Hamaankee haa xiraa'u
Isa haa ajeeffatu gandi
Jiruuf jireenyasaa ta'ee
Isarraan deemin gaddi
Gammadeen jiraatin
Si hamaa sibaasee
Kan alanfates haagatu
Afaansaatii baasee
Siif haata'uu yaabi
Farda kankeef kooraa
Si qilee sibuusee
Maal abbasaatiif kooraa?
Gooftaan kankee sinbuusin
darbatee harka hamtuu
Malaaf humna rabbiin
Sirraa haadhabamtuu
dhabdus homaa miti
Uffattus erbee moofaa
Rabbiin kan ilaalu
Hojii kankee qofaa
Homaattuu hin lakkaa'in
Yoo hinqabaannes wayyaa
Rabbiikee qabaachuutu
Hundarra siif wayyaa
Duuniyaatti hin rarra'in
Isheen beeki fixeensaa
Kan rabbiif hinbitamne
Nama miti bineensa
Qalbiikeetiin yoo amante
Dhiiftee duuniyaaf bololuu
Homaallee yoo hinqabaatin
Si'i dureessi hunda caalu
Hunduu duniyaattafa
Gadin seenu qabrii
Hojii kankee malee
Sifaanan deemu horiin
Kanaaf mee nadhageessaa
Atis obboleessaa atisi yaa uktii
Ibaadaakee jabeessi
Duuti hinuma dhuftii
Karaa qajeelaa deemuuf
Qophee dalgaa kaawwattaa?
Gadda obboleessa keetiin
Gammachuu lakkaawwattaa?
Dhadhaan dhabe jettaaree?
Teessee utuu raaftuu dhama
Gaarii dacheerra guute
Ati maaf yaadde hamaa?
Bifti wal fakkaatuyyuu
Daakuufi daaraan firaaree?
Riqicha bososaarraan
Laga ce'uun jiraaree?
Dhugaan bultee ho'iti
Akka abidda dibaa
Karaan sobaan darbanis
Galatti nama dhiba!
~Alhamdulillaah
~Galanni kan rabbii gooftaa balbala lammaffaa naaf baneeti
~Thanks to Allah who opened for me, the second door
# IFB of CBO
Sฤƒllลฏ ฤƒllฤƒ ร‘ฤƒbฤซฤซ โฃ๏ทบโฃ
ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ูู…ู‘ูŽ ุตูŽู„ู‘ู ูˆูŽ ุณูŽู„ู‘ูู…ู’ ูˆูŽุจูŽุงุฑููƒู’ ุนูŽู„ูŽู‰ ู†ูŽุจููŠู‘ูู†ูŽุง ู…ูุญูŽู…ู‘ูŽุฏู๏ทบ
ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ูู…ู‘ูŽ ุตูŽู„ู‘ู ูˆูŽ ุณูŽู„ู‘ูู…ู’ ูˆูŽุจูŽุงุฑููƒู’ ุนูŽู„ูŽู‰ ู†ูŽุจููŠู‘ูู†ูŽุง ู…ูุญูŽู…ู‘ูŽุฏู๏ทบ
ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ูู…ู‘ูŽ ุตูŽู„ู‘ู ูˆูŽ ุณูŽู„ู‘ูู…ู’ ูˆูŽุจูŽุงุฑููƒู’ ุนูŽู„ูŽู‰ ู†ูŽุจููŠู‘ูู†ูŽุง ู…ูุญูŽู…ู‘ูŽุฏู๏ทบ
Kaayyoof akeekakee
Galma kankee ganamaa
Hin sharafin homaattuu
Dhageessaa namanaa?
Homtuu sin jijjiirin
Sobaan dhugaa rabbii
Hagam lafaa addaatus
Baqee bada cabbiin
As wr wb?
Guyyaa haati ilmoo buuftu
Guyyaa aarrii baaftu sabiyyiin
Guyyaa ummati ummatii
Jedhu dhaabatee Nabiyyiin
Guyyaa mankaraaruu malee
Of quban qabne biyyi
Guyyaa dafqi abbaa liqimsitu
Abbaan hojiisaatiin walgahee
Gaafa namni amanuu dadhabu
Bu'aa hojiisaatii dhagahee
Gaafa gaaddisni tokkon jirre
Aduunis gadhiyaattee taakkuun
Guyyaa haati ilmoo shakkinaan
Abbaanis ilmoo shakku
Guyyaa dachiinis naman fuune
Samiinis mammaramu
Gooftaan keenya rahmaan
Nutti haa araaramuu
UmarsheAhmad:
Warra bultii barbaadan
Bultii gaariif dansaa
Naaf ijaari ati
Yaarabbin dandeessaa
Warra ijaarratanii qaban
Immoo, jiruu gaariif bultii
Rahaadhaaf gammachuun
Jireenyasaanii guutii
Qalbii cabuu malee
Jireenya gammachuu
Waliinis naaf milkeessi
Milkii biyya kachuu
Isin hin argin iji hamtuu
Isin irraa haaqabu rabbiin
Gammadaatii jiraadhaa
Isin hin cabin qalbiinโค๏ธ
Tulluun ofiin beekee siduraa kufu hin jiru, akkasumas Tulluun ati dhiibnaan siduraa kufuu didus hin jiru.
Guyyaa Nagaaf gammchuu
Kan jaalalaf nageenyaa
Bilisaan haa jiraatu
Inni dhihoof fageenyaa

Kun hawwii kooti
Ilma namaa hundaaf
Osoo Adda hin baasin
Isa xiqqaa guddaa
Ati inni shuumtee shaartu
Olbaaftee gad-buuftu ilma namaa
Bakkattafaan siqofa
Situ nuuf amanamaa
Gaachana isaanirraa kaastee
Gooftaan isaan gootu qullaa
hamaaf hamtuu fashaleessi
Harkakeetiin bullaa
Warra hammaatee daangaa darbe
Hedduu qabda gooftaa
Silaa shuumuuf shaaruu keessatti
Kee namaan galu tooftaan
Akkuma trumpii har'aa
White house oooftaa
As wr wbโค๏ธ isinan jaalladha
Urjii samaawwaataa
Qaroo ija keenyaa
Yaadhaalaa Ambiyaa
Har'a maal dhageenyaa?
Yaa Abbaa Ulamootaa
Yaa Goobana lafaa
Rabbiin siif kadhachuu
Maaltu sirraa hafaa?
Yaa abbaa keenya gaarii
Yaabareedaa ija kuulaa
Sheeka sheekowwanii
Yaa shekh Adem Tuulaa
Kan dukkana nurraa saaqan
Nuuf ibsanii baatirii
Yaarabbi bira nuuf gori
She Ahmad watariin
# Rabbiin isin haafayyisu
~homaan taanu!
Dhagahi siifan himaa
Dubbii haqaaf qulqulluu
Osoo rabbiin hin qabaannee
Guyyaa tokkon bulluu
Akka nyaata dhabeef
Namni silaa ni du'aa
Akka ilma namaaf
Afaan boollaa bu'aa
Garuu murtiin sirraati
Murtiin sirriif haqaa
Nu osoo sin qabaannee
Yoona silaa raqaa
Borillee homaan taanu
Osoo si abdannuu takkaa
Dukkanaaf huurrii baraa
Situ nurraa saaqaa
"inshaallaah"
The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 5 months. If it remains inactive in the next 29 days, that account will self-destruct and this channel may no longer have an owner.
The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 5 months. If it remains inactive in the next 8 days, that account will self-destruct and this channel may no longer have an owner.
2024/05/09 00:17:20
Back to Top
HTML Embed Code: