatummaa walaloo
-Caacculee asoosamaa
-Bartaphee qopheessuu
-Qoosaa barreessuu
Qophii Kitaabaa
-Kitaaba Seenaa
-Kitaaba seendhuunfaa
-Aadaafi duudhaa qorachuun barressuu
-kitaaba xisammuu
Kkf
Kan leenjifamuuf feetan maqaa keessan guutuufi bilbila keessan barreessaa!

#Via Fedhasaa Taaddasee
Sirna barnoota haarawaa kana dubbisaa, ilaalaa!
https://www.facebook.com/100063941176386/posts/719666180174748/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Afaan Oromoo dubbachuu kan hindandeenye fira biyya alaa qabduu? Namni sunimmoo barachuu nibarbaadaa/nibarbaaddii? Akkas taanaan biyya kamuu haajiraatan! Haala mijeessaafiin jira. Bilbila 0911787196/0946677313 kanaa akka na qunnaman taasisuu dandeessu!
Karaa fuula fb kiyya kanas naaf barreessaa! Fedhasaa Taaddasee
Fufiilee Afaan Oromoo (kutaa 1ffaa): Furmaata rakkoo dhaaba dhabuu barreeffama Afaan Oromoo
(Irra deebiin kan maxxanfame)

Tibba darbe fayyadama Afaan Oromoo ija xinqooqa hawaasatiin barreeffama keessatti qorannoo gabaabaa hojjidheen ture. Ka'umsi qorannoo kanaa barreeffamni Afaan Oromoo dhaaba dhabuusaati. Namoonni akkuma ofii yaadanitti barreessu. Kaanimmoo, akkaataa barreeffama dhuunfaa tolfatee burjaajii uuma. Tokko tokkos akkuma duriitti deemna malee gama kamiinuu jijjiiramni caasaas ta'e bifarratti uumamuu akka hindandeenye cicha! Keessumaa barreeffama fufiilee (dur maxxantuu jedhamu) ilaalchisee rakkoo rakkoo hinfakkaannetu jira. Jechoonni tokko tokkos jecha cinasaanii jiran waliin (irraa siquun ykn itti butatanii barreeffamuun) hiika jijjiiru. 'Eessatti yoo itti siqate ykn irraa butate sirrii ta'a?' gaaffii jedhu deebisuun garuu uggaayyuu qorannoon mirkanaa'uu qaba.

Waggoota lamman sadan darban kana keessas yeroon dhimma kana dubbadhu (yeroo feesbuukiin Afaan Oromootti jijjiiramuu jalqabe sana yaadan kennaa ture πŸ‘‰yaadattaa Yosef Hamba Tola?) namoonni meerre qorannoon hojjetamee nagaafataa turan. Kanaafan qorannoo sana hojjechuuf dirqame. Qorannoo hojjetame kana kora Afaan Oromoorratti dhiyeessuuf karoorseen ture. Garuu akkuma beektan koroonaan karoora bara kanaa zeeroo godheera. Kanaaf yaada gabaabaa asitti isiniif maxxansuuf murteese.

Gama fufiileefi jechoota barreefama keessatti bifa jijjiirrataniin afaan bifa lamaan bareeeffamaa jiraachuu kitaabileen iddatteeffadhe keessa soqee baaseera. Bifoonni kunniin bifa durii (old version)'fi bifa haarawaadha (new version). Kitaabuma tokko keessatti bifoonni lamman kun bakka itti argamanis jira. Har'aaf barreeffamoota fufiilee xiyyeeffadheen isin biraan gahuu yaala.

Jalqabarrati, hin-, ni-, -dha, -fi, -ti akkamitti barreeffamuu qabu?

1. Bifa duraan barameen jecharra siqatanii barreemu.
Fkn.
✍️Hin deemu.
✍️Ni deemna.
✍️Bareedduu dha.
✍️Isaan obbolaa walii ti.
✍️Tolasaa fi Dureessaan hiriyaa dha.

2. Bifa haarawaan immoo jechatti butatanii barreeffamu.
πŸ‘‰Hindeemu.
πŸ‘‰Nideemna.
πŸ‘‰Bareedduudha.
πŸ‘‰Isaan Obbolaa Waliiti.
πŸ‘‰Tolasaafi Dureessaan hiriyaadha.

Barreeffamoota bifa laamman keessaa kamtu ija namaatti tolaa? Maaliif?
Deebii: ______.

Akka seera afaaniitti jechi tokko qofaa ofdanda'ee dhaabachuuf hiika guutuu dabarsuun dirqama. Ulaagaa sanaan yoo ilaalle isa bifa haarawaa jedhe sanatu sirriidha. Sababnisaa, hin-, -fi, -dha, ni-, -ti qofaa dhasbachuuf ergaa mataa ofii hinqaban. Kanaafuu, isa itti butatee barreeffame sanatu sirrii ta'a.

Yeroo itti bunnee barreessinu garuu bakka muraasatti wanti nu danqu hindhabamu. Fkn.
Hin + nyaadhu = ?
Hin + yaadu= ?
Ni + eega = ?
Akkam goonee walitti bunnee barreessina? Yoo akkasitte barreeffame hiika biraa hinqabaatuu ykn seera cabsuu hintahuu? gaaffilee jedhantu ka'uu malu.
✍️Deebii
πŸ‘‰akkumti nuti itti sagaleessinu furmaata ittiin barreessinu akka nuuf akeeku qorannookoo sana keessatti xiinxaleen ture. Fakkeenyaaf,
1. hin+ nyaadhu= osoo hinbarreessin mee dubbadhaa! Sagaleen 'n' sun hindhaga'amu. Garuu, sagalee 'ny'tu jabaatee nutti dhaga'ama. Seera afaan Oromoo keessattimmoo qubeen dachaa kamiyyuu hinjabaatu. Kanaafuu,
🚫'Hinynyaatu' hinjennu!
🚫'Hin nyaatu' jennee barreessuus sababa 'hin' hiika ofii hinqabneef qofaa hindhaabattu.
✍️ Hinyaatuβ˜‘οΈjennee barreessina. Inumaayyuu, yoo sagaleessitanii ilaaltan jechi kun sirruma dubbifama.
2. Hin+yaadu
Kanas yoo sagaleessinu 'n' hinjirtu. Kan dhageenyu sagaleen 'y' afaan keenyarratti yeroo isheen jabaattee mullattu dhageenya. Sun adeemsa firooma sagalee keessatti seera mataasaa danda'e qaba. Asitti sana hinkaasu. Garuu, akkuma dubbannu sanatti barreessuufis nu gargaara.
✍️Hiyyadu! (Mee yeroo dubbistan haqni kun isinitti hinmullatuu?
3. Ni + eega
πŸ‘‰Kunimmoo 'nieega' jedhamee yoo barreeffame seera qubee dubbachiiftuu gosa addaddaa 2 walitti aansuun sirrii hintaane sana cabsuu ta'a. Sanaaf furmasaa seera fayyadama hudhaatti fayyadamuudha. Kanaafuu, πŸ‘‰-ni'eega' jennee barreessina.
Walumaagalatti, fufiilee olitti kaafne (hin-, ni-, -dha, -fi, -ti) hundayyuu jecha cina jirutti (seeraan) hirkifnee barreessuuf wanti gufuu nutti ta'u hinjiru. Warri qorannoon meerre jettaniif bakka barbaadame kamittu yoo nawaamtan waraqaa qorannoo sana guutummaasaa isiniif dhiyeessuu nan danda'a.

Itti fufa...
Galagalcha
Miidiyaalee maqaa Oromoo qaban hundaaf
πŸ‘‰SBO
πŸ‘‰VIO
πŸ‘‰BBC News Afaan Oromoo
πŸ‘‰VOA Afaan Oromoo
πŸ‘‰OMN
πŸ‘‰OBS
πŸ‘‰OBN
πŸ‘‰FIB
πŸ‘‰ETV Afaan Oromoo
πŸ‘‰FBC Afaan Oromoo
πŸ‘‰ONN (hojiirra jiraa?)
πŸ‘‰...
Namoota Hordoftoota Feesbuukiin beekamiif,
πŸ‘‰Jawar Mohammad
πŸ‘‰Yaayyaa Bashir
πŸ‘‰Lammii Beenyaa
πŸ‘‰Galaanaa Kiisii
πŸ‘‰Dassee Alex
πŸ‘‰Gadaa Guutuu
πŸ‘‰Eebbisaa Baayisaa
πŸ‘‰...
Dhaabbilee siyaasaa Oromoof
πŸ‘‰ABO
πŸ‘‰KFO
πŸ‘‰PBO
πŸ‘‰...
Barreessitoota Oromoo hundaaf,
✍️...
✍️ Hubachiisa: dhaabbata giddugalaan barreeffama afaan keenyaa dhaaba nuuf qabsiisu dhabnus callifnee taa'uu hinqabnu! Kan itti amanne walarkaa fuunee itti fayyadamas, kan hintolin tolchuuf sababa dhiyeessinee walamansiisuudha.
Horaa bulaa!

Fedhasaa Taaddasaati
2025/07/05 04:47:56
Back to Top
HTML Embed Code: