Telegram Web Link
Lammiileen Itoophiyaa 700 Miyanmaar keessatti rakkoo hamaa keessa turan gara biyyaatti deebi'an

Ministeerri Dhimma Alaa lammiileen Itiyoophiyaa Miyanmaar keessatti rakkoo hamaa keessa turan dhibba 7 gara biyyaatti deebi’uu beeksise.

Dubbi himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsa har'a laataniin lammiilee gara biyya isaaniitti deebisuuf ammallee karaa Imbaasii Ityoophiyaa Niiw Deelii jiruun tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Dabalataaniis namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen sobaa Ministeera irraa bakka bu’ummaa qabna jedhanii fi biyya alaatti carraa hojii fi barnootaa dhiyeessan jedhan akka jiran ibsaniiru.

Namoonni dhuunfaa fi dhaabbilee sobaa kunneenis dhaabbilee dhimmi ilaallatuun hordoffiin taasifamaa akka jiran akeekkaniiru. #AS

@tikvahethafaanoromoo
Hoteelonni Finfinnee sadarkaa urjii shan qaban 11 ga’an

Ministeerri Tuurizimii bu’a madaallii sadarka hoteelota kaleessaa Caamsaa 29,2025 ifoomseen bara 2025tti magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee keessatti lakkoofsi hoteelota urjii shan qabanii kudha tokko gahuu beeksise.

Finfinnee keessatti lakkoofsi hoteelota urjii shanii saddeet kan ture ta’uu kan agarsiise ministeerichi, hoteelonni dabalataa sadii sadarkaa urjii shanii argachuu isaanii ibse.

Akka madaallii kanaan hoteelota ulaagaa keessaa dhibbeentaan 90 ol guutan sadarkaa urjii shanii akka kennameef kan eeree ministeerichi, hoteelonni ulaagaa hanga dhibbeentaa 30 guutan sadarkaa urjii keessatti akka hammataman beeksiseera.

@tikvahethafaanoromoo
Biyyi Awuroppaa Hangaariin ji'a tokko dura paarlaaman ishee hiriiraa fi qophiilee saalaa wal fakkaata seera dhorguu danda'u, akkasumas nama hiriira irratti hirmaate kaameraa fuula isaa adda baasuu fayyadamuu dandeessisu baaseera.

Kanaan dura ammoo Paarlaamichi beekkamtii saala lamaani dhiira fi dubaraa qofaaf seera kennu fooyyee taasiseera.

Biyyoonni Awuroppaa 17 gochaa kanaan kan dallanuun " Seera farra-Saala Walfakkaata baate, kun ammoo ittiin bulmaata Gamtaa Awuroppaa faallessa" jechuun irratti duulaa jiru.

Biyyoonni kunniinis Faransaay, Beeljiyeem, Ostiriyaa, Cheek Rippablik, Deenmaark, Istiiniyaa, Fiinlaand, Jarman, Ayarlaand, Laativiyaa, Neezarlaand, Luutiniyaa, Poorchugaal, Islooveekiyaa, Ispeenii fi Iswiidini dha.

@tikvahethafaanoromoo
Itoophiyaatti namni jalqabaa dhibee Maariyyee Jaldeessaan du’e galmaa’e; namoonni dhibichaan qabaman jaha gahaniiru.

Itoophiyaatti namoota dhibee Maariyyee Jaldeessaan (Mpox) qabaman keessaa namni jalqabaa lubbuun isaa darbe tokko mirkanaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksise. Namoonni dhibee kanaan qabaman jaha gahaniiru.

Akka gabaasa Ministeera Fayyaa fi Inistitiyutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa baasan jedhutti, Itoophiyaa keessa hanga ammaatti namoota 6 dhibichaan qabamuu isaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, isaan keessaa shan yeroo ammaa yaalarra jiru.

Akka gabaasni kun jedhutti namni haaraa dhibee kanaan qabamees ta’e kan dandamate kan hin jirre yoo ta’u, namni haala yaaddeessaarra jiru jiraachuu hin gabaafamne.

Akka Ministeerri Fayyaa ibsetti, hanga ammaatti namoota dhibeen kun irra jiraachuu shakkaman 15f qorannoon laabraatoorii gaggeeffameera. #AS

@tikvahethafaanoromoo
Obbo Taayyeen 'Poolisii Federaalaan' to'atamuu maatiin himan

Deetaan Ministeera nageenyaa duraanii obbo Taayyee Danda'aa guyyaa har'aa ganama dhaddachaan booda mana jireenyaa isaaniitii poolisiin fudhatamuu isaanii haati manaa ibsaniiru.

Haati manaa obbo Taayyee Aadde Sintaayyoo Alamayyoo Tikvah Itoophiyaaf akka ibsitetti dhaddachaa ganamaa beellama isaanii hordofuun erga gara manaa deebi'anii booda har'a waaree booda naannoo sa'aa 10tti mana jireenyaasaanii keessaa qabamuu himaniiru.

Aadde Sintaayyoon dabalataan Poolisoonni Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa biiroo qorannoo yakkaa akka fidan ibsuun garas deemaa akka turan himaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Qormaanni Naannoo kutaa 6ffaa har'a eegaleera!

Naannoo Oromiyaattii Qormaatni naannoo xumura barnootaa Sadarkaa 1ffaa Kutaa 6ffaa bara 2017 guyyaa har'aa 26/09/2017 ganama keessaa sa'aatii 3:00 Irratti Jalqabameera.

Bara kana barattoonni 769,176 qormaaticha kan fudhattan yoo ta'u, kanneen keessaa dhiira 408,134 fi Dubarrii 361,042 kan fudhatan ta'uun beekameera.

Qormaata gaarii!

@tikvahethafaanoromoo
Qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa bara 2017 qoruuf barsiisonni kuma 28 ol filatamanii jiru.

Qormaata waraqaa fi Onlaayiniin kennamu haala gaariin kennuuf qophiin xumuramuu ministeerri barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa himaniiru.

Bara kana barattoonni qormaaticha onlaayiniin fudhatan kuma 150 ta'an yaalii barbaachisu godhaa akka jiran eeraniiru.

Yeroo qormaataatti Intarneetii fi ibsaan akka addaan hin cinneef akkasumas rakkooleen biraa akka hin uumamneef qaamoleen dhaabbata 10 irra walitti bahan dhaabachuu ibsaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Labsiin hoggansa sodaa balaa ragga’e

Labsiin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa meeshaa filatamaa ilaacha gargaaramtummaa irraa ce’uun olaantummaa biyyaa guutuu mirkaneessuuf gargaaruudha jedhan miseensonni Mana Maree Bakka-bu’oota Uummataa.

Manni Marichaa walga’ii isaa 34ffaan labsii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa raggaasiseera.

Mana Marichaatti Itti aanaan Walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nagaa Dooktar Fatih Mahaadii, adeemsa qophii labsichaa ilaalchisee mana marichaaf gabaasaa fi yaada murtii dhiyeessaniiru.

Labsiin kun yaada cimaa ilaalcha gargaaramtummaa irraa bilisoomuun humna biyya keessaan deebi kennuuf gargaaru of keessaa qaba jedhan.

Dabalataanis labsichi sirna hoggansa sodaa balaa diriirsuun seerrata mootummooleen federaalaa fi naannoolee ga’ee fi ittigaafatama isaanii sirnaan ittiin ba’an akka of keessaa qabus ibsaniiru.

Hojiiwwan simannaa soda balaa karoorawwan fi sagantaalee misoomaa waaraa waliin qindeessuun qajeeltoowwan kenninsa deeggersa namoomaa akka hordofu kan dandeessisu ta’uus dubbataniiru.

Kanaanis ijaarsa balaan dura, yeroo balaa fi balaa booda hojiiwwan dursanii ittisuu fi deebisanii dhaabuu karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf gargaaru akka uumus ibsaniiru.

Adeemsa qophii labsichaa keessatti biyyoota sirna federaalaa hordofan sagal irraa muuxannoon waan fudhatameef, galteen fooyya’aan kan itti dabalame ta’uu kaasuun, Manni Marichaa labsicha akka raggaasisuuf yaada murtoo dhiyeessaniiru.

Labsichi ilaalcha gargaaramtummaa fi eeggattummaa irraa kan bilisoomsu, olaantummaa biyyaa eegsisuu kan dandeessisuu fi dudhaalee walgargaaruu mandhalee kan cimsuudhas jedhan.

Galiiwwan ittifufuun uummatarraa walitti qabaman seera, danbii fi qajeelfama karaa hordofeen cimanii akka itti fufan kan hubachiise Manni Marichaa, labsii Hoggansa Sodaa Balaa Lakk.1386/2017 sagalee guutuun raggaasiseera.

@tikvahethafaanoromoo
Baga Ayyaana Eid Al-Adahaa(Arafaa) Ittiin isin gahe

Ayyaanni Arafaa ykn Iid Al Adhaa waggaa 1446ffaan sirnoota garagaraan biyyatti kabajamaa jira.

Baga Geessan!
Ayyaana Gaarii!!

@tikvahethafaanoromoo
Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi Beenishaangul_Gumuz irratti gaggeeffamaniin namoonni 11,000 ol buqqa'an

Naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuzitti walitti bu’iinsa hidhannoon deeggaraman guyyoota darban keessa gaggeeffamaniin namoonni kuma 11 ol qe’ee isaanirraa buqqa'uu Waajjirri Qindeessaa Eegumsa Siivilii fi Gargaarsa Namoomaa Komishinii Awurooppaa beeksise.

Godina Wallagga Bahaa aanaa Saasigaa ganda Haroo Waataa irraa qofa jiraattoonni kuma 5 fi 500 ta’an sababa walitti bu’iinsa uumameen qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gamoo mootummaa keessatti qubachaa akka jiran waajjirichi ibseera.

Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Kamaashiitti haleellaawwan lama hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamne, garuu waajjirichi “naannoo Oromiyaa irraa dhufan” jedhe raawwataniin jiraattota 5,900 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu beeksiseera. #AS

@tikvahethafaanoromoo
#USA

Pirezidaant Doonaald Tiraamp Ertiraa fi Somaaliyaa dabalatee lammileen biyyoota 12 US Ameerikaa akka hin seenne seerri dhorku guyyaa har'aa galgala irraa hojitti seena.

Dhorgaa kanaaf biyyoota kanneen irraa lammiileen gara Ameerikaa imaluu hin danda'an jedhameera.

Kun ammoo gocha hamaa qaamolee alaan raawwatamurraa Ameerikaanota eeguudhaaf jedhameeti jedhan.

Biyyoota 12 Dhorgaan irra ka'ame 12 keessaa Afrikaanonni:-
-Ertiraa
-Suudaan
-Somaaliyaa
-Chaad
-Liibiyaa
- Dimokraatawa Koongoo fi
-Ekuwatooriyaak Giiniin keessatti argamu.

@tikvahethafaanoromoo
#ABO

Waajirri isaa muummee Gullallee deebi'uufii beeksise
!

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n waajira isaa Wiirtuu (Gulallee) Waxabajji 02, 2017 bakka hoggantoonni Gumii Waloo Paartilee Siyaasaa Damee Finfinnee jiranitti deebisee fudhachuu beksise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, Gumii Waloo Paartilee Siyaasaa Damee Finfinneefi miseensonni hifannaa tokko malee itti dadhabaa bahan galata guddaa qabu jedheera ABOn ibsa waajirri isaa deebiyuu ilaalchisee baaseen.

Sochiiwwan Addi Bilisummaa Oromoo taasisu keessatti gufuuwwan hedduudha kan jedhu dubbi-himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu, waajira isaanii dhabanii turuun socii isaanii guutummaatti dhaabsisuu baatus danqaa itti ta'uu waggoota darban shan keessatti arguu dubbatu.

@Tikvahethafaanoromoo
Qormaanni kutaa 8ffaa boruu eegale kennama!

Oromiyaatti qormaanni sadarkaa Naannoo Kutaa 8ffaa guyyaa boruu waxabajjii 03, 2017 irraa eegalee akka kennamu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beksiseera.

Naannichatti barattoonni shamarranii kumni 200 fi kumni 86 fi 371 fi Dhiironni Kumni 300 fi Kumni 5 fi 853 waliigalatti Barattoonni Kutaa 8ffaa kumni 500 fi kumni 92 fi 224 qormaaticha ni fudhatu jedhameera.

Barattoonni kunneen wiirtuulee qormaataa Kuma 1 fi 305 keessatti kan qoraman ta'u himameera.

@tikvahethafaanoromoo
2025/07/08 09:53:52
Back to Top
HTML Embed Code: