Telegram Web Link
Hamma sadarkaa feetu geessutti hojii filatta osoo hin taane hojii si filata.
Yeroo milkaa'ina kee bira qaqqabdu, garuu situ hojii filata!
๐Ÿ”ฅ
Nutu dhuma malee hojiin hin dhumu; kanaafuu boqonnaa fudhachuu amaleeffadhu!
Jecha " busy" jedhu sababeeffattee waan akka hojiin dhumuutti boqonnaa of hin dhowwin.
Gidduudhaan uumama naannoo kee daawwadhu, firaa fi aantii kee waliin yeroo dabarsi, kolfii kofalchiisi, luka qullaa adeemi, ispoortii ba'ii hojjedhu,...
Tattaafatanii milkaa'uu dhiisuun erga jiraatee warri tasuma hin tattaafanne akkam haa ta'anii?

๐Ÿ
Gabaajee 'WOWSE' jedhu kan afaan ingiliffaa (With Or Without Someone Else) yookaan afaan keenyatti (Namaa wajjin yookaan nama malee) jettu kana namoonni milkaa'oon mana isaanii keessaa iddoo arganitti rarraafachuun kan of yaadachiisan danuudha.
Mul'ata kee irratti namoota si gargaaran qabaachuun gaariidha; yoo namni si deggeru dhibe, garuu ati qofaa kee akka milkeessuu qabdu yaaduu qabda!

Yaadadhu! Namaa wajjin yookaanis nama malee ati mul'ata kee jabaattee yoo hojjette nii milkeessita!
Forwarded from Marraaga Istooyisizimii
๐‘จ๐’Ž๐’๐’“๐’Š ๐’‡๐’‚๐’•๐’Š (๐’‰๐’Š๐’“๐’†๐’† ๐’‹๐’Š๐’“๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚๐’Œ๐’†๐’† ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’๐’‚๐’…๐’‰๐’–)๐Ÿ•ฏ
Ani gaaf-tokko nama guddaan ta'a!

Jechi kun wallaalumas, of-tuulummaas sitti haa fakkaatu; ani, garuu gamoo seenaa dheeraa ijaarradheen darba ๐Ÿ’ช๐Ÿพ
Hiriyummaa keetiif sababni suma!

Dhugaa โค
Soba ๐Ÿ”ฅ

Reaction dhaan filadhaa!
๐†๐š๐š๐Ÿ-๐ญ๐จ๐ค๐ค๐จ ๐ ๐š๐ฅ๐ฆ๐š ๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ช๐š๐ช๐ช๐š๐›๐ง๐ฎ ๐ข๐Ÿ๐š๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐ ๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐ก๐š๐ซ'๐š๐š ๐๐š๐›๐š๐ซ๐ฌ๐š๐š ๐ฃ๐ข๐ซ๐ซ๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ง ๐ก๐ข๐ข๐ค๐š ๐ ๐จ๐๐ก๐š๐ญ๐š!
Forwarded from Marraaga Istooyisizimii
Lafti dhalli namaa jiru kamiyyuu carraa gaarummaa mul'isuu siif laata.
Yoo dhalli namaa dhibellee biqilootaa fi uumama lubbuu qaban gaarummaadhaan kunuunsuu nii dandeessa!
Lafa namoonni si aarsuu fi si gaddisiisuu danda'anittis obsaa fi of-qabuu danda'uu kee shaakaluu nii dandeessa!


๐ŸŒฑ
๐Ÿ’ฅ



Har'a akka nama sababa abdii isa kutachiisu hin qabneetti jiraanna! ๐Ÿ’ช๐Ÿพ
Rakkattee siif gaddamuurra milkooftee sitti inaafamuu siif wayya, obbole!๐Ÿ’ฅ
Sodaa sana miireffadhu, garuu waan fedhe haata'uuti hojjedhu!

Susan Jeffers ๐Ÿ”ฅ
Har'i kun bor miti
Seenaan hin jijjiiramaa
Har'a isaa malee hin beektu
Egeree dhala namaa


๐Ÿ’ช๐Ÿพ
Forwarded from Marraaga Istooyisizimii
Akka waan gochaan ati raawwattu hundi seera dachee kanaa ta'uutti waan gootu hunda raawwadhu!

Immanuel Kant

Namichi kun jireenya qajeelfamaa fi naamusaan faayome jiraatee darbuu isaan nama beekamudha. Gaaffiin inni of gaafachuu jaallatu keessaa beekamanaan tokko, " Gochaa ani gochaa jiru kana osoo namni hundi dacheerra jiru kun raawwatee haala akkamiitu dacheerratti uumamaa?" kan jedhu kan angafaati. Fkn, akkuma dhibaa'aa taate osoo namni hundi dhibaa'aa ta'ee maaltu akka uumamu yaaddee? Waan dimshaasha dhala namaaf hin barbaanne egaa ofiifis barbaaduun daba.
Tokko ta'ee qofaa isaa akka saba dacheerra jiru maraatti xiinxaluun jiraata.
Istooyikoonnis jecha, " Waan akka abbootiin kee warri gootonni sun deebi'anii si keessan jiraachaa jiraniitti jiraadhu" jedhu kana kan isaan fayyadamaniifis ogummaa kana hubachiisuufi.
๐Ž๐ƒ๐”๐” ๐†๐€๐Œ๐Œ๐€๐‚๐‡๐ˆ๐ˆ๐’๐€๐€

๐‘ฏ๐’‚๐’“๐’Š๐’Š๐’“๐’๐’ ๐’๐’‚๐’Ž๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’”๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’„๐’‰๐’Š๐’”๐’๐’†๐’† ๐’Œ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’š๐’š๐’–๐’– ๐’š๐’†๐’“๐’๐’ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’ƒ๐’‚๐’‚๐’…๐’…๐’†๐’•๐’•๐’Š ๐’Œ๐’–๐’•๐’–๐’– ๐’๐’Š๐’Š ๐’…๐’‚๐’๐’…๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚.

๐‘จ๐’Ž๐’‚๐’๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’”๐’Š ๐’Ž๐’Š๐’Š๐’…๐’‰๐’‚๐’๐’Š๐’” ๐’š๐’†๐’“๐’๐’ ๐’‡๐’†๐’†๐’•๐’†๐’•๐’•๐’Š ๐’…๐’‰๐’Š๐’Š๐’”๐’–๐’–๐’ ๐’Ž๐’Š๐’“๐’ˆ๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’•๐’Š.

๐‘ซ๐’‚๐’’๐’Š๐’Š๐’’๐’‚๐’‚ ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’Œ๐’‚๐’๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’‹๐’Š๐’‹๐’‹๐’Š๐’Š๐’“๐’‚๐’Ž๐’–๐’– ๐’š๐’๐’ ๐’‡๐’†๐’†๐’•๐’† ๐’‹๐’Š๐’‹๐’‹๐’Š๐’Š๐’“๐’‚๐’Ž๐’–๐’–๐’‡ ๐‘ด๐‘ฐ๐‘น๐‘ฎ๐‘จ ๐’ˆ๐’–๐’–๐’•๐’–๐’– ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’…๐’‚!

@MOUFI
Yoo yaaluu dhiiste, 'utuun yaalee silaa maaltu ta'a ture?' hibboo jedhuun dhiphachaa jiraatta.
Yaalanii dogoggoruun yaaluu dhiisanii gaabbuu caalaa hin ulfaatu! ๐Ÿ”ฅ
Bidiruun qarqara galaanaa jiru balaa irraa walaba ta'ee dhaabbata; garuu iddoo sana haa dhaabbatuuf hin hojjetamne!

~ John A. Shedd ๐Ÿ
Forwarded from Barruulee
โ€œAmmas asuma jirtaa?โ€
โ€˜Calโ€™
โ€œSiinan jedhaam, ammas asuma jirtaa?โ€
โ€˜Cal!โ€™
Waan isaa beekuu baadhus sagaleen irra deddeebiโ€™ee dhagaโ€™e sana hin jaalanne.

โ€œMaaliif wanta tokko utuu hin beekiin jibbita?โ€ gaaffii siโ€™a san keessi koo deebisee na gaafatedha. Wanta Ani yaadee, anumti immoo hin beekne natti taโ€™e!
โ€˜Ani meeqa?โ€™ ofiin jechuun kajeele. Tuqaan gaaffii kanaa callisee kan sararame sitti hin fakkaatiin. Wantoota gaafadhee, yoon wantootaaf deebii kennu, keessi koo akka ormaatti yoo of maxxansu argeeni.
โ€˜Wanta ati hin beekiin, an qofaatti deebise jiraa?โ€™ jedheetan gaaffii isaa jalqabaaf gaaffii biroo muummee yaada kootii irraa, keessa koo gaafatichaaf budduuqse.

โ€œWanti an siin jedhe haaraa sitti taโ€™uu isaatii? Fagoo dhiisi, dhiyooma kana, dheengedda ana qofaatti dhiistee murtee mataa keetii fudhatte sana hin yaadattuu? Dhiisi sin yaadachiisa.
Namoota hedduu taanee imalla. Mallattoodhaaf(milikkitaaf) nun qarqara irra turre. (Aniifi ati jechuu kooti!) Utuu adeemnuu, namicha isa gidduu sana biraa yaadi kaโ€™e. Yaadi nama sana biraa kaโ€™e sun dhugaa irraa kan fagaate ture. Yeroo sana waan jette hin yaadattuu?
Dhiisi; ammas sin yaadachiisa. Dhugaa irraa fagoo taโ€™uu nama sanaa argitee, hiriyaa kee sababa taโ€™e qofaaf, yaada nama sanaa hin jajjabeessinee? Yeroo sana falmii si qabaa turuu koohoo dagattee? Siโ€™a sanatti fuula fedhii dubbannaa kootii haguugdee deebii kee moofaa haqa irraa siqeen hin haguugnee? Gaafas nu meeqa turre?โ€

โ€˜Bar an gaafas, namoota baayโ€™ee gidduu waan taโ€™eefi malee, dhugaa irraa siquu hiriyaa kiyyaan jajjabeessuu koo hin turree bar!โ€™
โ€œBakki itti dhugaa irratti buโ€™uureffamuu qabnu qofaadhaโ€™ naan jechaa jirtaaree?โ€
โ€˜Lakki, hamilee hiriyaa kootiitii hin daaku jedheeni! Kanaa ala dhugaadhaaf bakka addaan qaba!
Haasaa keenya irratti, utuu bakka ati qofti jirtutti, dukkana keessa qaamni taโ€™e sitti dhufuun gaaffii โ€˜Jaalallee kee ganta moo si ajjeesu?โ€™ siin jedhee maal goota?
Beeki, filannoon ati qabdu lama qofa; tokkoon atiifi inni qofaan jiraachuu keessaniin jaalallee kee nan gana jechuun lubbuu oolfachuu, tokkoon hin ganu jettee ajjeefamuu.
Kan si dhibu immoo, hin ganu jechuukeef gatiin argattu hin jiru. Akkas jettee duโ€™uu keetiin jaalalleekees dhiistee duโ€™uun sunuu ishii ganuudha. Maal gootaree?โ€™

Deebii keessi koo inni biroon deebisu eeguun sodaadhe. Keessi koo loltoota waraanaa lamaan waan weerarame natti fakkaateen birโ€™adhe. Jara lachan achi dhiiseen, isaan tokkoomsuu irratti hojjechuu yaade. Garuu, natti jabaatan.

โ€œNamni akkamitti ofiisaan walii galuun itti cima?โ€ naan jechuu malta. Yoos ati qooddataa akka yaadota kootii miti. Keessi kee wal hin hiran; ati fira keessa keetiiti jechuudha!
Utuu jennuu, gaaffii si gaafadhuu? Moo atis akkuma namoota kaanii gaaffii sodaatta? Maaf ofirra dabarsita? Suma isa dubbisaa jiruunin jedhe bar. Dhiis sin rakkisu!

Mata dureen seensa barreeffama kootii ittiin eegale irraa fagaadheen jira. Sun wal diddaa keessoti koo uumaniin mudateetii na ofkalchi.
โ€˜Na ofkalchi!โ€™ utuun siin jedhuu garuu, yaadi biroon tokko na keessatti uumamaa jira.
Nuyi namootaaf kan dhiisnu, eenyuuf jenneetii? yaada jedhu. Dhugumaan, aadeffati nun dhimma kana duukaa wal qabatee qabnu maal fakkaataa? Tariitii, nama nutti balleesseef jenneetii? Waaqayyo, Uumaa keenya sodaanneetii? Moo ofiif jenneeti?
Kunis ajandaa biroo, ajandaa jalqabaa an ittiin jalqabe, na jalaa gototaatii haa dhiisu! Deebii isaa atumti barbaaddadhu akka jechuuti!

Altokko tokko deebii hunda nama irraa eeguun sirrummaa qaba jedhee hin yaadu! Maaliif yoo naan jette, yeroon mataan ishii deebii qabdi!
Ilaa ammas ajandaan ittiin eegale bira kute. Egaa, yoo na waliin deemte marsaa 2ffaa barruu kanaan, ijoo ajandaa koo seensaa san waliin wal arguu malla! Garuu, waadaa miti!

Kanaachi nagaatti!๐Ÿ–๏ธ
Forwarded from Barruulee
Sin ajaa'ibuu, halkan tokkotti galma kee qaqqabuu hin dandeessu haata'u malee halkan tokkotti kallattii imala kee geeddaruu nii dandeessa!
2025/07/05 11:40:36
Back to Top
HTML Embed Code: