Telegram Web Link
Gatiin beenzilaa liitira tokko birrii 122 fi saantima 53 yoo galu, Naafxaa Adiin ammoo birrii 116 fi Saantima 49 galeera.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa gatii gurgurtaa oomishaalee boba’aa irratti guyyaa kaleessa Eblaa 30 irraa eegalee sirreeffama taasiseera.

Haaluma kanaan:

➡️Benzila liitira tokkoo Birrii 122.53

➡️Naafxaan liitira tokko Birrii 116.49,

➡️Keeroosiinii liitira tokko Birrii 116.49

Gama biraatiin:-

➡️Boba'aan xiyyaaraa Birrii 113.20 ture irraa gara birrii 109.56 tti gadi hir'ateera.

➡️Naafxaa gurraacha ulfaataa liitira tokko Birrii 106.75 ture irraa gara birrii 104.08 tti hir'ateera.

➡️Naafxaan gurraachi salphaa liitira tokko Birrii 109.22 ture irraa gara birrii 106.77tti gadi hir'atuun akka gurguramu murtaa'eera.

@tikvahethafaanoromoo
Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan bara 2017 guyyaan itti kennamu ifoomeera.

Tajaajilli madaalli barnootaa fi qormaata, qormaanni biyyaalessa kun Waxabajjii 23/2017 irraa eegalee hanga Adoolessa 8/2017 tti akka kennamu ibseera.

Barattoonni Saayinsii Uumamaa waraqaa irratti qoraman Waxabajjii 21 hanga Waxabajjii 22/2017 akkasumas Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Waxabajjii 29 fi 30 gara Yunivarsitii itti qoramanii kan seenan ta'a jedhameera.

Barattoonni onlaayiniin qoraman mana jireenyaa isaanii deddebi'aa iddoo itti ramadamanitti qoramu.

Qabiyyeen qormaata kitaaba barataa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, barattoonni qormaataf qophii isaanii akka xumuran jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo
Poolisiin Jibuutii baqattoota sanada hin qabne ukkaamsuu eegaleera.

Poolisiin Jibuutii kaleessa galgala mata-duree" Godaansa seeraan ala ittisuu" jedhuun ibsa baaseen kaleessa ganama godaantota sanada hin qabne ukkaamsuu isaa ibseera.

Ukkaamsaan kun kan eegalee baqattoota sanada hin qabne mootummaan biyyattii ji'a tokko dura biyya gadhiisanii akka bahan  daangaan kaa'ame dhumatu isaatiini.

Ukkaamsa kaleessa eegaleen Itoophiyaanonni hagam akka ukkaamfaman wanti beekame hin jiru.

@tikvahethafaanoromoo
"Gabatee konkolaataa hiikuun dhoorgaa dha, ittiin bulmaata irras taa'eera". Fandii Nageenya Daandii fi Inshuraansii

Bakki yaabbattoota itti buusuun dhorgaa ture heyyamamaa jiru, akkasumas iddoowwan dabalataa komiin itti ka'us heyyamuuf mari'atamaa jira.


Hagayya 13 bara 2016 irraa eegalee hojiirra kan oole Dambiin To'annoo Tiraafikaa Geejjibaa Daandii Lakk. 557/2016 Gabatee konkolaataa hiikuun dhoorgaa ta'uu ifoomsee jira.

Kanaan dura poolisiin tiraafikaa konkolaachiftoonni irra deddeebiin sarbama seeraa waan raawwataniif gabatee konkolaataa buqqisuu fi hayyama konkolaachisummaa ni fudhata ture.

Seerri adabbii kana fooyyeessuun baasee konkolaachisan baleessee adabbii isaa 500 hanga 1500 ol kaasee jira.

Ammaa booda sirna konkolaachiftoonni gabatee eeyyama isaanii akka baasan ykn hayyama konkolaachisummaa akka argatan osoo hin barbaachisin adabuudha.

Ammaan booda gabatee eeyyama konkolaataa irraa kaasuun dhorkaadha, seerris keessatti barreeffamee jira.

Sirni kun labsamee hojiitti hiikamaa jira. Muuxannoon fudhatamee naannoleetti ni beeksifama jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo
"Barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 300 ol Qormaata Naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa ni fudhatu":-BBO

Naannoo Oromiyaatti bara kana Barattonni 1,361, 400 Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa fi 8ffaa walduraa duubaan kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Haaluma kanaan qormaata kutaa 6ffaa Barattoota 769,176 manneen barnootaa kuma 12 fi 449 keessatti barachaa jiraniif kan kennamu ta’uu Hogganaa itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Akkasumas qormaata kutaa 8ffaa’n Barattoonni kuma 500 fi kuma 92 fi 224 Manneen Barnootaa kuma 9 fi 783 keessatti barataa jiran qoruuf qophiin xumuramuu Dooktar Galaanaan dubbataniiru.

Waliigalatti, barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 300 fi kuma 61 fi 400 buufatalee qormaata kuma 1fi 305 keessatti qormaaticha kan fudhatan ta’uu himaniiru.

Qormaanni naannoo kutaa 6ffaa Caamsaa 26-27, 2017 kan kennamuu fi kan kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 03-05, 2017 kan kennamu ta’uun eerameera.

@tikvahethafaanoromoo
Finfinnee Kaazaanchisitti dhaabbanni konkolaataa kireessu seera fayyadama koriidarii cabsuun adabame

Finfinnee kutaa magaalaa Qirqoos aanaa 8 keessatti dhaabbanni konkolaataa kireessu Shaam jedhamu seera fayyadaa koriidarii cabsuudhaan birrii kuma dhibba tokko (100,000) adabamuu waajira danbii waabeffachuun Biiroon Komunikeeshinii magaalichaa gabaase.

Dhabbanni kun halkan dahooo godhachuudhaan misooma koriidaraa bakka hin hayyamamne fayyadamuun miidhaa geessiseera.

Gochi kun seera cabsuudhaan qabeenya ummataarra miidhaa geessisuu waan ta’eef adabbii maallaqaarra darbee itti-gaafatamummaawaan hordofsiisuuf, konkolaachisaan miidhaa geessise kun to’annoo seeraa jala akka ooluuf hordoffiin taasifama ajiraachuu odeeffannoo waajira daii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

@tikvahethafaanoromoo
Itoophiyaan "riiformii nageenya Afrikaa Bahaa eegsisu” gaggeessaa jiraachuu ibsite

Itoophiyaan ''riiformii biyyarra darbee nageenya fi tasgabbii naannawa Afrikaa Bahaa eegsisuu dandeessisu'' hojiirra oolchaa akka jirtu beeksiste.

Kunis walgahii dhaabbilee tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyoota Baha Afrikaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti ibsame.

Walgahicha irratti Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen naannawaan Baha Afrikaa waggoota kurnan darbanitti rakkoon nagaa keessoo, saamicha galaanaa, haleellaa saayibarii, daldala namaa fi qormaata kana fakkaatan mudachuu ibsaniiru.

Itti dabaluunis Itoophiyaan biyyarraa darbee naannichatti nageenya mirkaneessuuf riiformii gochaa akka jirtu dubbataniiru. Rakkoolee mudachaa jiran hiikuuf waliin hojjechuun akka barbaachisuus kaasaniiru.#AS

@tikvahethafaanoromoo
Aanaa Kokosaatti balaa bakakkaa uumameen lubbuun daa'ima tokkoo fi beeyiladoota irra miidhaan gaheera.

Rooba cimaa yeroo ammaa ittifufiinsaan roobaa jiru hordofee Godina Arsii Lixaa aanaa Kokossaa gandoota lama keessatti balaa bakakkaa uumameen beelladootaa fi qabeenya irra miidhaan qaqqabeera.

Balaan bakakkaa gandoota Araarsoo fi Wayyoo keessatti Caamsaa 4, 2017 waaree booda rooba cimaa hordofee uumamee loowwan 8 fi lubbuu daa'ima tokkoo yoo galaafatu, manni tokkos gariin gubateera.

Sababa balaa kanaanis, qabeenyi qarshii kuma 300 caalu manca'uu himameera.

Sababa balaa kanaan maatii miidhaan irra ga'e hawaasanii karaa aadaatiin akka walgargaaru hawaasa mariisisuu himanii, karaa Buusaa Gonofaatiinis deggersi kan kennamuuf ta'uu Buusaa Gonofaa Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Damee Kokossaa obbo Buzunaa Galgaloo himaniiru. #FBC

@tikvahethafaanoromoo
Aanaa Shanan Dhuggootti, balaa tiraafikaa dhaqqabeen lubbuun namoota 11 darbe

Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuggootti, balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 11 darbuu Poolisiin Aanichaa beeksise.

Konkolaataan ISUZU lakkoofsi gabaatee SUM 3-05025 jedhamu Magaalaa aanichaa Waldaayaa irraa seeraan ala meeshaa gubbaatti nama 42 fe’ee osoo gara Aanaa Masalaa imalaa jiruu, Ganda Abbaa Amaan jedhamutti eda (04/9/2017) halkan keessaa sa'aatii 2:30’ttii daandirraa maquun hallayyaa meetiraa 50 hanga 70 gadi fageenya qabu bu’uun lubbuun namoota 11 battalumatti yoo darbu, namoota 28’rra immoo balaa cimaan mudachuu Waajjira Poolisii Aanichatti Itti Gaafatamaan Qorannaa Yakkaa Inispeektara Itti Aanaa Rabbirraa Ayyaalaa himaniiru.

Namoota balaan cimaan mudatees Hospitaala Sadarkaa jalqabaa Hirnaafi Hospitaala Waliigalaa Cirootti Yaalamaa jiraachuu Inispeektarri Itti Aanaan Rabbirraan himaniiru.

Sababni balaa kanaas of eeggannoo dhabuufi humnaa ol fee'uu akka tahe ibsameera. #OBN

@tikvahethafaanoromoo
#Paaspoortii

Magaalaa Finfinneetti yeroo iyyannoo paaspoortii hatattamaa irratti sirreeffama taasisuu Tajaajilli Immigreeshinii fi lammummaa ibseera.

Caamsaa 6, 2017 irraa eegalee iyyattoonni onlaayinii hunduu guyyaa beellama isaanii qofatti gara dhaabbataa dhufuun keessummeeffamuu akka danda'an beeksiseera.

Onlaayiniin guutuu warri hin dandeenye, dhimma ariifachiisa kan qabdan qaamaan dhufuun keessummeeffamuu akka danda'an ibseera.

Dabalataan tajaajilichi, Caamsaa 6/2017 irraa eegalee tajaajila paaspoortii idileef ganama sa'aatii 12:00- 8:00 akkasumas paaspoortii hatattamaaf ammoo sa'aatii 9:00- hanga halkan sa'aatii 4:00tti guutuu akka danda'an ibsameera.

Sa'aatii beellamaan alatti naannawa dhaabbatichaa dhaabachuu fi sosocha'uun seeran kan dhorgameedha.

#ICS

@tikvahethafaanoromoo
2025/07/08 09:34:26
Back to Top
HTML Embed Code: