Telegram Web Link
⚖️ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Barruun labataa ribuu dhalootaati.
T.me/labatamagazine
⚖️ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Barruun labataa ribuu dhalootaati.
[ ] Og-barruu Saba guddaa ganfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta !
[ ] Ji'atti altokko karaa "channel" keenyaa qofa isiinif gad dhiifama.
🗝 Gad jedheen dubbise; Ol jedheen jiraadhe !
Irratti hirmaachuu kan feetan @labata_elo barruu filatamaa ta'een qooda fuudhaa.
T.me/labatamagazine
𝘽𝙚𝙡𝙞𝙚𝙫𝙚 𝙞𝙣 𝙮𝙤𝙪𝙧 𝙥𝙤𝙩𝙚𝙣𝙩𝙞𝙖𝙡!
(Beekumsa dhokataa si keessa jirutti amani).

#Orooliyaanaa_Margaa
#Labata_Magazine

Ilaalcha namoonni ittiin si/ana ilaalaniin, of madaaluun yookin of ilaaluun hin barbaachisu. Beekumsa dhokataa si keessa/ana keessa jiru, kan beekuu danda'u si/ana qofa. Irra keessa kee ilaalanii namoonni waan baay'ee siin jechuu danada'u.Yoo ati jechuma namoonni siin jedhan kanaan of ilaalte ta'e, beekumsa dhokataa si keessa jiru kanatti amanaa hin jirtu. Beekumsi dhokataan dhala namaa keessa jiru yoomuu, akka warqee supheen dhokseeti. Warqee supheen dhokse irra keessa isaa ilaalanii; kun warqee osoo hin tane dhoqqee yookin supheedha ittiin jechuutu jira.Keessi isaa garuu warqee isa faaya baay'ee cimaa ta'e, kan gatiin isaa qaaliitu ittiin haguugame jira. Kanaaf pooteenshaalli dhala namaas akkasuma. Kan beekuu danda'u abbichuma mata isaati malee nama kamiyyuu miti.

Ga'umsa dhokataa (potential ) keessa kee jirutti amani. Waan keessa kee jiru namoonni arguu dhiisuu malu. Alli kee fi keessi kee walirraa fagaachuu danda'u. Namoonni tilmaama baay'ee xiqqaa siif qabaachuu danda'u. Eenyummaa kee isa sirrii arguu dhabuu irraan kan ka'e Afaan isaanii guutanii, "Ati hin dandeessu !" Siin jechuu malu. Haa jedhan ! Jecha isaanii cinatti dhiisii kutannoodhaan hojjedhu. Danda'ii akka dandeessu warra hin dandeessu siin jedhanitti agarsiisi. Ga'umsa keessa kee jiru erga itti amantee booda gad dhiisi. Waan keessa kee jiru gad baasii ittiin hojjedhu. Hin nuffiin; hin dadhabiinis. Ciniinnadhuu hojjedhu!

Ati ga'umsa hedduu of keessaa qabda. Ga'umsa kee kanatti hin fayyadamtu yoo ta'e, ga'umsi (Potential) kee homaa sin fayyadu! "Qorannoowwan yeroo garaa garaatti taasifaman akka mirkaneessanitti, namni ga'umsa giddu galeessaa qaba jedhamu yoo xiqqaate dandeettiiwwan addaa, addaa dhibba shanii hanga dhibba torbaatti qaba" jedha Barreessaan beekamaan Riik waaren kitaaba isaa '𝗧𝗵𝗲 𝗽𝘂𝗿𝗽𝗼𝘀𝗲 𝗱𝗿𝗶𝘃𝗲𝗻 𝗹𝗶𝗳𝗲" keessatti. Kana jechuun tarii amma ammaatti kan of keessatti hin argiin wantoonni ati hojjechuu dandeessu baay'eetu si keessa jiru jechuudha. Kana waan ta'eef uumamaan dandeettii si keessa jiru yoo hubatte hojii ajaa'ibsiisaa hojjechuu dandeessa.

𝐆𝐚'𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐝𝐡𝐨𝐤𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐬𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮, 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐦𝐚? (𝐇𝐨𝐰 𝐭𝐨 𝐮𝐧𝐝𝐞𝐫𝐬𝐭𝐚𝐧𝐝𝐢𝐧𝐠 𝐲𝐨𝐮𝐫 𝐩𝐨𝐭𝐞𝐧𝐭𝐢𝐚𝐥?)

1.) 𝖦𝖺'𝗎𝗆𝗌𝖺 𝗄𝖾𝖾 𝗂𝗌𝖺 𝖽𝗁𝗈𝗄𝖺𝗍𝖺𝖺 𝖻𝖾𝖾𝗄𝗎𝗎𝖿 𝗄𝖺𝗇 𝗌𝗂 𝗀𝖺𝗋𝗀𝖺𝖺𝗋𝗎 𝗂𝗇𝗇𝗂 𝗃𝖺𝗅𝗊𝖺𝖻𝖺𝖺 𝖿𝖾𝖽𝗁𝗂𝗂 𝗊𝖺𝖻𝖽𝗎 𝗁𝗎𝖻𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎𝖽𝗁𝖺.

Fedhii ofii hubachuun wantoota namni tokko jalqaba irratti ga'umsa isaa ittiin hubachuuf godhu keessaa isa dursaati. Fedhii ofii hubachuun kaayyoo uumama keenya isa ittiin gara dachee kanaa dhufne beekuu jechuudha. Barreessaan armaan olitti maqaa isaa isiniif dha'e #Riikwaaren, "maatiin kaayyoo malee walitti dhufan jiraachuu malu. Garuu daa'imti kaayyoo malee dhalattu hin jirtu ".......jedha. Dhugaadha! Fedhii keenya hubachuu jechuun gama biraan kaayyoo uumama keenyaa beekuu jechuudha.
2.) Ga'umsa ofii beekuuf malli lammaffaan shaakaluudha.

Shaakaluun mala lammaffaa ittiin ga'umsa keenya hubannu yoo ta'u, kun irra deddeebi'uun kan ta'uudha. Barreessitoonnii waa’ee barreessuu yoo haasa'an, "barreessuu jechuun irra deebi'anii barreessuu jechuudha" jedhu. Atileetiin (namni fiigicha fiiguu) guyyaa tokkoon miti kan inni fiigicha dheeraa akka, maaraatoonii fa'aa fiiguu danda'u. Shaakala yeroo dheeraa taasisuun kan inni maaraatoonii fiiguu danda’u. Namni tokkos ga'umsa isaa hubachuu kan danda’u yeroo tokko qofaan miti. Irra deebi'ee shaakaluunis hubachuu danda’a.
3.) Ga'umsa si keessa dhokatee jiru hubachuuf malli sadaffaan si gargaaru muuxannoo dha!

#Muxannoo:- jechuun ilmi namaa jireenya isaa kan darberraa kan baratu jechuudha. Mee waan kana fakkeenyaan haa gabbisnu.
Gaaf tokko mucaan tokko beela'ee mooraa dubartii ollaa isaanii tokko keessaa muduraa hatee nyaachuuf itti seene. Seenee muduraa kutachuuf muka tokkotti yommuu ol ba'u, sareen mooraa keessa ture tokko fiigaa itti dhufe. Yeroo kana micichi naasuudhaan mukicha irraa lafaan of dha'ee saricha baqachuutti ka'a. Mooraan dubartii kanaa gimbii guddaan marfamee waan tureef, dirqama gimbicharra utaaluu qaba ture. Yommuu ilaalamu waan danda'amu hin fakkaatu. Lubbuu isaa olfachuuf garuu mucichi gimbii ol ka'aa sana irra utaalee ala bu'e. Erga utaalee ala bu'ee booda gala galee yommuu ilaaluu, waan ta'e amanuu hin dandeenye. "Eessaan humna fidee? " jedhee of gaafate. Rakkinni isaa durumayyuu humna dhabuu osoo hin ta'iin, akka humna qabu wallaaluu isaa ture.

Kaayyoon barruu kanaa eenyummaa kee, ga'umsa kee si hubachiisuudha. Amma dandeettii kee, ga'umsa kee hubatteetta jedheen yaada. walumaa galatti albuuda baayyee gadi fagoo ta'e kan yoomiyyuu bira hin ga'amne of keessaa qabaachuu kee bartee itti fayyadamuu qabdaan dhaamsa koo fi kan barruu kanaati! Dhaloota qubeef!
@labatamagazine
@labatamagazine
Labata 8th edition
Digital Magazine
T.me/labatamagazine
Labata 8th edition
Digital Magazine
T.me/labatamagazine
Labata 8th edition
Digital Magazine
T.me/labatamagazine
Labata 8th edition
Digital Magazine
T.me/labatamagazine
TOKKUMMAAN JABINA !
@labatamagazine

Namichatu ilmaan torba qaba ture. Ilmaan isaa kun ammaa amma waliin morkuudhaan jiraachuu caalaayyuu wal qoccoluun isaanii kun hojii hojjatanii ittiin jiraatan akka hin hojjanne godhe.
Abbaan ijoollee kanaas hammeenya ilmaan isaa gidduu jiru erga hubatee booda gaaf tokko hunduma isaanii walitti waame. Uleen torba nyaqqi godhee walitti hidhee isaan dura kaa'e. "Isin keessaa isa hidhame kana cabsuu kan danda'u eenyu? Nama cabseef sangaa qotiisaa tokkon badhaasa" jedheen. Torbanuu adduma addaan itti darbanii cabsuu yaalani. Garuu ijoollee isa keessaa uleewwan itti kenname sana cabsuu kan danda'e tokkollee hin argamne.

Kana booda abbaan ijoollee, uleewwan torban walitti hidhe sana hiikee tokko tokkoon akka cabsan itti kenne. Ilmaan isaas rakkina malee ulee itti kenname sana caccabsanii fixan. Abbaan issaaniis taa'ee erga ilaalee booda "Akka ulee kanaa isinis hamma wal jaalattanii wajjin jiraattanitti hoomtuu isiniin mo'uu hin danda'u. Gaaf funyoon walitti isiniin hidhu sun hiikame akka ulee caccabsitan kanaa taatu" jedheenii waa'ee tokkummaa fi jaalalaan wajjin jiraachuu itti hime.

Wal tuffachuun tokkummaa miidha.
@labatamagazine
MURTII BIYYA LAFAA
@labatamagazine

Al tokko namni tokko harree isaa irra taa'ee ilma isaa of duukaa lafa adeemsisaa diidaa otuu galuu, namichi tokko itti dhufee "gaarii hin goone ofii harree irra teessee ilma kee lafa adeemsisuu; situ irraa bu'ee mucicha irra kaa'e. Xinnoo ishii erga deemanii immoo namni biraa tokko isaanitti dhufee "gurbaananaa hin yeellaatu? ati harree irra teessee abbaa kee lafa adeemsistaa?! situ isa irra miila xobbee qaba" jedheen. Ergaasii isaan lachanuu harree yaabbatanii karaa isaanii qabatan.

Irra taa'anii erga takka adeemanii booda namni biraa immoo isaanitti dhufee ijaajjee dinqisiifatee erga ilaalee booda "jarana harreen kun keessani moo kan namaati?" jedheen. Isaanis "keenyuma," jedhaniin. Namichis deebisee "waawu hin fakkaatu; otuu keessan ta'ee akkana horiitti hin maqxanuu irraa bu'aa isin lachanuu!" jedheen. Abbaanii fi ilmis achumaan irraa bu'anii harrichas oofaa miilaan adeeman. Yeroo yartuu ishii booda namni karaa sana irra darbu tokko immoo isaanitti dhufee "jarana isin lachanuu maraatuu natti fakkaattu; tokko isin keessaa harree kana irra otuu taa'ee him wayyii?" jedheen. Kana booda abbaan ilma isaatiin akkas jedhe. "Argitaa yaa ilma koo; nama hundumaatti akka tolu gochuun akka nama hin taane. Garuu waan qajeeltoodhaa fi waan gaarii erga hojjatanii namni akka fedhe haa jedhu" jedheen.
@labatamagazine
2025/07/04 12:12:23
Back to Top
HTML Embed Code: