Telegram Web Link
Aaga Dhaga'aa!
Afaan Oromoon Walqabatee Tajaajilli Gorsaa Eegalame!
Dhaabbanni "Tajaajila Gorsaa Afaan Oromoo" (Afaan Oromoo Consultancy) jedhu, hojiitti seeneera. Dhaabbanni Kun dhimmoota hedduurratti hojjeta. Sanneen keessaa muraasni leenjii yeroo gabaabaafi dheeraa kennuu, kitaabaa qopheessuu, gulaalliifi qeeqa kitaabaa hojjechuu, hojii saxaxaa ykn dizaayinii, hojii maxxansaa, qorannoolee addaddaa hojjechuufi kkf. Namoonni tajaajila kana argachuu barbaaddan 0911787196'n bilbiluu nidandeessu!

Fedhasaa Taaddasee
Channel photo updated
Leenjiin Sa'aatii 3:45 eegalama!
Namoonni Afaan Oromootiin qubeessuu keessatti dogoggora yeroo uuman argina. Sanas suura kaasnee jala murmurree agarsiisuu qofaan kan itti fufnu yoo ta'e, furmaanni waarawaan argamuu hindanda'u. Kanaafuu, tajaajila gorsa ogummaa kennuuf dirqamna. Qabata kanaan leenjii yeroo gabaabaafi dheeraa kennuuf waan dandeenyu hundaa gochaa jirra. Leenjiin yeroo gabaabaa sirnaan qubeessuu dandeessisuudha. Leenjiin yeroo dheeraa ammoo, fayyadama waliigalaa afaanicha keessatti barbaachisu quba qabsiisuudha. Kuun sadarkaa olaanaatti dhimma itti ba'uu dabalata. Fkn. Kitaaba ittiin barreessuu, waltajjii ittiin geggeessuu, qorannoo ittiin hojjechuufi kkf.

Kaayyoon leenjii har'a eegaluu namoota qubeessuun rakkisu gargaaruudha. Kutaan barnootaa google meeting yommuu ta'u, addunyaarraa bakka barbaaddan jiraattanii daree barnootaa kana hordofuu dandeessu. Gabateen irratti barreeffamu fuula 'screen' moobaayilii qabattanii jirtan kana.
Kaffaltiin: TOLA
Barattoonni seenuun heyyamamuuf: Warra Sirnaan Qubeessuun rakkisu
Geessituu (Link): Sirna Qubeessuu Afaan Oromoo
Friday, October 13 · 9:45 – 10:45pm
Time zone: Africa/Nairobi
Google Meet joining info
Video call link: https://meet.google.com/ccg-ddbm-vfm
Barsiisota Afaan Oromoo qofaaf heyyamama. Dokmentii Digrii ykn Mastersii keessanii Qabattanii Garee kana seentu. https://www.tg-me.com/+O-f0buxbux8wNGVk
Quuqamtoota Afaan Oromoof, Yooyyaa! Harka fuune akkam jirtu? Dhimmi Afaan Oromoo dhimma keenya hundaati. Kanaaf dhimma ogeessota Afaanichaa qofaatti dhaagahu miti. Isin hundi keessanuu gahee qabdu. Waliin mariyanna! Walbarsiifna! Waliin barsiifnaa, abbaan fedhii qabdan garee kana seenaa!
👍https://www.tg-me.com/+wTHeBvt117IyYjg0
2025/07/04 23:24:26
Back to Top
HTML Embed Code: