Telegram Web Link
#Airlines #Etihad #Ethiopia

Daandiiwwan Qilleensaa Itoophiyaa fi Itihaad waliigaltee daldalaa tarsiimoo walii mallatteessanii turan hojiirra oolchan

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa fi Daandiin Qilleensaa Itihaad waliigaltee tarsiiwoo ‘kood sheer’ ji’a Bitootessa darbe Finfinneetti walii mallatteessan hojiirra oolchan. Kunis walitti hidhamiinsa Afrikaa fi Eeshiyaa, Awustiraaliyaa fi Baha Giddu Galeessaa gidduu jiru kan cimsu ta’uu ibsameera.

Kunis waliigaltee waloo daandiiwwan qilleensaa lamaan gidduu ji’a Bitootessa keessa mallattaa’e hojiirra oolchuuf tarkaanfii jalqabaa yoo ta’u, imaltoota gama lachuutiin jiraniif carraa imala fooyya’aa ni bana jedhameera.

Tajaajilli ‘code share’ kun sirna imaltoonni balalii adda addaa daandiiwwan qilleensaa lamaan taasisan akka fayyadaman taasisu ta’uu eerameera. Akkasumas meeshaalee isaanii salphaatti gara bakka gahumsa isaaniitti dabarsuudhaan tajaajila si’ataa akka argataniif kan gargaaru ta’uu marsariitiin ‘Taayims Eerospees’ gabaaseera.

Akkaataa waliigaltee kanaan imaltoonni Daandii Qilleensaa Itihaad neetworkii Afrikaa bal’aa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ittiin balali’u fayyadamuu ni danda’u. Kanaanis karaa Finfinneetin Inteebee, Kinshaasaa, Kigaalii, Lusaakaa, Haraaree fi Viktooriyaa Fools dabalatee gara magaalota 55 balali’uu isaan dandeessisa.

Haaluma walfakkaatuun imaltoonni Daandii Qilleensaa Itoophiyaa karaa Abuu Daabiitin balaliiwwan Itihaad waliin walqunnaman fayyadamuu ni danda’u. Haaluma kanaan Sidnii, Kiraabii, Kolomboo fi Finoom Peen dabalatee gara magaalota gurguddoo 20 Eeshiyaa, Awustiraaliyaa fi Baha Giddu Galeessaatti argaman akka imalaniif haala mijeessa.

Dabalataan akkaataa waliigaltee kanaan, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ji’a Adoolessa dhufu eegalee balalii kallattiin buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee irraa gara buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Zaayid Abu Daabiitti, Daandiin Qilleensaa Itihaad ammoo Fulbaana 2025 eegalee Abuu Daabii irraa gara Finfinneetti balalii akka jalqaban ibsameera. #AS

@Tikvahethafaanoromoo
21👍5
TIKVAH AFAAN OROMOO
Du'a Qananii Addunyaa ilaalchisee miidiyaaleen dhaddacha seenanii akka hin gabaasne Manni Murtii Federaalaa dhorke. Galmeen saaqamee daqiiqaawwan muraasa booda miidiyaaleen dhaddacha gadi dhiisanii akka bahan taasifameera. Manni Murtii Federaalaa Jalqabaa…
Artist Andu'aalam Gosaa turtii ji'oota sadii booda wabiidhaan hidhaarraa bahe

Du'aa kaadhimasaa kan turte shamarree Qananii Addunyaatiin shakkamuun Bitootessa darbe poolisiidhaan kan too'atamee Artist Andu'aalem Gosaa Kibxata kaleessaa galgala hidhaarraa gadhiifameera.

Abukaatoon Artist Andu'aalam Gosaa, Obbo Liiban Abdii, akka jedhanitti, ji'oota darban kana mana murtiitti dhimmi isaa ilaalamaa kan ture weellisichi sababa abbaan alangaa yeroo kennameefitti himata hin banneef 'mirga wabiitiin' gadhiifame jedhaniiru.

Ji'oota darban kana poolisiin qorannoo gaggeessaa ture. Poolisiin ALI gaafa Caamsaa 15, bara 2017 qorannoo xumuree galmee abbaa alangaatiif dabarseera.

Abbaan alangaa ammoo qorannoon poolisii isa qaqqabee guyyaa 15 keessatti himata banuu qaba ture.

Haa ta'uutii, abbaan alangaa hanga Caamsaa 30, bara 2017tti yookaan himata hin banne yookaan ammoo qorannoon dhihaate himata banuuf gahaa miti jedhee galmee hin cufne" jechuun Obbo Liiban BBC'tti himaniiru.

Manni murtiis iyyannoo shakkamaa kanaa ilaaluun mirga seeraa kennameef bu'uura godhatanii himatamaan kuni mirga wabiitiin akka bahu waan heyyamaniif ALI Waxabajjii 3, 2017 Kibxata galgala naannoo sa'aatii 12tti hidhaarraa bahe jedhaniiru.

@Tikvahethafaanoromoo
38👎4🔥2🥰2
Bidiruun Xaanaanash 2 Adaamaa geesseetti.

Bitootessa 30, 2017 Jibuutii, buufata doonii Doolaareetii kan kaate Bidiruun Xaanaanash 2, ji'oota lamaan haala teessuma lafaa rakkisaa ta’e keessa of eeggannoodhaan imalaa turuun Adaamaa beeytee jirti.

Bidiruun tunis Adaamaa wayita geessu jiraattonni magaalattii akkasumas hoggantoonni Federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Adaamaa haalaan simataniiru.

Caamsaa 7, 2017 Itoophiyaa erga seenteekaasee ji'a tokkoof magaalota naannoo Affaar adda addaa qaxxaamuruudhaan Amma magaalaa Adaamaa geesseetti.

Bidiruun kun guddinaa fi bifa isheetiin adda, Itoophiyaadhaaf ammoo Bidirummaa isheetiin olitti hiika fakkeenyaa hedduu qabdu ta’uudha kan himame.

Bidiruun Xaanaanash 2 ulfaatina meetiriik toonii 150 fi dheerina gara meetira 38 kan qabdu yoo ta’u, namoota 188 fe’uu dandeessi jedhameera. #ETV

@tikvahethafaanoromoo
38👍10
Obbo Tasfaayee Niwaay Walitti qabaa Itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa ta’uun muudamaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 36ffaa gaggeessaa jiruun muudama hoggantoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa raggaasiseera.

Manni marichaa obbo Tasfaayee Niwaayiin Walitti qabaa Itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa taasisuun muudeera.

Dabalataanis obbo Takliit Yimsaliifi Aadde Nasiim Alii miseensota hoggansa hojii Boordichaa taasisuun moggaaseera.

@tikvahethafaanoromoo
26👍2
Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaan Waxabajjii 22, 2017 gaggeeffama

Guyyaa Yaadannoo Wareegamuu waggaa 5ffaa fi Badhaasaa Haacaaluu Hundaassaa marsaa 4ffaa ilaalchisee Boordiin Faawundeeshinii Haacaaluu ibsa kenneera.

Faawundeeshinichi gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabameera jedhe boordichi.

Hojiileen kunneen ogeeyyii fi abbootii murtee kan calalaman ta’uu eerame.

Adeemsi filannoos % 90 ogeeyyiin, % 10 ammoo ummataan ta’uu boordichi ibsa kenneen himeera.

Badhaasni umurii guutuu fi addaas ni jiraata jedhe boordichi.

Sirboonni badhaasaaf dhiyaatan sirboota Bitootessa 22, 2016 hanga hanga Bitooteessa 21, 2017tti hojjetaman ta’u jedhame.

Har’aa eegalee kaadhimamtoonni miidiyaalee hawaasummaarratti waan dhiyaataniif ummanni sagalee akka kennu faawundeeshinichi waamicha dhiyeesseera.

@tikvahethafaanoromoo
51
#Israa'el #Iraan

Israa'el wiirtuuwwan niwukilaraafi buufatawwan waraanaarratti xiyyeeffachuun Iraan haleelte.

Haleellaa Israa'el kanaan saayinitistoonni niwukilaraa Iraan fi hogganaan Eegduu Warraaqsaa Iraan [Iran Revolutionary Guard] ajjeefamuun gabaafameera.

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun lammiileen Israa’el qajeelfama waraanaa akka hordofan dhaamaa jiru. Yeroo dheeraaf bakka dahoo qabu keessa turuu akka danda'anis dubbataniiru.

Netaaniyaahuun haleellaa Iraan irratti gaggeeffame ''baay'ee milkaa'aadha'' jechuunis ibsaniiru. Garuu Israa'el amma haleellaa deebii Iraan irraa dhufuu maluuf jecha labsii yeroo muddamaa keessa jirti.

Jiraattonni "bakka eegumsa qabu keessa turuu" fi "qajeelfama" aanga'ootaa akka hordofan itti himameera. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
34👍19👎15
Tajaajilli wal’aansa yaala agartuu ijaa 315 milkaa’inaan raawwatame

Tajaajilli Baankii Dhiigaafi Seelii Itiyoophiyaa tajaajilli wal’aansa yaalaa agartuu ijaa 315 milkaa’inaan raawwatameera jedhe.

Sosochiin biyyaalessaa gumaacha dhiigaafi agartuu ijaa jajjabeessuurratti kaayyeffate guyyaa boruu ni gaggeeffama.

Itti aanaan Daayriktara Olaanaa Tajaajilichaa obbo Habtaamuu Taayyeen akka ibsanitti, tajaajila wal’aansa agartuu ijaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Bara baajataa 2017’tti tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa 315 kennamuufi namoonni 522 agartuu ijaa isaanii gumaachuuf waadaa seenuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa bakkeewwan hundatti waluun gahuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasuun, yeroo ammaa hospitaalota Jimmaa, Hawaasaa, Goondar fi Maqaleetti kennamaa jiraachuu eeraniiru. #TOI

@tikvahethafaanoromoo
35👍3
Chaayinaan biyyoota Afrikaa 53 irraa galtee guutummaatti qaraxa irraa bilisa taasisuuf qophaa’aa akka jirtu beeksiftee jirti.

Beeksisni kun yaa’ii Chaayinaa fi Afrikaa irratti kan ba’e yoo ta’u, murteen kun lakkoofsi biyyoota Afrikaa kanaan dura 33 irraa fayyadamoo ta’an akka dabalu himama.

Akka BBC'n gabaasetti, Taayiwaan akka naannootti beekamtii kan kennite Eswatiniin carraa kanarraa kan fayyadamu qofa miti.

Michuu daldalaa guddittii Afrikaa kan taate Chaayinaan waggaa tokko dura meeshaalee doolaara biiliyoona 170 ol Afrikaa irraa galchite.

@tikvahethafaanoromoo
31👍6👎1
Dhukkuba Maariyyee Jaldeessaa (Mpox)

Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa maali?

• Dhukkubni kun Vaayiresii "Mpox virus'
jedhamuun kan dhufuufi namarraa
namatti akkasumas beelladoota irraa gara namaatti kan daddarbudha.
Dhukkubni kun nama kamiyyuu miidhuu kan danda'udha.

Mallattooleen dhukkubichaa maal fa'i?
• Namni dhukkuba Kanaan qabame mallattoo agarsiisuuf guyyoota 5-21 fudhachuuu danda'a. Mallattooleen namoota dhukkuba kanaan qabaman irratti mullachuu dandayan :
• Gubaa qaamaa
• Dhukkubbii mataa
• Dhukkubbii dugdaa fi maashaa
• Dhita'uu xannachaa
• Miira Dadhaabbii/dadhabsiisuu
• Shiftoo qaamaa dhukkubbii cimaa qabu ta'ee ho'inni qaamaa eegalee guyyaa 1-3 keessatti fuulaa irraa eegalee gara kutaa qaamaa birootti
babal'achuu danda'a.

Karaaleen daddarba isaa akkamitti?
Dhukkubni maariyyee Jaldeessaa karaalee adda addaa daddarbuu danda'a. Isaanis:
• Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaatii taasifamu. Kunis dhangala'aa qaama keessaa ba'u tuttuquu, tuttuqaatii qaamaa taasifamu, harka wal-qabachuu, fi meeshaalee adda addaa fi huccuuwwan faalamaniin

• Haadharraa gara daa'imaatti yeroo ulfaa ykn dahumsa booda tuttuqaatii taasitamuun.
• Dhukkubichaan bineeldota qabaman waliin tuttuqaatii taasifamu jechuunis madaa keessaa dhangala'aa bahu tuquu fi foon sirriitti hin bilchaanne fayyadamuunis ni daddarba.

Dhukkuba maariyyee Jaldeessaa akkamitti ittisuu dandeenyaa?

• Namoota dhuukkubichaan qabaman yookiin shakkaman fi bineeldota dhukkubsatan tuttuquu dhiisuu fi irraa of eeggachuu,

• Tuttuuqaatiïin yoo uumame harka bishaanii fi saamunaan sirriitti dhiqachuu.

• Nama dhukkubsate waliin meeshaalee garagaraa fayyadamuu dhiisuu.
• Nyaata bu'aalee bineeldotaa sirritti bilcheessuun fayyadamuu.

• Meeshaalee fi bakkeewwan dhukkubsataan tuttuqaman/faalaman qulqulleessuu,
• Yeroo kunuunsa Shakkamaa/dhukkubsataa Maaskii afaanii fi funyaanii fayyadamuu
• Talaalli dhukkubichaa fudhachuu.
• Namoota dhukkubsatan ykn shakkaman kophaatti adda baasuu, fi Of-eeggannoodhaan dafanii yaalamuun barbaachisaadha.

©MSH

@tikvahethafaanoromoo
38👍8👎5🔥2🥰2👏1
2025/07/08 15:07:09
Back to Top
HTML Embed Code: