#AP
Gaazexeessitoonni Asoosheetid Pirees (AP) Baatiiwwan 4f erga hidhamanii booda waabiidhaan hidhaarraa hiikaman.
Gaazexeessitoonni Asoosheetid Pirees (AP) hidhaa Baatiiwwan 4 booda Poolisiin dhimmicha qoratu qorannoosaa yeroodhaan xumuruu waan hin dandeenyeef Wabiidhaan akka hiikamaniif abbaan seeraa murteesseera.
Poolisiin Meeshaalee Elektirooniksii Gaazexeessitoota kanneen irraa fudhatame Qorannoodhaaf gara Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa(NISS) erguusaa ibseera.
Gaazexeessaa Amiir Amaaniifi ogeessi kaameeraa Toomaas Ingidaa garee shororkeessaa waliin quunnamtii uumaniiru jedhamuun ji’oota afuriif hidhaa turuun
isaanii kan yaadatamuudha.
Maddi:- Addis Standard
@Gadaamagazine

☪ #RamadanKereem
Soomanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu ni eegala jedhame.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Isilaamummaa Itiyoophiyaa Soomanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boru Bitootessa 24, 2014 akka eegalu ibseera.
Manni Marichaa Hawaasni musiliimaa wayita soomutti wal deeggaruu fi walgargaaruun ta’uu akka qabu yaadachiiseera.
• Hordoftootni Amantaa Islaamaa baga baatii sooma Ramadaanaa nagaan geessan.
• Soomin baatii Ramadaanaa kan Jaalalaa, kan nagaa fi kan milkii isiniif haata'uu!

#WorldCup2022
Waancaa Addunyaa bara 2022 Kataaritti qophaa'uuf biyyoota addunyaa hirmaatan 32'f ramaddiin ifa godhame.
Ramaddii A jalatti Kataar (qopheessituu), Senegaal, Neezarlaandiisfi Ikuwaadoor ramadamaniiru.
Ramaddii B jalatti Ingilaand, Iraan, US fi gareelee sadii ammallee tapha xumuraa isaanii hin raawwanne tokko ramadamaniiru.
Ramaddii C jalatti Arjantiinaa, Saawdi Arabiyaa, Meeksikoofi Poolaand ramadamaniiru.
Ramaddii D jalatti Faransaay, Tuniziyaa, biyya tapha xumuraa hirmaannaa ishee artgachuuf taphattu adda hin baanee fi Deenmaark ramadamaniiru.
Ramaddii E jalatti Ispeen, Jarman, Jaappaaniifi biyyi kana biraan sadaffaan hirmaannaa ishee mirkaneessuuf taphni xumuraa ishee hafu ramadamaniiru.
Ramaddii F jalatti Morokoo Beeljiyeem, Kaanaadaa fi Kirooshiyaa waliin ramadamaniiru.
Ramaddii G jalatti ammoo Kaameruun, Biraaziil, Sarbiyaa,fi Siwiizarlaand ramadamaniiru.
Ramaddii H jalatti Gaanaa, Poortugaal, Uraagaayiifi Kooriyaa Kibbaa waliin ramadamaniiru.

#FrehiwotTamru #EthioTelecomCEO
Hojii raawwachiiftuu olaantuun (CEO) Itiyoo Teelekoom durbee Firihoot Tamiruu bara 2021tti dubartoota Afrikaa 100 raawwachisummaa hojiin addaa duree ta'an keessa tokko ta'un 'Reset Global Global and Avance Media'dhaan filatamte.

#KFO
"...Biyya baraaruuf daandii nagaatti deebi’uun murteessaadha." KFO
Koreen Hojiraawachiiftuu Kongirasii Federaalawa Oromoo (KFO) walgahii idilee Gaafa 1/08/2014 ALI geeggeesseen haala yeroo ammaa biyyiifi ummanni keenya keessa jiru gadi fageenyaan erga irratti mari’atee booda ibsa ejjannoo armaan gadii baaseera.
Ibsa guutuu suuraan walqabateera dubbisaa ⬆️

#SouthAfrica
Afrikaa Kibbaa bulchiinsa KwaaZuuluu-Nataal keessatti balaa lolaa seenaa biyyattii keessatti isa hammaataadha jedhameen namootni 250 ol du'uu isaanii aanga'oonni dubbatan.
Kutaalee bulchiinsichaa gariin keessatti roobni ji'atti eegamu takkaatti bu'uun lolaa hamaa dhalatee miidhaa guddoo sababa geessiseef labsiin yeroo balaa akka labsamu aanga'oonni kutaalee bulchiinsaa gaaffii dhiyeessaniiru.
''Seenaa biyya keenyaa keessatti balaa qilleensaa isa hammaataadha'' jedhan aanga'oonni.
Sababa lolaan sigigni mudates gamoowwan keessatti namoota hedduu danqeera. Lolaan kun itti fufa tilmaamni jedhus jira.
Helikooptaroonni namota bakka nagaa qabu qubsiisuuf yeroo duulaa jiranitti haalli qilleensaa ammallee rakkisaa jira jedhameera.
Maddi: BBC

#CoopayEbirr
"Coopay-Ebirr"fayyadamuun tikeettii Baasii Odaa bitachuun akka danda'amu quba qabduu?
Akkaataa taarifa lafa kaawwameen, kaffaltii barbaachisaa ta’e, karaa "Coopay E-birr " Lakk.Addaa Daldalaa/Merchant ID/ 822509 tartiiba armaan gadii hordofuun dabarsaa:
- Marsariitii www.odaabus.net. banadhaa- e-ticket kan jedhu filadhaa
- Lakk.Addaa Daldalaa (merchant ID) 822509 galchaa,
- Hanga maallaqaa barbaachisu dabarsaa,
- ‘ Insert’ kan jedhu tuqaa,
- Lakk. addaa dabarsa maallaqaa/transaction ID/ baankicha irraa isinii ergame galchaa,
- Milkaa’uu keessan baruuf ‘Ticket’ kan jedhu tuqaa.
Dadhabbii xiqqeessuun, tajaajila baankii mobaayilaa fi intarneetii saffisaa fi salphaa Kooppey-Ibirr (Coopay e-birr) fayyadamuun tikkeettii baasii Odaa bitadhaa.
Yeroo fi maallaqa keessan qusadhaa!
Ammuma “Google Store” fi “Apple Store” irraa "Coopay-Ebirr" buusuun dhimma itti ba’aa!
#Odaabus #Ticket #Coopbank #Bank

#AwashBank
Baankiin Awaash Baankilee Filatamoo addunyaa keessaa tokko ta’uun filatameera.
Dhaabbatni Giloobaal Faayinaans jedhamu yeroo 29ffaaf Baankilee filatamoo adduunyaa kanaa ifa godhee jira.
Kanaan walqabatee Ardii Afrikaa irraa Baankiiwwan 36 kan filataman yoo ta'u, tokkoffaa ta’uun kan filatame Afrikaa kibbaa irraa Baankii Istaandaard yeroo ta’u, Itiyoophiyaa irraa ammo Baankiin Awaash filatamee jira.
Ulaagaaleen filannoo kanaa raawwii hojii baankotaa keessaayyuu bu'aa galmeessisan, guddina qabeenya waliigalaa, qaqqabamummaa ykn hawaasatti dhiyeenyaan tajaajiluu, akkasumas tajaajila gaarii maamiloota isaanif kennuu fi guddina fuuldura isaanitiif bu’uura cimaa kaa’uudha.
Badhaasni fi beekkamtiin Ijifattoota filannoo kana kan kennamu A.L.A Onkoloolessa bara 2022 Yaa'ii waliinii Dhaabbanni Maallaqa Adduunya (IMF) fi Baankiin Adduunya (WB) biyya Ameerikaa, Magaalaa Waashingitan Diisiitti gaggeessan irratti kan kennamu ta'uun beekameera.

#MinistryOfEducation
Qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee Federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Hanna qormaataa, walirraa waraabuu fi rakkoolee biroo hambisuuf kana booda qormaanni biyyaalessaa manneen barnootaa keessatti osoo hin taane dhaabbilee federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan ibsaniiru.
Waggoottaan shanan dhufan keessa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira kan jedhan Ministirichi, rakkoolee qormaata biyyaalessaa waliin walqabatee ka’u hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Qormaata biyyaalessaa bara 2014f Taabileetiwwan miiliyoonni 1 kennamaa jiraachuu ibsa laataniin himaniiru.

#WaraanaYukireen
Lammiileen Itoophiyaa Raashiyaaf loluu feena jedhan Embasii Finfinnee jiru fuuldura hiriiran.
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante deeggaruun lammiileen Itoophiyaa hedduu Raashiyaa bira dhaabbannee loluu feena jedhan guyyaa har'aa Embasii Finfinnee jiru dura hiriiranii mul'ataniiru.
Nami ijaan argeefi BBC'n dubbise namoonni hedduu jedhan ''qacaramanii loluuf'' galmaa'uuf Embasii Raashiyaa magaalaa Finfinnee naannawa Qabbannaa argamu fuuldura arguu himaniiru.
Akka nama ijaan arge jedhan kanaatti kaleessa eegalee hiriira dhedheeraa arganiiru.
Haa ta'u malee, Embasiin Raashiyaa Finfinnee keessatti argamu loltoota Itoophiyaa Raashiyaaf lolan galmeessuuf karoora akka hin qabne BBC'f ibseera.
Dhimma kana irratti aangawoonni Itoophiyaa waan jedhan hin qabani.

#UniversityPlacement
Ramaddiin Yuunivarsitii barattootaa haaraa dhuma torbee kanaatti kan ifoomu ta'u Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Barattootaa bara 2013 qorumsaa biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii, qabxii seensaa barnoota olaanoo guutaaniif ramaddiin Yuunivarsitii dhuma torbee kanaatti akka ifoomu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
#SHARE

Ministeerri Barnootaa ramaddii barattoota dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamanii ifoomseera.
Qormaata seensa Yuunvarsiitii bara 2013 fudhatanii Yuunvaarsiitii mootummaaf barattoota qabxii darbiinsaa fidaniif ramaddiin taasifameera.
Haaluma kanaan gama:
Marsaritii: https://result.ethernet.edu.et
Ergaa gabaabaa(SMS): 9444
Teeleegiraamiin: @moestudentbot ramaddii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’u ministeerichi beeksiseera.
Barattoonni ramaddii waliin walqabatee gaaffii qaban kamiyyuu gama marsaritii https://complaint.ethernet.edu.et dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu yaadachiiseera.

Shawaa Kaabaatti dubartiin tokko daa'imman afur deesse!
Godinicha, Aanaa Waacaalee Hospitaala Muka Xuuriitti haati takka al tokkotti daa'amman afur deesse.
Daa'imman ciniinsuudhaan dhalatan keessaa sadii dhiirota ta'uu ogeessi gadameessaafi baqaqsanii hodhuu tasaa Doktar Habtaamuu Tulluu ibsaniiru.
Daa'imman fayyaa guutuurratti kan ibsan yoo ta'u, ammaan tana Hospitaala Minilikitti hordoffiin wal'aansaa taasifamaafii akka jirus eeraniiru.
Daa'imman kunniin yeroo ittidhalachuu qaban dursanii akka dhalataniifi ulfaatinnisaaniis lamaansaanii kiiloo giraama tokko yoo ta'u, tokko kiiloo giraama 1.2, tokko ammoo kg 1.5 ta'uu ogeessichi dabalanii eeraniiru.
Maddi: FBC

#Finfinnee
Hordoftoonni Amantaa Musliimaa Magaalaa Finfinneetti hiriira bahuun Faannoo Balaaleffatan.
Kibxata Guyyaa Kaleessaa Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti walitti bu'iinsa gama amantaan uumameen Lubbuun namaa darbuun himameera.
Haata'u malee Lakkoofsi Namoota du'aniifi Miidhaan qaqqabe hin ibsamne.
Mootummaan Naannichaa ibsa baaseen miidhaa qaqqabeefi lubbuu namaa darbeef gaddi guddaan akka itti dhagaahame ibseera.
Kanuma Hordofee guyyaa har'aa Magaalaa Finfinnee keessatti Namootni Masjiida Annuwaartti hiriira bahuun gochaa guyyaa kaleessaa raawwatame mormaa jiru.
Naannoo Amaaraa keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa Hidhatanii socho'an yeroo garaagaraatti rakkoo Oromiyaa fi nannolee garagaraa keessatti uumaa jiraachuun isaanii kan yaadatamuudha.
Faannoon Amaaraa haleellaa guyyaa kaleessaa raawwatame harka keessaa qabu jechuun hordoftoonni amantaa Musliimaa hiriira irratti balaaleffachaa jiru.

#Cambalalla
Ayyaanni 'Cambalaallaa' guyyaa boruu ni kabajama
Ayyaanni guddaan 'Cambalaallaa' jedhamuun beekamu bor ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee Magaalaa Hawaasaa bakka 'Gudumaalee' jedhamutti ni kabajama.
Jala bultiin ayyaana 'Cambalaallaa' 'Fichee' jedhamuun beekamu guyyaa har'aa sa'aatii 8:00 irraa eegalee hanga galagala sa'aatii 1:00tti sagantaalee gara garaatiin Galma Aadaa Sidaamaatti kabajamuurratti argama.
Ayyaanni 'Cambalaallaa' kan duudhaalee gurguddoo uummanni biyyattiifi Addunyaa irraa barachuu qaban hedduu kan of keessaa qabuudha.