Yuunivarsitiin Finfinnee barattoota isaa yeroo 75ffaa guyyaa har’aa ebbisisaa

Yunivarsitiin Finfinnee barattoota digrii jalqabaati hanga digrii 3ffaatti barsiisa ture yeroo 75ffaaf ebbisiisa.

Yunivarsitichi guyyaa har'aa barattoota digrii jalqabaa 3334, digrii 2ffaa 2859 fi  digrii 3ffaa 352 walumaagalatti barattoota 6849 ebbisiisaa jira.

Baga gammaddan!

@tikvahethafaanoromoo
Gaazexeessituun hojii irraa ari’amte beenyaan doolaara 45,511 murtaaye.

Gaazexeessituun waa'ee Gaazaa gabaasuu isiitiin hojiirraa ari’amteef beenyaan doolaara Ameerikaa kuma 45 fi 511 murtaayuufiin gabaafame.

Manni murtii Federaalaa Awustiraaliyaa gaazexeessituun Dhaabbata Biroodkaastiin Awustiraaliyaa Antooneet Laatof gabaasa waraana Gaazaa ilaalchisee Human Rights Watch akkaawuntii inistaagiraamii isii irratti qooddeetti murteesse.

Itti aansuunis ilaalcha siyaasaa fi sanyii isii irraa kan ka’e duula waraana Israa’el mormite jechuun hojii raadiyoo isii irraa ari’amte.

Gaazexeessituun kun gabaasa kanaaf haqa malee hojiirraa ari'ame jechuun himannaa dhiyaate injifatte.

Gaazexeessituun kun dogongoraan hojii irraa ari’amte jedhamteef beenyaan Doolaara Ameerikaa kuma 45 fi 511 kan murteeffameef tahuu gabaafameera. #SkyNews #WT

@tikvahethafaanoromoo
Qormaata marsaa duraa kutaa 12ffaa kennuuf qophiin xumuramee- Tajaajilicha

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa kennuuf qophiin xumuramuu isaa fi barattoonni waraqaan qoraman buufataalee qormaataa gahaa jiraachuu Daayrekterri Tajaajilla Madaallii Barnootaa fi qormaata Dooktar Isheetuu Kabbadaan himaniiru.

Barattoota Interneetiin qormaata fudhataniif ammoo dhimmi Siistama qopheessuu xumuramuu eeraniiru.

Tajaajilli Elektirikaa fi Teeleekoomii akka adda hin cinne Humna Elektirikaa fi Itiyoo Teeleekoomii waliin tumsaan hojjetamaa jira jedhan.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Waxabajjii 23, 2017 eegalee kennamuuf qindeessitoonni giddugala itti ramadaman gahuu isaanii himaniiru.

Hojiin hannaa fi walirraa warabuu qormaataa guutummaatti hambisuu dandeessisu hojjetamuu kaasuun,dhaabbileen qindoominaan hojjetaa akka jiran dubbatan.

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 8, 2017tti kennama. #FBC

@tikvahethafaanoromoo
Gatiin gurgurtaa boba’aa haaluma tureen itti fufa.

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa ji’a Adoolessaa guyyaa har’aa waxabajjii 21, 2017 irraa eegalee gatii baatii waxabajjii gurguramaa tureen akka gurguramu ibsameera.

Maddi:- Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa

@tikvahethafaanoromoo
Piroofeesar Maraaraa Guddinaa Itti Aanaa Dursaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Alaa ta'uun filataman

Addi Dimokraatawaa Federaalawaa Tokkummaa Itoophiyaa (Madrak), yaa'ii idilee Seena-qabeessa geggeessuun, hoggansa haaraa filachuu isaa ifoomseera.

Gamtaan siyaasaa sab-daneessaa beekamaa biyyattii kan ta'e, Addi Dimokraatawaa Federaalawaa Tokkummaa Itoophiyaa (Madrak), Yaa'ii Idilee isaa 17ffaa milkaa'inaan xumuruun, of haaromsuuf tarkaanfii murteessaa ta'e fudhateera.

Yaa'iin kun, waajjira muummee gamtichaa keessatti kan geggeeffame yoo ta'u, hoggansa haaraa filachuu fi Itoophiyaa dhugaan dimokraatawooftee fi tasgabboofte ijaaruuf kallattii tarsiimoo ifa ta'e kaa'uun goolabameera.

Hoggansi haaraan filatame, humna dargaggootaa fi muuxannoo gameeyyii siyaasaa walitti makuun kan ijaarame yoo ta'u, kunis Maddarakiin rakkoolee siyaasaa Itoophiyaa wal-xaxoo ta'an furuuf ga'umsa addaa akka qabaatu isa taasisa.

Koreen haaraa kunis:

1. Obbo Amdoom Gabrasillaasee:- Dursaa Madarakii

2. Obbo Sulxaan Qaasim:- Itti Aanaa Dursaa fi Itti Gaafatamaa Qunnamtii Hawaasaa

3. Aadde Maryam Hasan: Itti Aantuu Dursaa fi Itti Gaafatamtuu Faayinaansii

4. Obbo Mulaatuu Gammachuu: Itti Aanaa Dursaa Tokkoffaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Gurmaa'ina Ummataa

5. Piroofeesar Mararaa Guddinaa: Itti Aanaa Dursaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Alaa

6. Obbo Legeessee Lanqaamoo: Itti Gaafatamaa Waajjira Barreessaa Madarakii

7. Obbo Dastaa Dinqaa: Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Barreessaa Madarakii

Madrak:-

- Arena Tigraay Dimokraasii fi Birmadummaaf (Arena),

- Koongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO),

-Sochii Bilisummaa Sidaamaa (SBS), fi

- Paartii Haqaa fi Dimokraasii Ummata Affaar of keessatti miseensummaan kan hammateedha.

@tikvahethafaanoromoo
Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa 4ffaa adeemsifamee jira.

Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa 4ffaa fi yaadannoo wareegama isaa waggaa 5ffaa kaleessaa galgala Waxabajjii 29, 2025 Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsifamee jira.

Badhaasni kun Artistii gameessa waggoota shan dura ajjeefame yaadachuu fi maqaa isaatiin artistoota hojii isaaniin cimina olaanaa agarsiisaniif beekamtii laachuuf waggaa waggaadhaan qophaa'a.

Barana gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundeeffame beeksisee ture.

Haalumaa kanaan:-

➡️Badhaasa Umrii guutuu - Abdullahi Jirmaa

➡️Badhaasa dhimmamaa muuziqaa/Music Care/- Aartist Aammee Xiqqaa

➡️Badhaasa Keerogiraafara cimaa-Artist Alamaayyoo Dhaabii

➡️Badhaasa Sinimaatoogiraafara Cimaa- Artist Shimallis Taaddasaa

➡️Badhaasa viidiyoo muuziqaa filatamaa- Artist Zaman Isheetuu

➡️Badhaasa Qindeessaa Muuziqaa Cimaa - Miiraa Tiruuchelvaam

➡️Badhaasa Weellisaa Cimaa/tuu Haaraa- Artist Asaantii Aschuu

➡️Badhaasa Weellistuu Cimtuu - Aartist Lamlam H/Mikaa'el

➡️Badhaasa Weellisaa Cimaa - Aartist Andu'aalem Gosaa

➡️Badhaasa Wallee Cimaa- Artist Lalisaa Idriis (Bilillee)

➡️Badhaasa wallee Aadaa Cimaa- Artist Aadam Mohammed fi Haliima Abdallaa(Shubbituu)

➡️Badhaasa Wallee Ammayyaa cimaa- Artist Guutuu Abarraa(Iyyoolee)

➡️ Badhaasa Albama Cimaa- Artist Andu'aalem Gosaa

Pireezidaantii amboo duraanii Dr.Taaddasaa Qana'aa bara gaggeessaa isaaniitti siidaa haacaaluu yunivarsitii keessa dhaabuu isaaniif badhaasni galateeffannaa kennameefi jira.

Sagantaa kanarratti maatii artiistichaa, artistoota badhaasaaf kaadhimamanii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti- Dooktar Maqdas Dhaabaa

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti jedhan.

Fooramiin wal’aansa dhibee kaansariirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Maqdas fooramicharratti akka jedhanitti, tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii kanaan dura Finfinnee giddugala tokko qofatti kennamaa ture babal’isuun naannoleetti giddugaloonni dabalataa shan banamaniiru.

Giddugaloota wal’aansa kaansarii naannoleetti argaman shan keessaa afur tajaajila kennaa jiraachuu kaasanii, giddugalli hafe tokkos yeroo dhiyootti tajaajila kennuu akka eegalu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan hojii babal’ina giddugaloota wal’aansa dhibee kaansariif Yuuroo miiliyoona 25 baasii taasisuu kan ibsan Dooktar Maqdas, kunis bu’uuraalee misoomaa fayyaafi dhiyeessii galtee fayyaaf ooluu kaasan.

Gama tajaajila wal’aansaa keemooteeraappii waliingahuunis yeroo ammaa hospitaalota 13 keessatti tajaajilli kun kennamaa jira jedhan. #FBC

@tikvahethafaanoromoo
2025/07/01 00:30:31
Back to Top
HTML Embed Code: