As wr wb PDF walaloo Islaamaa bareedduu hedduu qabatte tana buufadhaa, dubbisaa, irraa baradhaa, ittiin booharaa.....Waliif share godhaa....!!!
Walaloo Kennaa Kennaa Caaltu(1).pdf
602.2 KB
Share 'Walaloo Kennaa Kennaa Caaltu(1).pdf'
Ahlan Yaa Ramadaan
Yaa ji'a raahmataa
Kan keessa banamtu
Balbalti jaannaataa
Kan milkiif jaalalaa
Yaa baatii ibaadaa
Hunduu si jaallata
Hundumtuu si yaadaa
Kennaa kee gurguddaa
Musliimotaaf laattaa
Bifaan adda hin baastu
Hundaaf garaa laaftaa
Ahlan yaa ramadaan
Baatii araaramaa
Badhaasa kee gaarii
Sanattan haajamaa
Nama dhugaan soomee
Sirraa fayyadamuu
Rabbiin naaf haa guutu
Waan ani haajamuu
Qaasim Kadiirin
Join Join Join
👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Yaada nuuf kennuuf
https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram

Telegram
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ
Yaada nuuf kennuuf:- https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram
Join gochuuf:- https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Join gochuuf:- https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Gaafas Maal Nuuf Wayya
Kutaa 1ffaa...
Gaafa guyyaan geessee
Amriin rabbii taatee
Garriin afuufamtee
Aduun lixaan baatee
Socho'iinsa jabaa
Gaaf dachiin sochootee
Waan garaashee jiru
Hundaa ifa gootee
Gaafa ilmi namaa
Hundinuu kaafamuu
Osoo hin uffatin
Kan qullaa dhaabamuu
Waan dabarsee dufe
Irraa gaafatamuu
Gaafa abbaan ilmoo
Gatee biraa dheessuu
Gaafa haati ulfaa
Naasuun ilmoo deessuu
Siraax dabalatee
Hisaabaf miizaannii
Ragaan hojii keenya
Gaaf dhufe kitaabni
Waggaa kum shantam
Hunduu ni dhaabbataa
Ebaluu koo jedhee
Eenyu wal gaafataa?
Wal arguun hin jiru
Qullaa dhaabbatanii
Nabsee nabsee jedha
Hunduu gaafasanii
Meeti ree gamoon kee
Liiftin buutee baatuu
Meeti makiinan kee
Kan si baatee kaatuu
Meeti ree soofan kee
Kan ati irra teessuu
Meeti ree firiijin
Hoo'aa qabbaneessuu
Meeti ree sireen kee
Kan ati irra ciiftuu
Hirriba filattee
Kan salaata dhiiftuu
Meeti ree digriin kee
Kan ittiin of dhaadduu
Ani beekaa jettee
Ittiin boonuu yaadduu
Lafarratti hafe
Hundumtuu hin jiruu
Gaafas si fayyadu
Rakkina kee hin furuu
Kutaan 2ffaan itti fufa

Ramadaana Milkii Rabbiin Nuuf Godhu
Asalaamualaykum
Akkam nagaa jirtuu
Kan dhiiraf dubaras
Musliimonni martuu
Soomanni isin biraan
Mee akkam fakkaataa
Nu biraa deemuudhaaf
Kinoo akkas kaataa
Meeqa keenyatu irraa
Fayyadama laataa...?
Tokko lama jennee
Kinoo kurnan boodaa
Rabbiin danda'aadhaa
Nu hin hanqisin qoodaa
Leylatulqadriinis
Kurnan kana keessaa
Salaataf sadaqaa
Du'aayis jabeessaa
Kennaa rabbii guddaa
Namni biraa rafee
Namni kennaa kana
Hin milkaa'in hafee
Dhugumaan dhabeera
Waan dhabuun hin mallee
Warra milkaa'erraa
Na godhi anallee
Hedduudhatu jira
Laafan akka kiyyaa
Atoo garaa laafta
Mee nuuf guuti niyyaa
Osoo adda hin qoodin
Musliimota hundumaa
Waliin nu milkeessi
Ajrii baatii kumaa
Kan suuta dubbateef
Isa ol kaasellee
Isa kophaa taa'ee
Sitti hasaasellee
Hundumaa argita
Hundumaa dhageessaa
Waliin nu milkeessi
Rahmaan ni dandeessaa
Waan hundaa keessatti
Atoo danda'aadhaa
Rahmanni kee guddaan
Hundumaaf ga'aadhaa
Qooda ramadaanaa
Irraa nu badhaasii
Qixaaxa keetiraa
Mee najaa nu baasii
Ramadaana milkii
Nu maraaf haa ta'uu
Isa itti aanus
Rabbiin nuun haa ga'uu
Du'aayii nuuf kadhaa
Obboleewwan diinii
Waliin haa milkeessu
Nu hundaa rabbiinii......

Kutaa 2ffaa...
Jireenyi lafarraa
Hangam yoo jabaattee
Filannoowwan danuu
Dhala namaaf laattee
Kanumaa dadhabee
Boo'a ilmi namaa
Jireenyi aakiraa
Filannoonshee lamaa
Milkoofnan jaannata
Kasaarran ibiddaa
Fudhachuun dirqamaa
Akkam gootee diddaa
Osoo yeroo kumas
Toowbachuu barbaaddee
Osoo sheenoftellee
Gaabbiidhaan of waaddee
Waa sitti hin dabalu
Waa sirraa hin hir'isuu
Ibidda jahaannamaa
Waa sirraa hin ittisuu
Kan adduyaarratti
Hojiinsaan kasaaree
Jahannama keessatti
Mana isaa ijaaree
Gaafa lubbuun jiru
Waan kaafamu hin se'uu
Jahaannamitti kufa
Siraaxarra hin ce'uu
Ee waa kasaareera
Ee waa halaakamee
Namni osoo jiruu
Sheyxaanaan raafamee
Osoo lubbuun jiruu
Keeyrii sassaabbatee
Jaannata keessatti
Mana gad dhaabbatee
Inni waa milkaa'e
Milkii akkaan jabduu
Gaafas qalbiin isaa
Wanta yaadde hin dhabduu
Jireenya jaannataa
Yaa jiruu qananii
Yaa laga jaannataa
Kan dammaaf aannanii
Rabbiin abbaa fedhe
Kanaan qananiisaa
Daandiin achi geessuu
Quraanaf hadiisaa
Yaa mootii ol ta'e
Yaa abbaa rahmataa
Atummaan nuuf bani
Balbala jaannataa

Anoo Deemuuf Ka'e.........
.........25, 26, 27, 28,29.....
Anoo deemuuf ka'ee
Dafaa na saammadhaa
Hamma wal garruufuu
Nagaa nadhaammadhaa
Ummata musliimaaf
An kennaa rabbiitii
Qulqulleessaa dilii
Saamunaa zambiitii
Yaa warra amantan
Jechuun isin yaamee
Ramadaana soomaa
Kan isiniif dhaamee
Akka sodaattaniif
Rabbiin na wajjabee
Lubbuudhan jiraatee
Namni na qaqqabee
Rabbiin kennaa guddoo
Ana keessa kaa'ee
Kan dhugaan na soome
Dhugumaan milkaa'ee
Isiniif badhaasa
Anoo rabbiin biraa
Halkan kabajamaan
Ana keessa jiraa
Halkan tokkichisaa
Caalu baatii kumaa
Badhaafamuu feenan
Kurnan gara dhumaa
Ibaadatti cimnaan
Kurnan boodaa keessaa
Keeyrii halkan sanaa
Rabbiin si milkeessaa
Kan rabbiin kadhateef
Ni baati haajanii
Kan rabbiin milkeessef
Qabama baajannii
Anoo deemuf ka'ee
Kinoo isin biraa
Yeroon koo dhumaara
Qophaa'utti jiraa
Yaa nama dhugumaan
Natti fayyadamtee
Rabbitu siif guuta
Waan ati haajamtee
Anoo nan deebi'a
Waggaadhan naanna'ee
Kan wal hin argines
Ajalli isaa ga'ee
Kan wal arginuulleen
Ammaaf nagaattii
Qiyaamaa nan dhufa
Fayyadamnaan nattii
Nuun jedhaara kinoo
Soomanni baranaa
Yaa jamaa musliimaa
Maal jettu jaranaa
Gammachuun simannus
Beelamni ga'eeraa
Maalin gaggeessinu
Deemuudhaf ka'eeraa
Isa bara dhufuu
Rabbitu harkaa qabaa
Lubbuudhan jiraatee
Eenyutu qaqqabaa
Osoo bira hin geenye
Ramadaana dhufuu
Guyyaan isaa geenyan
Hedduudha kan kufuu
Yaa mootii aalamaa
Kanas nu milkeessii
Isa bara dhufuus
Nagaan nu geessii
Jennee haa kadhannuu
Cimsinee du'aayii
Fayyaaf umrii wajjiin
Ibaadan nu faayii
Dilii teenya maraa
Yaa rabbi nuuf dhiisii
Har'a addunyatti
Milkiidhan nu kiisii
Jaannatal firdoowsiin
Bor nu gammachiisii
Jennee haa kadhannuu
Jechuu fedheetanii
Dhiifama naaf godhaa
Xumureera anii.....

W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ pinned «Anoo Deemuuf Ka'e......... .........25, 26, 27, 28,29..... Anoo deemuuf ka'ee Dafaa na saammadhaa Hamma wal garruufuu Nagaa nadhaammadhaa Ummata musliimaaf An kennaa rabbiitii Qulqulleessaa dilii Saamunaa zambiitii Yaa warra amantan Jechuun isin yaamee…»
Godaannisa Musliimotaa fi Mootota Itoophiyaa
Kutaa 1ffaa
Asalaamualeykum
Obbleewwan diinii
Waa xiqqoo dubbadhu
Naan jette qalbiinii
Caalaa ummatootaa
Nu godhus rabbiinii
Har'a akkam jirra
Kaleessa eessa turree
Gargar faffacaanee
Nutoo taanan burree
Yahuudaaf nasaaran
Nurratti walkaaftee
Luubbuu musliimotaa
Lafarraa mancaaftee
Lafarraa balleessuuf
Qabaatanis hawwii
Silas karaan haqqii
Hin dhabu adawwii
Jalqaba ifaan diinii
Addunyaadhaf ifee
Ergamaan ilaahii
Haqqii qabee dhufee
Adawwiin balleessuuf
Wanta meeqa gootee
Booddee dharti kuftee
Haqqiin biyya mootee
Handhuura addunyaa
Hundaafuu walakkaa
Dachee kabajamtuun
Baate biiftuun takkaa
Hunda caaltuu lafaa
Biyyoo biyya makkaa
Jalqaba ifaan haqqii
Achirraan hanga'ee
Kallattii hundaanuu
Addunyaa wal ga'ee
Roorroof rakkoon cimtus
Hundumaa dandeessee
Qaanqeen ifaa sanaa
Biyyaa keenyas geessee
Mootin biyya keenyaas
Gammachuun simatee
Gaafas abdii kutee
Adawwiin rifatee
Gaafa ifaan haqqii
Habashaa qaqqabee
Najjaashin immimman
Qabachuu dadhabee
Dubbiin haqqii ta'uu
Yoosuu isaaf galee
Haqqiin hundaaf ifa
Beekaa mormu malee
Najjashin gammachuun
Qabatee shahaadaa
Haqqii ol taasisuuf
Gaafas seene waadaa
Najjaashin dubbate
Sagalee ol qabee
Tokkichummaa rabbii
Habashaaf lallabee
Gahee leencaa bahee
Kan diinii olqabee
Akkasiin anallee
Shahaadan qaqqabee
Ifaan haqqii latee
Lalisee fireessee
Gaheen kan kee maali
Dabareen si geessee
An beekumsa hin qabu
Waa tokko hin danda'uu
Waa hunda barreessuuf
Yeroon naaf hin ga'uu
Kanaaf keessa fiigee
Tuqee mata duree
Silaa naaf mijatee
Tokko hin dhiisu turee
Mootota Itoophiyaa
Kan Najjaashii boodaa
Jararraa waan xiqqoo
Mee isiniif qoodaa
Yohannis afraffaaf
Teewodroos dabalatee
Ummanni musliimaa
Biratti salphatee
Kumaatamni du'ee
Rabbii isaan walgahee
Kumaatamni ammoo
Bar kaafira ta'ee
Biqiltuu Najjaashin
Gad fageessee dhaabee
Buqqisuuf addawwii
Bara hedduu ta'aabee
Mataa irraa murraan
Hiddi latee margee
Kan dhalootni ammaa
Ifaa diinii argee
Milnik lammaffaf
Kan bara zawdituu
Ijji jiraattedhaaf
Bar haqqii hin argituu
Shiraan ukkamsuudhaf
Gaafas dubbii haqaa
Heedduu musliimotaa
Jijjiiraniis maqaa
Haqqii abaan rabbii
Kunoo jiraachisee
Amantii Bareedduu
Kana nu dhaalchisee
Bara lij iyyaasuu
Kan ija banannee
Roorroo bara meeqaa
Irraa bayannannee
Masjiida ijaarrannus
Eeyyama argannee
Rabbitti shakkarrus
Yeroodhaf gammannee
Yeroo xiqqoo booda
Lij iyyasuun kufee
Mootummaan zaalimaa
Booda Hayileen dhufee
Ummata musliimaa
Karra nutti cufee
Hedduun osoo arguu
Dhiisee daandii haqaa
Fakkaatee jiraachuuf
Jijjiiratee maqaa
Ulamoota hidhee
Isa kaan fannisee
Itti yoo naqellee
Kaan bishaan danfisee
Haqqiin har'a geesse
Bar rabbiin hambisee
Hayleen awwaalamnaan
Booda dargiin dhufee
Roorroon musliimotaa
Ammas itti fufee.......
Kutaan 2ffaan itti fufa...
Qaasim Kadiirin
Join Join Join
👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Yaada nuuf kennuuf
https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram
Kutaa 1ffaa
Asalaamualeykum
Obbleewwan diinii
Waa xiqqoo dubbadhu
Naan jette qalbiinii
Caalaa ummatootaa
Nu godhus rabbiinii
Har'a akkam jirra
Kaleessa eessa turree
Gargar faffacaanee
Nutoo taanan burree
Yahuudaaf nasaaran
Nurratti walkaaftee
Luubbuu musliimotaa
Lafarraa mancaaftee
Lafarraa balleessuuf
Qabaatanis hawwii
Silas karaan haqqii
Hin dhabu adawwii
Jalqaba ifaan diinii
Addunyaadhaf ifee
Ergamaan ilaahii
Haqqii qabee dhufee
Adawwiin balleessuuf
Wanta meeqa gootee
Booddee dharti kuftee
Haqqiin biyya mootee
Handhuura addunyaa
Hundaafuu walakkaa
Dachee kabajamtuun
Baate biiftuun takkaa
Hunda caaltuu lafaa
Biyyoo biyya makkaa
Jalqaba ifaan haqqii
Achirraan hanga'ee
Kallattii hundaanuu
Addunyaa wal ga'ee
Roorroof rakkoon cimtus
Hundumaa dandeessee
Qaanqeen ifaa sanaa
Biyyaa keenyas geessee
Mootin biyya keenyaas
Gammachuun simatee
Gaafas abdii kutee
Adawwiin rifatee
Gaafa ifaan haqqii
Habashaa qaqqabee
Najjaashin immimman
Qabachuu dadhabee
Dubbiin haqqii ta'uu
Yoosuu isaaf galee
Haqqiin hundaaf ifa
Beekaa mormu malee
Najjashin gammachuun
Qabatee shahaadaa
Haqqii ol taasisuuf
Gaafas seene waadaa
Najjaashin dubbate
Sagalee ol qabee
Tokkichummaa rabbii
Habashaaf lallabee
Gahee leencaa bahee
Kan diinii olqabee
Akkasiin anallee
Shahaadan qaqqabee
Ifaan haqqii latee
Lalisee fireessee
Gaheen kan kee maali
Dabareen si geessee
An beekumsa hin qabu
Waa tokko hin danda'uu
Waa hunda barreessuuf
Yeroon naaf hin ga'uu
Kanaaf keessa fiigee
Tuqee mata duree
Silaa naaf mijatee
Tokko hin dhiisu turee
Mootota Itoophiyaa
Kan Najjaashii boodaa
Jararraa waan xiqqoo
Mee isiniif qoodaa
Yohannis afraffaaf
Teewodroos dabalatee
Ummanni musliimaa
Biratti salphatee
Kumaatamni du'ee
Rabbii isaan walgahee
Kumaatamni ammoo
Bar kaafira ta'ee
Biqiltuu Najjaashin
Gad fageessee dhaabee
Buqqisuuf addawwii
Bara hedduu ta'aabee
Mataa irraa murraan
Hiddi latee margee
Kan dhalootni ammaa
Ifaa diinii argee
Milnik lammaffaf
Kan bara zawdituu
Ijji jiraattedhaaf
Bar haqqii hin argituu
Shiraan ukkamsuudhaf
Gaafas dubbii haqaa
Heedduu musliimotaa
Jijjiiraniis maqaa
Haqqii abaan rabbii
Kunoo jiraachisee
Amantii Bareedduu
Kana nu dhaalchisee
Bara lij iyyaasuu
Kan ija banannee
Roorroo bara meeqaa
Irraa bayannannee
Masjiida ijaarrannus
Eeyyama argannee
Rabbitti shakkarrus
Yeroodhaf gammannee
Yeroo xiqqoo booda
Lij iyyasuun kufee
Mootummaan zaalimaa
Booda Hayileen dhufee
Ummata musliimaa
Karra nutti cufee
Hedduun osoo arguu
Dhiisee daandii haqaa
Fakkaatee jiraachuuf
Jijjiiratee maqaa
Ulamoota hidhee
Isa kaan fannisee
Itti yoo naqellee
Kaan bishaan danfisee
Haqqiin har'a geesse
Bar rabbiin hambisee
Hayleen awwaalamnaan
Booda dargiin dhufee
Roorroon musliimotaa
Ammas itti fufee.......
Kutaan 2ffaan itti fufa...
Qaasim Kadiirin
Join Join Join
👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Yaada nuuf kennuuf
https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram
Telegram
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ
Yaada nuuf kennuuf:- https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram
Join gochuuf:- https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Join gochuuf:- https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Badii maalii qabnaa......?
Assalaamu aleeykum
Obbolaa aakiraa
Amriin waa hundaatuu
Rabbiin harka jiraa
Maalif bara baraan
Mataa gadi cabnaa
Maalif nu roorrisu
Badii maali qabnaa..?
Adawwiin islaamaa
Raftee hin beektu takkaa
Rabbitti amanuun
Maalif ta'e yakkaa..?
Adawwiin hin rafu
Garaansaa dhukkubaa
Kanaaf nu salphisee
Mana rabbii gubaa
Islaamummaan ifaa
Akka ji'aaf aduu
Adawwiin baay'ateef
Abadan hin baduu
Seenaa baaroomeedaa
Waan daganne seetuu
Yeroof kaatti malee
Dharti laga hin ceetuu
Muslimonni hunduu
Haa ta'an kaafiraa
Kan hin ta'u jedhe
Du'atu isaaf jiraa
Teedroos akkas jedhus
Mootummaan zaalimaa
Meeqa galaafatus
Darasaaf aalimaa
Maqaa jijjirullee
Kiristinnaa kaasee
Raas mikaa'el jedhee
Maqaas yoo moggaasee
Roorron jabaattullee
Kinoo har'a geenyee
Gidiraa adawwii
Hundumaa dandeenyee
Ilmaan barsiifachuuf
Hanga yoom rakkannaa
Biyya keenyarratti
Hanga yoom salphannaa..?
Ijoolleen musliimaa.....
Mirgi ishee eegamee
Barachuu hin dandeessuu
Hanga maatin dhaqee
Harkaan mallatteessuu
Hin salaatu jedhii
Koottuu mallatteessii
Ta'uu baannaan deemii
Bakka feete geessii
Jedhanii doorsisuu
Maatii barattootaa
Akkamiin haa bartu
Daa'imman barnootaa..?
Kanaaf osoo aarruu
Dabalan kan biraa
Mana rabbii gubnaan
Obsa maaltu jiraa...??
Qabeenya musliimaa
Lafarraa mancaasaa
Badii tokko malee
Lubbuu namaa baasaa
Ummata nagaa
Ololaan sakaaluun
Ifaa diin islaamaa
Shiraan dhaamsuu yaaluun
Yoommuu hin milkaa'u
Shiraaf jibbaan keessan
Ofumaaf damaatuu
Yoomis galma hin geessan
Copy gochuun dhoorkaadha yoo sitti tole forward gochuu dandeessa....please

Forwarded from Ahmedin Jebel - አሕመዲን ጀበል
🔴 ሰበር ዜና!
በሁሉም የሳውዲ አካባቢዎች ጨረቃ አልታየችም። በመሆኑም ነገ እሁድ የረመዳን ማሟያ 30ኛ ቀን ሲሆን ኢድ አልፎጥር ሰኞ እንደሆነ ተገልፅዋል።
📌 T.me/ahmedin99
በሁሉም የሳውዲ አካባቢዎች ጨረቃ አልታየችም። በመሆኑም ነገ እሁድ የረመዳን ማሟያ 30ኛ ቀን ሲሆን ኢድ አልፎጥር ሰኞ እንደሆነ ተገልፅዋል።
📌 T.me/ahmedin99
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ pinned «Badii maalii qabnaa......? Assalaamu aleeykum Obbolaa aakiraa Amriin waa hundaatuu Rabbiin harka jiraa Maalif bara baraan Mataa gadi cabnaa Maalif nu roorrisu Badii maali qabnaa..? Adawwiin islaamaa Raftee hin beektu takkaa Rabbitti amanuun Maalif ta'e…»
Hidhaa Baatii Tokkoo.....
Shororkeessummaadhan
Erga himatamee
Adabbiin ulfaatan
Kan natti kennamee
Saahibban kootirraa
Ana fageessanii
Qaallitti nagalchan
Natti murteessanii
Sibiilan hidhanii
Achi na geessanii
Jarri akkaan cimoo
Garaa jabaatanii
Murtii ji'a tokkoo
Kan natti laatanii
Yaa hiriyoota koo
Maalif na gattanii
Ji'a tokko guutuu
Narraa baqattanii
Anoo waa'ee keessan
Yaadudhan machaa'ee
Dhiphachaatin ture
Mana hidhaa taa'ee
Hidhamaan ni ba'a
Kan du'etu hin kaanee
Akka isin yaaddan
Isiniif hin taanee
Daqiiqan sekondii
Guyyaan torbii ta'ee
Ji'a tokko geenyan
Torbiinis naanna'ee
Dhufee jira anis
Kunoo hidhaa ba'ee
Hojii koo eegale
Kaleessa galgalaa
Bu'aa buufachaara
Jalqabee daldalaa
Hojiin kan koo duruu
Nama kakaasuudhaa
Bultii namaa diigee
Adda facaasuudhaa
Baay'ifachuu fedhaa
Hiriyaa shabaabaa
Waliin ta'ee guutuf
Abidda azaabaa
Jaabaadhee hojjadha
Erga bahee hidhaa
Wanti namaaf balaa
Anaaf ammoo chidhaa
Salaata subhirraa
Isa kaan raffisee
Isa kaan sossobee
Jam'aarraa hambisee
Gammaduu barbaadee
Kan irkate nattii
Isa kaanif kamrii
Isa kaan zinattii
Baasii tokko malee
Qabee bira geessaa
Hiriyaa koo hundaa
Akkasiin milkeessaa
Warra narraa dheessan
Hunda jibbee dhiisaa
Warra natti dheessan
Hundumaa ni kiisaa
Kanaaf natti koottaa
Karaa kootu caalaa
Kan gara koo gore
Boru abidda dhaalaa
Nuun jedhaara kunoo
Sheyxaanni hiikamee
Ramadaanni baanan
Hidhaa gadhiifamee
Warri soomni baanan
Saalata dhiiftanii
Sheyxaana jallataa
Maaf gammachiiftanii
Kan rabbiin dhiiftanii
Gabbartan soomanaa
Soomanni ba'eera
Kasaarun yoo tanaa
Kan rabbiin gabbaran
Gabroonni haqiiqaa
Ibaadaan aytowum
Inkuwaan la daqiiqaa
Baxaam xiruu nabbar
Macheem huneetaachoow
Ibaadan siyaadrguu
Hulleem la geetaachoow
Ye jaannat turrufaat
Tashallaamii naachoow
Gizeewun xabbiqoo
Salaat ye saggaduu
Haraam nagar titoo
Halaal ye naggadhuu
Isaan milkaa'oodha
Har'aa fi borullee
Rabbiin isaan waliin
Haal milkeesse nullee
Waanuma gabaabduu
Jechuu fedheetanii
Kana caalaa jechuuf
Dadhabaadha anii
Kana caalaa jechuuf
Anatuu wallaalaa
Ibaadaa jabeessaa
Waan hunduumaa caalaa
Kan rabbin gabbare
Jaannatuma dhaalaa
I have no more power
To speech things
We have to avoid
Drug and sings
The way of devils
The house of fire
Try to cutoff that
Fragile wire
Unless otherwise
Milkaa'un hin jiruu
No need of suspecting
The death is true..

Forwarded from ✎ Seyf Al-Islɑɑm🇵🇸
Yaad-rimee Waa'ee Rabbii kiristaana biratti.pdf
781.8 KB
"Yaad-rimee Waa'ee Rabbii kiristaanummaa keessatti"
Abdussalaam idriis (seyfal_islaam)
kitaaba Dr Zakir irraa.
Page 11
Size 78k
@seyfal_islaam2nd
@seyfal_islaam2nd
Abdussalaam idriis (seyfal_islaam)
kitaaba Dr Zakir irraa.
Page 11
Size 78k
@seyfal_islaam2nd
@seyfal_islaam2nd
GARA KAM NAAF WAYYAA......????
Fuuldurri koo taabba......
Taabba dabaaf shiraa
Kan bahuun fagaatuu
Dudduubben koo boolla.....
Boolla gadi fagoo
Isa nama nyaatuu
Gama tokkoon qoree.....
Qoree dhoqqee keessaa
Ishee nama dirtuu
Ijaan hin muldhattu
Bakki isheen jirtuu
Gama kaanin ammoo
Qileedha hallayyaa
Eessan tarkaanfadhu
Gara kam naaf wayyaa.....????
Qaasim Kadiirin
Join Join Join
👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Yaada nuuf kennuuf
https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram
Fuuldurri koo taabba......
Taabba dabaaf shiraa
Kan bahuun fagaatuu
Dudduubben koo boolla.....
Boolla gadi fagoo
Isa nama nyaatuu
Gama tokkoon qoree.....
Qoree dhoqqee keessaa
Ishee nama dirtuu
Ijaan hin muldhattu
Bakki isheen jirtuu
Gama kaanin ammoo
Qileedha hallayyaa
Eessan tarkaanfadhu
Gara kam naaf wayyaa.....????
Qaasim Kadiirin
Join Join Join
👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Yaada nuuf kennuuf
https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram
Telegram
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ
Yaada nuuf kennuuf:- https://www.tg-me.com/FiraafanK_telegram
Join gochuuf:- https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Join gochuuf:- https://www.tg-me.com/walaloo_islaamaa_telegram
Bara haaraa jenna
Baraan bara lakkaa'aa
Guyyaan inuma deema
Silas yoom gadi taa'aa
Har'a geenyeerraa kinoo
Bara meeqa darbinee
Bara haaraa malee
Wanta haaraa hin arginee
Namuu birraa jechaa
Gammachuun macha'aa
Baga geessan jedhee
Jechoota lakkaa'aa
Takka turraan garuu
Jalqabneerra shakkii
Bara darbe wayya
Baranarra lakkii
Yaa bara dheengaddaa
Yaa bara qananii
Shaayin shilingiidha
Shiroon birrii shanii
Bara kana ammoo
Wanti hundi cinqiidhaa
Kibriitin birrii shan
Kan dur shilingiidhaa
Barri tokko darbee
Kan biraammoo dhufaa
Bifa jijjiirratee
Rakkoon itti fufaa
Bara kaan waraana
Bara kaan dhukkubaa
Yookan hoongeen bu'ee
Ummata guggubaa
Rabbii guddaa qofa
Kan buqqaasu gufuu
Barri jijjiirameef
Jijjiiramni hin dhufuu......
By.......

ODUU ISPOORTII
Dorgommii tapha kubbaa miilaa garee Hojjattoota mootummaa fi Qaalayinsa jireenyaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun Qaalayiinsi jireenyaa goolii sagalii fi duwwaan(HM 0:9 QJ) dursaa jiraachun dhagahame. Taphichi dirree Hojjattoota mootummaa irratti taphatamaa kan jiru yoo ta'u Qaalayiinsi jireenyaa dirreen ala garaagarummaa goolii hedduutin dursaa jira.
Dorgommichaan kilaba Qaalayinsa jireenyatif goolii jalqabaa kan lakkofsise taphataa urjii sarara fuulduraa garichaa kan ta'e Zeeytiin walitti aansee goolii sadi galchuun haatrikii hojjachuun injifannoo cululuqaa garichi galmeessef gahee olaanaa bahachuu danda'eera. Itti dabaluunis Kiraan manaa kubbaa saamunaan mijeessee kenneef goolitti jijjiirun garichi goolii afurii fi duwwaan akka dursu taasiseera. Kana males boqonnaa dura daqiiqaa dabalataa keessatti Xaafiin goolii miidhaagduu Boqoolloon mijeessee kenneef galchuun garichi goolii shanii fi duwwaan boqonnaa akka bahu taasiseera.
Boqonnaa booda goolii jalqabaa kan lakkoofsise Boba'aan walitti aansee goolii lama galchuun goolii tokko ammoo Geejjibaaf mijeessee kennuun seenaa hojjateera. Geejjibnis goolii saddeettaffaa Boba'aan mijeessee kenneef galchuun injifannoo irratti injifannoo dabaluu danda'eera. Taphataan sarara gidduu Kasalli(Cileen) goolii Qoraan mijeessee kenneef addaan itti bu'ee kan galche yoo ta'u taphichi ammallee daqiiqaa torbaatamarra ga'ee itti fufaa jira.
Daqiiqawwan hafan keessatti taphattootni ciccimoon akka Foonii, Hanqaaguu, Uffataa fi kanneen biroo goolii dabalataa ni galchu jedhamanii eegamu. Gama kilabii Hojjattoota mootummaatiin goolii galchuu irraa abdii kutanii gooliin dabalataa akka irratti hin galle of irraa ittisuu kan itti fufan yoo ta'u. Gareen Qaalayinsa jireenyaas goolii dabalataa galchuudhaf dhiibbaa uumaa jiraachuun dhagahame. Garichi gahuumsa kanaan itti fufnaan waancaa/geeba kaasuu irraa wanti isa dhoorku akka hin jirre beekamaadha jechuun kan gabaase ripportara keenya Hafarsoo Jarjarsooti.
Barreessaan.......Gaaf tokko dubbanna...
Page keessan #Arbagugu Post #Add yoo gootan waan baay'ee argattuu.....Yoo isinitti tole, Like, Comments, Share godhaaaaaa

The owner of this channel has been inactive for the last 5 months. If they remain inactive for the next 9 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
The owner of this channel has been inactive for the last 5 months. If they remain inactive for the next 28 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.