#MOE
Yunivarsitoota wagga sadii walitti aansuun qormaata bahiinsaa barattoota eebbifamtootan %25 gadi galmeessan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu minsiteerri barnoota beeksiseera.
Hoggantoonni Yunivarsitii dandeetti fi gahumsaan akka ramadamaa jiran kaasuun “ Akkaata hojii isaanii ammayyeessuuf dhaabbata leenjii hoggantoota yunivarsitii dhaabuuf hojjatamaa jira” jedhaniiru.
@tikvahethafaanoromoo

👍45❤8😢2🥰1
TIKVAH AFAAN OROMOO
#DV2026 Injifattoonni Viizaa Diversity 2026 Ebla 25/2017 ni ifooma. Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2026 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u.…
#DV2026
Injifattoonni Viizaa Diversity 2026 ifoomee jira.
Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2026 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u.
NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a.
Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan dhaamaniiru.
Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2026 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a.
@tikvahethafaanoromoo @tikvahorobot

👍65👎9❤2🔥1👏1
Guyyaa yaadannoo goototaa sababeeffachuun madfiin si’a 21 ni dhukaafama
Guyyaa har’aa Ebla 27, 2017 guyyaa yaadannoo goototaa no kabajama.
Guyyaan yaadannoo goototaa 84ffaa sababeeffachuun sa’aati 12:00tti madfiin si’a 21 akka dhukaafamu Ministeerri Raayyaa Ittisaa beeksise.
Hawaasni hubannoo akka qabaatu jedhameera.

👍27❤5
Tiraamp fiilmiiwwan kan US hin taanerra qaraxaa %100 kaa'an
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gama daldalaan wayita biyyoota addunyaa hedduu waliin waldhibdee keessa galanii jiranitti filmiiwwan biyyoota alaa ta'anirrattis qaraxaa %100 labsaniiru.
Tiraamp fiilmiin Ameerikaa du'aa waan jiruuf dameen daldalaa tarkaanfii kana akka fudhatu ajajan.
Yaalii biyyoonni adda addaa Ameerikaa keessatti gama fiilmiin olaantummaa argachuuf taasisaniin ''Yaaddoo Biyyaalessaa'' jechuun ibsan Tiraamp.
''Kun ergaa guddaa qaba. Kana fayyadamuun holola oofu. Holola gama kaaniin oofamaa jiru irratti kun dabalata ta'a,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth jedhamurratti maxxansan.
''Fiilmii Ameerikaa qofa feena, ammas.''
Qaraxi Tiraamp labsan kun fiilmiiwwan akkamii yookiin kubbaaniyyaawwan fiilmii oomishan isaan kam akka ilaallatu bal'inaan hin ibsamne.
Fiilmiiwwan Ameerikaa kan Ameerikaan alatti hojjetaman yookiin kanneen biroo ta'uu hin eerre.
Fiilmiiwwan hedduun dhihoo kana US keessatti beekaman kanneen istuudiyoowwan US keessatti hojjetaman Ameerikaan alatti waraabaman.
Kubbaaniyyaawwan fiilmiiwwan bebbeekamoo addunyaa tamsaasuun beekaman kanneen akka Netflix irratti qaraxi kun labsamuusaa wanti ifa ta'e hin jiru. #BBC

👍38❤5😢1
Aadde Sahirallaa Abdullaayi Ebla 25, 2017 irraa eegalee deetaa minsteera fayyaa ta'uun muudamuu isaani ministeerri fayyaa beeksiseera.
Kanaan dura kessattuu yeroo dhibee weerara Koovid-19 san deetaa ministeera fayyaa ta'uun tajaajila turaniiru.
Ammaa hanga gara ministeera Fayyaa jijjiiramanitti daarektara olaanaa ministeera albuudaa fi inarjii ta'uun tajaajila turaniiru.

👍42😢3❤1
Godina Jimmaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota lamaa darbe
Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo ganda Mirgaanoo Basootti rooba cimaa dhuma torban darbetti halkan roobe hordofee lafti sigigaachuun balaa uumameen lubbuun namoota lamaa darbe.
Balaan kun ganda Mirgaanoo Basoo godina Abdii Boruu iddoo adda garee Ogodamaa jedhamutti Sanbata darbe Caamsaa 03, 2025 halkan keessaa sa'aatii 6:00ti kan mudate ta’uu kominikeeshiniin aanaa Shabee Somboo beeksiseera.
Rooba fi bubbee cimaa wal makatee roobeen lafti sigigaachuun maatii tokko keessaa lubbuun namoota lamaa yoo darbuu, miidhaan qabeenya garaagaraa irra gahuu Waajjirri Buusaa Gonofaa Aanaa Shabee Somboo ibse.
Erga yeroo dhiyoo asii kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti balaa sigiga lafaa irra deddeebiin mudachaa jiruun lubbuun lammiilee hedduu darbeera.
Adoolessa 2024 keessa naannoo Kibba Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gazzee Goofaatti balaa sigiga lafaa qaqqabeen lubbuun namoota 250 ol darbuu ni yaadatama. Sana hordofees gadda biyyaalessaa guyyaa sadii labsamee ture.
Haaluma walfakkaatuun, godina Harargee_Lixaa aanaalee Gubbaa Qorichaa fi Shanan Dhuuggootti balaa sigiga lafaa Onkoloolessa 8, 2024 mudateen haadha ulfaa dabalatee lubbuun namoota 9 darbeera.

😢26👍25❤3
"Konkolaachisaan waraqaa ragaa madaalli dandeetti ogummaa hin qabne konkolaachisuu hin danda'u" Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii
Ministeerri geejjibaa fi loojistikii :- bara qabne irraa eegalee akka biyyaatti madaalliin dandeetti ogummaa konkolaachiftoota ni eegala" jechuun ibsaniiru.
Madaalli dandeettii ogummaa wanti kennuun barbaachiseef balaa tiraafikaa gahaa jiru keessa %83 rakkoo konkolaachisaa fi konkolaatan wala'qabate ta'uu isaatiin jedhameera.
Bara kana madaalliin konkolaachiftoota hojii irra jiraniin akka jalqabu mirkaneessaniiru.
Haaluma kanaan madaalliin konkolaachisaa ummataa fi fe'aa gogaa sadarkaa 1 hanga 3 fi akkasumas konkochiftoota dhangala'aa fe'an sadarkaa 1ffa fi 2ffaaf akka kennamu ibsaniiru.
Madaalliin dandeettii ogummaa kennamuun dura konkolaachiftootaf leenjiin ogummaa ni kennamaaf jedhameera.
Leenjiin booda madaalliin dandeetti ogummaa(COC) akka fudhatanii fi qormaaticha kannen darban heeyyamni konkolaachisaa isaani akka addunyaatti fudhatama akka qabaatu ministeerichi ibseera.
Gama biraatiin, konkolaachiftoonni madaalli dandeetti ogummaa fudhatani hin darbine irra deebiin leenjii fudhatanii qoramu jedhameera.
Waraqaa ragaa madaalli dandeetti ogummaa kanneen hin qabnes konkolaachisuu akka hin dandeenye beeksiseera.

👍60❤13👏1
"Walisoo fi naannawa isaati humna elektiriikii addaan citee turee sirreessuuf guyyoota fudhata":- Humna Elektiriikii Itoophiyaa
Humni elektiriikii Aganaa, Gunchuree, Xoollaay, Imdibidirii fi Warshaa Biiraa Zabidaar, Walisoo fi Tullu boollo erga addaan citee guyyaa 5 ta'uu Tikvah Itoophiyaaf himaniiru.
Tikvah Itoophiyaanis Daarektara Komunikeeshinii humna elektiriikii Itoophiyaa obbi Mogas Makonnin gaafateera.
Darektarichis, Rakkoon kan uumame buufataa raabsa Walqixxeetti akka ta'ee fi sababa kanaan iddoo heddutti tajaajilli elektrikii adda citeera jedhaniiru.
"Humna Addaan cite yoo akka deebifamu hin beekne, rakkoo kana furuuf guyyoota fudhata" jedhaniiru.
Rakkoo Tiraanisfoormaraa sirreessuuf guyyaa kanatti jedhamee hin murteeffamu" kana sirreessuuf hojii teknikaa waan ta'eef yoom deebifama kan jedhu beekuun hin danda'amu" jedhaniiru.

👍33😢3❤2
Tajaajiloota Abbaan Taayitaa barnootaa fi leenjii kennu argachuuf Caamsaa 15/2017 irraa eegalee waraqaa eenyummaa/ Faayidaa/ akka gaafachiisuu beeksiseera.
Tajaajila waraqaa ragaa barnootaa fi kanaan walfakkaatu argachuuf lakkofsa waraqaa eenyummaa faayidaa qabaachu qabdan jedhameera.
@tikvahethafaanoromoo
Tajaajila waraqaa ragaa barnootaa fi kanaan walfakkaatu argachuuf lakkofsa waraqaa eenyummaa faayidaa qabaachu qabdan jedhameera.
@tikvahethafaanoromoo
👍16❤2
Roobert Pireevost Phaaphaasii haaraa Bataskaana Kaatolii ta'uun filataman
lammiin Ameerikaa Roobert Pireevost Phaaphaasii Bataskaan Kaatolii ta'uun filataman.
Aarri adiin mul'achuu booda Phaaphaasiin haaraan filataman kafana fi kophee Phaaphaasummaa ibsu keewwatanii barandaatti bahuun mul'ataniiru.
Phaaphaaasiin kun filatamuu isaaniin booda maqaan Phaaphaasummaa isaaniif kennamu Poop Liyoo ta'uun mirkanaa'eera.
Addabaabayii Seent Piiteritti amantootni 40,000 ta'an walitti qabamuun ifoomuu Phaaphaasii haaraa eeguutti jiru.
Aarri adiin mul'achuu booda lakkoofsi namoota gara addabaabayii sanatta yaa'anii dabaleera.
Maanguddoon ganna 69 amma Poop Liyoo 14ffaa jedhaman waltajjii gamootti bahanii dubbii jalqabaa godhaniin ''nagaan hunda keessaniif haa ta'u'' jedhan.

👍29❤11👎2