Telegram Web Link
Jirtuu?
Appilikeeshinii Barnoota Afaan Oromoo #2

Kun Appilikeeshinii Afaan Oromoo barsiisudha! Jaatanii guddaa ammaaf kaka'umsa nama lamaatiin jalqabame: ogeessa Afaan Oromoo tokko, ogeessa sooftiweerii tokko! Harra ganama Waamicha deggarsaa godheen ture. Baayyeen keessan yaada babbareedaa kennaa jirtu. Ulfaadhaa!

Garuu pirojeektiin kun hojii humnaafi maallaqa guddaa barbaadudha! Ammaaf maallaqni hinjiru. Humna namoota lamaan garuu eegalamee jira. Dhiyootti wixinee guutuu isiniif dhiyeessuun niyaalama!

Appilikeeshiniin kun bilbila smart phone ta'e hundarrattuu akka hojjetutti wixiname. Ta'us free gadi lakkifama. Suni waan lamaafi! Biyya kana online marketingiin hinjiru. Dabalees sadarkaan namoota keenyaa xiyyeeffannoo barbaada. Kanaaf hojii kanatti bu'aan dhuunfaan itti argatamu hinjiru. App kun bifa adda ta'een waan qophaa'uuf namnuu sirriitti irraa barata jennee abdanna!

Silaa kana Akkaadaamii Afaan Oromootu qopheessa! Ta'us dhaabbata kana mootummaan Naannoo Oromiyaa hundeessuu hindandeenye! Iyyanni kun waggootaaf dhiyaatus qaamni dhaggeeffatee furmaata kennu hinjiru. Kan isin dhibu hamma 'Gadaa konistiraakshiin' sagalee argatee daldalaaf oolaa jiru Afaan Oromoo bakka hinarganne.
Waa'een qabeenya nama dhuunfaa mataduree oduu ta'ee dhimmi ummata miliyona 50 olii sagalee dhabe jechuudha.

Hundaafuu, waan dandeenyu goonee warra waan danda'an gochuu didan komanna! Warra afaaniin dubbachuu qofaa hojiitt hiikuu dadhabaniif fakkeenya ta'uu wayya!
Horaa!
Fedhasaa Taaddasaa
FinfinneerraaπŸ‘‡
Akkam Jirtu!

Anaaf hiriyyaankoo Dr. Fedhasaan akkasumas ogeessonni biroo kan keessatti qooda fudhatan'appilikeeshinii' Afaanii fi aadaa Oromoo barsiisu hojjennee harka keessaniin ga'uuf carraaqii guddaa gochaa jirra. Garuu dubbiin afaanii fi aadaa Oromoo wanta nama tokko lamaan hojjetamu miti. Gumaachi hunda keenyaa baayyee murteessaadha. Dabalataaf fuula Dr. Fedhasaa hordofuu dandeessu.

"Afaan Oromoo barachuu
1. Abboonni keenya baayyeen qubee kana muka jalatti baratan. ABOtu bosonatti barsiise! Osoo qawween irratti dhukaafamuu guyyaa 5-10 hincaalle keessatti sirna qubeessuu: dheeraa gabaabaa, laafaa jabaa, irra butaa, hudhaa, sirna tuqasleefi qubguddeessa harra qoosaa ta'e kana nafeeffatan. Yeros xiiqii ture. Maaf baratta osoo ittiin jedhanii baratanii... darbanii nubarsiisan.
#Nuti_garuu_harra_osoo_barachuuf_carraa_qabnuu_teenya!
Namni baayyeen qubee dogoggoree nama arrabsaa, ofis salphisaa oola! Feesbuukii kanarratti keessaan "Hindhuftanii?" jedhee barreessuuf ka'ee, "Hindhuuftanii?" jedhee nama guddaan qaanessaa oolu meeqa? Nutu ittti guutee dubbifataaf malee!
Yeroo Afaan Oromoo sadarkaa PhD qaqqabe kanatti dogoggora haganaa arguun salphina!
Kanaaf falli maaliree?
2. Mee akkuma bara ABOn bosonatti barsiisaa ture sanaatti karuma saphaa ta'een bosona interneetii kana keessatti walbarsiifnuu? Akka gaafasii hinbarattu kan nuun jedhu hinjiru. Tarii yaadni keenya yoo nudhorke malee! ABOn yeroo sana qubee qofas hinbarsiifne. Aadaa seenaa, safuufi duudhaa Oromoos malee! Akkuman dubbachaa ture App Afaan Oromoo barsiisu qopheessuuf yaalamaa jira. Tumsi keessan karaa hundaa barbaachisaadha! Ogummaa, gorsa...
Yoo nutumti wal ijaarree kaane malee qaama Afaan kanaaf dhimmu hinqabnu! Hayyoonni keenya kaleessaa aarsaa lubbuu baasanii asiin gahan nutimmoo carraa argannetti fayyadamnee teknoloojiidhaan namoota hedduu qaqqabuu dandeenya! Kunoo akkasitti bilbilsochii keessanirratti fe'attanii salphaatti waan ofii barattu!
Fakkeenyaaf, App kun Sirna Gadaa sadarkaa umriitiin barsiisa. Namni tokko umriinsaa waggaa 24 hanga 32 gidduu yoo ta'e ga'ee hojiisaallee sadarkaa kuusaa ta'uu tti agarsiisa. Akkasiin qindaa'aa jira.πŸ‘‡ Yaada kennaa! Kaaniif qoodaa!"
Forwarded from Lateeraa
Simboo Consultancy PLC.
4_5915752425817376507.pdf
Namni kun kitaaba Afaan Oromoo pdf gadi lakkise! Dubbiisaa!
Forwarded from Galaa Sammuu
SIMBIRTUU!

Kitaabni Xiinsammuu (psychology) 'Coqorsa Abdii' jedhu, bilisaan (tolaan) PDF'n gadhiifameera.

Waadaan isiniif gale eegeen jira.

Imaanaan isinitti kennadhe galmaan gahaa!

Kitaabicha hidhaa kana www.tg-me.com/Galakoo cuqaasuun telegiraamii irraa ni argattu!


Bitootessa 19, 2020
Galataa Tsaggaa Naggasaa, Barreessicha.
Obbo Tafarraa Toleeraa Ciibsaa, Deggaruu kan barbaadda:πŸ‘‡
Baankii Daldala Itoophiyaa: 1000304102555
Baankii Dashen: 5022002910007

Bilbiltanii hajjabeessuuf: 0913914189

Ibsa gabaabaaπŸ‘‡
Obbo Tafarraan nama waggaa 27 oliif magaalaa finfinnee keessatti Afaan Oromoo tola barsiisaa turanidha. Sababa Oromoofi Oromummaaf jireenyasaanii dhabanii, gatii guddaa baasanis nuuf galaa hindhumne gumaachan. Harra umriinsaanii 70 ol ta'u kanasn, haala hinmijanne keessa jiru. Nutimmoo waan qabnuun bira yoo dhaabanne gaafatama seenaa jalaa baana! Nama gargaaruuf nama ta'uun ga'aa ta'us, kan Obbo Tafarraa sanaa oli!

Nuti dhaloonni qubee Finfinnee keessatti muldhatasaan jalqaban kana lafa qabachiisuuf ifaajuu qabna. Ammaaf garuu waan isaan ittiin baraaraman dabtarasaanii olitti eerame keessaa takkaratti haaqicnuuf! Dhuunfaanis ta'e dhaabbatasn tumsaa adaraa lammi!

✍️Seenaa Goota kanaaf bor dhasbbata guddaatu hundaa'a jennee abdanna!

Lammiitu lammiif gaaddisaa, Obbo Tafarraa Toleeraa tumsaa lammiiko!

πŸ‘†Kaaniifis qoodaa!
Yeroo galchitan resiitii asuma jalatti maxxansaa, warra kasniif haamilee ta'aa!

Ulfaadha!
Kitaabni kun dirree barnootaa keessatti wabii ta'uurra darbee, kitaabuma barnootaa tahuun barsiisaan qabatee daree bakka itti seenu qaba!

πŸ‘‰Garuu manni barnootaa Oromiyaa keessa jiru kitaaba tokko bitee mana dubbisaatii qabaa laata! Yuunvarsiitiinoo meeqatu bitatee?
'Warqeen ofharkaa qaban...' jedhama!

Animmoo ummata dheebotaa kana humnan ittiin maxxansiisee qaqqabsiisu qabaa?

✍️Hundumaafuu kitaaabni kun sadarkaa 4 keessa madaalamee secca'amee darbe asgahe! Anillee ittiin sadarkaa As.Prof guddadhe!

πŸ‘‰ Dhaloonni dubbisuu qaba. Kanaaf akka keessanitti, mee eenyuuf maal dhaamtu?
Dr. Hayilee Fidaa Eenyu?

Youtube Akkaadaamii Afaan Oromootiin barumsa addaddaa kennuuf deemna! Ammuma 'subscribe' gochuun nu hordofaa!
Horaa bulaa! πŸ‘‡
Sa'a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa! Nuti hammam afaan keenyatti amanna! Afaan Ingiliziitiin miidiyaa moggaasanii Afaan Oromoon tamsaasaa hinjiranii?
πŸ‘‰Maaliif kana gootan yoo jedhaman miidiyaan keenya idiladdunyawaa 'international' akka ta'uuf akkas goone jedhama. Viidiyoo kana dhaggeeffadhaaπŸ‘‡ yuutuubii keessanis 'subscribe' godhaa!
Deebanaa!
2025/07/13 18:44:12
Back to Top
HTML Embed Code: