Telegram Web Link
Bakka qulqulluu lafa dachee eebbifamtuu, ummata sadarkaan gootummaa isaanii amanuuf rakkisuudha. Bakka kanaa obboloottan dhugummatti Rabbiif jecha jiraatanin qaba, Alhamdulillaah. Isaan gaafa bal'inaas gaafa dhiphinaas takbiiraan afaanii hin buune. ''Allaahu Akbar'' jechuun isaaniif hafuura baafachuudha. Somba hargansuu jaraati.
#Anis_Walloodha

Walloo cinaacha koo
Yaa ishee diinni hidduu
Hiddan si keessaa qabaa
Fira koo diina gidduu

Yayyiidhaan marfamtee
Warra hin qabne naasuu
Qofaa kee waadamtee
Garaa kee si raasu

Lafa kee irratti si dhaanu
Walloo koo diinaaf kiyyoo
Argaa kee dadhabanii
Si madeessan xiyyoo

Madaan kee madaa keenya
Cabni kee nu dhukkubaa
Bo'icha kee hirqinfanna
Nu hin ciifsu nu gugguba

Diinnni keenya jaarraa oolii
Jarri sammuun cokkaa
Duubaan si waraanee
Ciisicha si dhorkaa

Raafamaa jiraatte anaa kee
Ilmaan kee awwaalte baraan
Waa siif gochuu dadhabne
Nu bobaatekaa garaan

Siif birmachuu dadhabne
Jiruun nutti ta'e bitaacha
Anis Walloodhuma
Si keessan qaba cinaacha


✍️...
@Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
Gaafa Hammeenyiif gadadoon
Miila lamaan gabaa dhaqee
Gaafa Aadaaf Duudhaan
Dabaan karaa maqee

Gaafa hammeenyi daldalamu
Gabaatti baafame
Gaafa loon hammeenyaa
Dallaarraa yaafame

Gaafa Qeensi shiraa
Hongeerraa Biqilee
Gaafa Qoree Gogaan
Waraane Ciqilee

Gaafa Arrabni namaa
Kajeelu Wal hidduu
Gaafa namni shakkee
Sodaatu Gaaddidduu

Gaafa firiin dhiifamee
Habaqiin calleeffamu
Gaafa tolinni namaa
Hammeenyaan balleeffamu

Gaafa Ollaan Bunaa
Nagaa Walii Jibbee
Rakkoo wal Affeeree
Wal kuffisee Sirbee

Gaafa teessumarraa
Xinnaan guddaa kaasu
Gaafa keessummaan
Abbaa manaa baasu

Gaafa uumamni wal cabsu
Wal dhabsiisee gatii
Uumaan uumamtootaa
Nagaa na baas ati



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
#Rabbii_Koo

Mootii mootummaansaa
Namaan hin shaaramne
Sirni bulchiinsa isaa
Eenyun hin jaaramne

Marii tokkoon alatti
Kan raawwatu raawwii
Sirna bulchiinsa isaatti
Hin argamu qaawwi

Kallattii hundumaanuu
Seera sirnaan guutuu
Mootummaan kee qofa
Shaaramtees hin buutu

Dandeettiin kees adda
Ati hin qabdu fakkii
Lubbuun koos sirratti
Hin qabaattu shakkii

Lafa nuti hin jirree
Nu uumtee jalqaba
Mootummaan kee jabaadha
Maaltu itti qaqqaba..?

Uumamtoota marayyuu
Uumtee qixa laalta
Rabbii koo uumaa koo
Eenyeenuu naaf caalta

Lubbuu kiyya caalaa
Baay'iftee naaf yaadda
Haadhaaf abbaa koo daran
Anaanis of dhaadda

Tuffiidhaan na laaltee
Lubbuu koon haphiftu
Badii an raawwadhuun
Dhaabdee nan salphiftu

Badii koo marayyuu
Obsitee naaf tarta
Rakkoo kiyya hundumaa
Dursitee naaf barta

Lubbuun koo dadhabduun
Haqa kan kee yoo tursitu
Narratti hin laaltu naaf dhiifta
Yoo isheen dhimmashii dursitu

Na eegda na tiksita
Keessaaf ala koo kabda
Mucucan mucucaadhus
Hin kufu na qabda

Dallansuu kankeerras
Rahamata keetu danuudha
Sirraa gara galuun
Rakkoo ofitti banuudha

Namni sin qabaanne Yaa Rabbi
Ifaan dukkanatti dabe
Namni Rabbiin qabu
Kan biraa maal dhabe..?


✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
#Ahamddiin_JabalπŸ™

Duris ta'ee har'a
Gootummaan beekkamta
Waan ummataaf ta'u dhiiftee
Faallaatti dheekkamta

Kan si beeku beeka
Kan sin beeknetu boora'a
Haqa ati gaafattee
Booressuuf roora'a

Korma haqaaf falmu
Leenca ija hin rirriittanne
Wacaaf iyya gabaatiif
Kan hin dhidhiittanne

Rabbi siyaa eegu
Inni hundaaf gooftaa
Kana caalaa siif ha dabalu
Beekumsaaf hunda tooftaa

✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
Beellamni kee geenyaan
Murteen sitti dhufee
Boolla keessa kaa'ee
Deema sitti cufee

Maatiin si jaallatullee
Hin jiraatu si bira
Gaafas suma qofaaf
Hojii keetu jira

Hadhooftuudha baay'iftee
Na dhageessaa tiru
Jiruu qofaa gaggeessita
Hiriyaan si faana hin jiru

lyyitus sin dhaga'u
Ol fuutee sagalee
Nama tokko hin argattu
Kan si dega'ee, siif ta'u dagalee

Ollaan si faana hin jiru
Sin qabu biyyi quba
Rakkoon jiraatus gadadoon
Suma qofa huba

Boraatin biyyeedha
Ulaan kee leediidha
Ifaan hin jiru tasumaa
Dukkana dheedhidha

Hamaas qabaattu toltuu
Hojii keetu sitti aana
Waanuma har'a carraaqtetu
Bor ta'a si faana


✍️...
@Sabaa_Ifaa

  
#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
SEERAAAN SEERA GAAFANNA

Mootummaa biyya hogganu ta'ulleen yoo badii raawwate yakkamaa ta'uu Addunyaa danda'u keessatti ofiin-bulli kayyoo dhalatteefi maalif akka jiraattu hin beekne gadheen Afaan buletti nyaattu Amantaa Biliyoonotni hordofan mitii mirga nama dhuunfaa tokkotti daangaa darbuunuu yakka.

Ergamaa Rabbii"NABI MUHAMMAD"s.a.w dhuunfaatti jibbuun mirga isaanii ta'ee osoo jiruu ergamaa rabbii Biliyoonotni daandii isaa hordofanii jiruu biyya lamaaf milkii fedhan kanatti qaamni fedhe jecha fedheen tuquun qaama badii raawwate sana qofa osoo hin taane gaaga'ama guddaa akka biyyaatti qabaachuu waan maluuf Mootummaan qaamota yakka guddaa kana keessaa shoora qabaniifii ergama qaban hordofee adabbii barsiisoo ta'e hin fudhatu yoo ta'e balaan uumamu hammaata ta'a.

Eeyyeen ''Musliimni ergamaa rabbiitii tuqamuu ilaalaa lubbuu isaa qusatu akka hin jirrelleen nuuf beekaa''

Fidaaka Abii Wa Ummii yaa rasuulallaah''s.a.w
Duune boolla hin guunnu
Dhumaa jiraanna baraan
Onneen keenya madoo
Nu horfani qaraan

Maal waa jenne silaa
Dubbiitu nama lagaa
Biyyaaf biyyee keenya irratti
Dhabnee jiraanna nagaa

Kan lammii isaaf ta'u
Umriitoo hin turuu
Mootiin hundaa olii
Kana nurraa ha furuu



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
Akka kanatti Dirree #Democracy jechuun, Taphattoota taphaaf dirree galchani, Abootii Murtiifi deegartoota, Albee, Qottoofi Gajaraa harka kahani Dirree galchuu waliin Wal natti fakkaata !

Suuraa kana otoon arguu baadhe na wayya! A'aa!
#Jirra_jiruu_afaanii

Obbaafannee rakkoo mara
Jalaa bannee hin dhokanne
Rakkinaaf roorroo mara
Hurgufannee hin boqanne

Hafuuras hin baafanne
Marmaramnees boollan buune
Qalbii guutuun hin jiraanne
Garuu jirra hin duune

Hin jirruuf hin duune
Hin jiraanne jiruutti
Balbalfataa jiraannaa
Du'aaf jiruu hiruutti



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
Yeroo baay'ee rakkoon karaa Nu yaannu dhiise karaa biraan nutti dhufa.
Namni ati na miidha jettee shakkiin ofirraa eegdu si miidhu dhiise kan ati na fayyada jettee abdattu si miidhuu danda'a.

Bara durii gurbaa dargaggoo tokkotu ture, gurbaan Kun sinbira xiqqoo tokko lafaa argatee gara mana isaatti fuudhee gale. Nyaachisee obaase hanga isheen guddattee balali'uu dandeessutti waan hunda guutee fi kunuunsa ture. sinbirri kun guddattee Balalii'uu jalqabdee akkuma obboloota ishee ganama barii manaa baate galgala gara manaatti galti turte.

Guyyaa tokko utuu mukarra ta'aa jirtuu xiyyaan rukatamte garuu hin kufne, yeroo gara boodaatti naannoftee ilaaltu Kan Xiyyaan ishee rukute gurbaa isiin akka Abbaa fi Haadhaatti ilaaltudha.

Simbirri kun akkas jette "Kan na dhukkubse, Kan na ajjeese waraanamuu kiyya miti, Nama na waraane arguu kooti" Jette

Seenaa kana irraa waan hedduu barachuu dandeenya. nama tokko nu miidha jennee Shakkii cimaa keessa galuu hin qabnu, akkasumas nu fayyada jennees abdii guutuu keessa galuu hin qabnu. Giddu gla taanee arraba Keenya to'annee jiraachuu qabna. Waan guyyaa keessa jijjiiramu hin beeknu waan ta'eef.
Osoo hin dhageenye deebisuu, osoo hin hubatin faallessuufi waan hin beeknetti murteesuun; amala namoota hin baranneeti.
Sitti hammaatus....

Dachii jala dhokadhu
Duumessa keessas badi,
Guyyaa lama jiraachuuf
Hin yaadin guyyaa sadii!

Yookii'mmoo.......

Warra jirataan irraa
Tooftaa jiruu qoradhu,
Waan abdatamu dhabdus
Cichii abdii horadhu !

Malee.....

Hangamuu yoo si xaxe
Kiyyoon shiraaf ka'ame,
Gufuuf gufaata malee
Galma kamtu ga'ame ?

Wal ga'uun murteessanis
Guyyaa gaafa qalmakee,
"Waaqni jedheeraa ?" jedhii
Ga'uuf fiigi galmakee !

Lati Chali Likasa
''Tarii harka kee irratti sa'atii hidhachuu dandeessa, kan sirraa hiiku garuu nama si dhaalu ta'uu danda'a, balbala konkolaataa keetii cufachuu dandeessa, kan banu garuu hojjattoota yeroo balaa tasaa ta'uu danda'u, qulfii shaamizii keetii cufachuu dandeessa, namni jana*azaa dhiqu sirraa hiikuu danda'a, yeroo raftu agartuu kee gara ija manaa keessa erga ol ilaaltee cufachuu dandeessa, sana booda erga gara mootii dacheefi samii deemtee banachuu dandeessa''
#Dr_Mohammad_al_Arefe
Yaa Allaah khaatimaa keenya nuuf tolchi

#Amar_Temam
#Hin_hawwin_kufaatii

Ani kun dadhabaadha
Tabba gaaraa hin ba'uu
Siichi huumna qabaadhee
Bakka sana hin ga'uu
Bakkan yaade hafeeraa
Anoo asii hin ka'uu
Nan shakka namummaa koo
Akka namaa hin ta'uu

Hin tarkaanfadhu danda'ee
Asumattan du'aa
Namaa gadi ta'een
Boolla awwaalchaa bu'aa

Male karooraaf kaayyoorraa
Anoo duran hafee
Gaafa ebelu tattaafatu
An guyyaa saafaan rafee

Homaa hin qabu siichi
Hunduu na tareeraa
Ani gatii hin qabuu
Hanga koo bareeraa

Jettee of hin waadin
Yaadaan guyaa raftee
Qaama dadhabsiiftee
Abdiin boodatti haftee

Abdiidhuma murtee
Marmarattee ciifnaan
Kufaatii qofa yaaddee
Ka'uu yaaduu dhiifnaan

Amma ka'uu dhiiftee
Yoo hafte gaabbiitti
Dhugaadhaan duuteettaa
Jiraadhaan dhaabbiitti

Isa darbee dhiiftee
Fuulduraaf yoo kaatte
Arsaa hunda baaftee
Kaayyoodhaaf yoo laatte

Miila illee yoo dhabde
Miila kan kee naafaan
Galma yaadde geessaa
Guyyaa aduu saafaan



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
Geggeessaan jiruu keenyaa
Waaqa taanaan maleessaa
Osoo akka namaatii
Du'uun keenya kaleessaa
~
Ogummaaf dandeettiinkoo
Nan oolchineem miliqsee
Guddaatu na gargaaree
Uumaa kootuu na tiksee
~
Qajeelummaaf aaga koo
Miti anaan kan na tursee
Galatoomi waaqakoo
Sin waama hunda dursee!
Keessa namaa seennee
hanga namaa beekne.
Keessa namaa dabarree
hanga hiriyaa agarre.
Addunyaan kun kan warra dafqanii dafqa isaanii soorataniiti.

Ati garuu yeroo hojjettu dafqa kee keessa dafqa namaa hin buusin dafqa namaa soorattaa!

Sobaanis maqaa namaa hin ballessin Rabbi si gaafataa!

Halkan gaarii!
2024/05/18 04:35:06
Back to Top
HTML Embed Code: