Telegram Web Link
Forwarded from GOLA YAADAA
Yaadolee dadammaqiinsaa 12 :-

1. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha".

2. Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin".

3. Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha".

4. Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin".

5. Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate".

6. Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u".

7. Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa".

8. Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan".

9. Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama".
"Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible".

10. Maya Angelou - " Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan".

11. Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte".

12. Muhammad Ali - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godhi".


    share🔄share

#ShareJoin https://www.tg-me.com/thinksroom
DHUKKUBA MUUKUU
Depression (Major Depressive Disorder)
********

Jiruuf jireenya keessatti haalaa fi rakkoo nama mudatu tokko tokko irraa yeroo gabaabaaf muukayuun wonnuma jiru. Inni kun akka rakkootti ykn dhukkubaatti hin ilaalamu. Haa ta'u malee Dhukkubni Muukuu dhaabbiidhaan jijjirraa haalaa-amalaa (Mood) irraa kan ka'e miira gaddaafi fedha-dhabuu wolitti aansee yeroo dheeraaf nama mudatu ykn namatti dhagahamuudha. Kun ammoo haala yaadaa, miiraa, fi fedhaa-abdii namaa jijjiiruun namni wontoota guyyaa guyyatti dalagu (hojii, barnoota, fi kkf) irratti fedhaafi abdii akka dhabuufi dadhabbiin akka itti dhagahamu gochuun mallatoolee haalaa-amala xiinsammuufi qaamaaf nama saaxila.
---

---
Dhukkubni Muukuu dadhabii ykn miira gaddaa yeroo gabaabaaf namatti dhagahamee badu sanii miti, inni kun dhaabbiidhaan/itti fuufiinsaan kan namitti dhagahamuufi yaala kan barbaaduudha. Yoo yaala argachuu baatanis hanga sadarkaa of balleessuu (Of Ajjeesuu) kan nama geessuu danda'uudha. Dhukkubni Muukuu gosaafi sadarkaa garagaraa qaba.
---

---
Mallattoolee Muldhatan:
Mallattooleen kun yeroo Dhukkuba Muukuu yeroo dheeraaf wolitti aansanii kan namatti dhagahaman yoo ta'u yeroo hedduu guyyaa hunda namatti dhagahamuu malu:
* Miira gaddaa, imimmaanii, duwwummaa ykn abdi-dhabummaa
* Dhimmuma xiqqoo irratti garmalee aaruu, dallanuu, of-fixuu, ykn loluu
* Fedha dhabuufi wontoota armaan dura gammachuu isaaf umaan/kennan sanittis gammaduu dhabuu
* Jeeqamuu haala hirribaa (hirribni nama diduu ykn garmalee baay'isanii rafuu)
* Mirri dadhabbii namatti dhagahamuu, humna dhabuu,
* Fedhiin nyaataa xiqqaachuu ykn dhabamuu, kanaaf qamni huqqachu. Yeroo tokko tokko ammoo fedhiin waan dabaluuf deddebi'ani nyaachuu irraa qaamaan gabbachuu/furdachuu
* Cinqamuu, burjaajayuu, boqonnaa dhabuu
* Suuta socho'uu deemuu, yaaduu, ykn harkifataa dubbachuu
* Waan darbe kaasaa aaruu, waan dagatamee ture kaasanii dallanuu, of-komachuu, miirri gati-dhabummaa namatti dhagahamuu
* Dandeettiin waa qayyabachuu, hubachuu, yaaduu, madaaluu, fi xiyyeeffannoo gadi bu'uu.
* Waa murteessuuf rakkachuu. Fkn waan salphaa akka nyachuuf nyaachuu dhabuuyyu dabalatee jechuudha.
* Bowwoo ykn dhukkubbiin dugdaa namatti dhagahamuu.
---

Yeroo hedduu namoonni Dhukkuba Muukuu
qaban mallatooleen asi olitti eerre kun haala jabaafi dhaabbii ta'een kan irratti muldhatu ykn itti dhagahamu ta'ee, haalli kun ammoo dalaggaa isaanii (hoji, barnoota, gageessummaa) fi haala jiruuf jireenya hawaasummaa isaanii irrati kan dhiibbaa ykn rakkoo fidudha.
---

Ijoollee irrattis mallatooleen kaafne kanaan ala dabalataan mana barnootaa deemuu diduu, jeequu, hiriyyoota woliin waldhabuu/wol-loluu, of miidhuu ykn of xagaruu, bu'aan barnootaa isaanii gadi bu'uu, ijoollee ykn hiriyyoota isaanii wojjii taphachuu dhabuu, ykn namatti/hawaasatti dhihaachuu dhabuu ykn of fageessuu, manuma keessa ooluu, fa'a ta'a.
---

---
Namoonni Dhukkuba Muukuu qaban fedha, abdii fi hiikkaan jiraachuu duwwaa ykn faayida-dhabeessa ta'ee waan itti muldhatuuf yaalii of ajjeesuu deddebi'anii godhu, yoo takkaan milkaayan ammoo isaan dhabuu dandeenya. Kanaaf hiriyyaa ykn miseensaa maatii keessan kan miira akkana qabaatan itti dhiyaattanii dubbisuun, iddoo yaala argachuu danda'an dursanii fiduun hedduu takka barbaachisaadha.
---

---
Ka'umsaafii Sababni maal ta'uu danda'a?
Namoonni Dhukkuba Muukuu qaban haalli keemikaala narvii/sammuufi hormoonotaa isaanii kan nama kaanii irraa yeroo hedduu garaagarummaa ni muldhisa. Akkasumas dhaala-amalaa (inherited traits) maatii irraa dhufus shoora akka taphatu qorannooleen ibsan ni jiru.
---

---
Wontoonni carraa Dhukkuba Muukuu horachuu keenya dabalan:
* Amala namummaa tokko tokko fkn miira gad-aantummaa, of danda'uu dhabuu fi ykn of-qeequu/of-tuffachuu qabaachuun
* Rakkoolee jiruuf jireenya irratti nama mudatan (fkn humna maallaqaa dhabuu, maatii ykn nama jaalatan du'aan dhabuu, miidhaan qaamaa ykn miidhaan gudeeddaa saalqunnamtii nama mudachuun, hiriyyaa/jaalallee/ykn haadha/abba-manaa ofii wojjiin hariiroo gaarii hin taane qabaachuun ykn addaan bahun) carraa Dhukkuba Muukuu
horachuu ni dabalu.
* Maatii dhiigaa Dhukkuba Muukuuf saaxilame qabachuun
* Dhukkuba Jeeqamuu Sammuu kan biroo qabaachuun
* Alkoolii baay'isanii fayyadamuunii fi araada birootiin qabamuun
* Dhukkuboota qaamaa nama irra turan (chronic illness) akka Istrookii, Kaanseeriifi dhukkubbii yeroo dheeraaf namatti dhagahamu qabaachuun
* Akkasumas qorichoonni hirribaaf jedhanii fudhataman tokko tokko Dhukkuba Muukuutif nama saaxiluu danda'u.
---

---
Xaxaawwan Dhukkuba Muukuu irraa dhufan ykn nama mudatan:
* Miirri dhukkubbii qaama guutuu namatti dhagahamuu irraa hojii dalaguu dhabu
* Gadda, Fedhii-dhabuu, abdii murachuu fi mallattoole isaa kan biroo dagachuuf jecha alkoolii baay'isanii dhuguu irraa miidhamuu
* Cinqamuu, dhiphachuu.
* Hariiroo gaarii hin tane hawaasa wojjiin qabaachuu. Hawasa irraa adda of baasuu.
* Maatiin woldhabuu, maatitti makamuu nuffuu, jibbuu fi maatii irraa fagaachuu.
* Of miidhuu, of muruu, of woranuu, of madeessuu,
* Yaalii of-baleessuu (of ajjeesuu) deddeebi'anii yaaduu, yaaluu fi raawwachuun xaxaawwan Dhukkuba Muukuu irraa nama mudatan keessaa muraasa.
---

---
Dhukkubni Muukuu (Clinical Depression) yaalamuu ni danda'a. Yaalamuus qaba. Yalli isaa kennamu bifa qorichaatiiniifii gorsa halaa xinsammuu (psychotherapy) ogeessaa yaala sammuu (Psychiatrist) ykn ogeessa xinsammuu (Psychologist)n kennamuun ni yaalama, ni foyya'a. Yeroo hedduu namoonni Dhukkuba Muukuu qaban ofii isaaniitii deemanii ilaalamuu hin fedhan, kanaaf maatii ykn hiriyyaa keenya miirriifi mallattooleen asii olitti eerre itti dhagahamu ykn irraa muldhatu jiraannaan iddoo yaalaa fiduun yaala barbaachisu akka argatu gochuu qabna.
---
---
Ulfaadhaa, horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
---
Join this
@sammuukoof
@sammuukoof
DHIBEE ISTIROOKII

1. Istirookii jechuun yeroo akkuma tasaatti qaamonni sammuu keenyaan toataman hojii isaanii hojjechuu dhaaban fknf kan akka walakkaan qaama tokkoo sochouu dhabuu, Arrabni cufamuu fi kkfn nama mudatanii fi namni kun saa 24 keessatti dhibee kanarraa yoo bayyanachuu baatedha. Akkasumas Istirookii jechuuf dhibeewwan biroon mallattoo istirookii agarsiisan adda bahanii jiraachuu dhabuun isaanii mirkanaauu qaba!
2. Istirookiin kan uumamu yeroo seelonni sammuu keenyaa sababa dhiigni gara sammuutti deemu hirateef /cufameef oksijinii fi gulukoosii sammuuf barbaachisu dhabuun duan kan uumamudha.
3. Istirookiin gosoota lama qaba. Isaanis :- Inni 1ffaan isa hiddi dhiigaa sammuu keenyatti dhiiga rabsu sababa adda addaan yoo cufame fknf dhiigni kantare yoo hidda dhiigaa kan dhiiga sammuutti tamsaasu yoo cufe (Ischemic stroke) kan uumamudha. Inni 2ffaan yommuu hiddi dhiigaa sammuu keenyaa citee ykn dhohee dhiigni sammuu keenya keessatti yoo dhangalae kan uumamudha.
4. Bara 2010 keessa duwwaa namoonni miliyoona 17tti lakkaa
aman dhibee kanaan akka hubaman qorannoon tokko ni mulisa.
5. Mallattoowwan dhibee kanaa keessaa muraasni :- Gartokkoon qaamaa socho
uu dhabuu ykn hadooduu, dubbachuu dadhabuu ykn waan namni dubbatu huubachuu dhabuu, yeroo baayee iji karaa tokkoo arguu dhabuu, gatantaruu, fincaan qabachuu dadhabuu, mallattoowwan akka gaggabdoo agarsiisuu fi kkf dha.
6. Wantoonni dhibee kanaaf nu saaxiluu dandahan :- dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabaachuu, furdina garmalee, tamboo xuuxuu, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee, umurii waggaa 50 fi isaa olii, namoota dhibee kana irraa fayyanii bayyanataniI fi kkf dha.
7. Mala ittisaa keessaa muraasni:- furdina garmalee hir
isuu, namoonni dhukkoota akka dhiibbaa dhiiga, sukkaaraa fi onnee qaban qoricha ogeessi fayyaa ajajeefiitti sirnaan fayyadamuu, sigaaraa xuuxuurraa of qusachuu fi kkf dha.

Namoota mallattoowwan istirookii armaan olitti eeraman yoo argitan ariitiin Mana yaalaa geessaa!

Fayyaa hin dhabiina.
👉 @sammuukoof
@sammuukoof
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
fayyaa sammuu.pdf
1.1 MB
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
Sodaa hawaasa (Social phobia).

Namoonni baay’een bakka namni baay'atutti argamuun yaaddoo sinitti ta'e sodaakeessan injifattanii akkuma nama kamiitti bilisa taatanii jiraachuu feetuu? Kaffaltii malee ji'a tokko keessatti bakka afuritti qoodee hojii manee siniif barreessa. Hiriyoota keessan ija laafan, nama fuulduratti uffachuu, nyaachuu, dubbachuu sodaataniif qooda.

Hoji manee guyyootan Kutaa 1ffaa.

1, Sanbata/Dilbata. Rifeensakee miicaadhu. Mana sagadaa deemii waaqeffadhu.
Sa'aatii booda bakka bashananaa kitaabakee fuudhii deemitii ta'ii dubbisi. Namoota daawwadhu.

2. Wiixata. Lafa namni itti baay'atu deemi ciree nyaadhuu. Bunakees dhugi.

3. Kibxata. Laaqanakee bakka namni baay'atu deemii nyaadhu.

4. Roobii. Ganama rifeensakee miccadhu. Sababa uumii nama haara waliin walbari. Bilbila isaa ykn ishee fudhadhu. Saala walfakkaata yoo ta'e bareedaadha. Deebistee hin bilbiliin.

5. Kamisa. Lafa gabaa deemii yoo bituu baattes waan sitti bareede gaafadhu. Hanga gatii madalawaa sitti himanitti mormi(karakari).

6. Jimaata. Hiriyoota kee duri lamaaf bilbili nagaa ho'aa gaafadhu.

#Hub:-Torban guutuu ganama ganama sochii qaama dalaguun dirqamadha.

Jimaata saa'aati booda yoo kana hunda raawwatte inbox naaf godhi.
Kutaa itti aanuutti dabarta.
Hiriyaa beektaniif qoodaa.
@sammuukoof
@sammuukoof
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
Ulfinakee affeelii nyaadhu.

Ati nama. Namni immoo qaamaan, sammuudhaan, hariiroo hawwaassummaan guddachuu qaba.
Anoo sanan baradhee akkamitti kanan hojjedhaa?
Sammuunkoo waan kana amanee fudhachuu hin danda'u.
Namoonni ollaakoo hiriyoonnikoo maal naan jedhuu?
Maatiinkoo iddoo akkasiitti miti kan isaan na eegan.
Ulfinakoo ofirratti eeggachuun qaba. Yeroo dabartuuf jedhee hojii fokkisaa akkasii hojjechuu hin qabu.
Ani akkasiim! Akkas naan jedhum! Natti orii'ani. Hiriyoonnikoo na jibbuum
Yoon kisaarehoo? Yoon du'ehoo? Lakki ulfinakoon eeggadha malee.

Na dhageessaa! Qalbiikee naaf ergistaa? Elaa Ulfinnikee boolla haa seenu. Maaliif akka awwaala dibamaa utuu keessikee dheebotuu, gubatuu duubaan of dhidhiibdaa? Hojjedhu hojiitu si jijjiira. Waan sammuunkee Itti amane addunyaa sammuukee keessaa isa bahuuf dhikkifatu. Karaa fokkisaas ta'u bareedaa. Ollaafi maatii miti ofiikee murteessi Itti seeni.
Nama gammachiisuu gonkumaa hin dandeessu beeki. Hangam of eeggatte guutuu ta'uu hin dandeessu. Namni hir'ina waan siin jedhu hin dhabu. Digiriikee dibbiriikee gilgiliikee mukatti fannisii daandii milkaa'inakeef murteeffatte irra adeemuu ammuma eegali. Fiigi ariifadhu. Balalii'i. Kufi gangaladhu. Daaraa keessas foqoqi awwaara. Dhagaas baadhu, dafqi, xuriin siihaa ajeessu.
Hiriyaa si kabaju utuu hin qabaatiin ulfinakoo! Ulfinakoo! Ulfinakoo hin jedhiin. Ulfinnikee qilee haa seenu, yoo feete affeelii nyaadhu. Ollaafi firri dibbee rukutee sitti haa caaranu. Ati hinaaftootaafi qeeqtota duubatti dhiisi galmakee qofaa suksukuu irraa ijakee hin buqqifatiin.

Boru gaafa sii darbu. Boru gaafa dhugaakee baramu, boru gaafa yaadakee hojiitti jijjiirte, Boru gaafa milkaa'innikee toora qabatee dhufu situ abbaa moo'ichaati. Ulfinnikee toora galee dhufa.
Maqaakeetu akka alaaba biyyatti boru farfama.
Utuu hin hojjetiin, hin milkaa'iin salphina malee ulfinni hin jiru.
Kanaaf eenyummaakee hojjechuun yaadakee milkaa'inatti jijjiiruuf ba'aakee hurqufii of ta'ii jiraadhu.

@sammuukoof
@sammuukoof
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
Coqorsa Abdii.pdf
1.3 MB
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
fayyaa sammuu.pdf
1.1 MB
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
Forwarded from Booka Beekumsaa
RAKKINNI HAA RAKKATU!.pdf
574.3 KB
Things Fall Apart.pdf
858.2 KB
Share 'Things Fall Apart

Chinua Achebe
Forwarded from Guduunfaa📚
Firii(9).pdf
177 KB
Forwarded from Reading PDF (Getu Abera✟)
RICH_DAD,_POOR_DAD_FOR_TEENS_by_Robert_Kiyosaki_&_Sharon_Lechter.pdf
632.6 KB
Rich Dad & Poor Dad
👤 Robert T. Kiyosaki

📚 ENGLISH PDF
Page-121║Size-632KB
share💯share💯share
@Reading_pdf
@Reading_pdf
🔺JOIN🔺
#Fayyaa_Gadaamessa_Keessatti!

Fayyaa eeggachuun erga dhalatanii booda qofa osoo hin taane gadaamessa haadhaa keessatti kunuunsa godhamuu qabus of keessatti hammata.
Miidhawwan garagaraa yeroo ulfaa haadha tokko irra gahan fayyaa daa'imaa irratti dhiibbaa akka dhaqabsiisan beekkamaadha. Wantoonni haati takka yeroo ulfaatti soorattu fi dhugdu akkasumas hojiiwwaan isheen yeroo sanitti hojjattu kan daa'ima sana rakkoo irraan geessisu yoo ta'e egeree daa'imichaas dhukkuboota qaamaa gargaraa, rakkoowwan xiinsammuu adda addaa fi dhukkuboota sammuutiifis saaxiluu danda'a.
Rakkoo dhufu kana hanbisuudhaaf kununsaa fi of eeggannaa barbaachisu gochuutu barbaachisa.

#Kununsaa_fi_Of_eeggannaa haati ulfaa takka gochuu qabdu:
√  Hanga danda'ameen soorata Viitaaminiidhaan badhaadhe soorachuuf yaaluu.
√ Alkoolii dhuguu irraa of qusachuu.
√ Sigaaraa aarsuun hin barbaachisu. Dabalaatanis eddoo sigaaraan itti aarfamu irraa of fageessuu.
√ Hirriba gahaa rafuu.
√ Of dhiphisuu fi aaruu dhiisuu.
√ Hojii ciccimaa isaan miidhuu danda'u irraa of qusachuu.
√ Foon dheedhii nyaachuu dhiisuu.
√ Qorichoota daa'ima gadaamessa keessa jiru irratti dhiibbaa dhaqqabsiisu danda'an kamuu fudhachuu irraa of qusachuu.
√ Wantoota akka bunaa fi shaayii baayyisuu dhiisuu.
√ Hordoffii Ulfaa itti fufiinsa qabu gochuu.

Abbaan manaa fi maatiin biroos gama barbaachisu hundaan haadha daa'ima garatti baattu cinaa dhaabbachuu qabu.

👉 Durisinee fayyaa keenyaa fi maatii keenyaa eeggachuun baasii humnaa olii kan yaala dhukkubichaatiif bahu jalaa nu oolcha. Yaaddoo fi cabiinsa qor-qalbii jalaas nu barara!
🍊Fayyaan keenya qabeenya nutti qabnu hunduma irra ni caala.

Fayyaa hin dhabinaa!!
#Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Namni tokko dhukkuba sammuu qabachuu isaa akkamitti beekuu dandeenya?

Namoonni dhukkuba qaamaa ( medical illnesses) yeroo dhukkubsatan akka dhukkubsatanii fi yaalli akka isaan barbaachisu ni beeku garuu warreen dhibee sammuu dhukkubsatan baay'een isaanii akka dhukkubsachaa jiran of irratti hin beekan ykn haalli isaan keessa jiran sun isaaniif mijaatadha. Kuni immoo isaan jaallatanii osoo hin taane amaluma dhukkuba sammuu gosa baay'eeti. Kanaaf namoonni yeroo hedduu namoota akkasii kanneeniif hubachuu dhiisuu malu.

#Agarsiistuwwaan dhukkuba sammuu( warning sign of mental illnesses)
• Haalli nyaata fi hirribaa olka'uu ykn gadi bu'uu
• Nama irraa adda of baasuu
• Dalagaawwan duraan hojjatan dhiisuu
• Humni gadi bu'uu
• Mirri abdii kutachuu fi gargarsa dhabuu itti dhaga'amuu
• Araada garaagaraa irratti bobba'uu
• Salphaatti aaruu, burjaaja'uu,fi dhiphachuu
• Maatii fi hiriyoota waliin wal loluu
• Amala dhaabbataa dhabuu
• Sagalee nama birootti hin dhaga'amne dhaga'uu
• Wantoota nama birootti hin muldhanne arguu
• Waantoota dhugaa hin taane amanuu
• Ofii fi nama biroo miidhuuf yaaluu
• Hojiiwwaan guyyaa guyyaan hojjatan dalaguu dadhabuu fa'a.
#Furmaata: Mallattooleen kunniin agarsiistuwwaan dhukkuba sammuu waan ta'aaniif yeroon gara mana yaala deemuun ogeessa yaala sammuu mariisisuun barbachiisaadha.

Fayyaa hin dhabiina!

Hospitaala Amaanu’el irraa.

Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka hiikutti namni tokko fayyaadha jechuuf dhukkuba qaama dhabuu qofa osoo hin taane, fayyaa sammuu, hawaasaa akkasumas haafuraa (spritual health) yoo qabateedha. Kennaan guddaan Waaqayyoo irraa argannee sammuudha.
Sammuu malee qaamni keenya kamiyyuu dalaguu hin danda'u!!! Namni talallii dhukkuba sammuuf fudhate hin jiru( no one is immune of mental illness).kana jechuun Namni kamiyyuu saaxilamoodha jechuudha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhiheenya kana akka ibseetti namoonni gara biliyoona tokkoo dhukkuba sammuu gara garaaf saaxilamaa jiru. Isaan keessaa parsantaa 10% qofatu furmaata (treatment) argate. Namoota Afur keessaa tokkoo dhukkuba sammuu qabaachuu qorannoon adda addaa ni ibsu!!!

Fayyaa Sammuu hunda keenyaf!!!
Monenus Teshome Hordofa
Ogeessa fayyaa sammuu

#Join
@sammuukoof
@sammuukoof
#Namni-tokko "sammuun dhibame" jechuuf dirqama qullaa buusuu qabaa? Hin qabu.

Dhibee sammuu wayita jedhamu huccuu ofirraa gatanii qullaa daandii irra fiiguu qofa kan itti fakkaatu ni jiraam! Namoota qullaa buusaanii daandii irra jiraatan kanaaf iyyuu namoonni gaaffii waliif dhiyeessan ni jiru. Fakkeenyaaf namni dhibee sammuu qabu tokko daandii irratti lubbuu isaa oolfachuuf konkolaataa jalaa yoo baqate, namni kun “Sobeetu malee utuu dhibameera ta’ee jalaa hin dheessu ture”, jedhuun.
Namoota muraasaan immoo yoo doorsifamee sodaate “Elaa, lubbuu isaa beekaam!” jedhuun itti ga’isuun kanuma jirtu.
Qullaa buusuun qalbii darbuu utuu hin taane mallattoo dhukkuba sammuu keessaa isa tokkodha. Yeroo baay’ee namoota yeroo dheeraaf dhukkubsataniifi battala dhibaman irrattis darbee darbee mul’achuu danda’a. Namoonni fayyaa ta’anii wayita akka malee aaran (danfan) uffata ofii isaanii ofirratti ciranii gatan, yookiin qullaa buusanis jiraachuu malu.
Haa ta’u malee qorannooleen garaagaraa akka ibsanitti, dhibee sammuu jechuun namni tokko dandeettii waan tokko hubatee raawwachuu, fedhii yookiin amala isaa duraa irratti jijjiiramni haaraan ifa ta’e yoo jiraatedha. Kana jechuun miiraafi dandeettii kanaan dura qabu yoo dhabe yookin yoo gad bu’e jechuudha. Jijjiiramni kunis hojii guyyaa guyyaa, jireenya hawaasummaafi walitti dhufeenya namoota waliin qabnu irratti rakkoo fidaa jira yoo ta’e sammuun miidhamaa jiraachuu agarsiisa.
Namni tokko dhukkuba sammuu qaba jechuuf waan huccuu ofirraa baaseef qofa osoo hin taanee, ulaagaafi mallatoolee agarsiiftuu dhukkuba murtaa’ee tokkoo qabaachuuf dhiisuun adda baha.
Fakkeenyaaf giinga’uu, sireerratti fincaa’uun, araadaan qabamuu, miiraa saal-qunnamtii dhabuu yookiin humna ol qabaachuun, waanuma salphaaf dhiphachuunii fi wantoota biroo akka hawaasa keessatti akka fayyummaatti ilaalaman garuu mallattoo dhukkuba sammuu ta’an kaasuun ni danda’ama.

Kanaaf namoonni keenya ykn maatiin keenya yeroo jijjiiramni amalaafi of to’achuu dadhabuu kana malees rakkoo sammuu isaan muudatu gara ogeessa yaala sammuutti fudhachuun ogeessa mariisisuun barbaachisaadha. Hanga qullaa buusanitti eeguun gaarummaa hin qabu. Namni hundiyyuu yoo yeroon yaalame fayyuu ni danda’a. Kana hundaaf hubannaa uumuun fayyaalessummaa dhuunfaa keenyaati.
Kana qofaa osoo hin taanee, namoonni dhibee sammuu qaban akka nama miidhaniifi hamoo ta’aniitti yaaduun ni jira. Garuu kan miidhaa geessisan namoota dhibee sammuu qaban muraasa qofa.

#join
@sammuukoof
@sammuukoof
Dhibee Malee Dhukkubsachuu (Somatic Delusion)

Namoonni dhibee gosa kanaa qaban osoo hin dhukkubin rakkina qaamaa akka qaban amanu.
Bocni qaama kootii sirrii miti jedhu.
Afaan koo foolii badaa qaba jedhu
Qaamni koo rifeensa fixate jedhu
Qaama koo keessa waatu deema jedhu.
Yoo tarii namni isaan ilaale foolii kootu nama jeeqa jira jechuun of dhiphisu.
Dhibee na ajjeesutu na qabate jechuun dhama’uu fi kkf
Sababa kanaaf yeroo hedduu mana yaalaa deemuun ilaalamuu jaalatu, garuu dhibee homaatuu hin qaban. Namoonni dhibee kana qaban yeroo baayyee rakkoo gara garaatiif saaxilamu. Qorannoo hin barbaachifne yeroo baay’ee qoratamu, qabeenyaa fi xiinsammuun isaanii ni miidhama. Kanaaf xiyyeefannaan ilaaluun yaalamuun dirqama ta’a.

Barnootaa waa'ee sammuu argachuuf.

Join
@sammuukoof
@sammuukoof
2025/06/29 18:47:43
Back to Top
HTML Embed Code: