Dubbii ቃል

Dubbii at dubbattus jireenyakee irratti tae jireenya nama itti dubbattuu keessatti waan haaraa dabala. Waan gaariis tahe hamaa.

Waan fuuldurakwe jiru tokko qaqabuu dandeessa itti fayyadamuu dandeessa ilaaltee irree miirri sitti dhagahamu jiraachuu danda'a waan hin jirre miira sii hin kennu si hin fayyadu si hin miidhus.(Yaadi at yaada jirtu ilee wanta jirudha)

Wanti dubbatame yookaan yaadame tokkos yeroo sanatti gara uumamui dhifeera jireenyakee irratti. Itti fayadamuu, itti miidhamuu, miira isaa qoddachuu in dandeessa.

Kanaaf waan dubbattuuf dheeggannoo godhi. Sababni isaa wanti at dubbatte sun erga dubbattee jira.


Waan uumame sun haamaa yoo ta'e si midhaa yoo jiraate akkamiin isa irraa bilisa baata?
Wanta qabdu tokko kan dhabdu wanta qabdu gatuudhaani.

jecha namaa kamuu jireenyakee irratti dhiibbaa akka hin uumne gochuu kan dandeessu wanta uumame kana gatuuudhaan of irraa fageesuudhaani. Jechoota gaggaarii qofa of biratti hanbisi.


Manakee kan qulqulleessitu xurii dhabamsisuudhaani. Yaadikees kan qulqullaa'u dubbii gaarii at simattu qofaani. Dubbii hamaa at irra dedeebitee yaaddu sun yaadakee xureessaa jira. Gati

“Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in!”
— Efe. 4:29

@wangelawaka
@wangelawaka
Forwarded from B Sa
Tibebu workiye

Sirboota afaan amaariffaan beekama ture. Sirba isaan dhaggeettii guddaaf beekamtii guddaa kan argatee ture ture.

Dhugaan isaaf gale waaqayyo isa argatee garuu dhugumaan wanta namoonni jireenya isaaniif hawwan argateef argachuu danda'u akka homaatti lakkaa'ee dhiisuun iyyesuus qofti waan guddaa isaaf ta'ee mana waaqayyootti hafe.

Dhuguma waaqayyo yemmuu nuuf galu wanti isaan ala nu ajaa'ibu,argachuuf itti wal dhiibnu, wal dhabnu itti dhippanu hunduu homaa akka hin taane nuuf gala.


Waaqayyo of namatti mul'isee dhugumaan nama in jijjiira.

“Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”
— 1Yoh. 4:10

Farfannaan asii gadii faarsaa inni mana waaqaa keessatti faarfatee dha

@wangelawaka
@wangelawaka
Baay'een tajaajiluu, lallabuu, faarfachuu kan eegalan yookaan kan raawwatan waan biraa waan guddaatti lakaa'an sana(beekamtii, qabeenya,angoo) hojii wangeelaa keessaan argachuufidha.
Wanta argachuuf lallabdu hin jiru, wanta kennuuf lallabdu malee.
Hojiin wangeelaa wanta argachuuf jirtuuf sababa osoo hin taane sababa wanta argatte sanaadha.


“Haa ta'u iyyuu malee, hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba'uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii anaaf qabuutti hin lakkaa'u.”
  — HoE. 20:24

Wanta wanta baay'ee caalu qabaachun wanta baay'ee qabaachuu caala


“Yihudoota akka kootii warra akka amantii warra Yihudootaatti jiran keessaa hiriyoota koo nan caalan ture; seera muka abbaa keenyaatiifis caalchisee nan hinaafan ture.”
  — Gal. 1:14

Phaawloos kiristoos arguu isaan qofa guutummaa guutuutti diigamee ijaarame. eenyummaa kiristoos diige kun ammoo eenyummaa in caala, gariidha, Walda amantaa keessatti nama bakka guddaa qaba jedhamu nama amantaa isaaf inaaffaa guddaa qabu ture.

Barsiisaan kiristoos dhugaa kirstoos biratti hin mul'atu kirstoos biratti bada malee

@wangelawaka
@wangelawaka
#AMANTIIF_WANGEELOTA_BIROO
Gal. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁶ Isa karaa ayyaana Kristos isin waame irraa garagaltanii, akkas ariifattanii gara wangeela kan biraatti goruu keessaniif nan dinqifadha.
⁷ Wangeelli biraa illee hin jiru; garuu namoonni isin wallaalchisanii, wangeela Kristos garagalchuudhaaf barbaadan tokko jiru.

Wangeelli waa'ee kiristoosidha. Wangeelli iyyesuus mul'isu sun qophaa isaa wangeela guutuudha. Isa ibsamee hin dhumne kiristoosiin wangeela daangaa qabu fakkaatu kana keessatti daangaa malee barreeffamee jira.

Wangeelli biraa caalaa isa ibsuuf barreefamu hin jiraatu inni kaan hamma caalaa isa ibsu isa dhoksaa jira. Hamma caalaa waa'ee isaa dubbatu waa'ee wantoota biroo haasa'aa jira.

Wangeelli gahaadha. Wangeelli dhugaa caafamee dhume, dubbifamee hin dhumneedha. Dhugaa mul'atee dhume, beekamee hin dhumneedha. Kiristoos mul'achuu isaa nama tahee du'ee du'aa kahuun mirga abbaa deemuu isaa caalaa mul'inni hin jiru.

በክርስቶስ ጸጋ የጠራችሁን እርሱን ትታችሁ፣ ወደ ተለየ ወንጌል እንዲህ ፈጥናችሁ መዞራችሁ ደንቆኛል፤  እንደ እውነቱ ከሆነ ሌላ ወንጌል የለም። የሚያደነጋግሯችሁና የክርስቶስን ወንጌል ለማጣመም ጥረት የሚያደርጉ አንዳንድ ሰዎች አሉ።
ገላትያ 1:6-7

Kayyoon wangeelota biroo yaadota wangeela ala jiran sirrii fafakkaatan barsiisuu namoota karaa ayyaanaa sana irraa kaachisuu dha. Karaa hedduurra kan deddeemu galma dhugaa tokko bira hin gahu. garamittis akka adeemu hin beeku. Kiristoos an karaadha dhugaadha jireenyadha yemmuu jedhu kallattii tokko qabaachuu akka qabnu illee nu barsiisaa jira.

Innis kan inni nuuf kennes gahaadha.

Wanta inni hojjetetti daddaballee wanta guutuu taasifnu hin qabnu inni inni hojjete guutuudha. Eeyumaa isaatti daddaballee jireenya guutuu taasifnu hin qabnu iyyesuus qophaasaa jireenyadha.


Gal. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁸ Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa 'ta'u!

#kiristoos_qofatu_lallabama


@wangelawaka
@wangelawaka
#jaalalli_waan_hundumaa raawwachuu_danda'a.

“Waan hojjettan hundumaa jaalalaan raawwadhaa!”
  — 1Qor. 16:14

Jaalala jechuun bifa waan hundumaa amanaa tokkoodha.

Wanta hundumaa jaalalaan raawwachuun waan hundumaa jaallachuu caalaa hiika qaba. Jaallachuudhaan raawwachuu osoo hin taane jaalalaan raawwachuu. jaalalaan raawwachuun jaalachuun raawwachuu of keessaa kan qabu tahus akkaataa itti hojjennu osoo hin taane wanta itti hojjennuudha.

Waan hundumaa wanta itti raawwannu. 

namoonni hedduun jaalalli miira darbee darbee wanta jaallatan yemmuu yaadan yookaan yemmuu argan miira itti tolu isaanitti dhagahamu sana se'u. Waaqayyoon yemmuu yaadan bo'uuf gammachuu isaanit dhagahamu sana qofa se'u.
Jaalalli wanta waan hundumaa itti hojjettu yeroo hundumaa sirra mul'achuu qabuudha malee wanta ho'ee qabbanaa'u tahuu hin qabu, mitis.

Jaalala jechuun jalala jennee wanta barre sanaa olidha. Kanaaf jaallachuun keenya illee sirraa'uu qaba jechuudha.

#jaalalli_waan_hundumaa_caala


1Qor. 13
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh jedhuun ta'e.
² Raajii dubbachuudhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiru hundumaa beekee; beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, ani homaa miti.
³ Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarsee¹ kennee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu.

Jaalala dhabuunkee duwwaa tahuukeedha.

Waan gaggaarii barbaacha jaalala dhabaa jirra.

Jaalala dhugaan si barbaachisa.

Kana jechuun akkuma jiraachuuf nyaata barbaaddu akkumaa qilleensi qulqulluu si barbaachisu jaalalli si barbaachisu waan kana hundumaa caalaa.

Hammi nu barbaachisuummaa isaa hammana tahuun isaa illee wantoota hedduu duuba jaalalli dhokate jaalala nun hubachuu dadhabne akka tahe nutti mul'isa.

#jaalala_ofii_ol_dabarsuu

1Qor. 13
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu!
⁵ jaalalli, lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u.
⁶ Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal'inatti hin gammadu.
⁷ Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa.
⁸ Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira.

#Jaalalli_danda_aadha
Jaalalli humna qaba. Danda'aadha. Wanta waan hundumaa itti raawwattu jaalalli kun wanta hundumaa raawwattu sana raawwachuu  in danda'aadha.

Jaalalli humna milkaa'iinaa wanta raawwattuuti.

Namoonni baay'een wanta baay'ee itti milkaa'uuf dhama'an keessatti jaalala guutuu agarsiisuu bachuu isaaniin wanti sun itti bitaachahaa harkaa babahaaf kufaa deema.

Milkaa'inakootti diina ta'an jettee i namoota at jibbitu dhuguma diina milkaa'inakee kan ta'an isaan si jibbuu isaaniin osoo hin taane at isaan jibbuukeetiini.

Wanta hojjettu ilee yoo hin jaallanne, tasa wanta hin jaallanneen hin moo'amta malee wanta hin jaallanne hin mootu.

Yemmuu baatu yemmuu galtu yaada yaaddu hundumaa keessatti jaalala qofa agarsiisi. Inni jaalalaan jiraachuudha.

Tokkoon tokkoo dubbiikee illee jaalalaan haa tahu. Dhagahuunkee jaalalaan haa ta'u. Sochiin jireenyikee hunduu jaalalaan haa ta'u.


@wangelawaka
@wangelawaka
#Lola
#war
“jaallachuun yeroo qaba, jibbuunis yeroo qaba; loluun yeroo qaba, nagaa buusuunis yeroo qaba.”
  — Lal. 3:8

Lolli in jiraata. Lolli yeroo mataa isaa qabas. Eenyullee maaliifan lolama jechuu hin danda'u.

#Dont_fight_back

“Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu.  10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kanisaanii ti.”
  — Mat. 5:9

lola si mudatu hundumaa loluu qabda jechuus miti. Diinummaa hundumaa irratti hin agarsiisiin. Lolawwaan tokko tokko keessatti diinummaakee osoo hin taane firoomakee agarsiisuun. Jibbakee osoo hin taane jaalalakee agarsiisuun lola sirraa egamu jira.

Lola akkasi loltee hin injifattu nagaa buustee malee.

“Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra is in ari’ataniifis kadhadhaa!”
  — Mat. 5:44

Namni hin lolamu. Oboleessi hin lolamu obboleettin hin lolamtu. Nama waaqayyo akkakee jaallateef jaallatu loltee hin injifattu. Sababni isaa waaqayyo yoom illee namoota lama gidduut gara nama tokkoo hin dhaabbatu.

“Iddoo tokkotti immoo, "Diinni kee yoo beela'e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeella'u in goota" jedhamee caafameera.”
— Rom. 12:20

#lola_at_loluu_qabdu.
#fight_back

“Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aasoo wal qabna.”
  — Efe. 6:12

Lola hin sodaatiin dhibuu lolaa sodaadhu.
Lola argaa jirtuuf at of irraa ittisuuf tahe moo'achuuf qophii ta'uuf carraa qabda.
Lolli dhibuun garuu lolli dhibuu miti. Lola dhokataan lolamuudha. Inni caalaa lola hamaadha.

#Lola_akkasiif_akkamiin_qophoofna!
#mia_lola_waaqayyoo


“Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa!”
  — Efe. 6:13.

mi'a lola waaqayyoo Yeroo hunda hidhachuun yeroo hundumaa si dheega. Yeroo hunda moo'ataa tahuu malee yeroo hunda bilisa tahuun hin jiru.

Efe. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁴ Egaa akka nama sabbataan hidbatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa!
¹⁵ Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa!
¹⁶ Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu.
¹⁷ Fayyina akka gonfoo sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa!
¹⁸ Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!

