Telegram Web Link
Itoophiyaan labsii dhugaatii alkoolii miidiyaa hawaasummaa irratti Akka hin taamsaasne dhorgu qopheessite.

Abbaan Taayitaa Nyaata fi Qorichaalee Itoophiyaa seera omisha Alkoolii miidiyaa hawaasummaa irratti beeksisuu walakkaan dhorguu danda'u qopheessee hojii irra akka jiru ibseera.

Itoophiyaan waggoota dura omisha Alkoolii miidiyaa akka Televizsinii fi Raadiyootti beeksisuu seeran dhorguu ishee ni beekkama.

Dhaabbanni omisha Alkoolii yeroo ammaatti maloota adda adda fayyadamuun omisha isaanii beeksisaa jiraachu fi hawaasa bal'aa bira gahaa jiran jedhameera.

Kanneen keessaa baay'innaan miidiyaa hawaasa fi teknolojiiwwan hedduu fayyadama jiraachu himameera.

Beeksisaa Alkoolii gama miidiyaa hawaasa irratti babal'achaa dhufe kana daangessuuf, seerri qoratamee adeemsa irra akka jiru ibsameera.

Itoophiyaan waggaa Shan dura dhugaatii Alkoolii biroodikaastii irratti akka hin beeksifamne dhorguun ishee ni yaadatama.

@Tikvahethafaanoromoo
19👍13👏1😢1
#BREAKING

ABUT/TPLF Paartii siyaasaa irraa haqame!

Boordiin filannoo biyyoolessa Itoophiyaa paartii adda bilisummaa ummata Tigraay(ABUT) paartii siyaasa keessa haquu beeksiseera.

@tikvahethafaanoromoo
👍39👎123
Itoophiyaan ji'oota 10 darban keessatti al-ergii bunaa irraa galii Doolaara biiliyoona 2tti dhiyaatu argachuu ibsame

Bara baajataa 2017 ji’oota 10 darban keessatti al-ergii bunaa qofa irraa galii Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.868 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa beeksise.

Abbaan taayitichaa bara baajataa kana ji’oota kurnan jalqabaa keessatti buna toonii kuma 240 fi 753 gara biyya alaatti erguudhaan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.315 argachuuf karoorfachuu Daarektarri Abbaa Taayitichaa Dr. Aduunyaa Dabalaa yaadachiisaniiru.

Karoora kanas dhibbeentaa 147 galmaan gahuun toonii kuma 354 fi 302 gara alaa erguun Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.868 argamuu isaa daarektarichi ibsaniiru.

Raawwiin kunis seenaa al-ergii wagga tokkoo biyyattii keessatti olaanaa ta'uu ibsaniiru. #AS

@Tikvahethafaanoromoo
👍64
Lammiileen Itoophiyaa jibuutii keessa jiraata Turan waraqaa seera qabeessa hin qabne dararaa keessa jiraachu himan!

Lammiileen Itoophiyaa Jibuutii keessa jiranii fi waraqaa jireenyaa seera qabeessa hin qabne akka biyyattii keessaa ba'aniif daangaan yeroo kaa'ameefii ture xumuramnaan rakkoo keessa galan, amma birmannaa gaafataa jiru.

Baqattoonni kumaatamaan lakkaa'aman gara daangaa, Dawwallee, geeffamuun, kaan ammoo iddoowwan adda addatti walitti guuramuun dararmaa akka jiran lammiin Itoophiyaa waggoota 20 oliif Jibuutii jiraatan BBctti himaniiru.

kanaan dura wayita mootummaan Jibuutii murtee kana dabarsuun daangaa yeroo baqattoonni eeyyama jireenyaa hin qabne keessatti ba'uu qaban kaa'u mootummaan Itoophiyaa yeroon akka dheeratu gaafatee ture.

Haata'u malee mootummaan Jibuutii yaada Imbasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru dhiyeesse hin fudhanne.

Jiraataan Jibuutiirraa BBC'f yaada kenneen ''warri seeraan alaa biyya kana gadhiisanii akka ba'an erga mootummaan ajajee as wanti deemaa jiru ulfaataadha,'' jedhan.

@Tikvahethafaanoromoo
👍18😢3
Turiistoota Naannoo Oromiyaa daawwatanirraa galiin Birriin biiliyoonni 36 argame - BATO

Baatiwwan saglan darban Tuuriistoota alaa fi keessaa Bakkeewwan hawwata Tuuriizimii Naannoo Oromiyaa daawwatan irraa galiin Birriin biiliyoona 36 argamuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii naannichaa ibse.

Bakkeewwan hawwata tuurizimii naannoon Oromiyaa Uumamaan qabdurratti hojiin Sona dabaluu hojjetamuu hordofee hawwatummaan isaanii dabalaa jiraachuu Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti Daayrektarri Misoomaa fi Piroomooshinii obbo Faantaahuun Taaddasaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Hawwatummaa bakkeewwan hawwata tuurizimii Naannoo Oromiyaa dabaluuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiraachuu obbo Faantahuun ibsaniiru.

Waggoottan lamaan darban bakkeewwan ikkoo Tuurizimii 18 adda baasuu hojiileen qorannoo bu’uuraalee misoomaa fi kanneen biroo hojjetamaa jiru jedhan.

Ulaawwan Oromiyaa hunda keessatti haala walfakkaatuun bakkeewwan hawwata tuurizimiitti hojiin bu’uuraalee misoomaa barbaachiisoo guutuu xiyyeefffaannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Yaa’iinsi Tuuristii naannoo Oromiyaa yeroo gara yerootti sadarkaa Olaanaan dabalaa dhufuus himaniiru.

Baatiwwan saglan darban tuuristoonni biyya keessaa miiliyoonni 12. 5 fi kan biyya alaa kumni 100 fi kumni 75 ol bakkeewwan hawwata Tuurizimii naannoo Oromiyaa daawwachuu obbo Faantaahuun ibsaniiru.#BATO

@tikvahethafaanoromoo
👍42👎5🔥3
Boordiin Filannoo galmee dijitaalaa buufataalee filannoo marsaa lammaffaa eegale

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyoolessaa 7ffaa dhufuuf hojiin buufataalee filannoo karaa sirna dijitaalaatiin galmeessuu marsaa lammaffaaf eegaluu beeksise.

Boordichi filannoo biyyaalessaa dhufuuf qophii adda addaa gaggeessaa akka jiru ibsuun, filannoon kun kan kanaan dura gaggeeffaman caalaa bu’a qabeessaa akka ta’uufi akka yeroon barbaadutti ammayyeessuuf hojjetamaa akka jiru hubachiiseera.

Kanaanis iddoo sirrii buuftaaleen filannoo itti argaman teeknooloojii GIS fayyadamuun hojii karaa 'XY Coordinates' adda baasuu fi galmeessuu hojjetamaa akka jiru akeekeera.

Marsaa jalqabaatiin naannolee Sidaamaa, Dirree Dhawaa, fi Hararii, akkasumas naannoo Kibba Itoophiyaa keessaa godina Geedi’oo buufataalee filannoo 3495 irratti galmeen 'XY Coordinate' akka raawwatame ibseera. #AS

@tikvahethafaanoromoo
👍44👎3🥰32🔥2
"Balaa Tiraafikaatiin lubbuun namoota 19 darbeera" Poolisii Magaala Gilgil Balas

Naannoo Benishangul Gumuuz godina Matakkal Magaala Gilgil Balasitti guyyaa kaleessa balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 19 yoo darbu namoota 13 irra miidhaa cimaan gahuu Poolisii magaalicha Tikvah Itoophiyaaf himeera

Mashina Iskaavatar jedhamu fe'ee ka'umsa isaa Magaala Chagni taasisuun kallatti isaa gara hidha Abbaay deemaa kan ture konkolaata harkisaa fireenii kutuun Hoteela bashannana uummataa keessa seenuun balaa kana geessuu danda'eera.

Balaa kanaan hanga ammaatti namoonni 19 yoo du'an, namoota 13 irra miidhaa cimaan gaheera.

"Balaa kanaan namoonni 30 du'aniiru" jechuun oduun facaafamaa jiru dhugaa Akka hin taane ajajan Poolisii magaalicha Tikvah Itoophiyaaf himeera.

Sababni balaa kanaa "rakkoo teknikaa ta'uu fi keella irraa jalqabee fireeniin isa didaa dhufuu " dha jechuun ibsaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
😢15👍123
Dukkana gara dukkana osoo hin deemin .... Bakka jirtanitti waan barbaaddan bitachuun amma danda'amee jira!
Baankii Daashiniin aappi onlaayinii supperi fayyadamuun gabaa irraa meeshaa bitachuuf yeroo sadi qofa gadi tuquu dha. Tuqaatii duraatiin iddoo gurgurtaa filachuu, tuqaatii 2ffaatiin waan bittan filachuu, tuqaatii 3ffaatiin kaffaltii raawwachuu qofa dha.

Achiin wanta bitattan san iddoo barbaaddanitti isiniif dhufa yookan isinummaan iddoo bitattanii dhaqxanii fudhattan!

Suppar aappii baankii Daashinii keessa:- dukkaana Elektirooniksii, Dukkaana Uffata daa'immanii, Dukkaana Uffata Faashinii, Kaaffee fi restooraantii, dhiyessitoota meeshalee fayyaa fi qulqullinnaa, Uffata ispoortii, Supparmaarkettii fi kanneen biroos keessatti argamu.

Ammuma Suppar aappii baankii Daashinii download godha!
Tuqaatii sadi qofaan gabayaa keessan baha.
👍192
'Sadarkaa hammaataarra gahuu dura atattamaan falli haa kennamu' - Waldaa Hakiimota Itoophiyaa

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa duula ogeeyyiin fayyaa gaggeeessaa jiran ilaalchisuun ibsa baaseen ogeeyyiin fayyaa hidhaman akka gadhiifamanii hojii idileetti deebi'an gaafate.

Waldichi ogeeyyiin hangamii duula kanaan walqabatee akka hidhaman hin ibsine. Gama kaaniin lagannaa hojiin walqabatee hojjettoonni fayyaa 80 tti dhiyaatan hidhamuu qindeessitoonni duula ogeeyyii fayyaa guyyoota muraasa dura BBCtti himanii turan.

Kanneen hidhaman jiraachuu kan himan qindeessitoonni BBC'n qaama walabaa irraa lakkoofsi kun dhugaa tahuu hin mirkaneessine.

Waldaan Hakiimota Itoophiyaa ibsa miidiyaa hawaasaarratti maxxansee keessatti gaaffii ogeeyyiin mindaan xiqqaachuu, fayidaan ogeeyyiin argachuu qaban akka eegamuu fi bakki hojii akka mijatuuf kaasan ''sirriidha'' jechuun deeggaree fala akka argachuu akka qabu gaafateera. #BBC

@Tikvahethafaanoromoo
👍542😢1
2025/07/08 14:55:40
Back to Top
HTML Embed Code: