Balaa Konkolaataatiin lubbuun namoota 16 darbe.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti ganda Raafuu Hargiisaa jedhamutti Balaa Konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 16 yoo darbu, namoota 22 irraa miidhaa cimaa fi Salphaan gahuu ibsameera.
Konkolaataan deddeebisa ummataa Shaashamanneerraa imaltoota fe'ee gara Finfinne imalaa ture konkolaataa wal harkisuun walitti bu'uun balaan mudateen lubbuun namoota 16 darbuu ragaan kominikeeshinii magaalaa Nageellee Arsiirraa argame ni mul'isa.
Namoota 16 irra miidhaa cimaa fi 6 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuun eerameera.
@Tikvahethafaanoromoo

😢42👍15❤1
Buufanni madda anniisaa Gibee 3 baatii sagal keessatti anniisa hanga karoorfame irraa %15.04 caala maddisiisuu ibsame.
Buufanni madda anniisaa Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti humna ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 430 ol maddisiisuu Humna Elektirikii Itoophiyaa beeksise.
Hojii gaggeessaan oppireeshinii buufatichaa obbo Dajanee Guutaa TOI’tti akka ibsanitti, buufatni anniisaa Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti oomisha anniisaa karoorfame caalaa maddisiiseera.
Buufatni humna elektiriikaa kun bara baajataa 2017 ji’oota sagal darbe keessatti humna ibsaa sa’aatii giigaa waatii 5,436.5 maddisiisuu kan danda’e yoo ta’u, anniisaa sa’aatii 4,725 tuqaa 56 maddisiisuuf karoorfamee ture jedhan.
Kunis sa’aatii giigaa waatii 710.94 ykn hanga karoorfame irraa dhibbeentaa 15.04, akkasumas sa’aatii giigaa waatii 189.65 ykn yeroo walfakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 3.61 caala. #TOI #AS
@tikvahethafaanoromoo @tikvahorobot

👍31❤6👎5
Najjootti namichi haadhaa fi abbaa isaa albeen waraanee ajjeese hidhaa Umurii guutuun adabame
Godina Wallagga Lixaa aanaa Najjoo ganda Eebba Waaqayyoo jedhamutti dargaggeessi haadhaa fi abbaa isaa albeen wawaraanuun ajjeese hidhaan adabamuu poolisiin hime.
Himatamaan maqaan isaa Fayisaa Fufaa Nagaash jedhamu A.L.I Gurraandhala 04 bara 2017 aanaa Najjoo ganda Eebba Waaqayyoo jedhamutti halkan naannoo sa’aatii 4 hanga 5 gidduutti yakka kana kan raawwate ta'uu ajajaan Poolisii aanaa Najjoo Inispeektar Margaa Jabeessaa himaniiru.
''Mana keessatti lola itti kaasee haadhasaa iddoo sagal, abbaa isaas haaluma walfakkaatuun bakka adda addaa waraanee erga ajjeeseen booda miliqe” jedhan.
Barbaacha gama miidiyaa hawaasummaatiin suura shakkamaa kanaa gadhiisuun taasifameen yakka kana raawwatee guyyoota sadiin booda Godina Qeellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti hawaasaa fi qaamolee nageenyaan to’atamuus himan.
Himatamaan kuni bakka yakka itti raawwate aanaa Najjootti erga dabarfamee kennameen boodas abbaan alangaa fi poolisiin ragaa barbaachisu qindeessuun galmee isaa gara Mana murtii olaanaa Godina Wallagga Lixaatti akka dabarsanis himu Inpeektar Margaan.
Dhimmicha kan ilaalaa ture manni murtii olaanaa Godina Wallagga Lixaa ragaa namaa fi sanadaa dhihaate erga ilaaleen booda dhadhacha gaafa Eebla 16, bara 2017 ooleen adabbii hidhaa cimaa Umrii guutuu itti murteesse.
Dargaggeessi kuni ammaan duras amala gaarii hin taanee fi gochoota saamichaa irratti hirmaachuun rikardii yakkaa kan qabu akka ta’e kan himan Inspeektar Margaan, nageenyummaa sammuu waliin kan walqabatuun garuu ragaan rakkoo sammuu qaba jedhu wanti ibsu akka hin turre himan. #BBC
@tikvahethafaanoromoo

👍39😢13❤2👎2
Itiyoo-Telekoom gurgurtaa Aksiyoonaa Irraa Birrii Biiliyoona 3.2 walitti qabuu ibse
Itiyoo Telekoom gurgurtaa Aksiyoonaa harka 10 baatii Onkololeessaa 7 hanga Guraandhala 7tti Aksiyoona miiliyoona 10.7 gurguruun birrii biiliyoona 3.2 walitti qabu beeksise.
Itiyoo Telekoom gurgurtaa Askiyoonaa harka 10 Muummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti ifoomsuu isaa kan yaadatamudha.
Sirna gurgurtaa Aksiyoonaa kan Invastaroota biyya keessaa kumni 47 fi 377 kan bitan yoo ta'u aksiyoonni miiliyoona 100 gurgurtaa dhiyyate keessaa miiliyoonni 10.7 gurgurame jira.
Hojii Gaggeesituun Itiyoo -Telekoom Aadde Fireehiyiwoot Taammiruu mootummaan riifoormii diinagdee gooroo biyyatiitti taasisaa jiru keessatti gurgurtaa aksiyoonaa Itiyoo -Telekoom shoora olaanaa akka qabu eeranii gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaan jalqabdeef bu'ura guddaa ta'a jedhan.
Adeemsi gurgurtaa aksiyoonaa Itiyoo-Telekoom qabeenya haammataa guddisuuf lammiilee Itiyoophiyaa bifa hundaa galeessaa ta'een kan hirmaachisedha jedhameera.

👍44❤9👎6🥰2🔥1👏1
#Paaspoortii: Paaspoortii baasuuf waraqaan eenyummaa biyyaalessaa dirqama ta'uu ibsameera.
Waxabajjii 1/2017 irraa eegalee, waraqaan eenyummaa biyyaaleessaa/Faayidaa/ tajaajila paaspoortii argachuuf sanadoota barbaachisoo kessaa tokko ta'a jedhameera.
Guyyaa jedhame irraa eegalee maamiltoonni tajaajilaa paasporti dhiyeessanii eeggataa jiran paaspoortii fudhachuuf yeroo dhufan:-
-Lakka Addaa qabaachu
-Koodii QR waraqatatti baasani fiduu
- Koppii dijitaalaa karaa "Fayda ID" tiin qabaachuu ykn koodii QR karaa filannoo birootiin fidanii yoo dhufan qofa tajaajila argachuu danda'u jedhameera.

👍30❤3👎1
Qormaanni Kutaa 8ffaa waxabajjii 3-5, 2017 kennama!
Qormaanni kutaa 6ffaafi 8ffaa sadarkaa naannootti kennamu baatii Caamsaa fi Waxabajjiitti walduraa duubaan kan kennamu ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Qormaanni kutaa 6ffaa caamsaa 26-27,2017 kan kennamu yoo ta’uu, kan kutaa 8ffaan immoo waxabajjii 3-5, 2017 kan kennamu ta’uun ibsameera.
Biirichi Barsisonniifi maatiin deeggarsa barbaachisu akka kennan waamicha dhiyeesseera.

👍45❤5
Imbaasiin Itoophiyaa Jibuutii argamu lammiilee Itoophiyaa biyyatti deebi'uuf fedhii agarsiisan galmeessaa jira
Mootummaan Jibuutii Itoophiyaanota dabalatee lammiileen biyya alaa hayyama jireenyaa seera qabeessa hin qabne yeroo murtaa’e booda biyyattii keessaa ari’uuf akeekkachiisa baase hordofee Imbaasiin Itoophiyaa achi argamu kanneen gara biyya isaanitti deebi'uuf fedhii qaban galmeessaa jiraachuu beeksise.
Jibuutiin lammiileen biyya alaa waraqaa seera qabeessaa hin qabneef Ebla 3 hanga Caamsaa 2, 2025tti fedhii isaaniitiin akka biyyaa ba’aniif yeroo kennitee jirti. Yeroo kana booda dirqiin gara biyya isaanitti deebisuun akka raawwatamu aanga'oonni akeekkachiisaniiru.
“Marii sadarkaa olaanaa Ministeera Biyya Keessaa Jibuutii waliin” taasifame dabalatee tattaaffiin karaa Imbaasii Itoophiyaa godhame mootummaa Jibuutii amansiisuu hin dandeenye.
Jibuutiin lammiileen biyya alaa hayyama seera qabeessa hin qabne hundi yeroo murtaa’e keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahaniif ejjennoo qabdu cimsiteetti. #AS

👍15❤2
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa himatawwan lama Obbo Taayyee Danda'aa kanaan dura bilisa itti jedhaman irratti oliyyannoo dhiyeeffate.
Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfii miseensa Caffee Oromiyaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa, Abbaa Alangaa Federaalaan himatawwan sadi irratti banamanii dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa erga turee booda ALI Adoolessa 30, 2016 himatawwan lamaan bilisa jedhamanii ture.
Himatawwan lamaan kunis Seera Yakkaa Itoophiyaa ALI bara 1996 bahe Keewwata 251/C diina waliin waloomuu kan jedhufii Keewwata 257/E darbaniiru kan jedhanidha.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa keewwatawwan lamaan kana jalatti Obbo Taayyeen, 'Yaadni piropogaandaa (ololli) humnootii farreen nageenyaa 'ABO Shanee fi Faannoo' fudhatama akka argatu yaaduun ergaawwan sochii qaamolee kunneenii deeggaru gama fuula Feesbuukii isaaniitiin qoodaniiru akkasumas bifa qindaa'een ergaawwan hamilee ummataa gadi buusan yookiin dandeettii dandamachuusaa diigan qoodaniiru jedhee ture kan himate.
Haa ta'u malee Obbo Taayyee Danda'aa barreeffamoonni ani qoode mirga yaada bilisaan ibsachuu bu'uureeffachuun kan qoodamanfii nagaa kan lallabani jechuun mana murtii hubachiisanii turan.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataas dhimma tokkoon himata lama hundeessuun hindanda'amu jechuun dabalataan dhimmi Obbo Taayyeen ittiin himataman mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu agarsiisu malee mirga nama biraa kan dhiibanii miti jedhee ture.
Haaluma kanaan Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan ofirraa ittisuun osoo irraa hin eegamin bilisa jechuun jalamurtii kennee ture. #BBC

👍45❤29
Diinagdeen Ameerikaa dhibbeentaa 0.3n gad bu'e.
Wayita Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaldi Tiraamp dinagdee biyyatti guddisuuf qaraxa biyyootatti dabalaa jiran kanatti dinagdeen Ameerikaa kan duraa irraa gadi bu'uu ragaan jalqabaa Biiroo Xiinxala Diinagdee Ameerikaa irraa argame mul'iseera.
Oomishni waliigalaa biyya keessaa Ameerikaa (GDP) kurmaana jalqabaa bara 2025 keessa waggaatti dhibbeentaa 0.3'n hir’achuu agarsiisa.
Akka ogeeyyiin dinagdee jedhanitti lakkoofsi kun guddaa ta'uu baatus, dinagdee biyyattii kurmaana darbe keessa saffisan dabalaa ture (2.4 %) booda kufaatii guddaa agarsiisedha.
Gabaasni kun yeroo Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp qaraxa guddaa labsan dura ture irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, garuu sababoota jiran keessaa tokkpo ta'uu akka hin oolle himama.
Ogeeyyiin dinagdee akka jedhanitti haala kanaan dinagdeen Ameerikaa bara kana gara kufaatii %50tti dhihaachuu muudachuu akka malu akeekkachiisaniiru.

👍31😢4
#DV2026
Injifattoonni Viizaa Diversity 2026 Ebla 25/2017 ni ifooma.
Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2026 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u.
NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a.
Carraan DV ifoomu waan jiruuf walqabatee "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan jedhameera.
Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2026 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a.
Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.

👍78❤10👏5🔥3🥰2😢1
Manni Maree Ministiroota Walga’ii idilee 44ffaa har'a gaggeesseen dhimmoota garaagaraatti mari’achuun murtoowwan dabarseera.
➡️Deeggarsa faayinaansii Mootummaa Rippaabilika Xaaliyaanii fi Waldaa Misoomaa idil Addunyaa waliin mallatta’ee irratti mari’teera.
Mootummaa Rippbaabilika xaaliyaan irra Yuuroo miiliyoona 11 fi kumaa 500 sagantaa deeggarsa baajataa misooma diinagdee naannawaafi magariisaa hojiirra oolchuuf yoo ta’uu yeroo haaraa galfannaa waggaa 16 dabalatee waggaa 30 keessatti kaffalamee kan xumuramu ta’a.
Waldaa Misoomaa Idil Addunyaarra argame 38,100,000 SDR Sagantaa jijjiirama baaruuf barsiisuu saffisisuufi dameen barnootaan sagantaa Tiraansifoormeeshinii hojiirraa oolchuuf yoo ta'uu 0.7’ % kaffaltiin tajaajila kan itti kaffalamuu fi yeroo haaraa galfannaa waggaa 6 dabalatee waggaa 38 keessatti kaffalamee kan xumuramuudha jedhameera.
Manni Marichaas liiqiiwwan kunneen dhalli kamuu kan itti hin kaffalamne ta’uu isaan, Sirna Bulchiinsa liiqii biyyaattii waliin kan walsimu ta’uu mirkaneessuun wixineen labsichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
➡️Manni Marichaa Wixinee labsii Korpooreeshinii Faayinaansii Afrikaa hundeessuuf mallattta’ee raggaasisuuf ba'errattis mari'ateera.
Korpooreeshinichi xiyyeeffannoo isaa bu’uuraa'lee misoomaa, qabeenyaa Uumamaa fi misoomaa damee indaastiriirratti taasisuun misoomsitoota Dhuunfaa fi Qaamoolee Mootummaaf deeggarsa Faayinaasii fi teekinikaa kennuuf kan hundaa’eedha.
Itiyoophiyaan miseensummaan makamuun damee dhuunfaaf qabeenyaa faayinaasii dabalataa dhiyeessuu fi sochii diingadee damee dhuunfaa guddisuun guddina diingadee saffisisuu fi hiyyuummaa hir’isuuf faayidaa kan qabu ta’uu isaan manni Marichaa wixinee labsicharratti ergaa mar’tee booda Mana Maree bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
➡️ Manni marichaa waliigaltee wixinee labsii qaraxa meeshaalee daldala bilisaa naannawaa Afrikaa hir'isuu raawwachiisuuf baherratti mari'ateera.
➡️Akkasumas manni marichaa wixinee kaffaltii tajaajilaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawasaa Siiviiliin kennaman murteessuuf baherratti mari'ateera.
➡️Gama biroon manni marichaa wixinee labsii lammiileen alaa qabeenya hin sochoonerratti abbaa qabeenyaa ta'uu akka danda'an murteessuuf qophaa'eerratti mari'ateera.
➡️Dhumarrattis manni marichaa wixinee labsii waliigaltee Geejjiba Qilleensaa mootummaa Ostiriyaa waliin mallattaa'e raggaasisuuf dhiyeeterratti mari'ateera.
Waliigaltichi ragga'uun hariiroo waloo biyyoota lamaan caalmaatti kan cimsu, Daandilee qilleensaaf carraa gabaa dabalataa kan uumuu, Daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa kan jajjabeessu, Daldala Alaa kan deeggaru, Tuurizimii babal'isuu, carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsiisuuf faayidaa olaanaa qabaachuu isaan wixinichi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

👍38👎7🔥1
Bara 2025 biyyoota sahaara gadii 10 guddinna olaanaa ni galmessisan jedhamani eeggaman
Dhaabbanni gargaarsa maallaqaa idil-addunyaa (IMF) biyyoota Sahaaraa gadii ilaalchisuun ilaalcha dinagdee baaseen, bara 2025tti biyyoonni asii gadii guddinna dinagdee olaanaa ni galmeessisan jedhame eeggama.
🇸🇳 Senegaal: 8.4%
🇬🇳 Giinii: 7.1%
🇷🇼 Ruwaandaa: 7.1%
🇳🇪 Niijar: 6.6%
🇪🇹 Itoophiyaa: 6.6%
🇧🇯 Beenin: 6.5%
🇨🇮 Kotidivaar: 6.3%
🇺🇬 Ugaandaa: 6.1%
🇿🇲 Zaambiyaa: 6.2%
🇹🇿 Taanzaaniyaa: 6.0%
Biyya Sahaaraa gadii kan taate Niijar omishni boba'aa ishee dabaluu isaatiin bara 2024 dinagdeen ishee %10.3'n ol guddatuun raawwii gaarii galmeessitee jirti.
Biyyoonni biroo kanneen akka Burkina Faasoo fi Maalii gama isaaniitiin walduraa duubaan %4.3 fi %4.9 guddinna omisha biyya keessa ni galmeessu jedhamee eeggama.
Walumaagalatti IMF biyyoota Afrikaa Sahaaraa gad jiran guddinni GDP bara 2024 %4.0 ture bara 2025tti gara %3.8 gadi bu'uun fi bara 2026 gara %4.2%tti akka ol guddatu ibseera.

👍45👎11❤3🥰2👏1