Hidhadhu! Hin hiikkatiin!

@wangelawaka
@wangelawaka
#Jaalala_duuba.
#the_other_side_of_love.

Jaalala duuba dhugaan jiru dhiifamadha.(the other side of love is forgiveness).
Nama tokko haalota hamoo keessatti dhiibbaa nama sanaan sira gahu dandamachaa jaallachuuu dhiisuu dhiisaa jaallachuu itti fufuun dhiisuu dha.

Ammayyuu jaallachaa jiraachunkee dhiifamadha. Ammayyuu jaallachuu dhiisuuf murteessuu dhiisuunkee dhiifama itti fufukeedha.

“Yesus garuu, "Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!" jedhe; warri isa fannisan immoo uffata isaa buufata mukaatiin hirmaatan.”
— Luq. 23:34

Iyyesuus warra isa fannisaa jiran ammallee jaallachaa jiraachuun ammallee isaaniif dhiisaa jira.

“Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!”
— Efe. 4:32

Akkuma inni guddaa nu jaallatee nu jaallachuu isaa itti fufe jaallachuu itti fufuun jibba of keessaa balleessuun dhiisuu dha.

Nama jaallattuuf dhiisuu dhiisuu hin dandeessu. Nama hin jaallaneefis dhiisuu hin dandeessu.

Mat. 18
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²¹ Ergasii Phexros gara Yesusitti dhi'aatee, "Gooftaa, obboleessi koo si'a meeqa yoo na yakke dhiisuuf? Hamma si'a torbaattii?" jedheen.
²² Yesus deebisee, "Ani hamma si'a torbaatamii torbaatti malee, hamma si'a torbaatti siin hin jedhu" jedheen.

Jaallachuu hamma hin dhiisne dhiisuu in dandeessa.


@wangelawaka
@wangelawaka
Dhaabuun hir'isuu xumuruudha


Wantoota jireenya keenya irratti dhaabuu barbaadnu kan dhaabuu dandeenyu hir'isaa demuun qofadha.
Hir'isaa jiraachuunkee dhaabuu eegaluudha.

Wantootni bartee tahan yookaan amalaan wal qanatan dhaabuu feenuuf dhaabuu qabnu dhiisuu kan dandeenyu hir'isuu irraa egaluuni.


“Yeroo gabaabduudhaaf erga dhiphattanii booddee garuu, Waaqayyo inni ayyaanni hundinuu biraa argamu, inni karaa Kristos gara ulfina isaa bara baraatti isin waame, ofii isaatii iddootti isin in deebisa, isinin dhaaba, isin in jabeessa, hundee keessanis in cimsa.”
— 1Phe. 5:10


@wangelawaka
@wangelawaka
“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.”
— Yoh. 1:1

Inni hundumaa dura ture. Waaqayyo waaqa bira ture. Addummaan waaqayyoo hamma yaadnuu oliidha. Inni hundumaa dura ture hundumaa wajjin hin lakkaahamu. hundumaa in dursa hundumaa in caalas.

“Yesus immoo deebisee, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture" isaaniin jedhe.”
— Yoh. 8:58

Inni sanyii abrahaam irraa dhalate uumaa abrahaamiidha. Inni amma dhufe isa dura tureedha. Yeroon illee waaqayyo keessa jira dhaabbanaan waaqayyoo daangaa yeroo irra kan darbeedha. Inni kalleessarra qofa osoo hin taane har'a irra, har'a irra qofa osoo hin taane booriin amma jira.

#uummaadha.

“Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru.”
— Yoh. 1:3

Waan hundumaa isatu uume. Wanta uumame keessaa wanti isaan ala uumame hin jiru. Wanti kaleessa uumame kamuu yaada isaa keessa fedha isaan safaramee darbeetu. Wanta inni hin eeyyamne uumamuu illee hin danda'u. Wanti uumamu kamuu isaaf abboomamaadha. Uumamuu wanta tokkoos uumamuu dhiisuu wanta tokkoos abboomuu danda'a.

Kanaaf iyyesuus kiristoos jireenyakkee irratti uumamuu wantootaa duuba iji isaas innis akka jiru hin dagatiin. Hammam illee wanta waan tokko itti uumtus itti baleessitus qabaattu eeyyama isaan ala homaa uumuus homaa baleessuus hin dandeessu.(he is fully authorized king)


Waaqayyo waan siif uume hundumaaf galateeffama haa ta'u.

#jireenyadha.

“Jireenyi isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.”
— Yoh. 1:4


“Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
— Yoh. 14:6

Iyyesuus jireenyadha. Jireenyi isa keessa jira.
Iyyesuus namummaa namaaf hamma barbaachisummaa isaa caalaa wanti barbaachisuu danda'u hin jiraatu.

Lubbuun dhipachuu qabdu lubbuu kiristoosiin hin arganneedha. Onneen dheebochuu qabu onnee kiristoosiin hin dhandhamneedha. Yaadi yaadda'uu qabu yaada kiristoosiin hin beekneedha.


“Isa namoota gara jireenyaatti geessus ajjeeftan, Waaqayyo immoo du'aa isa kaase, kanaafis nuyi dhuga-baatuu dha.”
— HoE. 3:15

Isa namootaaf kenname isa namootaaf of kenne. Nu fayyisuuf kan jabaate. Nu fayyisuuf kan obse. Jireenya isa keessa qofa jiru akka nun hin dhabneef lubbuu isaa kan dhipise dhiiga isaa kan lolaase. Hammam of nuuf jaallate. Hammam nuuf tahuuf fedhe. Nuuf of hin qusanne. Hamma inni nu fayyisuuf adeeme hamma kiristoos nu barbaachisuudha. Hamma nu barbaachisu nuuf tahe. Hamma nu barbaachisu waan beekuuf hamma sana danda'e.

Inni nu barbaachisu tokkichi nu barbaade.

#waan_haraa

“Seerri Museedhaan kenname, ayyaannii fi dhugaan garuu Yesus Kristosiin argaman.”
— Yoh. 1:17

Iyyesuus dhufaatiin isaa kallattii jireenyaa isa ifaa sanadha. Mul'ataaf isa duraan bartee ture kan dhugaa jiratamu taasisu. Bifa dhugaa wantootaa gara lafa kanaa fide. Waaqayyo kiristoosiin haqa godhee erge.

Inni yemmuu dhufu jireenya qofa osoo hin taane akkataa jireenyaa illee fideetu yookaan taheetu.

Kiristoos dhugaadha. Ifadha. Karaadha. Jireenyadha jenneerra.

Dhugaa tahuu isaa keessa sobni hin jiru jechuudha. Eenyulee isa duratti fafakeessuus hin danda'u jechuudha. Kan ta'e qofatu dha. Isa sirrii qofatu dha malee isa sirriitti siqus isa sirrii fakkaatus isa sirriidha jedhamee itti walii galames miti. Iyyesuus (reality) balleessuuf (real) fide.

iyyesuus ifadha yemmuu jennuf dukkanakee in ibsa Jechuudha. Isa duratti hin dhokattu. Isa duratti guutummaakee mul'ata guutummaanke isaan in beekama. Kun carraa ifa argachuu qofa osoo hin taane carraa mul'achuudhas.

kiristoos ifa ta'ee dhufe hundumaaf in ibse. Sirrii qofa sirrii taasise.

Kiristoos karaadha yemmuu jennus karaa tokkodha. Isa qofatu karaa sanadha. Karaan biraa gara isaatti geessus karaan biraa galma karaan kiristoos geessisu geessissus hin jiru.

Karaan isa qofaadha. Barteen biraa sichi hin baasu hin dandeessisus. Danda'aan dandeessisu tokkichi kiristoos qofaadha.

#Kiristoos_wanta_gaarii_hundumaadha
@wangelawaka
@wangelawka
Wanta jiraachuu dandeessu jiraachuu qabda miti.
Wanta jiraachuu qabdudha jiraachuu dandeessa.

Jireenya nutti salphatu hunduu sirriidha jechuu miti. Jireenyi nutti cime hundinuus sirrii miti jechuu miti.

Yaada waaqayyoo keessatti wanta sirrii hin fakkaane sirrii taasisuun of gowoomsuun ala dhugumaa hin qabu.

Madaali sirrummaa wanta hojjennu hundumaa eenyumaa kiristoosiidha.

Isa osoo tahe wanta hin raawwanne nun taanee osoo hin raawwannu tahe gaariidha.

Ol kahinsa irra geesseen (horizontal) deemuu osoo hin taane gara kirstoos caalaa fakkaachuut (vertical) deemuutu sirriidha.

Hamma nun geenye gahaa miti caalaa gara dhugaa sanaatti guddachuuf isaan gargaaramnee isaan gara isaat guddachuuf haa dhamaanu haa jabaannu.

Dhugaan wanta itti sosobamnu miti wanta amannuudha

@wangelawaka
@wangelawaka
GEMECHU_ALEMAYEHU___GAARUMMAAAN_KOO(128k)
<unknown>
Farfataa gammachuu alemayew

Title 🎤 Gaarummankoo
featuring🎧 natinael tamene

@wangelawaka
@wangelawaka
Forwarded from Biya
#Loltuu_dhugaa_1

loltuu hojii qoosaa hin qabne keessa isa tokkodha.(the most serious career). Amanaan tokko ayyaana waaqaan akka loltuu waaqatti jiraachuu eegaluu qaba. Wanta waaqayyo karaa eenyumaa isaa isa irraa dheegu sana bira yemmuu gahu inni loltuu jabaadha.

2Xim. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Ati immoo ilma ko! Ayyaana isa Kristos Yesus nuuf kennutti jabaadhu!
² Dhuga-baatota baay'ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta'anitti hadaraa kenni!
³ Akka lotuu Kristos Yesusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu!
⁴ Namni loltuu ta'ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaaniitti lixuu in dhiisa.
⁵ Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu.
⁶ Qottuun hojii isaatti dadhabu duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun in ta'aaf.
⁷ Wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi, gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif in kenna.
⁸ Yesus Kristosin isa warra du'an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu!
⁹ Sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu.
¹⁰ Kanaafis, warri fo'aman fayyina isa karaa Kristos Yesus dhufu ulfina bara baraa wajjin akka argatanitti, isaaniif jedhee waan hundumaa obsaan nan baadha.
¹¹ Dubbichi amanamaa dha; innis, "Kristosii wajjin duuneerra yoo ta'e, isaa wajjin immoo in jiraanna;
¹² Obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona;yoo nuyi isa ganne, innis immoo nu ganuuf jira;
¹³ yoo nuyi amanamoo ta'uu dhaabaanne, inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef, inni akkuma amanamaa ta'etti in hafa" in jedha.

Loltuun tokko bifa isa ibsu qaba. Akkataa itti socho'u jabina itti hojiin isaaf keessi isaa itti ibsamu jira. Loltuun akka loltuu ta'uu qaba.

Lolaan sun akkamiin ibsama?

#1_Ayyaana_kiristoos
inni jalqabaa ayyaana kiristoosiin loltuu kan ta'eedha jabina mataa isaan kan ta'e yookaan kan qabaate osoo hin taane. Ayyaana isaatti jabaachuu isaan ayyaana sanaan kan jabaateedha.
Lolaa tahuudhaaf kan garaa kutate yookaan kan jabaate in taha.

#2_harka_isaa

Loltuuwwan nun barre harka isaanii irra wanta itti diina lolan ajjeesan yookaan miidhan dha. Loltuun waaqaan muudame garuu harka isaa irra kennaan kaaniif kennamuu qabu yeroo hunda in jiraata. Jireenya kaaniif nama jiraachuufii qabuufis tahe wanta jiraachuufii qabu kamuuf jiraatu hin dhabu.

@wangelawaka
@wangelawaka
Forwarded from Biya
#loltuu_dhugaa
Kutaa lama

#3_lolaa_loltuu_taasisu

loltuun dhugaa nama isa mudatuuf wanta ofii isaa argate kennuu irratti xiyyeeffata. Lolaa caalaa jabaate uumuu fedha.

Jabina maallaqaa, jabina qamaa, miidhagina bifaa, kennaa gaarii jedhaman kamuu caalaa kennaa eenyumaasaa irratti dhiibbaa caalu qabu sana kennuu irratti xiyyeeffata. Kennaan kun ammoo akka lolaa kiristaana tokkootti kiristoosiin qofa akka qabaatan isa qofa isaaniif fedhuudha.

“bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao" ittiin jedhe.”
— Yoh. 4:14

#4_qooda_qabaachuu
#participation

Lolaa erga taatee lola irraa hin hafiin. Lola hin baqatiin lola hin sodaatiin.

Akka lolaa tokkootti akka nama waaqaan hojjetamee kiristoosiin beeku tokkootti. Rakkoowwab naannookeetti muudannoowwan haalota keessaan si mudatan keessatti furmaata fiduuf bifa kiristoos si irraa mul'achuu qabu sana mul'isuuf duubat hin deebi'iin.

Rakkoo kamuu naannookee jiruuf furmaata si bira jiru caalaa furmaati hin jiru. At kiristoosiin waan qabduuf.

Mat. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁵ Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hih kaa'u, baattuu ibsaa irra kaa'a malee; ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa.
¹⁶ Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen.

#5_bakka
#commitment

Wanta si ilaallatu qofatu si ilaallata. Wanta hunda keessatti qooda qabaachuu qabda jechuu miti wanta at keessatti mul'achuu hin qabne illee jiru.

Loltuun bakka hunda hin dhaabbatu bakka isaatii ammoo hin dhibamu.

#6_akka
bakka isaa malee bakka hunda hin dhaabbatu erga jennee bakka isaa ammoo akka itti turu qaba. Amala agarsiisuu qabu. Deebii inni haalotaaf kennu. Hubannaan isaa seera mataa isaa qaba.

#7_dhipina

Lolaan dhipachuu dhisuu hin danda'u. Ari'atamuu, lolamuu, hidhamuu dhiisuu hin danda'u.

Lolaan waan fedhu tahuu dhiisee guutummaa guutuutti wanta tahuu qabu tahuuf kan dabarfamee kennameedha.

#8_Obsa
Lolaan obsuu hin dandeenye lola keessa turuu hin danda'u. Lola keessa kan turtu ammoo moo'achuufi. Lola keessa turuuf murteessuu dhiisuun moo'amuuf murteessuudha.

#9_amanaa
Isa isa erge in amana hin shakku. Lolaan shakku loluu hin danda'u lolaafis qophii miti jechuudha.

Kanaaf lolaan dhugaa isa isa muude waan amanuuf lola kamuu sodaa malee in adeema.

#10_amanamaa
amanuu qofaa miti amanamaadhas. Isa isa muudeef amanamuu gaafa baate loltummaa isaa hin dhaba.

Isa amanuun loltuu erga taane amanamuun lolaa haa turru.


@wangelawaka
@wangelawaka
#isa_caalu
Al takka takka firdii jalaa ba'uu qofti yeroo itti nu fayyisu jira. Dhiifamuu qofti yeroo itti bilisa nu baasu. Carraa biraa qofti yeroo deemsa keenya itti nu fufsiisu in jiraata.

Wanta barbaadnu kana ammoo sababa wanta taaneefis tahe hojjeneef dhuguma yeroo argachuun nuuf in malle in jiraata.

gaaf tokko Eenyullee carraa nuuf kennuu hin dandeenye barbaaduu in dandeenya.Namoonni nu jaallatan namoonni gaariidha jedhaman wanta gaarii nun qabnu illee carraa gaarii barbaadnu sana nuuf kennuu dhiisuu danda'u.
Iyyesuus kiristoos dhugaa tokkicha wanta nuuf hin malle irraa argachuuf abdannuudha.
Homaa akka hin jenne kan nu taasise inni jiraateetu.
bakka inni dhufee dhaabbatu bakka homtuu nuu dhaabbachuu hin dandeenye dha.
Wanta siif hin malle yeroo lubbuunkee dhiphinaan barbaaddu carra tokkichi at itti argattus hin dhabnes karaa iyyesuus kiristoos qofa dha.

Kiristoos wanta salphaaf osoo hin taane wanta cimaaf nuu ta'eera.

Inni hamma nu barbaachisu nuuf ta'eera

@wangelawaka
@wangelawaka
“Dammaqaa, amantiitti cimaatii dhaabadhaa! Ija-jabeeyyiidhaa fi jajjaboo ta'aa!”
— 1Qor. 16:13

Jireenyakeenya irratti wanta tahuu qabnu hedduutu jira. Wanta nun taanee jirru hunduu sirriidhas gaariidhas jechuu miti. Wanta taane ta'aa turuu caalaa wanta tahuu qabnu tahuutu dhugumaan nu fayyada.


Kanaaf wantoota sadii namni tokko jireenya isaa irratti dirqama tahuu qabu. Hir'achuun tokkoo hir'ina guddaa uumuu danda'a jedhaman haa laallu.

#1_dammaquu
#be_active

dammaquun jireenya irratti jiraachuu eegaluudha. Namni tokko hamma hin dammaqnetti waa'ee jireenyaa haasa'uus dhagahuus hin danda'u. Dammaquu dhiisuun caalaatti dhibuutti dhiyaachuudha.

Dammaquun hubachuu eegaluudha. Dammaquun yaaduudha. Ifa sana arguudha. Hubannoon dhugaa sun yemmuu siif ifuu eegalu kun dammaquudha.

Ifa sanaan socho'uu eegaluu,oogummaa sanaan murteesuu danda'uu,hafuura sanaan gaggeeffamuu eegaluun dammaquudha.

#2_amantiitti_cimuu.
#hold_on
yemmuu dammaqxu wanti qormaata sitti ta'u inni guddaan wanta at argite namni arguu dhabuun humna si laaffisuu danda'a. Wanta gaarii at argite irraa illee si hambisuuf diinni si qoruu danda'a. Humna hin laafiin.

Wanta argite sana keessa waaqayyoon galchi. Danda'ummaa isaatti amani danda'ummaa isaan gaggeeffami.

amanaa kaayyoo qabu. Mul'ata qabu ta'i.


#3_ija_jabina
#confidence

Ija jabaachuu(confidence ) jechuun wanti si bira qofa jiru sun gaarii/sirrii/dhugaa akka ta'e amanuudha.

Namoonni hamilee dhaban wanta isaan adda godhu sun gaarii akka ta'etti warreen hin yaadneedha.

Dhugaa at amantes ta'e dhugaa at taateen ija jabina qabaadhu.


Wantooti kun sadan(dammaquu, amanuu,ija jabina qabaachuu) keessaa hir'achuun tokkoo jireenya nama sanaa raafama keessa galchuu in danda'a.

Namni hin dammaqne jireenya isaa irratti tasa jijiirama arguu hin danda'u.

namni hin amanne ammoo tasa gara jijjiirama sanaatti adeemuuf hin murteessu.

Namni ija jabina hin qabne hamma dhumaatti deemuu hin danda'u.

@wangelawaka
@wangelawaka
#Amannee_jirra

“Isa nuyi dhageenyee himne eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul'ate?”
— Isa. 53:1

Kiristoos nama ta'uu isaan hojii fayyinaa inni honjete eenyutu waaqaan kun ta'uu danda'a jedhee amana.

Waaqaan ala wanti uumame, wanti tures,wanti jiru, wanti dhufu kamuu osoo waaqa ta'e karaa hin raawwane fayyina keenya raawwate.

Fayyina waaqayyoon raawwatame qoranii dhugummaa isaa bira ga'uu (prove gochuu) yaalan akka hin milkoofneef kan taasise yaalii isaan yaalan osoo hin taane yaaluu isaaniitu, isa isaan walaalchise.

Iyyesuus kiristoos akka nun hojii inni hojjete amannuuf yookaan akka nun isa hubannuuf boca suura isaa kaa'ee deeme, uffata uffachaa ture, kophee kaawwachaa ture, fannoo baate, alangaa ittin garafame, mismaara ittiin waraaname ragaa haa tahuuf kaahee, "dhegaa" jedhee deeme hin qabu.

Wanta tokicha inni nuuf kenne ragaan kiristoos kiristoos jedhu sun hafuura isaati hafuura qulqulluudha.

Yoh. 16
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhaabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga.
⁸ Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa.

Kiristoos nu fayyiseera kana ija jabinaan dubbachuuf hin qaanofnu.


Du'uu isaan jireenya nuuf kennee jira. Wanta inni nuuf ta'e hundumtuu hamma nu barbaachisummaa isaati. Guutummaa hamma badii keenyaa baatee guutummaa fayyinaa nuuf kenneera.

Kiristoosiif galanni haa ta'u!

Wanti isa irra nutti hir'ate hin jiru.

@wangelawaka
@wangelawaka
2024/05/15 02:41:39
Back to Top
HTML Embed Code: